< Apenbaring 22 +

1 Og han viste meg ei elv med livsens vatn, som rann klår som krystall ut frå kongsstolen åt Gud og Lambet.
Ergamaan sunis laga bishaan jireenyaa, qulqulluu akka bilillee kan teessoo Waaqaatii fi Hoolichaa keessaa burqu tokko natti argisiise;
2 Midt imillom bygata og elvi, på båe sidor, stod livsens tre, som bar tolv gonger frukt og gav kvar månad si frukt. Og lauvet på treet var til helsebot for folki.
bishaan sunis walakkaa daandii magaalattii irra yaaʼaa ture. Gamaa gamana lagichaa irras mukni jireenyaa ija gosa kudha lama naqatu dhaabatee ture; innis jiʼuma jiʼaan ija naqata ture. Baalli muka sanaas saboota fayyisa ture.
3 Og ingi bannstøyting skal vera meir, og kongsstolen åt Gud og Lambet skal vera der, og hans tenarar skal tena honom.
Siʼachi abaarsi tokko iyyuu hin jiraatu. Teessoon Waaqaatii fi Hoolichaa magaalattii keessatti argama; garboonni isaas isa tajaajilu.
4 Og dei skal sjå hans åsyn, og hans namn skal vera på panna deira.
Isaan fuula isaa ni argu; maqaan isaas adda isaanii irratti ni argama.
5 Og natt skal det ikkje vera meir, og dei treng ikkje til ljos av lampa og ljos av sol, for Gud Herren skal lysa yver deim; og dei skal råda i all æva. (aiōn g165)
Siʼachi halkan hin jiru. Ifni ibsaa yookaan ifni biiftuu isaan hin barbaachisu; Waaqni Gooftaan ifa isaaniif kennaatii. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼu. (aiōn g165)
6 Og han sagde til meg: «Desse ord er truverdige og sanne; og Herren, den Gud som skifter ut sin Ande til profetarne, hev sendt sin engel til å syna tenarane sine det som snart skal henda.
Ergamaan Waaqaa sunis, “Dubbiin kun amanamaa fi dhugaa dha. Gooftaan, Waaqni hafuurota raajotaa sun waan dafee taʼuu qabu garboota isaatti argisiisuuf jedhee ergamaa isaa ergeera” naan jedhe.
7 Sjå, eg kjem snart! Sæl er den som tek vare på dei profetiske ord i denne boki.»
“Kunoo, ani dafee nan dhufa! Namni dubbii raajii kitaaba kana keessa jiruu eegu eebbifamaa dha.”
8 Og eg, Johannes, er den som såg og høyrde dette. Og då eg hadde høyrt og set, fall eg ned og vilde tilbeda for føterne til den engelen som synte meg dette.
Kan wantoota kanneen dhagaʼee fi arge ana Yohannis. Anis yommuu wantoota kanneen dhagaʼee argetti ergamaa wantoota kanneen natti argisiisaa ture sanaaf sagaduudhaaf miilla isaa irrattin kufe.
9 Og han segjer til meg: «Sjå til du ikkje gjer det; for eg er medtenar til deg og brørne dine, profetarne, og til deim som tek vare på ordi i denne boki. Tilbed Gud!»
Inni garuu, “Kana hin godhin! Anis garbicha siʼii fi obboloota kee raajota wajjin, akkasumas warra dubbii kitaaba kanaa eegan wajjin tajaajiluu dha. Waaqaaf sagadi!” naan jedhe.
10 Og han segjer til meg: «Du skal ikkje setja innsigle på dei profetiske ord i denne boki! for tidi er nær.
Inni akkana naan jedhe; “Sababii yeroon sun dhiʼaateef dubbii raajii kitaaba kanaa chaappaadhaan hin cufin.
11 Lat den som gjer urett gjera urett framleides, og den ureine verta urein framleides, og den rettferdige gjera rettferd framleides, og den heilage verta helga framleides!
Jalʼaan jalʼina isaatti haa fufu; xuraaʼaan xuraaʼummaa isaatti haa fufu; qajeelaanis qajeelummaa isaatti haa fufu; qulqulluun immoo qulqullummaa isaatti haa fufu.”
12 Sjå, eg kjem snart, og mi løn er med meg, til å gjeva kvar attergjeld, etter som hans gjerning er.
“Kunoo, ani dafee nan dhufa! Gatiin koo na bira jira; tokkoo tokkoo namaatiifis akkuma hojii isaatti nan kenna.
13 Eg er A og Å, upphavet og enden, den fyrste og den siste.
Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa Duraatii fi isa Booddee ti; isa Jalqabaatii fi isa Dhumaatis.
14 Sæle er dei som tvær kjolarne sine, so dei må få rett til livsens tre og koma inn i byen gjenom portarne.
“Warri akka muka jireenyaa irratti mirga qabaatanii fi akka karrawwaniin magaalattii seenaniif uffata isaanii miicatan eebbifamoo dha.
15 Men utanfor er hundarne og trollmennerne og horkararne og manndråparane og avgudsdyrkarane og kvar som elskar og talar lygn.
Garuu saroonni, falfaltoonni, halaleewwan, warri nama ajjeesanii fi warri waaqota tolfamoo waaqeffatan akkasumas warri soba jaallatanii fi warri soba dubbatan hundinuu alatti hafu.
16 Eg, Jesus, hev sendt min engel til å vitna dette for dykk um kyrkjelydarne. Eg er Davids rotrenning og ætt, den klåre morgonstjerna.
“Ani Yesuus, akka inni wantoota kanneen waldoota kiristaanaa keessatti dhugaa isinii baʼuuf ergamaa koo ergeera. Ani Hiddaa fi Sanyii Daawit, Bakkalcha Barii kan ifuu dha.”
17 Og Anden og bruri segjer: «Kom!» Og den som høyrer det, segje: «Kom!» Og den som er tyrst, han kome, og den som vil, han take livsens vatn for inkje!»
Hafuurichii fi misirrittiin, “Kottu!” jedhu; namni dhagaʼus, “Kottu!” haa jedhu; namni dheebote haa dhufu; kan barbaadu bishaan jireenyaa tola haa fudhatu.
18 Eg vitnar for kvar som høyrer dei profetiske ordi i denne boki: Dersom nokon legg noko til dette, so skal Gud leggja på honom dei plågor som er skrivne i denne boki.
Nama dubbii raajii kitaaba kanaa dhagaʼu hunda nan akeekkachiisa: Yoo namni kam iyyuu dubbii kanatti waan tokko illee dabale, Waaqni dhaʼichawwan kitaaba kana keessatti ibsaman isatti dabala.
19 Og dersom nokon tek noko burt frå ordi i denne profetiske boki, so skal Gud taka hans lut burt frå livsens tre og frå den heilage byen som det stend skrive um i denne boki.
Namni kam iyyuu yoo dubbii kitaaba raajii kana keessaa waan tokko illee hirʼise, Waaqni muka jireenyaatii fi magaalattii qulqulluu kitaaba kana keessatti ibsaman keessaa qooda isaa hirʼisa.
20 Han som vitnar dette, segjer: «Ja, eg kjem snart.» Amen, ja kom, Herre Jesus!
Inni waan kana dhugaa baʼus, “Eeyyee, ani dafee nan dhufa” jedha. Ameen. Yaa Gooftaa Yesuus kottu.
21 Vår Herre Jesu Kristi nåde vere med dykk alle! Amen.
Ayyaanni Gooftaa Yesuus qulqulloota hundumaa wajjin haa taʼu. Ameen.

< Apenbaring 22 +