< Matteus 18 >

1 I samme stund kom disiplene til Jesus og sa: Hvem er den største i himlenes rike?
Yeruma sana barattoonni gara Yesuus dhufanii, “Yoos mootummaa samii keessatti kan hundumaa caalu eenyu?” jedhanii gaafatan.
2 Og han kalte et lite barn til sig og stilte det midt iblandt dem
Innis mucaa xinnaa tokko ofitti waamee isaan gidduu dhaabe.
3 og sa: Sannelig sier jeg eder: Uten at I omvender eder og blir som barn, kommer I ingenlunde inn i himlenes rike.
Akkanas jedhe: “Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa samiitti hin galtan.
4 Derfor, den som gjør sig liten som dette barn, han er den største i himlenes rike;
Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa samii keessatti nama hunda caala.
5 og den som tar imot ett sådant barn for mitt navns skyld, tar imot mig;
Namni daaʼima akkanaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata.
6 men den som forfører en av disse små som tror på mig, for ham var det bedre at det var hengt en kvernsten om hans hals og han var nedsenket i havets dyp.
“Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko illee yoo gufachiise, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee tuujuba galaanaa keessa dhidhimuu isaaf wayya ture.
7 Ve verden for forførelser! for forførelser må komme; men ve det menneske som forførelsen kommer fra!
Sababii wantoota akka namoonni gufatan godhan sanaatiif addunyaaf wayyoo! Wantoonni akkanaa dhufuu qabu; garuu nama wantoonni kunneen karaa isaatiin dhufan sanaaf wayyoo!
8 Men om din hånd eller din fot frister dig, da hugg den av og kast den fra dig! det er bedre for dig å gå halt eller vanfør inn til livet enn å ha to hender eller to føtter og bli kastet i den evige ild. (aiōnios g166)
Yoo harki kee yookaan miilli kee si gufachiise, of irraa kutii gati. Harka lama yookaan miilla lama qabaattee ibidda bara baraatti darbatamuu irra, dooluu taatee yookaan laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya. (aiōnios g166)
9 Og om ditt øie frister dig, da riv det ut og kast det fra dig! det er bedre for dig å gå enøiet inn til livet enn å ha to øine og bli kastet i helvedes ild. (Geenna g1067)
Yoo iji kee si gufachiise of keessaa baasii gati. Ija lama qabaattee ibidda gahaannamiitti darbatamuu irra ija tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya. (Geenna g1067)
10 Se til at I ikke forakter en av disse små! for jeg sier eder at deres engler i himmelen ser alltid min himmelske Faders åsyn.
“Warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee akka hin tuffanneef of eeggadhaa. Ani isinitti nan hima; ergamoonni isaanii samii irratti yeroo hunda fuula Abbaa koo isa samii irraa ni arguutii. [
11 For Menneskesønnen er kommet for å frelse det som var fortapt.
Ilmi Namaa isa bade oolchuudhaaf dhufeetii.]
12 Hvad tykkes eder? om et menneske har hundre får, og ett av dem forviller sig, forlater han da ikke de ni og nitti i fjellet og går bort og leter efter det som har forvillet sig?
“Isin maal seetu? Namni tokko yoo hoolota dhibba qabaatee hoolota sana keessaas tokko bade, namichi sun sagaltamii sagallan hafan kaan tulluuwwan irratti dhiisee tokkicha bade sana barbaaduu hin dhaquu?
13 Og hender det at han finner det, sannelig sier jeg eder: Han gleder sig mere over det enn over de ni og nitti som ikke har forvillet sig.
Ani dhuguman isinitti hima; inni yoo hoolaa sana argate, hoolota sagaltamii sagallan hin badin irra hoolaa tokkicha sanatti caalaa ni gammada.
14 Således er det ikke eders himmelske Faders vilje at en eneste av disse små skal fortapes.
Akkasuma immoo isaan xixinnoo kanneen keessaa tokko iyyuu akka badu fedhii Abbaa keessan isa samii irraa miti.
15 Men om din bror synder mot dig, da gå bort og irettesett ham i enrum! hører han på dig, da har du vunnet din bror;
“Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta.
16 men vil han ikke høre, da ta ennu en eller to med dig, forat enhver sak skal stå fast ved to eller tre vidners ord.
Yoo si dhagaʼuu baate garuu ‘dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin waan mirkaneeffamuuf’ nama biraa tokko yookaan nama lama fudhadhuu dhaqi.
17 Men hører han ikke på dem, da si det til menigheten! men hører han heller ikke på menigheten, da skal han være for dig som en hedning og en tolder.
Yoo inni jara dhagaʼuu dide waldaa kiristaanaatti himi; yoo inni waldaa kiristaanaa iyyuu dhagaʼuu dide akka nama ormaattii fi akka qaraxxuutti isa fudhadhu.
18 Sannelig sier jeg eder: Alt det I binder på jorden, skal være bundet i himmelen, og alt det I løser på jorden, skal være løst i himmelen.
“Ani dhuguman isinitti hima; wanni isin lafa irratti hiitan kam iyyuu samii irratti ni hidhama; wanni isin lafa irratti hiiktan kam iyyuu samii irrattis ni hiikama.
19 Atter sier jeg eder: Alt det to av eder på jorden blir enige om å bede om, det skal gis dem av min Fader i himmelen.
“Ammas ani isinitti nan hima; isin keessaa yoo namoonni lama lafa irratti waaʼee waan kadhatan kamii iyyuu walii galan Abbaan koo inni samii irraa isaaniif taasisa.
20 For hvor to eller tre er samlet i mitt navn, der er jeg midt iblandt dem.
Iddoo itti namoonni lama yookaan sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti ani gidduu isaaniitti nan argamaatii.”
21 Da gikk Peter til ham og sa: Herre! hvor ofte skal min bror synde mot mig og jeg tilgi ham det? så meget som syv ganger?
Ergasii Phexros gara Yesuus dhufee, “Yaa Gooftaa, yoo obboleessi koo cubbuu natti hojjete ani yeroo hammam dhiisaaf? Hamma yeroo torbaattii?” jedhee gaafate.
22 Jesus sa til ham: Jeg sier dig: Ikke syv ganger, men sytti ganger syv ganger.
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani sitti nan hima; yeroo torbaatamii torba malee yeroo torba miti.
23 Derfor er himlenes rike å ligne med en konge som vilde holde regnskap med sine tjenere.
“Kanaafuu mootummaan samii mootii herrega garboota isaa harka jiru toʼachuu barbaade tokko fakkaata.
24 Men da han begynte på opgjøret, blev en ført frem for ham, som skyldte ti tusen talenter.
Akkuma inni herrega isaa toʼachuu jalqabeenis nama mootichi taalaantii kuma kudhan irraa qabu tokko itti fidan.
25 Men da han ikke hadde noget å betale med, bød hans herre at han skulde selges, han og hans hustru og barn og alt det han hadde, og at der skulde betales.
Namichi sun waan baasu dhabnaan gooftaan isaa akka inni, niitiin isaa, ijoolleen isaatii fi wanni inni qabu hundinuu gurguramanii gatiin sun kaffalamu ajaje.
26 Da falt denne tjener ned for ham og sa: Vær langmodig med mig, så skal jeg betale dig alt sammen!
“Garbichi sunis miilla isaatti kufee, ‘Yaa gooftaa, naaf obsi; hunduma isaa iyyuu siif nan kaffalaa’ jedhee isa kadhate.
27 Da ynkedes denne tjeners herre inderlig over ham, og lot ham løs og eftergav ham gjelden.
Gooftaan garbicha sanaas garaa laafeef; gatii isa irraa qabus dhiiseefii gad isa lakkise.
28 Men da denne tjener gikk ut, traff han en av sine medtjenere som skyldte ham hundre penninger, og han tok fatt på ham og holdt på å kvele ham og sa: Betal det du skylder!
“Garbichi sun garuu akkuma achii baʼeen garbicha akka isaa kan gatii diinaariidhibbaa irraa qabu tokko arge. Innis morma namichaa hudhee qabee, ‘Waan ani sirraa qabu naa kaffali’ jedheen.
29 Da falt hans medtjener ned og bad ham og sa: Vær langmodig med mig, så skal jeg betale dig!
“Garbichi akka isaa sunis miilla isaatti kufee, ‘Naaf obsi; waan narra jiru siif nan kaffalaa’ jedhee isa kadhate.
30 Men han vilde ikke; han gikk bort og kastet ham i fengsel, til han betalte det han var skyldig.
“Inni garuu ni dide; qooda kanaa hamma inni gatii isaa kaffalutti mana hidhaatti isa galchisiise.
31 Men da hans medtjenere så hvad som skjedde, blev de meget bedrøvet, og de kom og fortalte sin herre alt det som var skjedd.
Garboonni kaan yommuu waan taʼe sana arganitti akka malee gaddan; dhaqaniis waan taʼe hundumaa gooftaa isaaniitti himan.
32 Da kalte hans herre ham for sig og sa til ham: Du onde tjener! all din gjeld eftergav jeg dig, fordi du bad mig;
“Gooftichis garbicha sana ofitti waamee akkana jedheen; ‘Yaa garbicha hamaa! Ani sababii ati na kadhatteef gatii sirra ture hunda siif dhiise.
33 burde ikke også du forbarme dig over din medtjener, likesom jeg forbarmet mig over dig?
Akkuma ani garaa siif laafe sana atis garbicha akka keetiitiif garaa laafuu hin qabduu?’
34 Og hans herre blev vred, og overgav ham til dem som piner, inntil han betalte alt det han var ham skyldig.
Gooftaan isaas aariidhaan hamma inni gatii sana hunda kaffalutti warra isa dhiphisanitti dabarsee isa kenne.
35 Således skal også min himmelske Fader gjøre med eder om ikke enhver av eder av hjertet tilgir sin bror.
“Isinis yoo garaa keessan guutuudhaan obboleessa keessaniif dhiisuu baattan Abbaan koo inni samii irraa tokkoo tokkoo keessan akkanuma godha.”

< Matteus 18 >