< Jeremias 32 >

1 Dette er det ord som kom til Jeremias fra Herren i Judas konge Sedekias' tiende år, det er Nebukadnesars attende år.
Bara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudhannaffaatti bara mootummaa Nebukadnezar keessa waggaa kudha saddeettaffaatti, dubbiin kun Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe.
2 Dengang holdt Babels konges hær Jerusalem kringsatt, og profeten Jeremias var innestengt i vaktgården i Judas konges hus;
Yeroo sanatti loltoonni mootii Baabilon Yerusaalemin marsanii turan; Ermiyaas raajichi immoo masaraa mootii Yihuudaa keessatti oobdii eegumsaa keessatti itti cufamee ture.
3 der hadde Judas konge Sedekias stengt ham inne med de ord: Hvorfor profeterer du og sier: Så sier Herren: Se, jeg gir denne by i Babels konges hånd, og han skal innta den,
Zedeqiyaa mootichi Yihuudaa akkana jedheenii isa hiisisee ture; “Ati maaliif akkana jettee raajii dubbatta? ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani magaalaa kana dabarsee mootii Baabilonitti nan kenna; innis ni qabata.
4 og Judas konge Sedekias skal ikke undkomme av kaldeernes hånd, men han skal overgis i Babels konges hånd, og han skal tale med ham munn til munn og se ham øie til øie,
Zedeqiyaa mootichi Yihuudaa dabarfamee mootii Baabilonitti ni kennama malee harka warra Baabilon jalaa hin baʼu; fuula mootichaa dura dhaabatees isa wajjin dubbata; ija isaatiinis isa ni arga.
5 og han skal føre Sedekias til Babel, og der skal han være til jeg tar mig av ham, sier Herren; når I strider mot kaldeerne, skal I ikke ha lykken med eder.
Innis Zedeqiyaa gara Baabilonitti geessa; Zedeqiyaan hamma ani isa Yaadadhutti achuma tura, jedha Waaqayyo. Isin yoo Baabilonota loltan hin milkooftan.’”
6 Og Jeremias sa: Herrens ord er kommet til mig, og det lød så:
Ermiyaas akkana jedhe; “Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
7 Se, Hanamel, sønn av din farbror Sallum, kommer til dig og sier: Kjøp min mark i Anatot! For du har innløsningsrett, så du kan kjøpe den.
Hananiʼeel ilmi eessuma keetii ilmi Shaluum si bira dhufee, ‘Ati sababii lafa kana bitachuuf mirga aantummaa qabduuf lafa qotiisaa koo kan Anaatoot keessaa sana bitadhu’ siin jedha.
8 Og Hanamel, min farbrors sønn, kom til mig i vaktgården efter Herrens ord og sa: Kjøp min mark i Anatot, i Benjamins land! For du har odelsretten, og du har plikten til å løse den inn. Kjøp den! Da forstod jeg at det var Herrens ord.
“Ergasii akkuma Waaqayyo dubbate sana Hananiʼeel durbiin koo gara oobdii eegumsaatti na bira dhufee, ‘Lafa koo kan biyya Beniyaam keessa Anaatoot jiru sana bitadhu. Waan mirgi furuutii fi dhuunfachuu kan kee taʼeef ati ofii keetii bitadhu’ jedhe. “Kana irratti ani akka wanni kun dubbii Waaqayyoo ture nan beeke;
9 Og jeg kjøpte marken av Hanamel, min farbrors sønn, i Anatot, og jeg veide ut sølvet til ham, sytten sekel sølv.
kanaafuu ani lafa qotiisaa Anaatoot jiru sana durbii koo Hananiʼeel irraa bitadhee meetii saqilii kudha torba safaree kenneef.
10 Og jeg skrev det i et brev og forseglet det og tok vidner, og jeg veide sølvet i vektskåler.
Anis walii galtee sana mallatteessee, chaappaa itti godhee, dhuga baatota waamee meetii sana madaaliitti safareef.
11 Så tok jeg kjøpebrevet, både det forseglede med avtalen og vilkårene, og det åpne,
Walii galtee bittaa fi gurgurtaa jechuunis garagalchaa chaappaa qabu kan akka seeraa fi barteetti hojjetamee fi kan chaappaa hin qabnee illee nan fudhadhe;
12 og jeg overgav kjøpebrevet til Baruk, sønn av Nerija, sønn av Mahseja, i nærvær av min frende Hanamel og de vidner som hadde skrevet sine navn i kjøpebrevet, og alle de jøder som satt i vaktgården.
geessees fuula durbii koo Hananiʼeelii fi fuula dhuga baatota walii galtee sana irratti mallatteessaniitii fi fuula Yihuudoota oobdii eegumsaa keessa tataaʼaa turan hundaa duratti Baaruk ilma Neeriyaa ilma Mahiseyaatti kenne.
13 Og i deres nærvær gav jeg Baruk dette pålegg:
“Anis fuuluma isaanii duratti qajeelcha kana Baarukiif kenne;
14 Så sier Herren, hærskarenes Gud, Israels Gud: Ta disse brev, dette forseglede kjøpebrev og dette åpne brev, og legg dem i et lerkar, så de kan holde sig lang tid!
‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: walii galtee bittaa fi gurgurtaa kan chaappaa qabuu fi kan chaappaa hin qabne fuudhiitii akka isaan bara dheeraa turuu dandaʼaniif lachuu okkotee suphee keessa kaaʼi.
15 For så sier Herren, hærskarenes Gud, Israels Gud: Ennu en gang skal det kjøpes hus og marker og vingårder i dette land.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii; biyya kana keessatti manneen, lafa qotiisaa fi iddoon dhaabaa wayinii amma illee ni bitamu.’
16 Og da jeg hadde overgitt kjøpebrevet til Baruk, Nerijas sønn, bad jeg til Herren og sa:
“Anis erga walii galtee bittaa fi gurgurtaa sana Baaruk ilma Neeriyaatti kennee booddee akkana jedheen Waaqayyoon kadhadhe:
17 Akk, Herre, Herre! Se, du er den som har gjort himmelen og jorden ved din store kraft og ved din utrakte arm; ingen ting er for vanskelig for dig,
“Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati humna kee guddaa fi irree kee diriirfame sanaan samiiwwanii fi lafa uumteerta. Wanti ati hin dandeenye tokko iyyuu hin jiru.
18 du som gjør miskunnhet imot tusen ledd og gjengjelder fedrenes misgjerning på deres barn efter dem, du store, du veldige Gud, hvis navn er Herren, hærskarenes Gud,
Ati namoota kumaatamatti jaalala ni argisiifta; garuu sababii cubbuu abbootiitiif jettee ijoollee isaanii kanneen isaan booddee illee ni adabda. Yaa Waaqa guddaa fi humna qabeessa maqaan kee Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu dha;
19 du som er stor i råd og mektig i gjerning, du hvis øine er oplatt over alle menneskebarns veier for å gi enhver efter hans ferd og efter hans gjerningers frukt,
kaayyoon kee guddaa dha; hojiin kees jabaa dha. Iji kee karaa namaa hunda ilaala; ati tokkoo tokkoo namaatiif gatii karaa isaatii fi hojii isaatiif malu kennita.
20 du som gjorde tegn og under i Egyptens land og helt til denne dag, både med Israel og med andre mennesker, og gjorde dig et navn, således som det sees på denne dag,
Ati Gibxi keessatti mallattoo fi dinqii hojjettee hamma harʼaatti illee Israaʼelii fi sanyii namaa hunda keessatti waan kana ittuma fuftee maqaa hamma ammaatti qabdu kana argatte.
21 og førte ditt folk Israel ut av Egyptens land ved tegn og under og med sterk hånd og utrakt arm og med stor forferdelse
Saba kee Israaʼeliin mallattoo fi dinqiidhaan, harka humna qabeessaan, irree diriirfamaa fi haala akka malee nama sodaachisuun Gibxi keessaa baafte.
22 og gav dem dette land som du hadde svoret deres fedre at du vilde gi dem, et land som flyter med melk og honning.
Biyya aannanii fi damma baasu kan ati abbootii isaaniitiif kennuuf kakatte kana isaaniif kennite.
23 Og de kom og tok det i eie, men de hørte ikke på din røst og levde ikke efter dine lover; alt det du hadde pålagt dem å gjøre, gjorde de ikke. Så har du da latt all denne ulykke komme over dem.
Isaanis biyyattii seenanii dhaalan; garuu siif hin ajajamne yookaan seera kee duukaa hin buune. Waan ati akka isaan hojjetan ajajjes hin hojjenne. Kanaafuu ati badiisa kana hunda isaanitti fidde.
24 Se, fiendenes voller er nådd helt frem til byen, så de kan innta den, og ved sverd, hunger og pest er byen gitt i hendene på kaldeerne, som strider mot den, og det som du har talt, er skjedd; du ser det selv.
“Kunoo magaalaa fudhachuuf tuullaan biyyoo itti marfameera. Sababii goraadee, beelaatii fi dhaʼichaatiif magaalaan kun Baabilonota amma isa lolaa jiranitti dabarfamee ni kennama. Wanni ati dubbatte sun akkuma ati amma argitu kana fiixaan baʼeera.
25 Og allikevel, enda byen er gitt i kaldeernes hånd, har du, Herre, Herre, sagt til mig: Kjøp marken for penger og ta vidner på det!
Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati yoo magaalattiin kun dabarfamtee Baabilonotatti kennamte iyyuu ‘Meetiidhaan lafa qotiisaa bitadhuutii bittaa fi gurgurtaa isaa illee ragaa qabaachisi’ naan jetta.”
26 Da kom Herrens ord til Jeremias, og det lød så:
Ergasiis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
27 Se, jeg er Herren, alt kjøds Gud; skulde nogen ting være for vanskelig for mig?
“Ani Waaqayyo, Waaqa nama hundaa ti; wanni ani hin dandeenye tokko iyyuu jiraa?
28 Derfor sier Herren så: Se, jeg gir denne by i kaldeernes hånd og i Babels konge Nebukadnesars hånd, og han skal innta den.
Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: Ani magaalaa kana dabarsee Baabilonotaa fi Nebukadnezar mooticha Baabilonitti kennuuf jira; innis ishee ni qabata.
29 Og kaldeerne, som strider mot denne by, skal komme og tende ild på den og opbrenne den og de hus på hvis tak det har vært brent røkelse for Ba'al og utøst drikkoffer for andre guder for å vekke min harme.
Baabilononni magaalaa kana lolaa jiran kunneen magaalattii seenanii ibidda itti qabsiisu; isaanis manneen namoonni bantii isaanii irratti Baʼaaliif ixaana aarsuu fi waaqota biraafis dhibaayyuu dhibaafachuudhaan dheekkamsaaf na kakaasan sana illee walumaan ni gubu.
30 For helt fra sin ungdom av har Israels barn og Judas barn bare gjort det som er ondt i mine øine; Israels barn har ikke gjort annet enn å vekke min harme ved sine henders verk, sier Herren.
“Sabni Israaʼelii fi sabni Yihuudaa ijoollummaa isaaniitii jalqabanii fuula koo duratti waan hamaa malee homaa hin hojjenne; dhugumaan sabni Israaʼel waan harkuma isaaniitiin hojjetaniin dheekkamsaaf na kakaasan malee homaa hin hojjenne, jedha Waaqayyo.
31 For til vrede og harme har denne by vært mig like fra den dag da de bygget den, og til denne dag, så jeg må ta den bort fra mitt åsyn
Magaalattiin kun gaafa ijaaramtee jalqabdee hamma ammaatti akka ani fuula koo duraa ishee balleessuuf na aarsitee dheekkamsaaf na kakaaste.
32 for all den ondskap som Israels barn og Judas barn har gjort for å vekke min harme, de, deres konger, deres høvdinger, deres prester og deres profeter, Judas menn og Jerusalems innbyggere.
Sabni Israaʼelii fi sabni Yihuudaa jechuunis isaan, mootonni isaaniitii fi qondaaltonni isaanii, luboonni isaaniitii fi raajonni isaanii, namoonni Yihuudaatii fi namoonni Yerusaalem hammina hojjetan hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniiru.
33 De vendte ryggen og ikke ansiktet til mig; og jeg lærte dem tidlig og sent, men de hørte ikke på mig og tok ikke imot tukt.
Isaan fuula isaanii dhiisanii dugda isaanii natti garagalfatan; yoo ani ammumaa amma isaan barsiise iyyuu isaan na hin dhaggeeffanne yookaan qajeelfama kootiin hin geeddaramne.
34 Men de satte sine vederstyggelige ting i det hus som er kalt med mitt navn, og gjorde det urent.
Isaan waaqota isaanii balfamoo sana mana Maqaa kootiin waamamu keessa dhaabatanii manicha xureessan.
35 Og de bygget offerhaugene for Ba'al i Hinnoms sønns dal for å la sine sønner og døtre gå gjennem ilden for Molok, enda jeg ikke hadde pålagt dem det, og det ikke var opkommet i mitt hjerte at de skulde gjøre denne vederstyggelighet; og således fikk de Juda til å synde.
Isaanis ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii Moolekiif dhiʼeessuuf jedhanii Sulula Ben Hinoom keessatti Baʼaaliif iddoo sagadaa ijaaran; ani garuu akka isaan waan jibbisiisaa akkanaa hojjetanii Yihuudaa illee cubbuu hojjechiisan gonkumaa isaan hin ajajne yookaan wanni kun qalbii koo keessa illee hin turre.
36 Men derfor sier Herren, Israels Gud, nu så om denne by om hvilken I sier: Den er gitt i Babels konges hånd ved sverd og hunger og pest:
“Ati waaʼee magaalattii kanaa, ‘Isheen goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan dabarfamtee mooticha Baabilonitti kennamti’ jetta; Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha:
37 Se, jeg samler dem fra alle de land som jeg drev dem bort til i min vrede og harme og min store fortørnelse, og jeg vil føre dem tilbake til dette sted og la dem bo trygt.
Ani dhugumaan biyyoota ani aarii koo sodaachisaa fi dheekkamsa koo guddaadhaan itti isaan ariʼe hunda keessaa walitti isaan nan qaba; iddoo kanattis isaan deebisee nagaan isaan jiraachisa.
38 Og de skal være mitt folk, og jeg vil være deres Gud.
Isaan saba koo taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa.
39 Og jeg vil gi dem ett hjerte og lære dem en vei til å frykte mig alle dager, så det må gå dem vel, dem og deres barn efter dem.
Ani akka isaanittii fi ijoollee isaanii kanneen isaan booddeettis jireenyi toluuf jedhanii akka bara baraan na sodaataniif garaa tokkoo fi karaa tokko isaaniifin kenna.
40 Og jeg vil oprette en evig pakt med dem at jeg ikke vil dra mig tilbake fra dem, men gjøre vel imot dem, og frykt for mig vil jeg legge i deres hjerte, så de ikke skal gå bort fra mig.
Ani kakuu bara baraa isaan wajjin nan gala; akka isaan gonkumaa narraa hin garagalleef ani waan gaarii isaaniif gochuu hin dhiisu; akka isaan na sodaataniifis isaan nan kakaasa.
41 Og jeg vil glede mig over dem og gjøre vel imot dem, og jeg vil plante dem i dette land i trofasthet, av hele mitt hjerte og av hele min sjel.
Ani waan gaarii isaaniif gochuutti nan gammada; garaa koo fi lubbuu koo guutuudhaan, amanamummaadhaanis biyya kana keessa isaan nan dhaaba.
42 For så sier Herren: Likesom jeg har latt all denne store ulykke komme over dette folk, således vil jeg også la alt det gode komme over dem som jeg har lovt dem.
“Waaqayyo akkana jedha: Ani akkuman badiisa guddaa kana hunda saba kanatti fide sana waan gaarii waadaa isaaniif seene sana hunda nan kennaaf.
43 Og det skal kjøpes marker i dette land om hvilket I sier: Det er en ørken, uten mennesker og dyr, det er gitt i kaldeernes hånd.
Biyya isin, ‘Biyyattiin kun ontee duwwaa hafteerti; namni yookaan bineensi ishee keessa hin jiru; isheen dabarfamtee Baabilonotatti kennamteertiitii’ jettanii waaʼee ishee dubbattan kana keessatti lafti qotiisaa amma illee ni bitama.
44 De skal kjøpe marker for penger og skrive kjøpebrev og forsegle dem og ta vidner, i Benjamins land og i landet omkring Jerusalem og i Judas byer, både byene i fjellbygdene og byene i lavlandet og byene i sydlandet; for jeg vil gjøre ende på deres fangenskap, sier Herren.
Biyya Beniyaam keessatti, gandoota naannoo Yerusaalem keessatti, magaalaawwan Yihuudaatii fi magaalaawwan biyya gaaraa keessatti, magaalaawwan gaarran dhiʼaatii fi kan Negeeb keessatti lafti qotiisaa meetiidhaan ni bitama; walii galteen bittaa gurgurtaa isaas mallatteeffamee chaappaan itti godhamee dhuga baatotaan ni rageeffama; ani boojuu isaanii iddoo duriitti nan deebisaatii, jedha Waaqayyo.”

< Jeremias 32 >