< Jeremias 14 >

1 Dette er Herrens ord som kom til Jeremias den gang da tørken var:
Dubbiin Waaqayyoo waaʼee hongee akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
2 Juda sørger, og dets byer vansmekter; de sitter i sørgeklær på jorden, og Jerusalems klageskrik stiger op.
“Yihuudaan ni boossi; magaalaawwan ishees gad deebiʼaa jiru; isaan biyyattiidhaaf ni wawwaatu; iyyi tokkos Yerusaalemii dhagaʼamaa jira.
3 De fornemme blandt dem sender sine tjenere efter vann; de kommer til brønnene, men finner intet vann; deres kar vender tomme tilbake; de blir skuffet og nedslått og tilhyller sitt hode.
Namoonni gurguddoonni hojjettoota isaanii bishaan waraabuuf ergatu; isaanis gara boolla bishaanii dhaqu; garuu bishaan hin argatan. Isaan okkotee isaanii duwwaa qabatanii deebiʼu; isaan qaanaʼanii abdii kutatanii mataa isaanii haguuggatu.
4 For jordens skyld, som er forferdet fordi det ikke kommer regn i landet, er jordbrukerne skuffet, de tilhyller sitt hode.
Sababii biyyattii keessaa bokkaan dhabameef lafti ni babbaqaqxe; qonnaan bultoonnis abdii kutatanii mataa isaanii haguuggatu.
5 For endog hinden på marken forlater sine nyfødte unger fordi det ikke er gress,
Sababii margi hin jirreef, borofni bakkee iyyuu ilmoo ishee kan reefuu dhalatte gattee deemti.
6 og villesler står på bare hauger, de snapper efter været som sjakaler, deres øine vansmekter fordi det ikke er urter.
Harroonni diidaa lafa ol kaʼaa qullaa irra ijaajjanii akkuma waangotaa arganu; sababii waan dheedan dhabaniif iji isaanii waa arguu dadhabe.”
7 Om våre misgjerninger vidner mot oss, Herre, så vis oss dog nåde for ditt navns skyld! For mange er våre overtredelser, mot dig har vi syndet.
Yaa Waaqayyo, cubbuun keenya nutti dhugaa baʼu iyyuu ati maqaa keetiif jedhiitii waa nuu godhi. Duubatti deebiʼuun keenya baayʼateera; nu cubbuu sitti hojjenneerra.
8 Du Israels håp, dets frelser i nødens tid! Hvorfor vil du være som en fremmed i landet, lik en veifarende mann som tar av fra veien bare for å overnatte?
Yaa abdii Israaʼel, Fayyisaa ishee kan yeroo rakkinaa, ati maaliif akkuma kara deemtuu halkan tokko qofa bultuu biyyattii keessatti akkuma keessummaa taata?
9 Hvorfor vil du være som en skrekkslagen mann, lik en kjempe som ikke makter å hjelpe? Og enda bor du midt iblandt oss, Herre, og vi er kalt med ditt navn; la oss ikke fare!
Ati maaliif akka nama waan godhu wallaale tokkoo, akkuma loltuu nama oolchuu hin dandeenye tokkoo taata? Yaa Waaqayyo, ati nu gidduu jirta; nu maqaa keetiin waamamna; ati nu hin gatin.
10 Så sier Herren om dette folk: Således vil de gjerne vanke omkring; sine føtter holder de ikke tilbake, og Herren har ikke behag i dem; nu vil han komme deres misgjerning i hu og hjemsøke dem for deres synder.
Waaqayyo waaʼee saba kanaa akkana jedha: “Isaan jooruu jaallatu; miilla isaanii hin ittifatan. Kanaafuu Waaqayyo isaanitti hin gammadu; inni amma hammina isaanii ni yaadata; cubbuu isaaniitiifis isaan adaba.”
11 Og Herren sa til mig: Du skal ikke bede om noget godt for dette folk.
Waaqayyo akkana naan jedhe; “Akka sabni kun nagaan jiraatu na hin kadhatin.
12 Når de faster, hører jeg ikke på deres rop, og når de ofrer brennoffer og matoffer, har jeg ikke behag i dem; men ved sverd og ved hungersnød og ved pest vil jeg gjøre ende på dem.
Yoo isaan sooman iyyuu ani iyya isaanii hin dhagaʼu; yoo isaan aarsaa gubamuu fi aarsaa midhaanii dhiʼeessan iyyuu ani hin fudhadhu. Qooda kanaa ani goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan isaan nan balleessa.”
13 Da sa jeg: Akk, Herre, Herre! Profetene sier jo til dem: I skal ikke se sverd, og hungersnød skal ikke ramme eder, men sikker fred vil jeg gi eder på dette sted.
Ani garuu akkana nan jedhe; “Wayyoo yaa Waaqayyo Gooftaa, raajonni saba kanaan, ‘Isin goraadee hin argitan yookaan hin beeloftan. Ani dhugumaan nagaa dhuma hin qabne iddoo kanatti isiniif nan kenna’ jedhu.”
14 Men Herren sa til mig: Løgn profeterer profetene i mitt navn; jeg har ikke sendt dem og ikke gitt dem befaling og ikke talt til dem; løgnsyner og sannsigeri og tom tale og sitt hjertes svik profeterer de for eder.
Amma illee Waaqayyo akkana naan jedhe; “Raajonni sun maqaa kootiin soba raaju. Ani isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne yookaan isaanitti hin dubbanne. Isaan mulʼataa fi raajii sobaa, waaqa tolfamaa waaqeffachuu fi waan ofuma isaaniitii yaadan isinitti himu.
15 Derfor sier Herren så om de profeter som taler i hans navn uten at han har sendt dem, og som sier at sverd og hungersnød ikke skal komme i dette land: Ved sverd og ved hungersnød skal de utryddes disse profeter.
Kanaafuu Waaqayyo waaʼee raajota maqaa isaatiin raajan sanaa akkana jedha: ani isaan hin ergine; isaan garuu, ‘Goraadeen yookaan beelli tokko iyyuu biyya kana hin tuqu’ jedhu. Raajonni sun iyyuu goraadee fi beelaan dhumu.
16 Og folket som de profeterer for, skal ligge slengt omkring på Jerusalems gater for hunger og sverd, uten at det er nogen til å begrave dem, de selv, deres hustruer, deres sønner og deres døtre; og jeg vil utøse deres ondskap over dem.
Namoonni isaan raajii dubbataniif sunis beelaa fi goraadeedhaan daandiiwwan Yerusaalem irratti harcaafamu. Namni isaan yookaan niitota isaanii, ilmaan isaanii yookaan intallan isaanii awwaalu tokko iyyuu hin jiru. Ani badiisa isaaniif malu isaanitti nan dhangalaasaatii.
17 Og du skal si dette ord til dem: Mine øine feller tårer natt og dag og holder ikke op; for jomfruen, mitt folks datter, har fått et svært slag, et ulægelig sår.
“Akkana jedhii dubbii kana isaanitti dubbadhu: “‘Iji koo halkanii fi guyyaa utuu gargar hin kutin imimmaan haa lolaasu; intalli, Durbi Qulqullittiin saba kootii akka malee madooftee dhaʼicha hamaadhaan dhaʼamte.
18 Går jeg ut på marken, se, der ligger folk som er slått ihjel ved sverd, og går jeg inn i byen, se, der ligger de som pines av hunger; for både profet og prest må dra til et land som de ikke kjenner.
Ani yoon baadiyyaa dhaqe, warra goraadeedhaan dhuman nan arga; yoon magaalaa seene immoo, warra beelaan dhuman nan arga. Raajonnii fi luboonni biyya hin beekne keessa jooru.’”
19 Har du da aldeles forkastet Juda, eller vemmes din sjel ved Sion? Hvorfor har du slått oss, så det ikke er nogen lægedom for oss? Vi venter på fred, og det kommer intet godt, på lægedoms tid, og se, det kommer forferdelse.
Ati Yihuudaa guutumaan guutuutti gatteertaa? Xiyooniinis ni tuffattaa? Ati maaliif akka nu fayyuu hin dandeenyeef nu miita? Nu nagaa abdanne; garuu wanni gaariin tokko iyyuu hin dhufne; nu yeroo fayyinaa abdanne; garuu raafama qofatu jira.
20 Vi kjenner, Herre, vår ugudelighet, våre fedres misgjerning, at vi har syndet mot dig.
Yaa Waaqayyo, nu hammina keenyaa fi yakka abbootii keenyaa ni beekna; nu dhugumaan cubbuu sitti hojjenneerra.
21 For ditt navns skyld, forkast oss ikke, overgi ikke din herlighets trone til vanære! Kom i hu og bryt ikke din pakt med oss!
Ati maqaa keetiif jedhiitii nu hin tuffatin; teessoo kee ulfina qabeessa sanas hin qaanessin. Kakuu nu wajjin galte sana yaadadhu; isas hin cabsin.
22 Er det vel iblandt hedningefolkenes falske guder nogen som gir regn? Eller er det himmelen som gir regnbyger? Er det ikke du, Herre vår Gud? Vi venter på dig; for du har gjort alle disse ting.
Waaqota Namoota Ormaa kanneen faayidaa hin qabne sana keessaa tokko iyyuu bokkaa ni roobsaa? Samiiwwan mataan isaanii iyyuu tiifuu gad erguu? Yaa Waaqayyo Waaqni keenya suma mitii? Kanaafuu abdiin keenya suma; situ waan kana hunda hojjetaatii.

< Jeremias 14 >