< Tauanga 18 >

1 I mea ano a Ihowa ki a Arona, Mau, ma au tama, ma koutou ko te whare o tou papa e waha te kino o te wahi tapu: a ma koutou ko au tama e waha te kino o ta koutou mahi tohunga.
Waaqayyo Arooniin akkana jedhe; “Ati, ilmaan keetii fi maatiin abbaa keetii si wajjin yakka iddoo qulqulluutti hojjetametti ni gaafatamtu. Yakka lubummaatti hojjetame siʼii fi ilmaan kee qofatu itti gaafatama.
2 A ko ou teina hoki, o te iwi o Riwai, o te iwi o tou papa, me whakatata tahi me koe, kia tapiritia ai ratou ki a koe, hei minita ki a koe: ko koutou tahi ia ko au tama hei te tapenakara o te whakaaturanga.
Akka isaan yeroo atii fi ilmaan kee fuula dunkaana dhuga baʼumsaa duratti tajaajiltanitti sitti dabalamanii si gargaaraniif obboloota kee warra gosa Lewwii, warra gosa abbaa keetii sana fidi.
3 A ma ratou tau mahi e tiaki, me te mahi tiaki o te tapenakara katoa: otiia kaua e whakatata ki nga oko o te wahi tapu, ki te aata ranei, kei mate ko ratou, ko koutou ranei.
Isaanis ajaja kee dhagaʼuudhaan hojiiwwan dunkaana keessaa hunda haa hojjetan; garuu miʼa iddoo qulqulluutti yookaan iddoo aarsaatti dhiʼaachuu hin qaban. Yoo akkas taʼe isaanis, atis ni duutu.
4 A ka tapiritia ratou ki a koe, hei tiaki i nga mea o te tapenakara o te whakaminenga, mo nga mahi katoa o te tapenakara: kaua hoki te tangata ke e tata ki a koutou.
Isaanis dunkaana wal gaʼii eeguudhaaf isinitti dabalamuu qabu; hojii dunkaana sanaa hundas haa hojjetan. Namni biraa iddoo isin jirtanitti dhiʼaachuu hin qabu.
5 Ma koutou hoki e tiaki nga mea o te wahi tapu, me nga mea o te aata; kei puta he riri ki nga tama a Iharaira a muri ake nei.
“Isin akka dheekkamsi ammas Israaʼeloota irra hin buuneef eegumsa iddoo qulqulluutii fi eegumsa iddoo aarsaatti ni gaafatamtu.
6 Me ahau hoki, nana, kua tango ahau i o koutou teina, i nga Riwaiti i roto i nga tama a Iharaira: he mea hoatu ki a koutou ma Ihowa, hei mahi i nga mahi o te tapenakara o te whakaminenga.
Ani mataan koo obboloota keessan Lewwota kennaawwan isinii kennaman godhee saba Israaʼel keessaa filadheera; isaanis akka hojii dunkaana wal gaʼii keessaa hojjetaniif Waaqayyoof kennamanii jiru.
7 Ko koutou ia ko au tama, kia mau ki ta koutou mahi tohunga ki nga mea katoa o te aata, o roto atu ano hoki i te arai, hei mahi ma koutou: he mea hoatu noa atu ta koutou mahi tohunga e hoatu nei e ahau: a ka whakamatea te tangata ke e whakatata ma i ana.
Garuu hojii iddoo aarsaatii fi hojii golgaa keessaa hunda siʼii fi ilmaan kee qofatu hojjeta. Ani hojii lubummaa kennaa godhee isiniif nan kenna. Namni biraa kan iddoo qulqulluutti dhiʼaatu haa ajjeefamu.”
8 I korero ano a Ihowa ki a Arona, Na kua tukua atu nei e ahau ki a koe te tiaki o aku whakahere hapahapai, o nga mea tapu katoa a nga tama a Iharaira; he mea hoatu naku ki a koutou ko au tama, he whakaaro hoki ki te whakawahinga, he tikanga pumau.
Waaqayyo Arooniin akkana jedhe; “Ani mataan koo itti gaafatamaa aarsaawwan naa dhiʼeeffamanii si godheera; ani aarsaawwan qulqulluu Israaʼeloonni naaf dhiʼeessan hunda akka isaan bara baraan qoodaa fi gaʼee keessan taʼaniif siʼii fi ilmaan keetiif kenneera.
9 Ko nga mea tenei mau o nga mea tino tapu e kore nei e tukua ki te ahi: ko a ratou whakahere katoa, ko a ratou whakahere totokore katoa, me a ratou whakahere hara katoa, me a ratou whakahere katoa mo te he, e tapaea ki ahau; ka tino tapu ma koutou ko au tama.
Kunis aarsaawwan waan hunda caalaa qulqulluu taʼan kanneen ibiddi hin tuqin keessaa qooda kee taʼa. Kennaawwan isaan aarsaawwan waan hunda caalaa qulqulluu taʼan godhanii naaf fidan jechuunis aarsaawwan midhaanii yookaan aarsaawwan cubbuu yookaan aarsaawwan yakkaa hunda keessaa qoodni sun kan keetii fi kan ilmaan keetii ti.
10 Hei te wahi tino tapu kai ai, ma nga tane katoa e kai: he tapu tena mau.
Isas iddoo iddoo hunda caalaa qulqulluu taʼetti nyaadhu; dhiirri hundi haa nyaatu; innis qulqulluu siif haa taʼu.
11 Mau ano tenei; ko nga whakahere hapahapai e homai ana e ratou me nga whakahere poipoi katoa a nga tama a Iharaira: kua hoatu aua mea e ahau ki a koe, ki a koutou ko au tama, ko au tamahine, he tikanga pumau: e kainga tena e nga mea pokekore kato a o tou whare.
“Wanni kunis kanuma kee ti; aarsaan sochoofamu kan kennaa saba Israaʼel hunda irraa addaan baafame kanuma kee ti. Anis waan kana siʼii fi ilmaan keetii fi intallan kee kanneen si wajjin jiraataniif qooda bara baraa godhee kenneera. Mana kee keessaa namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu ni dandaʼa.
12 Ko nga wahi papai katoa o te hinu, me nga wahi papai katoa o te waina, o te witi hoki, ko nga tuapora o aua mea e homai ana ki a Ihowa, kua hoatu ena e ahau ki a koe.
“Zayitii ejersaa filatamaa hunda, daadhii wayinii filatamaa hundaa fi waan galfatan keessaa mataa midhaanii kan isaan Waaqayyoof dhiʼeessan siif nan kenna.
13 Mau nga hua mataati o nga mea katoa o te whenua, e kawea mai ana ki a Ihowa; me kai e nga mea pokekore katoa o tou whare.
Mataan midhaanii kan isaan waan biyyattii irraa argatan hunda keessaa Waaqayyoof fidan kan kee haa taʼu; mana kee keessaa namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu ni dandaʼa.
14 Mau nga mea katoa i oti rawa i roto i a Iharaira.
“Israaʼel keessatti wanni qulqulleeffamee Waaqayyoof kenname hundinuu kee ti.
15 Ko nga mea katoa e oroko puta mai ana i te kopu o nga kikokiko katoa, ko nga mea hoki e whakaherea ana ma Ihowa, o te tangata, o te kararehe, mau ena: otiia me tino whakahoki atu e koe ki te utu nga matamua a te tangata, me tango utu ano mo nga matamua a te kararehe poke.
Wanni gadameessa saaqu kam iyyuu namas taʼu horiin Waaqayyoof dhiʼeeffamu hundi kan kee ti. Ati garuu ilma hangafa, horii qulqulluu hin taʼin keessaa immoo korma hangafa furuu qabda.
16 A, ko nga mea e utua ana e whakahokia ana, ka kotahi marama o tona whanautanga, me tango ona utu; kia rite ki tau e whakarite ai, kia rima hekere nga moni: hei nga hekere wahi tapu, e rua tekau nei nga kera.
Yeroo umuriin isaanii jiʼa tokko taʼutti akka saqilii iddoo qulqulluu kan geeraa digdama ulfaatu sanaatti gatii furii murtaaʼe meetii saqilii shaniin isaan furi.
17 Ko te matamua ia a te kau, me te matamua a te hipi, me te matamua a te koati, kaua e whakahokia atu e koe; he tapu ena: me tauhi e koe o ratou toto ki te aata, me tahu ano o ratou ngako hei whakahere ahi, hei kakara reka ki a Ihowa.
“Garuu sangaa hangafa, hoolaa hangafaa fi reʼee hangafa hin furin; isaan qulqulluu dha. Dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti facaasi; cooma isaanii immoo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhiitii gubi.
18 A mau o ratou kikokiko, ka pera me te uma poipoi, me te huha matau, nau hoki ena.
Akkuma handaraafni aarsaa sochoofamuutii fi tafni mirgaa kan kee taʼe sana foon isaaniis kan kee taʼa.
19 Ko nga whakahere hapahapai katoa o roto o nga mea tapu e tapaea ana e nga tama a Iharaira ki a Ihowa, kua hoatu e ahau ki a koutou ko au tama, ko au tamahine; hei tikanga pumau: hei kawenata tote i te aroaro o Ihowa ake ake, ki a koutou tahi ko ou uri.
Ani waan aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni Waaqayyoof dhiʼeessan irraa addaan baafame hunda siif, ilmaan keetii fi intallan keetiif qooda bara baraa godhee nan kenna. Innis fuula Waaqayyoo duratti siʼii fi sanyii keetiif kakuu soogiddaa kan bara baraa ti.”
20 A i korero a Ihowa ki a Arona, Kahore he kainga tupu mou i to ratou whenua, kahore ano hoki he wahi mou i roto i a ratou: ko ahau te wahi mou, tou kainga tupu i roto i nga tama a Iharaira.
Waaqayyo Arooniin akkana jedhe; “Ati biyya isaanii keessatti dhaala tokko illee yookaan qooda tokko illee isaan gidduudhaa hin qabaattu; ani saba Israaʼel keessatti qooda keetii fi dhaala kee ti.
21 Kua hoatu nei hoki e ahau ki nga tama a Riwai nga whakatekau katoa i roto i a Iharaira hei taonga tupu, hei utu mo ta ratou mahi e mahi ai ratou, mo te mahinga i te tapenakara o te whakaminenga.
“Kunoo ani kennaa Israaʼel keessa jiru kudhan keessaa tokko hunda waan isaan tajaajila dunkaana wal gaʼii tajaajilaniif dhaala godhee Lewwotaaf kenneera.
22 Kaua ano hoki nga tama a Iharaira e whakatata a muri ake nei ki te tapenakara o te whakaminenga, kei whai hara, kei mate.
Siʼachi Israaʼeloonni akka cubbuu hin baannee fi akka hin duuneef dunkaana wal gaʼiitti hin dhiʼaatin.
23 Ma nga Riwaiti ia e mahi nga mahi o te tapenakara o te whakaminenga, me waha ano hoki e ratou to ratou kino; hei tikanga pumau ia ma o koutou whakatupuranga, kia kahore he kainga tupu mo ratou i roto i nga tama a Iharaira.
Kan hojii dunkaana wal gaʼii hojjetuu fi kan itti gaafatama yakka achitti hojjetamuu fudhatu Lewwotuma. Kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa ti. Isaan saba Israaʼel keessatti dhaala tokko illee hin argatan.
24 Ko nga whakatekau hoki a nga tama a Iharaira, e tapaea nei hei whakahere hapahapai ki a Ihowa, kua hoatu e ahau hei wahi tupu ki nga Riwaiti; koia ahau i mea ai ki a ratou, e kore ratou e whai kainga tupu i roto i nga tama a Iharaira.
Qooda kanaa ani waan Israaʼeloonni kudhan keessaa tokko aarsaa godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan sana dhaala isaanii godhee Lewwotaaf kenneera. Sababiin ani, ‘Isaan saba Israaʼel keessatti dhaala tokko illee hin qabaatan’ jedhee waaʼee isaanii dubbadheefis kanuma.”
25 I korero ano a Ihowa ki a Mohi, i mea,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
26 Korero ano ki nga Riwaiti, mea atu ki a ratou, Ka tangohia e koutou nga whakatekau a nga tama a Iharaira e hoatu nei e ahau ki a koutou i roto i a ratou mea hei wahi tupu mo koutou, me tapae he whakahere hapahapai ki a Ihowa i roto i taua mea, h e wahi whakatekau o aua whakatekau.
“Akkana jedhii Lewwotatti dubbadhu: ‘Yommuu kennaa harka kudhan keessaa harka tokko kan ani dhaala keessan godhee isiniif kenne sana Israaʼeloota irraa fudhatanitti isin kennaa sana harka kudhan keessaa harka tokko aarsaa Waaqayyoo godhaa dhiʼeessaa.
27 A ka kiia tenei whakahere hapahapai he mea na koutou, he pera me te witi o te patunga witi, me te purenatanga hoki o te poka waina.
Aarsaan keessanis akkuma midhaan oobdii irraa yookaan akkuma cuunfaa iddoo ija wayinii itti cuunfanii keessaa baʼeetti isiniif herregama.
28 Na me tapae ano hoki e koutou he whakahere hapahapai ki a Ihowa i roto i a koutou whakatekau katoa e tangohia ana e koutou i nga tama a Iharaira; me homai te whakahere hapahapai a Ihowa i roto i taua mea ki te tohunga, ki a Arona.
Isinis haaluma kanaan kennaa harka kudhan keessaa harka tokko kan Israaʼeloota irraa argatan hunda keessaa Waaqayyoof aarsaa ni dhiʼeessitu; kennaawwan kanneen keessaas waan qooda Waaqayyoo taʼe Aroon lubichaaf kennaa.
29 Me tapae nga whakahere hapahapai katoa ma Ihowa i roto i nga mea katoa e homai ana ki a koutou, i roto i nga mea papai katoa o ena, ara te wahi tapu o roto.
Waan isinii kenname hunda keessaa kutaa waan hunda caalaa gaarii fi qulqulluu taʼe qooda Waaqayyoo godhaatii dhiʼeessaa.’
30 Me ki atu ki a ratou, Ka hapahapai koutou i te wahi tino pai o taua mea, me ki tena he mea na nga Riwaiti, he pera me te hua o te patunga witi, me te purenatanga hoki o te poka waina.
“Lewwotaan akkana jedhi: ‘Yommuu isin kutaa waan hunda caalaa gaarii taʼe dhiʼeessitanitti kutaan sun akka midhaan oobdii irraa yookaan akka cuunfaa iddoo ija wayinii itti cuunfan keessaa baʼeetti isinii herregama.
31 A me kai tena e koutou ko o koutou whare ki nga wahi katoa: ko to koutou utu hoki ia mo ta koutou mahi i te tapenakara o te whakaminenga.
Sababii wanni kun mindaa hojii dunkaana wal gaʼii kan isin hojjettanii taʼeef isinii fi namoonni mana keessan jiraatan waan hafe sana iddoo barbaadan kamitti iyyuu nyaachuu dandeessu.
32 A e kore e waha e koutou he hara i reira, ina hapahapainga tona wahi pai: kaua ano e whakapokea nga mea tapu a nga tama a Iharaira, kei mate koutou.
Qooda isaa kan waan hunda caalu sana dhiʼeessuudhaan isin waan kana keessatti yakka hin qabaattan; yoos isin aarsaa Israaʼelootaa qulqulluu sana hin xureessitan; hin duutanis.’”

< Tauanga 18 >