< Nehemia 12 >

1 Ary ny mpisorona sy ny Levita izay niara-niakatra tamin’ i Zerobabela, zanak’ i Sealtiela, sy Jesoa dia Seraia, Jeremia, Ezra,
Isaan kunneen lubootaa fi Lewwota warra Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeelii fi Iyyaasuu wajjin deebiʼanii dha: Seraayaa, Ermiyaas, Izraa,
2 Amaria, Maloka, Hatosy,
Amariyaa, Maluuk, Haxuush,
3 Sekania, Rehoma, Meremota,
Shekaaniyaa, Rehuum, Mereemooti,
4 Ido, Ginetoy, Abia,
Iddoo, Ginetoon, Abiyaa,
5 Miamina, Madia, Bilga,
Miyaamiin, Maʼaadiyaa, Bilgaa,
6 Semaia, Joiariba, Jedaia,
Shemaaʼiyaa, Yooyaariib, Yedaaʼiyaa,
7 Salo, Amoka, Hilkia ary Jedaia. Ireo no lohan’ ny mpisorona sy ny rahalahiny tamin’ ny andron’ i Jesoa.
Saʼaaluu, Aamoq, Hilqiyaa fi Yedaaʼiyaa. Warri kun bara Iyyaasuu keessa hooggantoota lubootaatii fi obboloota isaanii turan.
8 Ary ny Levita kosa dia izao: Jesoa, Binoy, Kadmiela, Serebia, Joda ary Matania, dia izy ireo sy ny rahalahiny no tonian’ ny fiderana.
Lewwonni immoo Yeeshuuʼaa, Binuuyii, Qadmiiʼeel, Sheereebiyaa, Yihuudaa akkasumas Mataaniyaa isa obboloota isaa wajjin faarfannaa galataatti itti gaafatamaa ture sana turan.
9 Ary Bakbokia sy Ono, rahalahin’ ireo, dia nifanandrify tamin’ ny anjara-raharahany.
Obboleeyyan isaanii Baqbuqiyaa fi Unniin yeroo tajaajilaatti fuullee isaanii dhadhaabachaa turan.
10 Ary Jesoa niteraka an’ i Joiakima; ary Joiakima niteraka an’ i Eliasiba; ary Eliasiba niteraka an’ i Joiada;
Iyyaasuun abbaa Yooyaaqiim; Yooyaaqiim abbaa Eliyaashiib; Eliyaashiib abbaa Yooyaadaa ti;
11 ary Joiada niteraka an’ i Jonatana; ary Jonatana niteraka an’ i Jadoa.
Yooyaadaan abbaa Yoonaataan; Yoonaataan abbaa Yaaduʼaa ti.
12 Ary tamin’ ny andron’ i Joiakima dia nisy mpisorona, lohan’ ny fianakaviana, dia izao: Ny avy tamin’ i Seraia dia Meraia; ny avy tamin’ i Jeremia dia Hanania;
Isaan kunneen bara Yooyaaqiim keessa abbootii maatiiwwan lubootaa turan: Maatii Seraayaa keessaa Meraayaa; maatii Ermiyaas keessaa Hanaaniyaa;
13 ny avy tamin’ i Ezra dia Mesolama; ny avy tamin’ i Amaria dia Johanana;
maatii Izraa keessaa Meshulaam; maatii Amariyaa keessaa Yehohaanaan;
14 ny avy tamin’ i Meliko dia Jonatana; ny avy tamin’ i Sebania dia Josefa;
maatii Maliikii keessaa Yoonaataan; maatii Shebaniyaa keessaa Yoosef;
15 ny avy tamin’ i Hadma dia Adna; ny avy tamin’ i Meraiota dia Helkay;
maatii Haariim keessaa Adinaa; maatii Meraayoot keessaa Helqaayi;
16 ny avy tamin’ Ido dia Zakaria; ny avy tamin’ i Ginetona dia Mesolama;
maatii Iddoo keessaa Zakkaariyaas; maatii Ginetoon keessaa Meshulaam;
17 ny avy tamin’ i Abia dia Zikry; ny avy tamin’ i Miniamina, avy tamin’ i Moadia, dia Piltahy;
maatii Abiyaa keessaa Zikrii; maatii Miniyaamiinii fi kan Moʼaadiyaa keessaa Philxaayi;
18 ny avy tamin’ i Bilga dia Samoa; ny avy tamin’ i Semaia dia Jonatana;
maatii Bilgaa keessaa Shamuuʼaa; maatii Shemaaʼiyaa keessaa Yoonaataan;
19 ny avy tamin’ i Joariba dia Matenay; ny avy tamin’ i Jedaia dia Ozy;
maatii Yooyaariib keessaa Matenaayi; maatii Yedaaʼiyaa keessaa Uzii;
20 ny avy tamin’ i Salay dia Kalay; ny avy tamin’ i Amoka dia Ebera;
maatii Sheelaay keessaa Qaalaayi; maatii Aamoq keessaa Eeber;
21 ny avy tamin’ i Hilkia dia Hasabia; ny avy tamin’ i Jedaia dia Netanela.
maatii Hilqiyaa keessaa Hashabiyaa; maatii Yedaaʼiyaa keessaa Naatnaaʼel.
22 Tamin’ ny andron’ i Eliasiba sy Joiada sy Johanana ary Jadoa ny Levita dia voasoratra ho lohan’ ny fianakaviany; ary toy izany koa ny mpisorona, hatramin’ ny nanjakan’ i Dariosy Persiana.
Abbootiin maatii Lewwotaa bara Eliyaashiib, Yooyaadaa, Yoohaanaanii fi bara Yaaduʼaa keessa akkasumas abbootiin maatii lubootaa bara mootummaa Daariyoos namicha Faares sanaa keessa galmeeffaman.
23 Ny taranak’ i Levy, lohan’ ny fianakaviana, dia voasoratra ao amin’ ny bokin’ ny tantara hatramin’ ny andron’ i Johanana, zanak’ i Eliasiba.
Lewwonni warri abbootii maatii turan hamma bara Yoohaanaan ilma Eliyaashiibitti kitaaba seenaa keessatti galmeeffaman.
24 Ary ny lohan’ ny Levita dia Hasabia sy Serebia sy Jesoa, zanak’ i Kadmiela, mbamin’ ny rahalahin’ ireo izay nifanandrify taminy, mba hidera sy hisaotra araka ny didin’ i Davida, lehilahin’ Andriamanitra, nifanandrify isan-tokony.
Hangafoonni Lewwotaas Hashabiyaa, Sheereebiyaa, Yeeshuʼaa ilma Qadmiiʼeel akkasumas obboloota isaanii warra akkuma Daawit namni Waaqaa sun ajajetti faarfannaa fi galata dhiʼeessuudhaaf fuullee isaanii dhaabatanii gareen tokko garee kaan jalaa qabu sana turan.
25 Matania, Bakbokia, Obadia, Mesolama, Talmona sy Akoba no mpiandry varavarana ka nitandrina ny fiambenana amin’ ny trano firaketana.
Mataaniyaan, Baqbuqiyaan, Obaadiyaan, Meshulaam, Talmoonii fi Aquub mankuusaalee karrawwan bira jiran eegu turan.
26 Ireo no tamin’ ny andron’ i Joiakima, zanak’ i Jesoa, zanak’ i Jozadaka, sy tamin’ ny andron’ i Nehemia governora sy Ezra mpisorona sady mpanora-dalàna.
Isaanis bara Yooyaaqiim ilma Iyyaasuu, ilma Yoozaadaaq keessa, bara Nahimiyaa bulchaa biyyaatii fi bara Izraa lubicha barreessaa sanaa keessa tajaajilaa turan.
27 Ary rehefa hitokanana ny mandan’ i Jerosalema, dia nitady ny Levita avy tamin’ ny fonenany rehetra izy mba ho entina any Jerosalema hanao ny fitokanana amin’ ny fifaliana sy ny fiderana ary ny hira mbamin’ ny kipantsona sy ny valiha ary ny lokanga.
Yeroo eebba dallaa Yerusaalemitti Lewwonni akka faarfannaa galataatiin, kililleedhaan, baganaa fi kiraaraan ayyaana eebbaa sana gammachuun ayyaaneffataniif iddoo jiraatan hundaa barbaadamanii gara Yerusaalem fidaman.
28 Dia niangona ny mpihira avy tamin’ ny tany lemaka manodidina an’ i Jerosalema sy ny avy tamin’ ny vohitry ny Netofatita
Faarfattoonnis biyya naannoo Yerusaalem jechuunis gandoota Netoofotaatii,
29 sy Beti-gilgala ary ny sahan’ i Geba sy Azmaveta; fa efa nanao vohitra ho azy manodidina an’ i Jerosalema ny mpihira.
Beet Gilgaalii, naannoo Gebaatii fi Azmaawetitti walitti fidaman; faarfattoonni naannoo Yerusaalemitti gandoota ofii isaanii ijaarratanii turaniitii.
30 Ary ny mpisorona sy ny Levita samy nanadio ny tenany, ary nodioviny koa ny olona sy ny vavahady ary ny manda.
Luboonnii fi Lewwonnis erga akka seeraatti of qulqulleessanii booddee saba, karrawwanii fi dallaa sana qulqulleessan.
31 Dia nasaiko niakatra eo ambonin’ ny manda ny mpanapaka ny Joda, ary nanendry mpanao fiderana roa tonta aho handeha milahatra tsara. Ny irai-dia nandeha tamin’ ny ankavanana teo ambonin’ ny manda ho amin’ ny vavahadin-jezika;
Anis akka hooggantoonni Yihuudaa dallaatti ol baʼan nan godhe. Akkasumas akka isaan galata dhiʼeessaniif tuuta faarfattootaa lama nan ramade. Tuunni tokko karaa mirgaatiin dallaa irraan gara Karra Dikee dhaqe.
32 ary nandeha nanarakaraka azy Hosaia sy ny antsasaky ny andriandahin’ ny Joda,
Hooshaʼiyaa fi hooggantoota Yihuudaa keessaa walakkaan,
33 dia Azaria sy Ezra sy Mesolama
Azaariyaa, Izraa, Meshulaam,
34 sy Joda sy Benjamina sy Semaia ary Jeremia,
Yihuudaa, Beniyaam, Shemaaʼiyaa fi Ermiyaas wajjin isaan duukaa buʼan;
35 ary ny sasany tamin’ ny taranaky ny mpisorona nitondra trompetra, dia Zakaria, zanak’ i Jonatana, zanak’ i Semaia, zanak’ i Matania, zanak’ i Mikaia, zanak’ i Zakora, zanak’ i Asafa,
akkasumas luboonni malakata qabatan tokko tokkoo fi Zakkaariyaas ilmi Yoonaataan, ilmi Shemaaʼiyaa, ilmi Mataaniyaa, Miikaayaa, ilmi Zakuur, ilmi Asaaf isaan duukaa buʼan;
36 mbamin’ ny rahalahiny, dia Semaia sy Azarela, Milalay, Gilalay, May, Netanela sy Joda ary Hanany, nitondra ny zava-manenon’ i Davida, lehilahin’ Andriamanitra; ary Ezra mpanora-dalàna nandeha teo alohan’ ireo.
amma illee obboloota isaa jechuunis Shemaaʼiyaan, Azariʼeel, Miilaalaayi, Gilaalayi, Maaʼayi, Naatnaaʼel, Yihuudaa fi Hanaaniim akkuma Daawit namni Waaqaa sun ajajetti meeshaa faarfannaa fudhatanii dhaqan. Izraan barreessaan sun immoo isaan hoogganaa ture.
37 Ary hatreo amin’ ny vavahadin-doharano dia nizotra izy ka niakatra tamin’ ny ambaratongan’ ny Tanànan’ i Davida, tamin’ ny fiakarana amin’ ny manda eo ambonin’ ny tranon’ i Davida ka hatramin’ ny vavahadin-drano eo atsinanana.
Isaanis Karra Burqaa biraa kaʼanii gulantaawwan Magaalaa Daawit iddoo dallaan ittiin ol kaʼu sanaan mana Daawit irraan qajeelanii gara Karra Bishaanii kan gama baʼa biiftuutti ol baʼan.
38 Ary ny mpanao fiderana irai-dia kosa dia nandeha nifanandrify taminy sady narahiko sy ny antsasaky ny olona teo ambonin’ ny manda hatreo ambonin’ ny tilikambo misy ny fatana fandoroana ka hatramin’ ny manda lehibe,
Tuunni faarfattootaa lammaffaan immoo gara bitaatti qajeele. Anis gartokkee sabaa wajjin dallaa gubbaadhaan gara Gamoo ol dheeraa Iddoo Ibiddaatii fi Dallaa Balʼaatti isaan duukaa buʼe;
39 ary hatreo ambonin’ ny vavahadin’ i Efraima ay teo ambanin’ ny vavahady taloha ary teo ambonin’ ny vavahadin-kazandrano sy ny tilikambo Hananela sy ny tilikambo Hamea, dia hatramin’ ny vavahadin’ ondry; ary nilanona teo amin’ ny vavahadin-trano-maizina izy.
akkasumas ani Karra Efreem irraan, karaa Karra Moofaa, karaa Karra Qurxummii, karaa Gamoo ol dheeraa Hanaaniʼeelii fi Karaa Gamoo ol dheeraa Dhibbaatiin hamma Karra Hoolotaatti isaan duukaa nan buʼe. Isaanis Karra Eegdotaa bira gaʼanii dhaabatan.
40 Dia nijanona tao an-tranon’ Andriamanitra izy roa tonta, ary izaho koa sy ny antsasaky ny mpanapaka izay niaraka tamiko
Tuunni faarfattootaa kan galata dhiʼeesse sun lachuu mana Waaqaa keessatti iddoo isaa qabate; anis qondaaltota gartokko wajjin iddoo nan qabadhe;
41 ary ny mpisorona, dia Eliakima, Mahaseia, Miniamina, Mikaia, Elioenay, Zakaria ary Hanania, nitondra trompetra,
amma illee luboonni jechuunis Eliiyaaqiim, Maʼaseyaan, Miiniyaamiin, Miikaayaan, Eliiyooʼeenayin, Zakkaariyaasii fi Hanaaniyaan malakata isaanii qabatanii
42 ary Mahaseia sy Semaia sy Eleazara sy Ozy sy Johanana sy Malkia sy Elama ary Ezera. Ary nihira mafy ny mpihira sy Jizrahia, mpifehy azy.
Maʼaseyaan, Shemaaʼiyaan, Eleʼaazaar, Ooziin, Yehohaanaaniin, Malkiyaan, Eelaamii fi Eezer iddoo iddoo isaanii qabatan. Faarfattoonni immoo Yizrahiyaadhaan qajeelfamanii faarfatan.
43 Dia namono zavatra betsaka hatao fanatitra tamin’ izany andro izany izy sady nifaly, fa Andriamanitra nampifaly azy indrindra; ary ny vadiny aman-janany nifaly koa; ka dia re lavitra ny fifaliana tany Jerosalema.
Isaanis sababii Waaqni gammachuu guddaa isaaniif kenneef gaafas gammadaa aarsaa guddaa dhiʼeessan. Dubartoonnii fi ijoolleenis ni gammadan. Sagaleen gammachuu Yerusaalem keessaas fagootti dhagaʼame.
44 Ary tamin’ izany andro izany dia nisy olona notendrena hitandrina ny efi-trano fitehirizana ny rakitra sy ny fanatitra asandratra sy ny voaloham-bokatra ary ny fahafolon-karena, mba hangonina ao izay anjara voadidy ho an’ ny mpisorona sy ny Levita avy amin’ ny saha manodidina ny isan-tanana; fa nifalian’ ny Joda ireo mpisorona sy Levita izay nanompo ireo.
Yeroo sanatti namoonni mankuusaalee gumaachi, mataan midhaaniitii fi kennaan harka kudhan keessaa tokkoo itti galfamu irratti itti gaafatamtoota taʼanii muudaman. Isaanis lafa qotiisaa naannoo magaalaawwanitti argaman irraa qooda Seerri lubootaa fi Lewwotaaf ajaju sana fidanii mankuusaaleetti galchan; Yihuudaan lubootaa fi Lewwota tajaajilanitti gammadee tureetii.
45 Dia nitandrina izay nasaina hotandremany ny amin’ Andriamaniny sy ny amin’ ny fanadiovana izy; ary toy izany koa ny mpihira sy ny mpiandry varavarana, araka ny didin’ i Davida sy Solomona zanany.
Isaanis tajaajila Waaqa isaaniitii fi tajaajila sirna qulqullessuu sana akkuma faarfattoonnii fi eegdonni karraa godhan sana akkuma Daawitii fi ilmi isaa Solomoon ajajanitti raawwatan.
46 Fa fahiny tamin’ ny andron’ i Davida sy Asafa aza dia efa nisy lohan’ ny mpihira sy hira fiderana ary fisaorana an’ Andriamanitra.
Jabana durii bara Daawitii fi Asaaf keessa qajeelchitoota faarfattootaa, kan faarfannaa Waaqa leellisuutii fi kan Waaqa galateeffachuutu tureetii.
47 Ary ny Isiraely rehetra tamin’ ny andron’ i Zerobabela sy Nehemia nanome ny anaran’ ny mpihira sy ny mpiandry varavarana, dia ny anjarany isan’ andro; ary nanokana izay ho an’ ny Levita izy; ary ny Levita kosa nanokana izay ho an’ ny taranak’ i Arona.
Kanaafuu bara Zarubaabelii fi bara Nahimiyaa keessa Israaʼeloonni hundi qooda guyyuma guyyaadhaan faarfattootaa fi karra eegdotaaf barbaachisu kennan. Akkasumas Lewwota kaaniif qooda isaanii kophaatti baasan; Lewwonnis qooda sanyiiwwan Aroon kophaatti baasan.

< Nehemia 12 >