< Jeremia 16 >

1 Ary tonga tamiko ny tenin’ i Jehovah hoe:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 Aza manam-bady ianao, ary aoka tsy hanan-janakalahy na zanakavavy amin’ ity tany ity.
“Ati iddoo kanatti niitii fuutee ilmaan yookaan intallan hin dhalchin.”
3 Fa izao no lazain’ i Jehovah ny amin’ ny zanakalahy sy ny zanakavavy izay teraka amin’ ity tany ity sy ny amin’ ny reniny izay niteraka azy ary ny amin’ ny rainy izay niteraka azy amin’ ity tany ity koa:
Waaqayyo waaʼee ilmaanii fi intallan iddoo kanatti dhalatanii, waaʼee dubartoota haadhota isaanii taʼaniitii fi waaʼee dhiirota abbootii isaanii taʼanii akkana jedhaatii:
4 Ho fatin’ ny loza samy hafa izy, nefa tsy hisaonana na halevina, fa ho zezika eny ambonin’ ny tany; ary ho lanin-tsabatra sy mosary izy, ka ho fihinan’ ny voro-manidina sy ny bibi-dia ny fatiny.
“Isaan dhukkuba nama ajjeesuun dhumu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamee taʼu malee booʼicha hin argatan; hin awwaalamanis. Isaan goraadee fi beelaan dhumu. Reeffi isaaniis allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa.”
5 Fa izao no lazain’ i Jehovah: Aza miditra amin’ ny trano misy fisaonana, ary aza misaona na mitsapa alahelo azy; Fa efa hesoriko tsy ho amin’ ity firenena ity ny fiadanako, hoy Jehovah, dia ny famindram-po sy ny fiantrana.
Waaqayyo akkana jedhaatii: “Ati mana booʼichaa hin seenin yookaan dhaqxee hin booʼin yookaan isaan hin jajjabeessin; ani eebba koo, jaalala kootii fi gara laafina koo saba kana irraa fudhadheeraatii” jedha Waaqayyo.
6 Ho faty na ny lehibe na ny kely amin’ ity tany ity; Samy tsy halevina na hisaonana izy, na hitetehan’ ny sasany tena, na hiboriany;
“Namni xinnaa fi guddaan biyya kana keessatti ni duʼa. Isaan hin awwaalaman yookaan booʼicha hin argatan; namni tokko iyyuu isaaniif jedhee of hin murmuru yookaan mataa hin haaddatu.
7 Ary tsy hisy hamahan-kanina azy amin’ ny fisaonany, mba hampionona azy ny amin’ ny maty; Ary tsy hisy hampisotro azy amin’ ny kapoaka fampiononana, raha maty ny rainy na ny reniny;
Namni tokko iyyuu warra namni irraa duʼe jajjabeessuuf jedhee nyaata hin geessuuf; yookaan namni tokko iyyuu nama abbaan yookaan haati jalaa duute jajjabeessuuf jedhee dhugaatii hin geessu.
8 Ary aza miditra ao amin’ ny trano misy fanasana koa ianao, hiara-mitoetra aminy hihinana sy hisotro.
“Mana cidhi jiru hin seenin; nyaachuu fi dhuguuf jettees isaan wajjin hin taaʼin.
9 Fa izao no lazain’ i Jehovah, Tompon’ ny maro, Andriamanitry ny Isiraely: Indro, hatsahatro amin’ ity tany ity eo imasonareo sy amin’ ny andronareo ny feo mifaly sy ny feo miravoravo, dia ny feon’ ny mpampakatra sy ny feon’ ny ampakarina.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii: Ani ija keessan durattii fi bara keessan keessa sagalee ililleetii fi gammachuu, sagalee misirrittiitii fi misirrichaa iddoo kanaa nan balleessa.
10 Ary raha ambaranao amin’ ity firenena ity izany teny rehetra izany, ka hoy izy aminao: Nahoana Jehovah no nilaza izany loza mafy rehetra izany hamelezana anay? Fa inona no helokay, ary inona no fahotanay, izay nanotanay tamin’ i Jehovah Andriamanitray?
“Yeroo ati waan kana hunda saba kanatti himtee isaan, ‘Waaqayyo maaliif badiisa guddaa akkanaa nurratti labse? Nu maal balleessine? Waaqayyo Waaqa keenyattis cubbuu maalii hojjennee?’ jedhanii si gaafatanitti,
11 dia lazao aminy hoe: Noho ny nahafoizan’ ny razanareo Ahy, hoy Jehovah, sy ny nanarahany andriamani-kafa sy ny nanompoany azy sy ny niankohofany teo anatrehany ary ny nahafoizany Ahy sy ny tsy nitandremany ny lalàko.
akkana isaaniin jedhi; ‘Kun sababii abbootiin keessan na dhiisanii waaqota kaan duukaa buʼanii isaan tajaajilanii fi isaan waaqeffataniif’ jedha Waaqayyo; ‘isaan na dhiisan; seera koos hin eegne.
12 Ary ny tenanareo koa nanao ratsy mihoatra noho ny razanareo; Fa he! ianareo samy mandeha araka ny ditry ny fo ratsinareo avokoa ka tsy mihaino Ahy;
Isin garuu abbootii keessan iyyuu caalaa hammaattaniirtu. Kunoo tokkoon tokkoon keessan qooda anaaf ajajamuu mata jabina hammina garaa keessanii duukaa buutaniirtuutii.
13 Ka dia horoahiko hiala amin’ ity tany ity ianareo ho any amin’ ny tany tsy fantatrareo na ny razanareo; Any no hanompoanareo andriamani-kafa andro aman’ alina, satria tsy hamindra fo aminareo Aho.
Kanaafuu ani biyya kana keessaa isin baasee, biyya isin yookaan abbootiin keessan hin beeknetti isin nan gata; isinis achitti halkanii guyyaa waaqota biraa tajaajiltu; ani isiniif hin naʼuutii.’
14 Koa, indro, avy any andro, hoy Jehovah, izay tsy hanaovana intsony hoe: Raha velona koa Jehovah, Izay nitondra ny Zanak’ Isiraely niakatra avy tany amin’ ny tany Egypta;
“Taʼus” jedha Waaqayyo, “barri itti namoonni siʼachi, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa, isa biyya Gibxii Israaʼeloota baase sanaa’ jedhanii hin kakanne ni dhufa,
15 Fa izao kosa: Raha velona koa Jehovah, Izay nitondra ny Zanak’ Isiraely niakatra avy tany amin’ ny tany avaratra sy avy tany amin’ ny tany rehetra izay nandroahany azy; Fa hampodiko ho amin’ ny tany izay nomeko ny razany izy.
isaan garuu, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa biyya kaabaatii fi biyyoota itti isaan bittinneesse hunda keessaa baasee fide sanaa’ ni jedhu. Ani biyya abbootii isaaniitiif kenne sanatti isaan nan deebisaatii.
16 Indro, Izaho haniraka mpamono maro, hoy Jehovah, Izay hamono azy; Ary rehefa afaka izany, dia haniraka mpihaza maro Aho, Izay hihaza azy any amin’ ny tendrombohitra sy ny havoana rehetra ary any an-tsefatsefaky ny harambato.
“Amma immoo ani akka isaan qurxummii qabdoota hedduu fidaniif namoota nan erga” jedha Waaqayyo; “isaanis jara ni qabu. Ergasii ani akka isaan adamsitoota hedduu fidaniif namoota nan erga; isaanis tulluu hundaa fi gaara hunda irra, baqaqaa kattaa hunda keessas jara ni adamsu.
17 Fa ny masoko dia mijery ny alehany rehetra, ka tsy miafina amin’ ny tavako izany, ary tsy takona amin’ ny masoko ny helony.
Iji koo karaa isaanii hunda irra jira; isaanis na duraa hin dhokatan; cubbuun isaaniis ija koo duraa hin dhokfamu.
18 Alohan’ izany anefa dia hovaliako avy sasaka ny helony sy ny fahotany noho ny nandotoany ny taniko, dia ny namenoany ny lovako tamin’ ireo fatin’ ny sampiny sy fahavetavetany ireo.
Sababii isaan fakkiiwwan isaanii lubbuu dhabeeyyii faayidaa hin qabne sanaan biyya koo xureessanii, waaqota isaanii jibbisiisoo sanaanis handhuuraa koo guutaniif ani gatii hamminaa fi lubbuu isaaniitiif malu harka lama nan baasaaf.”
19 Jehovah ô, ry heriko sy fiarovana mafy ho ahy ary fandosirako amin’ ny andro fahoriana ô! Ho tonga aminao ny jentilisa avy any amin’ ny faran’ ny tany dia hanao hoe: Eny, tokoa lainga no nolovan’ ny razanay, dia zava-poana sady tsy misy mahasoa.
Yaa Waaqayyo, jabina kootii fi daʼannoo ko, daʼoo koo kan yeroo rakkinaa, ormoonni handaara lafaatii gara kee dhufanii akkana jedhu, “Abbootiin keenya waaqota sobaa, waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne kanneen waan gaarii tokko illee isaaniif hin goone sana malee homaa hin dhaalle.
20 Moa mahay manao andriamanitra ho azy va ny olona? Tsy Andriamanitra ireny.
Namoonni ofii isaaniitiif waaqota ni tolfatuu? Eeyyee, garuu isaan waaqota miti!”
21 Koa, indro, hampahafantariko azy amin’ izao indray mandeha izao, eny, hampahafantariko azy ny tanako sy ny heriko, ka dia ho fantany fa Jehovah no anarako.
“Kanaafuu ani isaan nan barsiisa; yeroo kanatti ani humna koo fi jabina koo isaan nan barsiisa. Yoos isaan akka maqaan koo Waaqayyo taʼe ni beeku.

< Jeremia 16 >