< Isaiæ 43 >

1 et nunc haec dicit Dominus creans te Iacob et formans te Israhel noli timere quia redemi te et vocavi nomine tuo meus es tu
Amma garuu yaa Yaaqoob, Waaqayyo inni si uume, yaa Israaʼel, inni si tolche akkana jedha: “Ani si fureeraatii hin sodaatin; ani maqaa keetiin si waameera; ati kan koo ti.
2 cum transieris per aquas tecum ero et flumina non operient te cum ambulaveris in igne non conbureris et flamma non ardebit in te
Yommuu ati bishaan keessa dabartu, ani si wajjinan jira; yommuu ati lageen ceetus, isaan si hin liqimsan. Yommuu ibidda keessa deemtu, ati hin gubattu; arrabni ibiddaas si hin gubu.
3 quia ego Dominus Deus tuus Sanctus Israhel salvator tuus dedi propitiationem tuam Aegyptum Aethiopiam et Saba pro te
Ani Waaqayyo Waaqni kee, Qulqullichi Israaʼel Fayyisaa keeti; ani biyya Gibxi furii keetiif, qooda kee immoo Kuushii fi Saabaa nan kenna.
4 ex quo honorabilis factus es in oculis meis et gloriosus ego dilexi te et dabo homines pro te et populos pro anima tua
Waan ati ija koo duratti jaallatamaa fi kabajamaa taateef, anis waanan si jaalladhuuf, qooda kee namoota qooda lubbuu keetii immoo saboota nan kenna.
5 noli timere quoniam tecum ego sum ab oriente adducam semen tuum et ab occidente congregabo te
Ani si wajjinan jiraatii hin sodaatin; ani ijoollee kee baʼa biiftuutii nan fida; lixa biiftuutiis walitti sin qaba.
6 dicam aquiloni da et austro noli prohibere adfer filios meos de longinquo et filias meas ab extremis terrae
Ani Kaabaan, ‘Isaan gad dhiisi!’ Kibbaan immoo ‘Isaan hin dhowwin’ nan jedha. Ilmaan koo fagoodhaa, intallan koo immoo handaara lafaatii fidi;
7 et omnem qui invocat nomen meum in gloriam meam creavi eum et formavi eum et feci eum
kan maqaa kootiin waamame hunda, kanneen ani ulfina kootiif uume, warra ani tolchee fi hojjedhe sana fidaa.”
8 educ foras populum caecum et oculos habentem surdum et aures ei sunt
Warra utuu ija qabanuu jaamanii utuu gurra qabanuu duudan gad baasi.
9 omnes gentes congregatae sunt simul et collectae sunt tribus quis in vobis adnuntiet istud et quae prima sunt audire nos faciat dent testes eorum et iustificentur et audiant et dicant vere
Sabni hundi tokkummaadhaan walitti haa qabamu; namoonnis wal haa gaʼan. Isaan keessaa namni duraan dursee waan kana nutti himee wantoota duraas nuuf labse eenyu? Akka warri kaan dhagaʼanii, “Kun dhugaa dha” jedhaniif, akka dhugaa qabeeyyii taʼuun isaanii mirkaneeffamuuf isaan dhuga baatota isaanii haa dhiʼeeffatan.
10 vos testes mei dicit Dominus et servus meus quem elegi ut sciatis et credatis mihi et intellegatis quia ego ipse sum ante me non est formatus deus et post me non erit
Waaqayyo akkana jedha; “Akka isin beektanii na amantaniif akka ani isa taʼes akka hubattaniif isin dhuga baatota koo, garbicha koo kan ani filadhee dha. Anaan dura waaqni hin hojjetamne; anaan booddees hin jiraatu.
11 ego sum ego sum Dominus et non est absque me salvator
Ana, anuma qofatu Waaqayyo; ana malees fayyisaan biraa hin jiru.
12 ego adnuntiavi et salvavi auditum feci et non fuit in vobis alienus vos testes mei dicit Dominus et ego Deus
Ani mulʼiseera; fayyiseera; labseeras; ana malee waaqni ormaa gidduu keessan hin turre. Akka ani Waaqa taʼe, isin dhuga baatota koo ti” jedha Waaqayyo.
13 et ab initio ego ipse et non est qui de manu mea eruat operabor et quis avertet illud
“Bara duriitii jalqabee ani isuma. Namni tokko iyyuu harka kootii waa baasuu hin dandaʼu. Ani nan hojjedha; eenyutu dhowwuu dandaʼa?”
14 haec dicit Dominus redemptor vester Sanctus Israhel propter vos emisi Babylonem et detraxi vectes universos et Chaldeos in navibus suis gloriantes
Waaqayyo Furiin kee, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Ani isiniif jedhee Baabilonitti loltoota ergee dooniiwwan isaan ittiin boonaniin namoota Baabilon hunda boojiʼee nan fida.
15 ego Dominus Sanctus vester creans Israhel Rex vester
Ani Waaqayyo, Qulqullicha keessan, Uumaa Israaʼel, Mootii keessanii dha.”
16 haec dicit Dominus qui dedit in mari viam et in aquis torrentibus semitam
Waaqayyo inni, galaana keessaan karaa, bishaanota jajjaboo keessaan immoo daandii tolche akkana jedha;
17 qui eduxit quadrigam et equum agmen et robustum simul obdormierunt nec resurgent contriti sunt quasi linum et extincti sunt
inni gaariiwwanii fi fardeen, loltootaa fi gargaartota isaanii tokkummaadhaan ariʼee baase akkana jedha; isaan achuma ciciisu; lammatas hin kaʼan; akkuma foʼaa ibsaattis dhaamanii badu;
18 ne memineritis priorum et antiqua ne intueamini
“Wantoota durii irraanfadhaa; waan darbettis hin cichinaa.
19 ecce ego facio nova et nunc orientur utique cognoscetis ea ponam in deserto viam et in invio flumina
Kunoo, ani waan haaraa tokko nan hojjedhaa! Innis amma ni biqila; isin hin hubattanii? Ani gammoojjii keessatti karaa nan qopheessa; lafa onaa keessattis burqaa nan burqisiisa.
20 glorificabit me bestia agri dracones et strutiones quia dedi in deserto aquas flumina in invio ut darem potum populo meo electo meo
Bineensonni bosonaa, waangoowwanii fi guchiiwwan ulfina naaf kennu; akka sabni koo kan ani filadhe dhuguuf, ani gammoojjii keessatti bishaan, lafa onaa keessattis burqaa nan kennaatii;
21 populum istum formavi mihi laudem meam narrabit
sabni ani ofii kootiif filadhe akka na galateeffatuuf ture.
22 non me invocasti Iacob nec laborasti in me Israhel
“Yaa Yaaqoob, ati garuu na hin waammanne; yaa Israaʼel, ati fuula koo duratti dadhabdeerta.
23 non obtulisti mihi arietem holocausti tui et victimis tuis non glorificasti me non te servire feci in oblatione nec laborem tibi praebui in ture
Ati aarsaa gubamuu fi hoolota naaf hin fidne; yookaan aarsaa keetiin ulfina naaf hin kennine. Ani aarsaa midhaaniitiin si hin rakkifne; yookaan aarsaa ixaanaa gaafachuudhaan si hin dadhabsiifne.
24 non emisti mihi argento calamum et adipe victimarum tuarum non inebriasti me verumtamen servire me fecisti in peccatis tuis praebuisti mihi laborem in iniquitatibus tuis
Ati qundhii urgaa gaarii qabu naa hin binne; yookaan cooma qalma keetiitiin na hin quubsine. Garuu baʼaa cubbuu keetii natti feete; yakka keetiinis na dadhabsiifte.
25 ego sum ego sum ipse qui deleo iniquitates tuas propter me et peccatorum tuorum non recordabor
“Kan ofii kootiif jedhee yakka kee sirraa haqee cubbuu kees deebiʼee hin yaadanne, ani anuma.
26 reduc me in memoriam et iudicemur simul narra si quid habes ut iustificeris
Mee waan darbe irra naa deebiʼi; walitti dhufnee dubbii kana irratti haa falminu; dubbii kee dhiʼeeffadhuutii qajeelaa taʼuu kee mirkaneeffadhu.
27 pater tuus primus peccavit et interpretes tui praevaricati sunt in me
Abbaan kee kan jalqabaa cubbuu hojjete; barsiistonni kee natti fincilan.
28 et contaminavi principes sanctos dedi ad internicionem Iacob et Israhel in blasphemiam
Kanaafuu ani itti gaafatamtoota mana qulqullummaa keetii nan salphisa; Yaaqoobin badiisaaf, Israaʼelin immoo tuffiif dabarsee nan kenna.

< Isaiæ 43 >