< Mattheum 15 >

1 Tunc accesserunt ad eum ab Ierosolymis Scribae, et Pharisaei, dicentes:
Ergasii Fariisonnii fi barsiistonni seeraa tokko tokko Yerusaalemii gara Yesuus dhufanii,
2 Quare discipuli tui transgrediuntur traditiones seniorum? non enim lavant manus suas cum panem manducant.
“Barattoonni kee maaliif duudhaa maanguddootaa cabsu? Isaan yommuu buddeena nyaatanitti harka hin dhiqataniitii!” jedhan.
3 Ipse autem respondens ait illis: Quare et vos transgredimini mandatum Dei propter traditionem vestram? Nam Deus dixit:
Yesuusis akkana jedhee deebise; “Isinis maaliif duudhaa keessaniif jettanii ajaja Waaqaa cabsitu?
4 Honora patrem, et matrem. et: Qui maledixerit patri, vel matri, morte moriatur.
Waaqni, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni; namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’jedheeraatii.
5 Vos autem dicitis: Quicumque dixerit patri, vel matri, Munus, quodcumque est ex me, tibi proderit:
Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif kennamuu malu ‘Waaqaaf kennameera’ jedhee dubbate,
6 et non honorificabit patrem suum, aut matrem suam: et irritum fecistis mandatum Dei propter traditionem vestram.
inni waan sanaan abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif ulfina kennuu hin qabu jettu. Akkanaanis isin duudhaa keessaniif jettanii dubbii Waaqaa busheessitu.
7 Hypocritae, bene prophetavit de vobis Isaias, dicens:
Yaa fakkeessitoota! Isaayyaas yommuu waaʼee keessan raajii dubbatetti sirrii ture; innis akkana jedhe:
8 Populus hic labiis me honorat: cor autem eorum longe est a me.
“‘Uumanni kun hidhii isaatiin na kabaja; garaan isaa garuu narraa fagoo jira.
9 Sine causa autem colunt me, docentes doctrinas, et mandata hominum.
Isaan akkanumaan na waaqeffatu; barsiisni isaaniis sirnuma namaa ti.’”
10 Et convocatis ad se turbis, dixit eis: Audite, et intelligite.
Yesuusis tuuta sana ofitti waamee akkana jedheen; “Dhagaʼaa; hubadhaas.
11 Non quod intrat in os, coinquinat hominem: sed quod procedit ex ore, hoc coinquinat hominem.
Waan afaan namaa keessaa baʼutu nama xureessa malee wanni afaan namaa seenu nama hin xureessu.”
12 Tunc accedentes discipuli eius, dixerunt ei: Scis quia Pharisaei audito verbo hoc, scandalizati sunt?
Ergasii barattoonni gara isaa dhufanii, “Ati akka Fariisonni dubbii kana dhagaʼanii mufatan beektaa?” jedhanii gaafatan.
13 At ille respondens ait: Omnis plantatio, quam non plantavit Pater meus caelestis, eradicabitur.
Innis deebisee akkana jedhe; “Biqiltuun abbaan koo inni samii irraa hin dhaabin hundinuu ni buqqifama.
14 Sinite illos: caeci sunt, et duces caecorum. caecus autem si caeco ducatum praestet, ambo in foveam cadunt.
Isaan dhiisaa; isaan qajeelchitoota jaamota. Jaamaan yoo jaamaa qajeelche, isaan lachuu boolla keessa buʼu.”
15 Respondens autem Petrus dixit ei: Edissere nobis parabolam istam.
Phexrosis, “Mee hiikkaa fakkeenya kanaa nuu ibsi” jedheen.
16 At ille dixit: Adhuc et vos sine intellectu estis?
Yesuus immoo akkana jedhee isaan gaafate; “Isinis hamma ammaatti hin hubattanii?
17 Non intelligitis quia omne, quod in os intrat, in ventrem vadit, et in secessum emittitur?
Akka wanni afaan seenu kam iyyuu garaa seenee achumaan darbee dhagna keessaa baʼu hin argitanii?
18 Quae autem procedunt de ore, de corde exeunt, et ea coinquinant hominem:
Wanni afaan namaatii baʼu garuu nama keessaa baʼa; namichas ni xureessa.
19 de corde enim exeunt cogitationes malae, homicidia, adulteria, fornicationes, furta, falsa testimonia, blasphemiae.
Sababiin isaas yaadni hamaan jechuunis ajjeesuun, ejjummaan, halalummaan, hanni, sobaan dhugaa baʼuun, maqaa nama balleessuun garaa namaa keessaa baʼaatii.
20 haec sunt, quae coinquinant hominem. Non lotis autem manibus manducare, non coinquinat hominem.
Wantoota kanneentu nama ‘xureessa’ malee utuu harka hin dhiqatin nyaachuun nama hin xureessu.”
21 Et egressus inde Iesus secessit in partes Tyri, et Sidonis.
Yesuusis iddoo sanaa kaʼee gara biyya Xiiroosii fi Siidoonaatti qajeele.
22 Et ecce mulier Chananaea a finibus illis egressa clamavit, dicens ei: Miserere mei Domine fili David: filia mea male a daemonio vexatur.
Kunoo, dubartiin Kanaʼaan tokko naannoo sanaa gara isaa dhuftee iyyaa, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, intalli koo hafuura hamaadhaan qabamtee akka malee dhiphachaa jirti; na maari!” jette.
23 Qui non respondit ei verbum. Et accedentes discipuli eius rogabant eum dicentes: Dimitte eam: quia clamat post nos.
Yesuus garuu deebii tokko illee hin kennineef. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, “Kunoo isheen iyyaa nu faana deemtiitii achi deebisi” jedhanii isa kadhatan.
24 Ipse autem respondens ait: Non sum missus nisi ad oves, quae perierunt domus Israel.
Inni immoo, “Ani hoolota mana Israaʼel kanneen badan sana qofaafan ergame” jedhee deebise.
25 At illa venit, et adoravit eum, dicens: Domine, adiuva me.
Dubartiin sunis dhuftee sagaddeefii, “Yaa Gooftaa na gargaari!” jette.
26 Qui respondens ait: Non est bonum sumere panem filiorum, et mittere canibus.
Innis, “Buddeena ijoollee fuudhanii saroota dura buusuun sirrii miti” jedhee deebise.
27 At illa dixit: Etiam Domine: nam et catelli edunt de micis, quae cadunt de mensa dominorum suorum.
Isheenis, “Eeyyee yaa Gooftaa, saroonni iyyuu hambaa maaddii gooftota isaanii irraa harcaʼu nyaatu” jettee deebifteef.
28 Tunc respondens Iesus, ait illi: O mulier, magna est fides tua: fiat tibi sicut vis. Et sanata est filia eius ex illa hora.
Yesuusis, “Dubartii nana, amantiin kee guddaa dha! Akkuma fedhii keetii siif haa taʼu” jedhee deebise. Intalli ishees saʼaatiidhuma sana fayyite.
29 Et cum transisset inde Iesus, venit secus Mare Galilaeae: et ascendens in montem, sedebat ibi.
Yesuus achii kaʼee gara Galaana Galiilaa dhaqe. Gaarattis ol baʼee taaʼe.
30 Et accesserunt ad eum turbae multae, habentes secum mutos, caecos, claudos, debiles, et alios multos: et proiecerunt eos ad pedes eius, et curavit eos:
Namoonni hedduunis warra okkolan, warra jaaman, warra naafatan, warra arrabni isaanii dubbachuu didee fi kanneen biraa hedduu fidanii miilla Yesuus jala kaaʼan; innis isaan fayyise.
31 ita ut turbae mirarentur videntes mutos loquentes, claudos ambulantes, caecos videntes: et magnificabant Deum Israel.
Namoonni sunis yommuu akka warri arrabni hin dubbanne dubbatan, warri naafatan fayyan, warri okkolan deeman, warra jaamaniif immoo akka iji isaanii baname arganitti ni dinqifatan. Waaqa Israaʼeliifis ulfina kennan.
32 Iesus autem, convocatis discipulis suis, dixit: Misereor turbae, quia triduo iam perseverant mecum, et non habent quod manducent: et dimittere eos ieiunos nolo, ne deficiant in via.
Yesuus barattoota isaa ofitti waamee, “Ani namoota kanneeniif garaa nan laafa; isaan guyyaa sadii na bira turan; waan nyaatan tokko illee hin qaban. Akka isaan karaa irratti hin gaggabneefis ani agabuu isaanii gad isaan dhiisuu hin barbaadu” jedhe.
33 Et dicunt ei discipuli: Unde ergo nobis in deserto panes tantos, ut saturemus turbam tantam?
Barattoonni isaas deebisanii, “Buddeena tuuta guddaa akkanaa gaʼu gammoojjii kana keessatti eessaa argachuu dandeenya?” jedhan.
34 Et ait illis Iesus: Quot habetis panes? At illi dixerunt: Septem, et paucos pisciculos.
Yesuus immoo, “Isin buddeena meeqa qabdu?” jedhee gaafate. Isaanis deebisanii, “Buddeena torbaa fi qurxummii xixinnoo muraasa qabna” jedhan.
35 Et praecepit turbae, ut discumberent super terram.
Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime.
36 Et accipiens septem panes, et pisces, et gratias agens, fregit, et dedit discipulis suis, et discipuli dederunt populo.
Ergasii buddeena torbanii fi qurxummii sana fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee barattootatti kenne; isaanis namootaaf kennan.
37 Et comederunt omnes, et saturati sunt. Et quod superfuit de fragmentis, tulerunt septem sportas plenas.
Isaan hundi nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban.
38 Erant autem qui manducaverunt, quattuor millia hominum, extra parvulos, et mulieres.
Baayʼinni warra nyaataniis ijoollee fi dubartoota malee dhiira kuma afur ture.
39 Et, dimissa turba, ascendit in naviculam: et venit in fines Magedan.
Yesuus erga tuuta sana of irraa geggeessee booddee bidiruu yaabbatee naannoo Magadaan dhaqe.

< Mattheum 15 >