< Lucam 12 >

1 Multis autem turbis concurrentibus, ita ut se invicem conculcarent, coepit dicere ad discipulos suos: Attendite a fermento Pharisaeorum, quod est hypocrisis.
Gidduu sana yommuu tuunni namoota kuma hedduu tokko hamma isaan wal irra ejjetanitti walitti qabametti, Yesuus duraan dursee barattoota isaatiin akkana jechuu jalqabe; “Raacitii Fariisotaa irraa of eeggadhaa; kunis fakkeessitummaa dha.
2 Nihil enim opertum est, quod non reveletur: neque absconditum, quod non sciatur.
Wanni haguugamee utuu hin mulʼifamin hafu yookaan wanni dhokfamee utuu hin beekamin hafu tokko iyyuu hin jiru.
3 Quoniam quae in tenebris dixistis, in lumine dicentur: et quod in aurem locuti estis in cubiculis, praedicabitur in tectis.
Wanni isin dukkana keessatti dubbattan, ifa guyyaatiin dhagaʼama; wanni isin gola keessatti gurratti hasaastanis bantii manaa irraa labsama.
4 Dico autem vobis amicis meis: Ne terreamini ab his, qui occidunt corpus, et post haec non habent amplius quid faciant.
“Yaa michoota ko, ani isinittin hima; warra dhagna ajjeesanii ergasii immoo kana caalaa homaa gochuu hin dandeenye hin sodaatinaa.
5 Ostendam autem vobis quem timeatis: timete eum, qui, postquam occiderit, habet potestatem mittere in gehennam. ita dico vobis, hunc timete. (Geenna g1067)
Ani garuu kan isin sodaachuu qabdan isinittin argisiisa; isa erga ajjeesee booddee gahaannamitti darbachuudhaaf taayitaa qabu sana sodaadhaa; eeyyee, ani isinittin hima; isa sodaadhaa. (Geenna g1067)
6 Nonne quinque passeres vaeneunt dipondio, et unus ex illis non est in oblivione coram Deo?
Daaloteen shan saantima lamatti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu Waaqni hin irraanfatu.
7 Sed et capilli capitis vestri omnes numerati sunt. Nolite ergo timere: multis passeribus pluris estis vos:
Dhugumaanuu rifeensi mataa keessanii hundi lakkaaʼameera. Hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.
8 Dico autem vobis: Omnis, quicumque confessus fuerit me coram hominibus, et Filius hominis confitebitur illum coram Angelis Dei:
“Ani isinittin hima; nama fuula namootaa duratti ifaan ifatti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, Ilmi Namaas fuula ergamoota Waaqaa duratti dhugaa ni baʼa.
9 qui autem negaverit me coram hominibus, negabitur coram Angelis Dei.
Namni fuula namootaa duratti na ganu kam iyyuu garuu fuula ergamoota Waaqaa duratti ni ganama.
10 Et omnis qui dicit verbum in Filium hominis, remittetur illi: ei autem, qui in Spiritum sanctum blasphemaverit, non remittetur.
Nama Ilma Namaatiin mormee jecha tokko dubbatu hundaaf ni dhiifama; nama Hafuura Qulqulluudhaan mormee dubbatu kamiif iyyuu garuu hin dhiifamu.
11 Cum autem inducent vos in synagogas, et ad magistratus, et potestates, nolite soliciti esse qualiter, aut quid respondeatis, aut quid dicatis.
“Yommuu manneen sagadaa, bulchitootaa fi abbootii taayitaa duratti dhiʼeeffamtanitti akkamitti akka falmattan yookaan maal akka jettan hin yaaddaʼinaa.
12 Spiritus enim sanctus docebit vos in ipsa hora quid oporteat vos dicere.
Hafuurri Qulqulluun yeruma sana Waan isin jechuu qabdan isin barsiisaatii.”
13 Ait autem ei quidam de turba: Magister, dic fratri meo ut dividat mecum hereditatem.
Tuuta sana keessaa namichi tokko, “Yaa Barsiisaa, akka obboleessi koo dhaala naa hiruuf maaloo itti naa dubbadhu” jedheen.
14 At ille dixit ei: Homo, quis me constituit iudicem, aut divisorem super vos?
Yesuus garuu deebisee, “Namana, eenyutu isin gidduutti abbaa murtii yookaan hirtuu dhaalaa na godhe?” jedheen.
15 Dixitque ad illos: Videte, et cavete ab omni avaritia: quia non in abundantia cuiusquam vita eius est ex his quae possidet.
Innis, “Ilaalladhaa! Doqnummaa hunda irraas of eegaa; jireenyi nama tokkoo baayʼina qabeenya isaatiin hin murteeffamuutii” jedheen.
16 Dixit autem similitudinem ad illos, dicens: Hominis cuiusdam divitis uberes fructus ager attulit:
Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Lafti qotiisaa namicha sooressa tokkoo midhaan guddaa kenneef.
17 et cogitabat intra se dicens: Quid faciam, quia non habeo quo congregem fructus meos?
Namichi sunis, ‘Ani waan lafan itti midhaan koo galfadhu hin qabneef maal gochuu naa wayya?’ jedhee garaa isaatti yaade.
18 Et dixit: Hoc faciam: Destruam horrea mea, et maiora faciam: et illuc congregabo omnia, quae nata sunt mihi, et bona mea,
“Innis akkana jedhe; ‘Wanni ani godhu kana; gombisaa koo diigee guddaa isaa nan ijaarradha; midhaan koo fi miʼa koo hunda achittin kuufadha.
19 et dicam animae meae: Anima, habes multa bona posita in annos plurimos: requiesce, comede, bibe, epulare.
Lubbuu kootiinis, “Yaa lubbuu ko, ati waan gaarii hedduu kan waggaa baayʼeef kuufame qabda; boqodhu; nyaadhu; dhugi; gammadis” nan jedha.’
20 Dixit autem illi Deus: Stulte, hac nocte animam tuam repetunt a te: quae autem parasti, cuius erunt?
“Waaqni garuu, ‘Yaa gowwicha, edanuma lubbuu kee sirraa fudhachuu barbaadu; egaa wanni ati walitti qabatte sun kan eenyuu taʼa?’ jedheen.
21 Sic est qui sibi thesaurizat, et non est in Deum dives.
“Kanaafuu namni ofii isaatiif badhaadhummaa kuufatee fuula Waaqaa duratti immoo hin sooromin kam iyyuu akkasuma taʼa.”
22 Dixitque ad discipulos suos: Ideo dico vobis: Nolite soliciti esse animae vestrae quid manducetis: neque corpori quid induamini.
Yesuusis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Kanaafuu ani isinittin hima; ‘maal nyaanna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa.
23 Anima plus est quam esca, et corpus plus quam vestimentum.
Jireenyi nyaata caala; dhagnis uffata caalaatii.
24 Considerate corvos quia non seminant, neque metunt, quibus non est cellarium, neque horreum, et Deus pascit illos. Quanto magis vos pluris estis illis?
Mee arraageyyii ilaalaa: Isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan; gombisaa yookaan gumbii hin qaban; taʼus Waaqni isaan soora. Isin immoo hammam simbirroota caalaa gatii guddaa qabdu!
25 Quis autem vestrum cogitando potest adiicere ad staturam suam cubitum unum?
Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼu eenyu?
26 Si ergo neque quod minimum est potestis, quid de ceteris soliciti estis?
Yoos isin erga waan xinnoo akkasii illee godhachuu hin dandeenye, maaliif waan biraaf yaaddoftu ree?
27 Considerate lilia quomodo crescunt: non laborant, neque nent: dico autem vobis, nec Salomon in omni gloria sua vestiebatur sicut unum ex istis.
“Daraaraawwan bosonaa akkamitti akka guddatan mee ilaalaa; isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan. Ani garuu isinittin hima; Solomoon iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne.
28 Si autem foenum, quod hodie est in agro, et cras in clibanum mittitur, Deus sic vestit: quanto magis vos pusillae fidei?
Isin yaa warra amantii xinnoo nana! Waaqni erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo hammam kana caalaa haa uffisuu ree.
29 Et vos nolite quaerere quid manducetis, aut quid bibatis: et nolite in sublime tolli:
Qalbii keessan waan nyaattan irra yookaan waan dhugdan irra hin kaaʼatinaa; waaʼee isaas hin yaaddaʼinaa.
30 haec enim omnia gentes mundi quaerunt. Pater autem vester scit quoniam his indigetis.
Addunyaan ormootaa waan kana hunda ni barbaaduutii; Abbaan keessan akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka.
31 Verumtamen quaerite primum regnum Dei, et iustitiam eius: et haec omnia adiicientur vobis.
Garuu mootummaa isaa barbaadaa; wanni kun akkasuma isiniif kennama.
32 Nolite timere pusillus grex, quia complacuit patri vestro dare vobis regnum.
“Isin karra xinnoo nana, hin sodaatinaa; Abbaan keessan mootummaa isinii kennuu jaallateeraatii.
33 Vendite quae possidetis, et date eleemosynam. Facite vobis sacculos, qui non veterascunt, thesaurum non deficientem in caelis: quo fur non appropriat, neque tinea corrumpit.
Waan qabdan gurguraatii hiyyeeyyiif kennaa. Korojoo hin moofofne, qabeenya dhuma hin qabnes samii irratti, iddoo hattuun itti hin dhiʼaannee fi biliinis hin balleessinetti ofii keessaniif kuufadhaa.
34 Ubi enim thesaurus vester est, ibi et cor vestrum erit.
Idduma badhaadhummaan keessan jiru sana garaan keessanis jiraatii.
35 Sint lumbi vestri praecincti, et lucernae ardentes in manibus vestris,
“Tajaajilaaf hidhadhaatii qophaaʼaa; ibsaa keessanis ibsadhaa;
36 et vos similes hominibus expectantibus dominum suum quando revertatur a nuptiis: ut, cum venerit, et pulsaverit, confestim aperiant ei.
akkuma namoota yommuu Gooftaan isaanii cidha fuudhaa fi heerumaatii galee balbala dhadhaʼutti dafanii isaaf banuuf jedhanii qophaaʼanii isa eeganii taʼaa.
37 Beati servi illi, quos cum venerit dominus, invenerit vigilantes: amen dico vobis, quod praecinget se, et faciet illos discumbere, et transiens ministrabit illis.
Garboonni gooftaan isaanii yeroo galutti isaanii dammaqanii jiran argu sun eebbifamoo dha; ani dhuguman isinitti hima; inni marxifatee akka isaan nyaataaf taaʼan ni godha; dhufees isaan tajaajila.
38 Et si venerit in secunda vigilia, et si in tertia vigilia venerit, et ita invenerit, beati sunt servi illi.
Garboonni gooftaan isaanii halkanicha keessaa kutaa lammaffaatti yookaan kutaa sadaffaatti dhufee akkasuma isaanii dammaqanii jiran isaan argu sun eebbifamoo dha.
39 Hoc autem scitote, quoniam si sciret paterfamilias, qua hora fur veniret, vigilaret utique, et non sineret perfodi domum suam.
Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu saʼaatii kamitti akka hattuun dhuftu beekee, silaa akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture.
40 Et vos estote parati: quia qua hora non putatis, Filius hominis veniet.
Isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.”
41 Ait autem et Petrus: Domine, ad nos dicis hanc parabolam: an et ad omnes?
Phexrosis, “Yaa Gooftaa, ati fakkeenya kana nu qofatti moo nama hundumatti himta?” jedhee gaafate.
42 Dixit autem Dominus: Quis, putas, est fidelis dispensator, et prudens, quem constituit Dominus supra familiam suam, ut det illis in tempore tritici mensuram?
Gooftaanis akkana jedhee deebise; “Egaa hojii adeemsisaan amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota isaa irratti isa muudu eenyu?
43 Beatus ille servus, quem cum venerit dominus, invenerit ita facientem.
Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha.
44 Vere dico vobis, quoniam supra omnia, quae possidet, constituet illum.
Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda.
45 Quod si dixerit servus ille in corde suo: Moram facit dominus meus venire: et coeperit percutere servos, et ancillas, et edere, et bibere, et inebriari:
Garbichi sun garuu yoo, ‘Gooftaan koo dhufuuf yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee, garboota dhiiraatii fi dubartootaa tumuu jalqabe, yoo nyaatee dhugee machaaʼe,
46 veniet dominus servi illius in die, qua non sperat, et hora, qua nescit, et dividet eum, partemque eius cum infidelibus ponet.
gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa. Innis isa kukkuta; warra hin amanne keessattis isa ramada.
47 Ille autem servus, qui cognovit voluntatem domini sui, et non se praeparavit, et non facit secundum voluntatem eius, vapulabit multis:
“Garbichi utuu fedhii gooftaa isaa beekuu hin qophoofne yookaan waan gooftaan isaa barbaadu hin hojjenne sun akka malee tumama.
48 qui autem non cognovit, et fecit digna, plagis vapulabit paucis. Omni autem, cui multum datum est, multum quaeretur ab eo: et cui commendaverunt multum, plus petent ab eo.
Nama utuu hin beekin waan isa adabamsiisu hojjete garuu adaba salphaatu isa irra gaʼa. Nama wanni baayʼeen itti kenname hunda irraa waan baayʼeetu eegama; nama imaanaan guddaan itti kenname irraa immoo kan caalutu barbaadama.
49 Ignem veni mittere in terram, et quid volo nisi ut accendatur?
“Ani ibidda lafa irra buusuufin dhufe; utuu inni ammuma iyyuu qabatee ani akkam hawwa!
50 Baptismo autem habeo baptizari: et quomodo coarctor usquedum perficiatur?
Garuu cuuphaa ani cuuphamu tokkotu jira; hamma inni raawwatamutti ani akka malee nan dhiphadha!
51 Putatis quia pacem veni dare in terram? Non, dico vobis, sed separationem:
Isin waan ani lafa irratti nagaa buusuuf dhufe seetuu? Akkas miti; ani isinittin hima; ani gargar baʼuu fiduufan dhufe malee nagaa buusuuf hin dhufne.
52 erunt enim ex hoc quinque in domo una divisi, tres in duos, et duo in tres
Siʼachi maatiin nama shan qabu tokko gargar qoodama; namni sadii nama lamatti kaʼa; namni lama immoo nama sadiitti kaʼa.
53 dividentur: pater in filium, et filius in patrem suum, mater in filiam, et filia in matrem, socrus in nurum suam, et nurus in socrum suam.
Abbaan ilmatti, ilmi abbaatti, haati intalatti, intalli haadhatti, amaatiin niitii ilmaatti, niitiin ilmaas amaatii isheetti kaʼuudhaan gargar baʼu.”
54 Dicebat autem et ad turbas: Cum videritis nubem orientem ab occasu, statim dicitis: Nimbus venit: et ita fit.
Yesuusis tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin yommuu duumessa karaa lixa biiftuutiin ol baʼu argitanitti yeruma sana, ‘Bokkaan ni rooba’ jettu; innis ni rooba.
55 Et cum austrum flantem, dicitis: Quia aestus erit: et fit.
Yommuu bubbeen kibbaa bubbisutti immoo, ‘Ni hoʼa’ jettu; innis ni hoʼa.
56 Hypocritae faciem caeli, et terrae nostis probare: hoc autem tempus quomodo non probatis?
Fakkeessitoota nana! Isin bifa lafaatii fi samiitiif hiikkaa kennuu ni beektu. Bara ammaa kanaaf immoo hiikkaa kennuu akkamitti wallaaltu?
57 Quid autem et a vobis ipsis non iudicatis quod iustum est?
“Isin maaliif ofuma keessanii waan qajeelaa hin murteessine?
58 Cum autem vadis cum adversario tuo ad principem, in via da operam liberari ab illo, ne forte trahat te ad iudicem, et iudex tradat te exactori, et exactor mittat te in carcerem.
Ati yommuu amajaajii kee wajjin gara abbaa murtii dhaqxutti, karuma irratti isaan walitti araaramuu cimsii yaali; yoo kanaa achii amajaajiin kee abbaa seeraatti si geessa; abbaan seeraas dabarsee poolisiitti si kenna; poolisiin immoo mana hidhaatti si darbata.
59 Dico tibi, non exies inde, donec etiam novissimum minutum reddas.
Ani sitti nan hima; ati hamma saantima ishee dhumaa of irraa baaftutti achii hin baatu.”

< Lucam 12 >