< Apocalypsis 11 >

1 Et datus est mihi calamus similis virgæ, et dictum est mihi: Surge, et metire templum Dei, et altare, et adorantes in eo.
Shambaqqoon ulee safartuu fakkaatu tokko naa kennamee akkana jedhamee natti himame; “Dhaqiitii mana qulqullummaa Waaqaatii fi iddoo aarsaa safari; warra achitti waaqeffatanis lakkaaʼi.
2 Atrium autem, quod est foris templum, eiice foras, et ne metiaris illud: quoniam datum est Gentibus, et civitatem sanctam calcabunt mensibus quadraginta duobus:
Oobdii mana qulqullummaatii ala taʼe garuu hin safarin; oobdiin sun waan Namoota Ormaatiif kennameef isa itti hin dabalin. Isaanis magaalaa qulqulluu sana jiʼa 42 lafatti dhidhiitu.
3 et dabo duobus testibus meis, et prophetabunt diebus mille ducentis sexaginta, amicti saccis.
Anis dhuga baatota koo lamaaniif humna nan kenna; isaanis uffata gaddaa uffatanii guyyaa 1,260 raajii ni dubbatu.”
4 Hi sunt duæ olivæ, et duo candelabra in conspectu domini terræ stantes.
Isaan kunneenis mukkeen ejersaa lamaanii fi baattuuwwan ibsaa lamaan fuula Gooftaa lafaa dura dhaabatanii dha.
5 Et si quis voluerit eos nocere, ignis exiet de ore eorum, et devorabit inimicos eorum: et si quis voluerit eos lædere, sic oportet eum occidi.
Namni kam iyyuu isaan miidhuu yaallaan ibiddi afaan isaaniitii baʼee diinota isaanii ni balleessa. Kunis haala namni isaan miidhuu barbaadu kam iyyuu ittiin ajjeefamuu qabuu dha.
6 Hi habent potestatem claudendi cælum, ne pluat diebus prophetiæ ipsorum: et potestatem habent super aquas convertendi eas in sanguinem, et percutere terram omni plaga quotiescumque voluerint.
Isaan yeroo raajii dubbatanitti akka bokkaan hin roobneef humna ittiin samii cufan qabu; akkasumas bishaanota dhiigatti geeddaruudhaa fi yeroo barbaadanitti dhaʼicha gosa hundaatiin lafa rukutuuf taayitaa qabu.
7 Et cum finierint testimonium suum, bestia, quæ ascendit de abysso, faciet adversum eos bellum, et vincet illos, et occidet eos. (Abyssos g12)
Yommuu isaan dhuga baʼumsa isaanii xumuranittis bineensi Boolla Qilee keessaa ol baʼu sun lola isaanitti kaasa; isaan moʼata; isaan ajjeesas. (Abyssos g12)
8 Et corpora eorum iacebunt in plateis civitatis magnæ, quæ vocatur spiritualiter Sodoma, et Ægyptus, ubi et Dominus eorum crucifixus est.
Reeffi isaaniis daandii magaalaa guddoo irra ni ciciisa; magaalattiin kunis ishee hiikkaa hafuuraatiin Sodoomii fi Gibxi jedhamtu kan Gooftaan isaaniis itti fannifamee turee dha.
9 Et videbunt de tribubus, et populis, et linguis, et gentibus corpora eorum per tres dies, et dimidium: et corpora eorum non sinent poni in monumentis.
Namoonni saba hunda keessaa, gosa hunda keessaa, afaanii fi sanyii hunda keessaa dhufanis guyyaa sadii fi walakkaa reeffa isaanii ilaalu; akka hin awwaalamnes ni dhowwu.
10 Et inhabitantes terram gaudebunt super illos, et iucundabuntur: et munera mittent invicem, quoniam hi duo prophetæ cruciaverunt eos, qui habitabant super terram.
Raajonni lamaan kunneen waan warra lafa irra jiraatan dhiphisaa turaniif warri lafa irra jiraatan isaanitti gammadu; ni ililchus; kennaas walii ergu.
11 Et post dies tres, et dimidium, spiritus vitæ a Deo intravit in eos. Et steterunt super pedes suos, et timor magnus cecidit super eos, qui viderunt eos.
Guyyaa sadii fi walakkaa booddee garuu hafuurri jireenyaa Waaqa biraa dhufee isaan seene; isaanis kaʼanii miilla isaaniitiin dhaabatan; warri isaan arganis akka malee sodaatan.
12 Et audierunt vocem magnam de cælo, dicentem eis: Ascendite huc. Et ascenderunt in cælum in nube: et viderunt illos inimici eorum.
Isaanis sagalee guddaa, “As ol kottaa!” isaaniin jedhu tokko samii irraa dhagaʼan. Utuma diinonni isaanii ilaalanuus duumessaan gara samiitti ol baʼan.
13 Et in illa hora factus est terræmotus magnus, et decima pars civitatis cecidit: et occisa sunt in terræmotu nomina hominum septem millia: et reliqui in timorem sunt missi, et dederunt gloriam Deo cæli.
Yeroo sanattis sochii lafaa guddaa isaatu ture; magaalaan sunis kudhan keessaa tokko ni barbadaaʼe. Namoonni kumni torbas sochii lafaa sanaan dhuman; warri hafan immoo sodaatanii Waaqa samiitiif ulfina kennan.
14 Væ secundum abiit: et ecce væ tertium veniet cito.
Wayyoon lammaffaan darbeera; kunoo, wayyoon sadaffaan dafee ni dhufa.
15 Et septimus Angelus tuba cecinit: et factæ sunt voces magnæ in cælo dicentes: Factum est regnum huius mundi, Domini nostri et Christi eius, et regnabit in sæcula sæculorum: Amen. (aiōn g165)
Ergamaan torbaffaanis malakata isaa afuufe; sagaleen guddaan, “Mootummaan addunyaa amma mootummaa Gooftaa keenyaatii fi mootummaa Kiristoos taʼeera; innis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼa” jedhu samii keessa ture. (aiōn g165)
16 Et viginti quattuor seniores, qui in conspectu Dei sedent in sedibus suis, ceciderunt in facies suas, et adoraverunt Deum, dicentes:
Maanguddoonni digdamii afran fuula Waaqaa dura teessoo isaanii irra tataaʼanii turan sunis adda isaaniitiin gombifamanii Waaqaaf ni sagadan;
17 Gratias agimus tibi Domine Deus omnipotens, qui es, et qui eras, et qui venturus es: quia accepisti virtutem tuam magnam, et regnasti.
akkanas jedhan: “Yaa Waaqayyoo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, Kan jirtuu fi kan turte, ati humna kee isa guddaa fudhattee waan moʼuu jalqabdeef galata siif dhiʼeessina.
18 Et iratæ sunt Gentes, et advenit ira tua, et tempus mortuorum iudicari, et reddere mercedem servis tuis Prophetis, et sanctis, et timentibus nomen tuum pusillis, et magnis, et exterminandi eos, qui corruperunt terram.
Saboonni ni aaran; dheekkamsi kees dhufeera. Yeroon warri duʼan itti murtii argatan gaʼeera; yeroon ati itti raajota tajaajiltoota kee taʼaniif, qulqulloota keetii fi warra maqaa kee sodaatan xinnaafis taʼu guddaaf badhaasa kennitu gaʼeera; yeroon ati itti warra lafa balleessan balleessitus gaʼeera.”
19 Et apertum est templum Dei in cælo: et visa est arca testamenti eius in templo eius, et facta sunt fulgura, et voces, et tonitrua, et terræmotus, et grando magna.
Manni qulqullummaa Waaqaa kan samii keessaas ni baname; taabonni kakuu isaas mana qulqullummaa isaa keessatti mulʼate. Ergasiis ifa balaqqee, sagalee, bakakkaa, sochii lafaatii fi bokkaa cabbii guddaa isaatu ture.

< Apocalypsis 11 >