< Mattheum 13 >

1 In illo die exiens Iesus de domo, sedebat secus mare.
Guyyuma sana Yesuus manaa baʼee galaana bira taaʼe.
2 Et congregatæ sunt ad eum turbæ multæ, ita ut naviculam ascendens sederet: et omnis turba stabat in littore,
Tuunni namootaa guddaan naannoo isaatti walitti qabame; utuu namoonni hundi qarqara galaanichaa dhadhaabachaa jiranuu, inni bidiruu yaabbatee taaʼe.
3 et locutus est eis multa in parabolis, dicens: Ecce exiit qui seminat, seminare.
Innis akkana jedhee waan baayʼee fakkeenyaan isaanitti hime; “Kunoo, namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe.
4 Et dum seminat, quædam ceciderunt secus viam, et venerunt volucres cæli, et comederunt ea.
Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼe; simbirroonnis dhufanii nyaatanii fixan.
5 Alia autem ceciderunt in petrosa, ubi non habebant terram multam: et continuo exorta sunt, quia non habebant altitudinem terræ.
Kaan immoo lafa kattaa, iddoo biyyoo baayʼee hin qabne irra buʼe. Sanyiin sunis sababii biyyoon sun gad fageenya hin qabaatiniif dafee biqile.
6 Sole autem orto æstuaverunt: et quia non habebant radicem, aruerunt.
Yommuu aduun baatetti garuu biqiltuun sun ni coollage; waan hidda hin qabaatiniifis ni goge.
7 Alia autem ceciderunt in spinas: et creverunt spinæ, et suffocaverunt ea.
Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis guddatee biqiltuu sana hudhe.
8 Alia autem ceciderunt in terram bonam: et dabant fructum aliud centesimum, aliud sexagesimum, aliud trigesimum.
Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼee achitti ija naqate; garri tokko dachaa dhibba, kaan dachaa jaatama, kaan immoo dachaa soddoma naqate.
9 Qui habet aures audiendi, audiat.
Namni gurra qabu kam iyyuu haa dhagaʼu.”
10 Et accedentes discipuli dixerunt ei: Quare in parabolis loqueris eis?
Barattoonnis gara isaa dhufanii, “Ati maaliif fakkeenyaan namootatti dubbatta?” jedhanii isa gaafatan.
11 Qui respondens, ait illis: Quia vobis datum est nosse mysteria regni cælorum: illis autem non est datum.
Innis akkana jedhee deebiseef; “Icciitii mootummaa samii beekuun isiniif kennameera; isaaniif garuu hin kennamne.
12 Qui enim habet, dabitur ei, et abundabit: qui autem non habet, et quod habet auferetur ab eo.
Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; irraa hafaas ni qabaata. Kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama.
13 Ideo in parabolis loquor eis: quia videntes non vident, et audientes non audiunt, neque intelligunt.
Wanni ani akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbadhuufis kana: “Isaan utuma ilaalanuu hin argan; utuma dhaggeeffatanuus hin dhagaʼan yookaan hin hubatan.
14 Et adimpletur in eis prophetia Isaiæ dicentis: Auditu audietis, et non intelligetis: et videntes videbitis, et non videbitis:
Raajiin Isaayyaas dubbate sun isaan irratti raawwatameera; innis akkana jedha: “‘Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan; ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.
15 Incrassatum est enim cor populi huius, et auribus graviter audierunt, et oculos suos clauserunt: ne quando videant oculis, et auribus audiant, et corde intelligant, et convertantur, et sanem eos.
Qalbiin saba kanaa doomeeraatii; gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu; ija isaaniis dunuunfataniiru. Utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii, gurra isaaniitiin dhagaʼanii, qalbii isaaniitiinis hubatanii ni deebiʼu turan; anis isaan nan fayyisa ture.’
16 Vestri autem beati oculi quia vident, et aures vestræ quia audiunt.
Iji keessan garuu waan arguuf eebbifamaa dha; gurri keessanis waan dhagaʼuuf eebbifamaa dha.
17 Amen quippe dico vobis, quia multi prophetæ, et iusti cupierunt videre quæ videtis, et non viderunt: et audire quæ auditis, et non audierunt.
Ani dhuguma isinittin himaatii; raajonnii fi qajeeltonni baayʼeen waan isin argitan kana arguu hawwan; garuu hin argine; waan isin dhageessan kanas dhagaʼuu hawwan; garuu hin dhageenye.
18 Vos ergo audite parabolam seminantis.
“Egaa fakkeenyi namicha sanyii facaasuu maal akka taʼe dhagaʼaa:
19 Omnis, qui audit verbum regni, et non intelligit, venit malus, et rapit quod seminatum est in corde eius: hic est qui secus viam seminatus est.
Yoo namni kam iyyuu dubbii mootummichaa dhagaʼee hubachuu baate, inni hamaan sun dhufee waan garaa isaa keessatti facaafame sana butata. Kun sanyii karaa irratti facaafamee dha.
20 Qui autem super petrosa seminatus est, hic est, qui verbum audit, et continuo cum gaudio accipit illud:
Sanyiin lafa kattaa irratti facaafame, nama dubbicha dhagaʼee yommusuma gammachuun fudhatuu dha.
21 non habet autem in se radicem, sed est temporalis. Facta autem tribulatione et persecutione propter verbum, continuo scandalizatur.
Garuu inni waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa tura. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti inni dafee gufata.
22 Qui autem seminatus est in spinis, hic est, qui verbum audit, et solicitudo sæculi istius, et fallacia divitiarum suffocat verbum, et sine fructu efficitur. (aiōn g165)
Sanyiin qoraattii keessatti facaafame sunis nama dubbicha dhagaʼu argisiisa; garuu yaaddoon addunyaa kanaatii fi gowwoomsaan qabeenyaa dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa. (aiōn g165)
23 Qui vero in terram bonam seminatus est, hic est qui audit verbum, et intelligit, et fructum affert, et facit aliud quidem centesimum, aliud autem sexagesimum, aliud vero trigesimum.
Sanyiin biyyoo gaarii irratti facaafame garuu nama dubbicha dhagaʼee hubatu argisiisa. Innis ija kenna; garri tokko dhibba, kaan jaatama, kaan immoo soddoma naqata.”
24 Aliam parabolam proposuit illis, dicens: Simile factum est regnum cælorum homini, qui seminavit bonum semen in agro suo.
Yesuus akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; “Mootummaan samii nama lafa qotiisaa isaa keessatti sanyii gaarii facaafate tokko fakkaata.
25 Cum autem dormirent homines, venit inimicus eius, et superseminavit zizania in medio tritici, et abiit.
Garuu utuu namoonni rafanuu diinni isaa dhufee qamadii keessatti inkirdaada facaasee deeme.
26 Cum autem crevisset herba, et fructum fecisset, tunc apparuerunt et zizania.
Yeroo qamadiin sun guddatee ija naqatetti inkirdaadnis ni mulʼate.
27 Accedentes autem servi Patris familias, dixerunt ei: Domine, nonne bonum semen seminasti in agro tuo? Unde ergo habet zizania?
“Garboonni abbaa lafa qotiisaa sanaas gara isaa dhufanii, ‘Gooftaa, ati lafa qotiisaa kee keessatti sanyii gaarii hin facaafnee? Yoos inkirdaadni eessaa dhufe ree?’ jedhaniin.
28 Et ait illis: Inimicus homo hoc fecit: Servi autem dixerunt ei, Vis, imus, et colligimus ea?
“Innis deebisee, ‘Diinatu kana hojjete’ jedhe. “Garboonnis, ‘Akka nu dhaqnee buqqifnu ni barbaaddaa?’ jedhanii isa gaafatan.
29 Et ait: Non: ne forte colligentes zizania, eradicetis simul cum eis et triticum.
“Namichi garuu akkana jedhee deebiseef; ‘Lakki, utuu inkirdaada buqqiftanuu, akka isa wajjin qamadii hin buqqifneef dhiisaa.
30 Sinite utraque crescere usque ad messem, et in tempore messis dicam messoribus: Colligite primum zizania, et alligate ea in fasciculos ad comburendum, triticum autem congregate in horreum meum.
Hamma yeroo haamaatti lachanuu walumaan haa guddatan. Anis yeroo sana warra midhaan haamaniin, “Jalqabatti inkirdaada sana buqqisaa; akka gubamuufis bissii bissiidhaan hidhaa; qamadii garuu walitti qabaatii gombisaa kootti naa naqaa” jedhee isaanitti nan hima.’”
31 Aliam parabolam proposuit eis dicens: Simile est regnum cælorum grano sinapis, quod accipiens homo seminavit in agro suo:
Innis akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; “Mootummaan samii sanyii sanaaficaa kan namni fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase tokko fakkaata.
32 quod minimum quidem est omnibus seminibus: cum autem creverit, maius est omnibus oleribus, et fit arbor, ita ut volucres cæli veniant, et habitent in ramis eius.
Inni dhugumaan sanyii hunda irra xinnaa dha; erga guddatee garuu biqiltuu hunda caalee muka taʼa; simbirroonnis dhufanii dameewwan isaa irra jiraatu.”
33 Aliam parabolam locutus est eis. Simile est regnum cælorum fermento, quod acceptum mulier abscondit in farinæ satis tribus, donec fermentatum est totum.
Amma illee akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; “Mootummaan samii raacitii dubartiin tokko fuutee hamma inni guutummaatti bukeessutti daakuu safartuu sadiitti makte fakkaata.”
34 Hæc omnia locutus est Iesus in parabolis ad turbas: et sine parabolis non loquebatur eis:
Yesuus waan kana hundumaa fakkeenyaan namootatti dubbate; innis fakkeenyaan malee waan tokko illee isaanitti hin dubbanne.
35 ut impleretur quod dictum erat per prophetam, dicentem: Aperiam in parabolis os meum, eructabo abscondita a constitutione mundi.
Kunis akka wanni raajichi, “Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha; waan gaafa addunyaan uumamee jalqabee dhokfames nan dubbadha” jedhe sun raawwatamuuf taʼe.
36 Tunc, dimissis turbis, venit in domum: et accesserunt ad eum discipuli eius, dicentes: Edissere nobis parabolam zizaniorum agri.
Yesuusis tuuta namootaa achumatti dhiisee mana ol seene. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, “Hiikkaa fakkeenya inkirdaada lafa qotiisaa keessaa sana nutti himi” jedhaniin.
37 Qui respondens ait illis: Qui seminat bonum semen, est Filius hominis.
Innis akkana jedhee deebise; “Namichi sanyii gaarii facaase sun Ilma Namaa ti.
38 Ager autem, est mundus. Bonum vero semen, hi sunt filii regnum. Zizania autem, filii sunt nequam.
Lafti qotiisaa sun addunyaa dha; sanyiin gaariinis ijoollee mootummichaa ti. Inkirdaadni sun ijoollee isa hamaa sanaa ti;
39 Inimicus autem, qui seminavit ea, est diabolus. Messis vero, consummatio sæculi est. Messores autem, Angeli sunt. (aiōn g165)
diinni inkirdaada facaase immoo diiyaabiloos dha. Haamaan dhuma addunyaa ti; warri haaman immoo ergamoota Waaqaa ti. (aiōn g165)
40 Sicut ergo colliguntur zizania, et igni comburuntur: sic erit in consummatione sæculi. (aiōn g165)
“Akkuma inkirdaadni walitti qabamee ibiddaan gubamu sana, dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. (aiōn g165)
41 Mittet Filius hominis Angelos suos, et colligent de regno eius omnia scandala, et eos, qui faciunt iniquitatem:
Ilmi Namaa ergamoota isaa ni erga; isaanis waan cubbuutti nama geessu hundaa fi warra waan hamaa hojjetan hunda mootummaa isaa keessaa baasanii walitti qabu.
42 et mittent eos in caminum ignis. Ibi erit fletus, et stridor dentium.
Boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa.
43 Tunc iusti fulgebunt sicut sol in regno Patris eorum. Qui habet aures audiendi, audiat.
Yeroo sana qajeeltonni mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka aduu ni ifu. Namni gurra qabu haa dhagaʼu.
44 Simile est regnum cælorum thesauro abscondito in agro: quem qui invenit homo, abscondit, et præ gaudio illius vadit, et vendit universa quæ habet, et emit agrum illum.
“Mootummaan samii qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata. Namni tokkos qabeenya kana argatee deebisee dhokse; innis waan gammadeef dhaqee waan qabu hunda gurguree lafa qotiisaa sana bitate.
45 Iterum simile est regnum cælorum homini negotiatori, quærenti bonas margaritas.
“Akkasumas mootummaan samii daldalaa lula gaarii barbaadu tokko fakkaata.
46 Inventa autem una pretiosa margarita, abiit, et vendidit omnia quæ habuit, et emit eam.
Daldalaan sunis lula gatii guddaa tokko argate; innis dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lula sana bitate.
47 Iterum simile est regnum cælorum sagenæ missæ in mare, et ex omni genere piscium congreganti.
“Akkasumas mootummaan samii kiyyoo galaanatti darbatamee qurxummii gosa hundaa walitti qabe fakkaata.
48 Quam, cum impleta esset, educentes, et secus littus sedentes, elegerunt bonis in vasa, malos autem foras miserunt.
Yeroo kiyyoon sun guutamettis qurxummii qabdoonni gara qarqara galaanaatti isa harkisan. Ergasiis tataaʼanii qurxummii gaarii filanii qodaa isaaniitti naqatan; qurxummii gadhee immoo ni gatan.
49 Sic erit in consummatione sæculi: exibunt Angeli, et separabunt malos de medio iustorum, (aiōn g165)
Dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. Ergamoonni dhufanii warra hamoo warra qajeeltota irraa gargar baasu; (aiōn g165)
50 et mittent eos in caminum ignis: ibi erit fletus, et stridor dentium.
boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa.”
51 Intellexistis hæc omnia? Dicunt ei: Etiam.
Yesuusis, “Waan kana hunda hubattaniirtuu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee” jedhanii deebisan.
52 Ait illis: Ideo omnis scriba doctus in regno cælorum, similis est homini patrifamilias, qui profert de thesauro suo nova et vetera.
Innis, “Kanaafuu barsiisaan seeraa kan barataa mootummaa samii taʼe kam iyyuu abbaa manaa kan qabeenya haaraa fi moofaa mana miʼa isaa keessaa gad baasu tokko fakkaata” jedheen.
53 Et factum est, cum consummasset Iesus parabolas istas, transiit inde.
Yesuus erga fakkeenya kana dubbatee raawwatee booddee achii kaʼee deeme.
54 Et veniens in patriam suam, docebat eos in synagogis eorum, ita ut mirarentur, et dicerent: Unde huic sapientia hæc, et virtutes?
Innis gara magaalaa itti dhalatee dhaqee mana sagadaa isaanii keessatti namoota barsiisuu jalqabe; isaanis ni dinqisiifatan. Akkana jedhaniis gaafatan; “Namichi kun ogummaa kanaa fi hojiiwwan dinqii kanneen eessaa argate?
55 Nonne hic est fabri filius? Nonne mater eius dicitur Maria, et fratres eius, Iacobus, et Ioseph, et Simon, et Iudas?
Inni ilma namicha muka soofu sanaati mitii? Maqaan haadha isaas Maariyaam mitii? Obboloonni isaas Yaaqoob, Yoosef, Simoonii fi Yihuudaa mitii?
56 Et sorores eius, nonne omnes apud nos sunt? Unde ergo huic omnia ista?
Obboleettonni isaa hundinuu nu bira jiru mitii? Yoos namichi kun waan kana hundumaa eessaa argate?”
57 Et scandalizabantur in eo. Iesus autem dixit eis: Non est propheta sine honore, nisi in patria sua, et in domo sua.
Isaanis isatti gufatan. Yesuus garuu, “Raajiin magaalaa itti dhalatee fi mana isaatti malee kabaja hin dhabu” jedheen.
58 Et non fecit ibi virtutes multas propter incredulitatem illorum.
Innis sababii amantii dhabuu isaaniitiif hojii dinqii hedduu achitti hin hojjenne.

< Mattheum 13 >