< Exodus 40 >

1 Locutusque est Dominus ad Moysen, dicens:
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe:
2 Mense primo, prima die mensis, eriges tabernaculum testimonii,
“Guyyaa jalqaba jiʼa jalqabaatti dunkaana qulqulluu jechuunis dunkaana wal gaʼii dhaabi.
3 et pones in eo arcam, dimittesque ante illam velum:
Taabota kakuu seeraa isa keessa kaaʼiitii taaboticha golgaadhaan daʼeessi.
4 et illata mensa, pones super eam quæ rite præcepta sunt. Candelabrum stabit cum lucernis suis,
Minjaala ol galchiitii miʼa isaa tottolchi. Ergasiis baattuu ibsaa ol galchiitii ibsaa isaa irra dhaabi.
5 et altare aureum, in quo adoletur incensum, coram arca testimonii. Tentorium in introitu tabernaculi pones,
Iddoo aarsaa ixaanaa kan warqee irraa hojjetame fuula taabota kakuu seeraa dura dhaabiitii balbala dunkaana qulqulluutti immoo golgaa fannisi.
6 et ante illud altare holocausti:
“Iddoo aarsaa qalma gubamuu sanas fuula balbala dunkaana qulqulluu jechuunis dunkaana wal gaʼii dura dhaabi;
7 labrum inter altare et tabernaculum, quod implebis aqua.
gabatee itti dhiqatanis dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu dhaabiitii bishaan itti naqi.
8 Circumdabisque atrium tentoriis, et ingressum ejus.
Naannoo isaattis oobdii hojjedhuutii balbala isaatti golgaa kaaʼi.
9 Et assumpto unctionis oleo unges tabernaculum cum vasis suis, ut sanctificentur:
“Zayitii ittiin diban fuudhiitii dunkaana qulqulluu fi waan isa keessa jiru hunda dibi; dunkaanichaa fi miʼa isaa hunda qulqulleessi; innis ni qulqullaaʼa.
10 altare holocausti et omnia vasa ejus,
Ergasiis iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda dibi; iddoo aarsaa sana qulqulleessi; innis waan hunda caalaa qulqullaaʼaa taʼa.
11 labrum cum basi sua: omnia unctionis oleo consecrabis, ut sint Sancta sanctorum.
Gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa dibiitii isaan qulqulleessi.
12 Applicabisque Aaron et filios ejus ad fores tabernaculi testimonii, et lotos aqua
“Aroonii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana wal gaʼiitti fidiitii bishaaniin isaan dhiqi.
Ergasii Aroonitti wayyaa qulqulluu uffisi; akka inni lubummaadhaan na tajaajiluufis dibiitii isa qulqulleessi.
Ilmaan isaas fidiitii kittaa itti uffisi.
15 indues sanctis vestibus, ut ministrent mihi, et unctio eorum in sacerdotium sempiternum proficiat.
Akka isaan lubummaadhaan na tajaajilaniifis akkuma abbaa isaanii dibde sanatti isaan dibi; dibamuun isaanii kunis dhaloota dhufu hunda keessatti lubummaa itti fufu taʼa.”
16 Fecitque Moyses omnia quæ præceperat Dominus.
Museenis akkuma Waaqayyo isa ajajetti waan hunda hojjete.
17 Igitur mense primo anni secundi, prima die mensis, collocatum est tabernaculum.
Kanaafuu dunkaanni qulqulluun sun waggaa lamaffaa keessa guyyaa jalqabaa kan jiʼa jalqabaatti dhaabame.
18 Erexitque Moyses illud, et posuit tabulas ac bases et vectes, statuitque columnas,
Museen yeroo dunkaana qulqulluu sana dhaabetti miillawwan dunkaanichaa itti kaaʼe; tuggeewwan isaa dhadhaabe; dagaleewwan isaa loose; utuboota isaa dhadhaabe.
19 et expandit tectum super tabernaculum, imposito desuper operimento, sicut Dominus imperaverat.
Innis akkuma Waaqayyo isa ajajetti dunkaana qulqulluu irraan dunkaana diriirsee dunkaana sanatti immoo irra buusa uffise.
20 Posuit et testimonium in arca, subditis infra vectibus, et oraculum desuper.
Dhuga baʼumsa sana fuudhee taabota keessa kaaʼe; danqaraawwanis taabotatti hidhe; teessoo araaraa immoo taabota gubbaa kaaʼe.
21 Cumque intulisset arcam in tabernaculum, appendit ante eam velum ut expleret Domini jussionem.
Museen akkuma Waaqayyo isa ajajetti taabota sana dunkaana qulqulluutti ol galchee golgaa daʼeessu fanniseef; taabota kakuu seeraa sanas daʼeesse.
22 Posuit et mensam in tabernaculo testimonii ad plagam septentrionalem extra velum,
Museenis minjaala sana gama kaaba dunkaana qulqulluutiin dunkaana wal gaʼii keessa golgaa sanaan ala kaaʼe.
23 ordinatis coram propositionis panibus, sicut præceperat Dominus Moysi.
Akkuma Waaqayyo isa ajajettis fuula Waaqayyoo duratti buddeena achi irra kaaʼe.
24 Posuit et candelabrum in tabernaculo testimonii e regione mensæ in parte australi,
Baattuu ibsaa immoo gama kibbaa dunkaana qulqulluutiin dunkaana wal gaʼii keessa fuullee minjaalaatiin kaaʼe.
25 locatis per ordinem lucernis, juxta præceptum Domini.
Akkuma Waaqayyo isa ajajettis ibsaawwan sana fuula Waaqayyoo dura dhadhaabe.
26 Posuit et altare aureum sub tecto testimonii contra velum,
Museenis iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame sana fuula golgaa duraan dunkaana wal gaʼii keessa dhaabe.
27 et adolevit super eo incensum aromatum, sicut jusserat Dominus Moysi.
Akkuma Waaqayyo isa ajajettis ixaana urgaaʼaa isa irratti aarse.
28 Posuit et tentorium in introitu tabernaculi testimonii,
Balbala dunkaana qulqulluu irrattis golgaa fannise.
29 et altare holocausti in vestibulo testimonii, offerens in eo holocaustum, et sacrificia, ut Dominus imperaverat.
Inni akkuma Waaqayyo isa ajajetti iddoo aarsaa qalma gubamuu sana balbala dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii bira dhaabee qalma gubamuu fi kennaa midhaanii isa irratti dhiʼeesse.
30 Labrum quoque statuit inter tabernaculum testimonii et altare, implens illud aqua.
Gabatee sanas dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu kaaʼee bishaan dhiqataa itti naqe;
31 Laveruntque Moyses et Aaron ac filii ejus manus suas et pedes,
Museen, Aroonii fi ilmaan Arooniis harka isaaniitii fi miilla isaanii dhiqachuuf itti fayyadamu turan.
32 cum ingrederentur tectum fœderis, et accederent ad altare, sicut præceperat Dominus Moysi.
Isaanis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti yeroo dunkaana wal gaʼii seenan yookaan yeroo iddoo aarsaatti dhiʼaatan hunda ni dhiqatu turan.
33 Erexit et atrium per gyrum tabernaculi et altaris, ducto in introitu ejus tentorio. Postquam omnia perfecta sunt,
Museenis naannoo dunkaana qulqulluutii fi iddoo aarsaatti oobdii hojjetee balbala waltajjichaa irra golgaa dhaabe; akkasiin Museen hojii sana hojjetee fixe.
34 operuit nubes tabernaculum testimonii, et gloria Domini implevit illud.
Ergasiis duumessi dunkaana wal gaʼii haguuge; ulfinni Waaqayyoos dunkaana qulqulluu sana guute.
35 Nec poterat Moyses ingredi tectum fœderis, nube operiente omnia, et majestate Domini coruscante, quia cuncta nubes operuerat.
Museenis sababii duumessi sun dunkaana wal gaʼii irra buʼee fi sababii ulfinni Waaqayyoo dunkaana qulqulluu guuteef dunkaana wal gaʼii seenuu hin dandeenye.
36 Siquando nubes tabernaculum deserebat, proficiscebantur filii Israël per turmas suas:
Israaʼeloonni karaa isaanii hunda keessatti yommuu duumessi dunkaana qulqulluu irraa kaʼu hunda kaʼanii deemsa isaanii itti fufu turan.
37 si pendebat desuper, manebant in eodem loco.
Yoo duumessi irraa kaʼuu baate garuu hamma gaafa duumessi sun irraa kaʼuutti hin deeman ture.
38 Nubes quippe Domini incubabat per diem tabernaculo, et ignis in nocte, videntibus cunctis populis Israël per cunctas mansiones suas.
Kanaafuu karaa isaanii hunda keessatti fuula saba Israaʼel hundaa duratti guyyaa guyyaa duumessi Waaqayyoo dunkaana qulqulluu irra ture; halkan halkan immoo ibiddi duumessa sana keessa ture.

< Exodus 40 >