< Maroma 15 >

1 Linu kwetu tukolete tu swanela ku kutusa bufokoli bu ba fokola, imi ni kusa litabisa tubene.
Nu warri jajjaboo taane, dadhabbii warra dadhaboo baachuu qabna malee ofuma gammachiisuu hin qabnu.
2 Tusiye zumwi ni zumwi kwetu atabise ya bambene naye kwezina zi lotu, ili kuti a zakwe naye.
Tokkoon tokkoon keenya ollaa keenya ijaaruuf, akka isatti toluuf waan isa gammachiisu gochuu qabna.
3 Mi ni heiba Kirisite kena abali tabisi mwine. Nihakubulyo, ibena bo bulyo sina mukuñolelwe, “Matapa abo ba bamituki aba wili hangu.”
Kiristoos iyyuu ofii isaa hin gammachiifneetii; kun garuu akkuma, “Arrabsoon warra si arrabsanii narra gaʼeera” jedhamee barreeffamee dha.
4 Kakuti zonse zi bañoletwe ku masule ziba ñolwa che intaelo zetu, ili kuti che inkulonde ni che insusuwezo ya mañolo tube ni insepo.
Nu akka obsaa fi jajjabina Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii.
5 Linu Ireeza we inkulonde ni insusuwezo a mihe mizezo iswana kuzwilila kwa Jesu Kirisite.
Waaqni obsaa fi jajjabina namaa kennu sun akka isin yaaduma Kiristoos Yesuus qabaate sana walii qabaattan isin haa gargaaru.
6 A pange bulyo ili kuti cha muzezo umwina ni mulomo umwina mutembe Ireeza ni Isi wa Simwine wetu Jesu Kirisite.
Kunis akka isin yaada tokkoo fi afaan tokkoon Waaqaaf, Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiif ulfina kennitaniif.
7 Kuzwaho mutambule zumwi ni zumwi sina Kirisite mwa ba mitambwili, chentumbo ya Ireeza.
Kanaaf akkuma Kiristoos ulfina Waaqaatiif jedhee isin simatetti isinis wal simadhaa.
8 Chingi ni wamba bulyo Kirisite abapangwa buhikana bwa mupato kwi neku lyo buniti bwa Ireeza, cha kwi zuzikiza insepiso zi bahewa ku bazazi,
Kiristoos dhugaa Waaqaatiif jedhee waadaa abbootiif kenname mirkaneessuuf akka tajaajilaa warra dhagna qabatanii taʼe ani isinittin himaatii;
9 mi ku Basikunze ni kuha ikanya kwa Ireeza cha chishemo chakwe. Kwina bulyo sina mu kuñolelwe, “Kuzwaho kanihe ikanya mukati ka Basikunze ni kuzimba intumbo che zina lyako.”
kunis akka Namoonni Ormaa sababii araara isaatiif Waaqa ulfeessaniif. Innis akkuma, “Kanaafuu ani Namoota Ormaa gidduutti sin jajadha; maqaa keetiifis nan faarfadha” jedhamee barreeffamee dha.
10 Hape iti, “Musange, inwe mu Basikunze, ni bantu bakwe.”
Amma illee, “Yaa Namoota Ormaa, isin saba isaa wajjin gammadaa” jedha.
11 Mi hape, “Mutembe Simwine, mubose Basikunze; musiye bantu bonse ba mutembe.”
Amma illee, “Yaa Namoota Ormaa, hundi keessan Gooftaa jajadhaa; namoonni hundinuus faarfannaadhaan isa leellisaa” jedha.
12 Hape, Isaya uti, “Kakube ni muhisi wa Jese, mi iye yesa buke ku yendisa hewulu li Basikunze. Basikunze ka babe ni insepo mwali.”
Akkasumas Isaayyaas, “Hiddi Isseey kan saboota bulchuuf kaʼu tokko ni dhufa; Namoonni Ormaas isa abdatu” jedha.
13 Linu Ireeza we insepo amizuze kusanga ni inkozo yonse cha ku zumina, ili kuti mube ni ku kwatinsana munsepo, cha ziho zo Luhuho Lujolola.
Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.
14 Name ni mwine ni zuwisisa chenu, ba mwangu. Ni zuwisisa kuti nanwe bulyo mwi zwile bulotu, kwizula inzibo yonse. Ni zuwisisa kuti nanwe bulyo muwola kuli nyemuna zumwi ni zumwi.
Yaa obboloota ko, isin ofii keessanii akka gaarummaadhaan guutuu taatan, akka beekumsaan guutamtanii fi akka wal gorsuu dandeessan ani iyyuu hubadheera.
15 Kono ni miñolela cha bundume bungi kwenu cha zintu zimwi ili ku mihupulisa hape, chebaka lye mpo ibahewa ime cha Ireeza.
Ani sababii ayyaana Waaqni naaf kenneetiif waan tokko tokko isin yaadachiisuuf jedhee ija jabinaan isinii barreesseera;
16 Iyi mpo ibali kuti ni swanela ku ba ni muhikana wa Jesu Kirisite yo tumitwe ku Basikunze, kuha sina mupurisita ivangeli ya Ireeza. Ni swanela kutenda bulyo ili kuti inubu i Basikunze pona chi itambulwa, ku jolozwa cha Luhuho Lujolola.
kunis akka Namoonni Ormaa Hafuura Qulqulluun Qulqulleeffamanii fuula Waaqaa duratti aarsaa fudhatama qabu taʼanii fi akka ani lubummaa wangeela Waaqaa lallabuutiin Namoota Ormaatiif tajaajilaa Kiristoos Yesuus taʼuuf.
17 Imi kusanga kwangu kwina mwa Jesu Kirisite ni muzintu za Ireeza.
Kanaafuu ani Waaqa tajaajiluu kootiin Kiristoos Yesuusiin nan boona.
18 Njikuti kese ni wambe chimwi kwande yecho Kirisite cha ba maniselezi kuzwa kwangu cha ku kuteka ku Basikunze. Izi zintu zitendwa cha linzwii ni mutendo,
Ani waan Kiristoos waan ani jedhee fi hojjedheen akka Namoonni Ormaa Waaqaaf ajajaman gochuudhaan karaa kootiin raawwateen alatti homaa dubbachuuf ija hin jabaadhu;
19 cha ziho za zisupo ni zikomokisa, ni cha ziho za Luhuho Lujolola. Ichi chi bapangahali bulyo kuti kuzwa mwa Jerusalema, mi ni kuzimbuluka umo mane ku kasika kwa Iliriko, ili kuti niwole kutwala linzwi lya Kirisite cho kwizula.
kunis humna mallattoo fi dinqiitiin, humna Hafuura Qulqulluutiinis raawwatame. Kanaafuu ani Yerusaalemii jalqabee naannaʼuun hamma Ilwaariqoonitti guutummaatti wangeela Kiristoos lallabeera.
20 Che iyi nzila, intakazo yangu ibali ya kuwamba ivangeli, kono isiñi kwe zibitwe Kirisite chezina, ili kuti kanzi ni zaki hewulu lya mutomo wa zumwi muntu.
Ani akka hundee namni biraa buuse irratti hin ijaarreef lafa Kiristoos itti hin beekaminitti wangeela lallabuuf yeroo hunda tattaaffadheera.
21 Mukwikalile sina mu kuñolwe: “Abo kubali basena ba ba wambilwe zakwe mwize mu mubone, mi nabo basena ba bazuwi kaba zuwe.”
Kunis isa, “Warri waaʼeen isaa itti hin himamin ni argu; warri hin dhagaʼinis ni hubatu” jedhamee barreeffamee dha.
22 Kuzwaho ni ba kaniswa tungi kukwiza kwenu.
Anis kan yeroo baayʼee gara keessan dhufuu dhowwameef kanuma.
23 Kono hanu, ka nisina chibaka mwezi zikiliti, mi ni ba lyolelwe cha zillimo zingi kwiza kwenu.
Amma garuu naannoowwan kanneenitti iddoon itti hojjedhu waan hin jirree fi anis waan isin arguuf waggaa baayʼee hawwaa tureef,
24 Monse muniyendela kwa Sipeini, ni sepa ku mibona ha nihita, mi ni ku nisindikizwa munzila chenu, hani mana ku likola kuli kopanya nanwe che nako zana.
yeroo Isphaaniyaa dhaqu isinitti goruu nan yaada. Anis yeroo achi irra darbu erga isin argee xinnoo isin wajjin gammadee booddee akka imala koo irratti na gargaartan nan abdadha.
25 Kono hanu ni kaya kwa Jerusalema kuka tendela ba zumine.
Amma garuu ani qulqulloota tajaajiluuf Yerusaalem dhaquuttin jira.
26 Sina hakubali kulotu ku tabisa kwa Masedonia ni Akaya kuha chimwi ku basena mukati ka bazumine mwa Jerusalema.
Warri Maqedooniyaatii fi Akaayaa qulqulloota Yerusaalem jiraatan keessaa kanneen hiyyeeyyii taʼaniif buusii gochuutti gammadaniiruutii.
27 Eee, ku bali kutabiswa kwabo, imi, luli, cho kuti ba bali ku bakolota. Mi heiba Basikunze ba bali abeli muzintu zabo za luhuho, ba bakolota nabo cha ku batenda muzintu zi boneka.
Isaan waan kana gochuuf ni gammadan; dhugumaanuu waan kana isaaniif gochuun dirqama isaanii ti. Namoonni Ormaa erga eebba hafuuraa Yihuudoota irraa qooddatanii, eebba isaanii kan foonii immoo Yihuudootaaf qooduun dirqama isaanii ti.
28 Kuzwaho, ha ni mana uwu mutendo ni ku bona kuti batambula zonse zi baletwa, ka ni yende kwa Sipeini ni ku mipotela hani hita.
Kanaaf ani ergan waan kana raawwadhee, akka isaan buusii kana fudhatan mirkaneeffadhee booddee goree isin ilaalee Isphaaniyaa nan dhaqa.
29 Nizi kuti ha nikeza kwenu kani ni ze mu kwizula che mbuyoti ya Kirisite
Ani yommuu gara keessan dhufu akka eebba Kiristoosiin guutamee dhufu nan beeka.
30 Hanu ni mi susuweza, ba mwangu, cha Simwine wetu Jesu Kirisite, imi ni chelato lya Luhuho, kuti mulike hahulu mubonse name mwi intampelo kwa Ireeza changu.
Yaa obboloota, akka isin kadhannaa Waaqa kadhattan keessatti naaf kadhachuudhaan na wajjin dhamaatan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin, jaalala Hafuura Qulqulluutiinis isinin kadhadha.
31 Mulapele kuti ni bukelezwe kwa bana basa kuteki mwa Judea, ili kuti kutenda kwangu mwa Jerusalema ku tambulwe ku bazumine.
Akka ani namoota Yihuudaa keessa jiraatan kanneen hin amanin jalaa baʼuu fi akka tajaajilli koos Yerusaalem keessatti qulqulloota achi jiraatan biratti fudhatama argatu naaf kadhadhaa;
32 Mulapele kuti ni ze kwenu che intabo che intato ya Ireeza, ili kuti Ime, hamwina nanwe, ni wane impumulo.
kunis akka ani fedhii Waaqaatiin, gammachuudhaan isin bira dhufee isin wajjin boqodhuuf.
33 Mi Ireeza we inkozo abe nanwe mubonse. Amen.
Waaqni nagaa hunduma keessan wajjin haa taʼu. Ameen.

< Maroma 15 >