< コリント人への手紙第一 4 >

1 こういうわけで、私たちを、キリストのしもべ、また神の奥義の管理者だと考えなさい。
Kanaafuu namni akka tajaajiltoota Kiristoosii fi akka warra icciitiin Waaqaa imaanaa itti kennameetti nu ilaaluu qaba.
2 このばあい、管理者には、忠実であることが要求されます。
Warra imaanaan itti kenname sanas amanamoo taʼuutu irraa eegama.
3 しかし、私にとっては、あなたがたによる判定、あるいは、およそ人間による判決を受けることは、非常に小さなことです。事実、私は自分で自分をさばくことさえしません。
Yoo isiniin yookaan nama kaaniin natti murame ani homaattuu hin lakkaaʼu; dhugumaan anuu ofitti hin muru.
4 私にはやましいことは少しもありませんが、だからといって、それで無罪とされるのではありません。私をさばく方は主です。
Yaadni garaa koo qulqulluu dha; kun garuu qulqullina koo hin mirkaneessu. Kan natti muru Gooftaa dha.
5 ですから、あなたがたは、主が来られるまでは、何についても、先走ったさばきをしてはいけません。主は、やみの中に隠れた事も明るみに出し、心の中のはかりごとも明らかにされます。そのとき、神から各人に対する称賛が届くのです。
Kanaafuu isin utuu yeroon murteeffame sun hin gaʼin murtii tokko iyyuu hin kenninaa; hamma Gooftaan dhufutti eegaa. Inni waan dukkana keessatti dhokfame ifatti ni baasa; hawwii garaa namaas ni mulʼisa. Yeroo sana namni hundinuu Waaqa biraa galata ni argata.
6 さて、兄弟たち。以上、私は、私自身とアポロに当てはめて、あなたがたのために言って来ました。それは、あなたがたが、私たちの例によって、「書かれていることを越えない。」ことを学ぶため、そして、一方にくみし、他方に反対して高慢にならないためです。
Egaa yaa obboloota, ani akka isin jechi, “Waan barreeffame irra hin darbin” jedhu sun maal jechuu akka taʼe nurraa barattaniif buʼaa keessaniif jedhee waan kana hunda Apholoosii fi ofii kootti fakkeesseera; kunis akka isin nama tokko isa kaan caalchiftanii hin koorreef.
7 いったいだれが、あなたをすぐれた者と認めるのですか。あなたには、何か、もらったものでないものがあるのですか。もしもらったのなら、なぜ、もらっていないかのように誇るのですか。
Eenyutu akka ati warra kaan caaltu si godhe? Wanni Waaqni siif hin kennin kan ati qabdu maal faatu jira? Erga siif kennamee immoo akka waan kennaa hin taʼiniitti maaliif boonta ree?
8 あなたがたは、もう満ち足りています。もう豊かになっています。私たち抜きで、王さまになっています。いっそのこと、あなたがたがほんとうに王さまになっていたらよかったのです。そうすれば、私たちも、あなたがたといっしょに王になれたでしょうに。
Amma isin waan barbaaddan hundumaa argattaniirtu! Sooromtaniirtus! Nurraa gargar baatanii mootota taataniirtu! Nus akka isin wajjin mootota taanuuf utuu isin mootota taatanii ani akkaman hawwa ture!
9 私は、こう思います。神は私たち使徒を、死罪に決まった者のように、行列のしんがりとして引き出されました。こうして私たちは、御使いにも人々にも、この世の見せ物になったのです。
Waaqni, nu ergamoota akka namoota duuti itti murtaaʼeetti waan dhuma hiriiraa nu taasise natti fakkaataatii. Nu addunyaa duratti, ergamootaa fi namoota durattis waan daawwatamu taaneerra.
10 私たちはキリストのために愚かな者ですが、あなたがたはキリストにあって賢い者です。私たちは弱いが、あなたがたは強いのです。あなたがたは栄誉を持っているが、私たちは卑しめられています。
Nu Kiristoosiif jennee gowwoota; isin garuu Kiristoosiin ogeeyyii dha! Nu dadhaboo dha; isin immoo jajjabeeyyii dha! Isin kabajamtoota; nu immoo tuffatamtoota!
11 今に至るまで、私たちは飢え、渇き、着る物もなく、虐待され、落ち着く先もありません。
Hamma saʼaatii ammaatti ni beelofna; ni dheebonna; ni daarra; ni reebamna; mana jireenyaas hin qabnu.
12 また、私たちは苦労して自分の手で働いています。はずかしめられるときにも祝福し、迫害されるときにも耐え忍び、
Harkuma keenyaan hojjechuudhaanis ni dadhabna. Yommuu abaaramnu ni eebbifna; yommuu ariʼatamnus ni obsina.
13 ののしられるときには、慰めのことばをかけます。今でも、私たちはこの世のちり、あらゆるもののかすです。
Yommuu arrabsamnu, waan gaarii deebifna; hamma yeroo kanaattis xurii lafaatii fi kosii addunyaa taaneerra.
14 私がこう書くのは、あなたがたをはずかしめるためではなく、愛する私の子どもとして、さとすためです。
Kanas isinii barreessuun koo akka ijoollee koo kanneen jaallatamaniitti isin gorsuudhaaf malee isin qaanessuuf miti.
15 たといあなたがたに、キリストにある養育係が一万人あろうとも、父は多くあるはずがありません。この私が福音によって、キリスト・イエスにあって、あなたがたを生んだのです。
Isin yoo karaa Kiristoosiin guddiftoota kuma kudhan qabaattan iyyuu, abbootii baayʼee hin qabdan; ani Kiristoos Yesuusiin karaa wangeelaatiin abbaa keessan taʼeeraatii.
16 ですから、私はあなたがたに勧めます。どうか、私にならう者となってください。
Kanaaf ani akka isin fakkeenya koo duukaa buutan isinan kadhadha.
17 そのために、私はあなたがたのところへテモテを送りました。テモテは主にあって私の愛する、忠実な子です。彼は、私が至る所のすべての教会で教えているとおりに、キリスト・イエスにある私の生き方を、あなたがたに思い起こさせてくれるでしょう。
Sababii kanaafis ani ilma koo isan jaalladhu, kan Gooftaattis amanamaa taʼe Xiimotewosin gara keessanitti ergeera. Innis haala jireenya koo kan ani Kiristoos Yesuusiin argadhe kan waan ani iddoo hundatti waldaa kiristaanaa hunda keessatti barsiisu wajjin deemu sana isin yaadachiisa.
18 私があなたがたのところへ行くことはあるまいと、思い上がっている人たちがいます。
Isin keessaa namoonni tokko tokko waan ani gara keessan hin dhufne seʼanii of tuulanii jiru.
19 しかし、主のみこころであれば、すぐにもあなたがたのところへ行きます。そして、思い上がっている人たちの、ことばではなく、力を見せてもらいましょう。
Yoo fedhii Waaqaa taʼe garuu ani dafee gara keessan nan dhufa; ergasii waan of tuultonni kunneen dubbatan qofa utuu hin taʼin humna isaan qabanis beekuu nan barbaada.
20 神の国はことばにはなく、力にあるのです。
Mootummaan Waaqaa humnaan malee dubbiidhaan miti.
21 あなたがたはどちらを望むのですか。私はあなたがたのところへむちを持って行きましょうか。それとも、愛と優しい心で行きましょうか。
Isin maal barbaaddu? Ani ulee qabadhee moo jaalalaa fi hafuura gad of qabuutiin gara keessan dhufa?

< コリント人への手紙第一 4 >