< 詩篇 26 >

1 ダビデの歌 主よ、わたしをさばいてください。わたしは誠実に歩み、迷うことなく主に信頼しています。
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, sababii ani jireenya hirʼina hin qabne jiraadheef, ati naa murteessi; anis utuu asii fi achi hin raafamin, Waaqayyoon amanadheera.
2 主よ、わたしをためし、わたしを試み、わたしの心と思いとを練りきよめてください。
Yaa Waaqayyo, qoriitii na ilaali; garaa koo fi qalbii koo qori;
3 あなたのいつくしみはわたしの目の前にあり、わたしはあなたのまことによって歩みました。
jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii; anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa.
4 わたしは偽る人々と共にすわらず、偽善者と交わらず、
Ani warra nama gowwoomsan wajjin hin taaʼu, yookaan fakkeessitoota wajjin tokkummaa hin qabaadhu;
5 悪を行う者のつどいを憎み、悪しき者と共にすわることをしません。
ani waldaa warra hammina hojjetanii nan jibba; hamoota wajjinis hin taaʼu.
6 主よ、わたしは手を洗って、罪のないことを示し、あなたの祭壇をめぐって、
Yaa Waaqayyo, ani harka koo qulqullummaadhaan nan dhiqadha; iddoo aarsaa keetii irras nan naannaʼa.
7 感謝の歌を声高くうたい、あなたのくすしきみわざをことごとくのべ伝えます。
Faarfannaa galataa guddisee nan faarfadha; dinqii hojii keetii hunda nan odeessa.
8 主よ、わたしはあなたの住まわれる家と、あなたの栄光のとどまる所とを愛します。
Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu, iddoo ulfinni kee jirus nan jaalladha.
9 どうか、わたしを罪びとと共に、わたしのいのちを、血を流す人々と共に、取り去らないでください。
Lubbuu koo cubbamoota wajjin, jireenya koos warra dhiiga dhangalaasan wajjin hin balleessin;
10 彼らの手には悪い企てがあり、彼らの右の手は、まいないで満ちています。
warra harka isaanii keessa karoorri jalʼinaa jiru kanneen harki isaanii mirgaa mattaʼaadhaan guutame wajjin na hin balleessin.
11 しかしわたしは誠実に歩みます。わたしをあがない、わたしをあわれんでください。
Ani garuu jireenya hirʼina hin qabne nan jiraadha; ati na furi; araaras naa buusi.
12 わたしの足は平らかな所に立っています。わたしは会衆のなかで主をたたえましょう。
Miilli koo lafa wal qixxee irra dhaabata; waldaa guddaa keessattis Waaqayyoon nan jajadha.

< 詩篇 26 >