< 箴言 知恵の泉 29 >

1 しばしばしかられても、なおかたくなな者は、たちまち打ち敗られて助かることはない。
Namni ifannaa baayʼee booddee mataa jabaatu kam iyyuu akkuma tasaa caba; hin fayyus.
2 正しい者が権力を得れば民は喜び、悪しき者が治めるとき、民はうめき苦しむ。
Yommuu namni qajeelaan aangoo qabatutti, sabni ni ililcha; yommuu namni hamaan bulchu garuu sabni ni guunguma.
3 知恵を愛する人はその父を喜ばせ、遊女に交わる者はその資産を浪費する。
Namni ogummaa jaallatu abbaa isaa gammachiisa; miiltoon sagaagaltuu garuu qabeenya isaa barbadeessa.
4 王は公儀をもって国を堅くする、しかし、重税を取り立てる者はこれを滅ぼす。
Mootiin murtii qajeelaadhaan biyyaaf nagaa buusa; kan mattaʼaaf gaggabu immoo biyya gargar qoqqooda.
5 その隣り人にへつらう者は、彼の足の前に網を張る。
Namni ollaa isaa jaju, miilluma isaatiif kiyyoo kaaʼa.
6 悪人は自分の罪のわなに陥る、しかし正しい人は喜び楽しむ。
Namni hamaan cubbuu ofii isaatiin qabama; qajeelaan garuu ni faarfata; ni ililchas.
7 正しい人は貧しい者の訴えをかえりみる、悪しき人はそれを知ろうとはしない。
Namni qajeelaan mirga hiyyeessaatiif dhaabata; namni hamaan garuu dhimma akkanaa hin qabu.
8 あざける人は町を乱し、知恵ある者は怒りを静める。
Qoostonni magaalaa jeequ; ogeeyyiin garuu aarii qabbaneessu.
9 知恵ある人が愚かな人と争うと、愚かな者はただ怒り、あるいは笑って、休むことがない。
Yoo ogeessi gowwaa wajjin mana murtii dhaqe, gowwaan sun ni aara yookaan ni kolfa; nagaanis hin jiraatu.
10 血に飢えている人は罪のない者を憎む、悪しき者は彼の命を求める。
Namoonni dhiiga dheebotan, nama amanamaa jibbu; nama tolaas ajjeesuu barbaadu.
11 愚かな者は怒りをことごとく表わし、知恵ある者は静かにこれをおさえる。
Gowwaan guutumaan guutuutti aariitti of kenna; ogeessi garuu of qaba.
12 もし治める者が偽りの言葉に聞くならば、その役人らはみな悪くなる。
Yoo bulchaan tokko soba dhaggeeffate, qondaaltonni isaa hundi ni hammaatu.
13 貧しい者と、しえたげる者とは共に世におる、主は彼ら両者の目に光を与えられる。
Hiyyeessaa fi namni nama cunqursu waan kanaan wal fakkaatu: Waaqayyo ija lachan isaaniitiifuu agartuu kenna.
14 もし王が貧しい者を公平にさばくならば、その位はいつまでも堅く立つ。
Yoo mootiin tokko wal qixxummaadhaan hiyyeeyyiif murtii kenne, teessoon isaa bara baraan jabaatee dhaabata.
15 むちと戒めとは知恵を与える、わがままにさせた子はその母に恥をもたらす。
Ulee fi ifannaan ogummaa kennu; daaʼimni akkasumatti gad dhiifame garuu haadha isaa salphisa.
16 悪しき者が権力を得ると罪も増す、正しい者は彼らの倒れるのを見る。
Yommuu hamoonni aangoo qabatan, cubbuutu baayʼata; qajeeltonni garuu kufaatii jaraa argu.
17 あなたの子を懲しめよ、そうすれば彼はあなたを安らかにし、またあなたの心に喜びを与える。
Ilma kee adabadhu, inni nagaa siif kenna; lubbuu kees ni gammachiisa.
18 預言がなければ民はわがままにふるまう、しかし律法を守る者はさいわいである。
Iddoo mulʼanni hin jirretti sabni gad dhiisii taʼa; namni seera eegu garuu eebbifamaa dha.
19 しもべは言葉だけで訓練することはできない、彼は聞いて知っても、心にとめないからである。
Garbichi dubbii afaanii qofaan hin sirreeffamu; inni yoo hubate illee deebii hin kennuutii.
20 言葉の軽率な人を見るか、彼よりもかえって愚かな者のほうに望みがある。
Ati nama jarjarsuun dubbatu argitee? Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.
21 しもべをその幼い時からわがままに育てる人は、ついにはそれを自分のあとつぎにする。
Nama garbicha ofii isaa ijoollummaa isaatii jalqabee qanansiisu, galgalli isaa rakkina.
22 怒る人は争いを起し、憤る人は多くの罪を犯す。
Namni aaru lola kakaasa; kan dafee aarus cubbuu hedduu hojjeta.
23 人の高ぶりはその人を低くし、心にへりくだる者は誉を得る。
Of tuulummaan namaa isuma gad deebisa; namni hafuuraan gad of qabu garuu ulfina argata.
24 盗びとにくみする者は自分の魂を憎む、彼はのろいを聞いても何事をも口外しない。
Namni hattuu wajjin qooddatu lubbuu ofii isaa jibba; inni ni kakata; garuu waan tokko illee hin himu.
25 人を恐れると、わなに陥る、主に信頼する者は安らかである。
Nama sodaachuun kiyyoo namatti taʼa; kan Waaqayyoon amanatu garuu nagaadhaan jiraata.
26 治める者の歓心を得ようとする人は多い、しかし人の事を定めるのは主による。
Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada; murtiin qajeelaan garuu Waaqayyo biraa dhufa.
27 正しい人は不正を行う人を憎み、悪しき者は正しく歩む人を憎む。
Qajeelaan sobduu xireeffata; hamaan immoo nama tolaa jibba.

< 箴言 知恵の泉 29 >