< エレミヤ書 5 >

1 エルサレムのちまたを行きめぐり、見て、知るがよい。その広場を尋ねて、公平を行い、真実を求める者が、ひとりでもあるか捜してみよ。あれば、わたしはエルサレムをゆるす。
“Daandiiwwan Yerusaalem irra olii gadi deddeebiʼaa; asii fi achi ilaalaatii qalbeeffadhaa; oobdiiwwan ishee sakattaʼaa. Isin yoo nama waan qajeelaa hojjetu, kan dhugaa barbaadu tokko illee argattan ani magaalaa kanaaf dhiifama nan godha.
2 彼らは、「主は生きておられる」と言うけれども、実は、偽って誓うのだ。
Isaan utuma ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jedhanuu amma iyyuu sobaan kakatu.”
3 主よ、あなたの目は、真実を顧みられるではありませんか。あなたが彼らを打たれても、痛みを覚えず、彼らを滅ぼされても、懲しめを受けることを拒み、その顔を岩よりも堅くして、悔い改めることを拒みました。
Yaa Waaqayyo, iji kee dhugaa hin barbaaduu? Ati isaan dhoofte; garuu isaan hin dhukkubne; ati isaan caccabsite; isaan garuu sirreeffamuu didan. Isaan dhagaa caalaa mataa jabaatanii qalbii jijjiirrachuu didan.
4 それで、わたしは言った、「これらはただ貧しい愚かな人々で、主の道と、神のおきてを知りません。
Anis akkana jedheen yaade; “Jarri kunneen hiyyeeyyii dha; isaan gowwoota; isaan karaa Waaqayyoo, seera Waaqa isaanii hin beekaniitii.
5 わたしは偉い人たちの所へ行って、彼らに語ります。彼らは主の道を知り、神のおきてを知っています」。ところが、彼らも皆おなじように、くびきを折り、なわめを断っていた。
Kanaafuu ani hangafoota bira dhaqee isaanitti nan dubbadha; dhugumaan isaan karaa Waaqayyoo, seera Waaqa isaanis ni beeku.” Isaanis akkasuma waanjoo of irraa caccabsanii hidhaas of irraa kukkutaniiru.
6 それゆえ林から、ししが出てきて彼らを殺し、荒野から、おおかみが出てきて彼らを滅ぼす。ひょうは彼らの町々をねらっている。そこから出る者はみな裂かれる。彼らの罪が多く、その背信がはなはだしいからである。
Kanaafuu leenci bosonaa baʼee isaan nyaata; yeeyyiin gammoojjiis dhufee isaan balleessa; qeerransi warra gad baʼan ciccirachuuf magaalaawwan isaanii biratti riphee eeggata; fincilli isaanii akka malee guddate; duubatti deebiʼuun isaaniis baayʼateeraatii.
7 「わたしはどうしてあなたを、ゆるすことができようか。あなたの子どもらは、わたしを捨てさり、神でもないものをさして誓った。わたしが彼らを満ち足らせた時、彼らは姦淫を行い、遊女の家に群れ集まった。
“Ani akkamiinan dhiifama isiniif gochuu dandaʼa? Ijoolleen kee na dhiisanii waaqota waaqota hin taʼiniin kakataniiru. Ani waan isaaniif barbaachisu hunda kenneefiin ture; isaan garuu ni ejjan; gara manneen sagaagaltuuwwaniitis gugatan.
8 彼らは肥え太った丈夫な雄馬のように、おのおの、いなないて隣の妻を慕う。
Isaan korommii fardeenii kanneen akka gaariitti sooramanii dha; tokkoon tokkoon isaanii niitii namaatti himimsu.
9 わたしはこれらの事のために彼らを罰しないでいられようか。このような国民にあだを返さないであろうか」と主は言われる。
Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree?” jedha Waaqayyo. “Ani mataan koo saba akka saba kanaa haaloo hin baʼuu?
10 「あなたがたはユダのぶどうの並み木の間を、のぼって行って、滅ぼせ、ただ、ことごとく滅ぼしてはならない。その枝を切り除け、主のものではないからである。
“Dallaa dhagaa isheetti ol baʼaatii balleessaa; garuu guutumaan guutuutti miti. Dameewwan ishee irraa ciraa; sabni kun saba Waaqayyoo miti.
11 イスラエルの家とユダの家とはわたしにまったく不信であった」と主は言われる。
Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa, guutumaan guutuutti anaaf hin amanamne” jedha Waaqayyo.
12 「彼らは主について偽り語って言った、『主は何事もなされない、災はわれわれに来ない、またつるぎや、ききんを見ることはない。
Isaan waaʼee Waaqayyoo soba dubbatan; akkanas jedhan; “Inni homaa hin godhu! Miidhaan tokko iyyuu nutti hin dhufu; goraadee yookaan beela hin arginu.
13 預言者らは風となり、彼らのうちに言葉はない。彼らはこのようになる』と」。
Raajonni bubbee malee homaa miti; dubbiin isaan keessa hin jiru; wanni isaan dubbatan isaanumatti haa deebiʼu.”
14 それゆえ万軍の神、主はこう言われる、「彼らがこの言葉を語ったので、見よ、わたしはあなたの口にあるわたしの言葉を火とし、この民をたきぎとする。火は彼らを焼き尽す」。
Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Sabni kun waan dubbii kana dubbateef, ani dubbii koo afaan kee keessatti ibidda, saba kana immoo qoraan ibiddi gubu nan godha.
15 主は言われる、「イスラエルの家よ、見よ、わたしは遠い国の民をあなたがたのところに攻めこさせる。その国は長く続く国、古い国で、あなたがたはその国の言葉を知らず、人々の語るのを悟ることもできない。
Yaa mana Israaʼel,” jedha Waaqayyo; “Ani saba duriitii fi jabaa, saba ati afaan isaa hin beekne, kan ati dubbii isaa illee hin hubanne tokko biyya fagoodhaa sitti nan fida.
16 その箙は開いた墓のようであり、彼らはみな勇士である。
Manʼeen xiyya isaanii akkuma awwaala banamaa ti; hundi isaaniis loltoota jajjaboo dha.
17 彼らはあなたが刈り入れた物と、あなたの糧食とを食い尽し、あなたのむすこ娘を食い尽し、あなたの羊と牛を食い尽し、あなたのぶどうの木といちじくの木を食い尽し、またつるぎをもって、あなたが頼みとする堅固な町々を滅ぼす」。
Isaan midhaan keetii fi buddeena kee ni nyaatu; ilmaan keetii fi intallan kee ni ajjeesu; bushaayee fi loon kee ni nyaatu; wayinii keetii fi mukkeen harbuu keetii ni nyaatu. Magaalaawwan dallaa jabaa qaban kanneen ati amanatte sana goraadeedhaan barbadeessu.
18 主は言われる、「しかしその時でも、わたしはことごとくはあなたを滅ぼさない。
“Taʼus ani bara sana keessa iyyuu guutumaan guutuutti isin hin balleessu” jedha Waaqayyo.
19 あなたの民が、『どうしてわれわれの神、主はこれらのすべての事をわれわれになされたのか』と言うならば、あなたは彼らに答えなければならない、『あなたがたがわたしを捨てて、自分の地で異なる神々に仕えたように、あなたがたは自分のものでない地で異邦の人に仕えるようになる』と」。
“Yommuu namoonni, ‘Waaqayyo Waaqni keenya maaliif waan kana hunda nutti fide?’ jedhanii gaafatanitti, ati, ‘Isin akkuma na dhiiftanii biyya keessan keessatti waaqota ormaa tajaajiltan sana, ammas biyya kan mataa keessanii hin taʼin keessatti ormoota ni tajaajiltu’ jettee isaanitti himta.
20 これをヤコブの家にのべ、またユダに示して言え、
“Waan kana mana Yaaqoobitti himaa; Yihuudaa keessattis labsaa:
21 「愚かで、悟りもなく、目があっても見えず、耳があっても聞えない民よ、これを聞け。
Isin uummanni gowwaan hubannaa hin qabne, warri utuu ija qabdanuu hin argine kanneen utuu gurra qabdanuu hin dhageenye waan kana dhagaʼa.
22 主は言われる、あなたがたはわたしを恐れないのか、わたしの前におののかないのか。わたしは砂を置いて海の境とし、これを永遠の限界として、越えることができないようにした。波はさかまいても、勝つことはできない、鳴りわたっても、これを越えることはできない。
Isin na hin sodaattanii?” jedha Waaqayyo. “Fuula koo duratti hin hollattanii? Ani galaanaaf cirracha daarii dallaa bara baraa kan inni qaxxaamuruu hin dandeenye godhee tolcheera. Dhaʼaan galaanaa yoo itti buʼe iyyuu isa diiguu hin dandaʼu; galaanichi yoo huurse iyyuu, isa cabsee darbuu hin dandaʼu.
23 ところが、この民には強情な、そむく心があり、彼らはわき道にそれて、去ってしまった。
Sabni kun garuu mata jabeessaa fi fincilaa dha; innis karaa irraa jalʼatee badeera.
24 彼らは『われわれに雨を与え、秋の雨と春の雨を時にしたがって降らせ、われわれのために刈入れの時を定められたわれわれの神、主を恐れよう』とその心のうちに言わないのだ。
Isaan garaa isaaniitti akkana hin jedhan; ‘Kottaa Waaqayyo Waaqa keenya isa bokkaa arfaasaatii fi bokkaa birraa waqtiidhaan kennu, isa torbanoota itti midhaan walitti qabannu yeroo isaaniitti nuu kennu sana haa sodaannu.’
25 あなたがたのとがは、これらの事をしりぞけ、あなたがたの罪は、良い物があなたがたに来るのをさまたげた。
Balleessaan keessan waan kana isin irraa deebiseera; cubbuun keessan waan gaarii isin dhabsiiseera.
26 わが民のうちには悪い者があって、鳥をとる人のように身をかがめてうかがい、わなを置いて人を捕える。
“Saba koo gidduu namoota hamoo akka warra nama qabuuf kiyyoo kaaʼaniitti, akkuma nama kiyyoon simbirroo qabuutti riphanii eeggatantu jira.
27 かごに鳥が満ちているように、彼らの家は不義の宝で満ちている。それゆえ、彼らは大いなる者、裕福な者となり、
Akkuma manʼeen simbiraan guutamu, manneen isaanii sobaan guutamu; isaanis sooreyyii fi jajjaboo taʼanii,
28 肥えて、つやがあり、その悪しき行いには際限がない。彼らは公正に、みなしごの訴えをさばいて、それを助けようとはせず、また貧しい人の訴えをさばかない。
gabbatanii bareedaniiru; hamminni isaanii dhuma hin qabu; isaan murtii qajeelaa hin barbaadan. Isaan dhimma ijoollee abbaa hin qabneetiif hin falman; mirga hiyyeeyyiitiifis hin dhaabatan.
29 主は言われる、わたしはこのような事のために、彼らを罰しないであろうか。わたしはこのような民に、あだを返さないであろうか」。
Ani waan kanaaf isaan hin adabuu?” jedha Waaqayyo. “Ani saba akkasii haaloo hin baafadhuu?
30 驚くべきこと、恐るべきことがこの地に起っている。
“Wanni suukaneessaan nama rifachiisu tokko biyyattii keessatti taʼeera:
31 預言者は偽って預言し、祭司は自分の手によって治め、わが民はこのようにすることを愛している。しかしあなたがたはその終りにはどうするつもりか。
Raajonni raajii sobaa dubbatu; luboonni humnuma isaaniitiin biyya bulchu; sabni koos waan akkasii jaallata; isin garuu dhuma irratti maal gochuuf jirtu?

< エレミヤ書 5 >