< ハバクク書 1 >

1 預言者ハバククが見た神の託宣。
Raajii Anbaaqoom raajichi arge.
2 主よ、わたしが呼んでいるのに、いつまであなたは聞きいれて下さらないのか。わたしはあなたに「暴虐がある」と訴えたが、あなたは助けて下さらないのか。
Yaa Waaqayyo, ani hamma yoomiittin gargaarsaaf sitti iyyadha? Ati garuu na hin dhaggeeffattu; yookaan ani hamma yoomiitti, “Goolii!” jedhee sitti booʼee ati garuu na hin oolchitu?
3 あなたは何ゆえ、わたしによこしまを見せ、何ゆえ、わたしに災を見せられるのか。略奪と暴虐がわたしの前にあり、また論争があり、闘争も起っている。
Ati maaliif akka ani murtii dabe argu na goota? Ati maaliif balleessaa namaa obsita? Badiisnii fi gooliin fuula koo dura jiru; lollii fi waldhabiinsi baayʼateera.
4 それゆえ、律法はゆるみ、公義は行われず、悪人は義人を囲み、公義は曲げて行われている。
Kanaafuu seerri laamshaʼeera; murtiin qajeelaan dabsameera. Akka murtiin qajeelaan jalʼifamuuf; namoonni hamoon qajeelota marsu.
5 諸国民のうちを望み見て、驚け、そして怪しめ。わたしはあなたがたの日に一つの事をする。人がこの事を知らせても、あなたがたはとうてい信じまい。
“Saboota hubadhaa ilaalaa; akka malees dinqisiifadhaa. Ani bara keessan keessa waan isin yoo isinitti himame illee hin amanne tokko nan hojjedha.
6 見よ、わたしはカルデヤびとを興す。これはたけく、激しい国民であって、地を縦横に行きめぐり、自分たちのものでないすみかを奪う。
Ani warra Baabilon, uummata gara jabeessaa fi ariifataa, kan iddoo jireenya isaa hin taʼin qabachuuf guutummaa lafaa keessa yaaʼu sana nan kaasa.
7 これはきびしく、恐ろしく、そのさばきと威厳とは彼ら自身から出る。
Isaan saba sodaatamuu fi naasisuu dha; isaan ofii isaaniitiifuu seera; ulfina isaaniis ni guddifatu.
8 その馬はひょうよりも速く、夜のおおかみよりも荒い。その騎兵は威勢よく進む。すなわち、その騎兵は遠い所から来る。彼らは物を食おうと急ぐわしのように飛ぶ。
Fardeen isaanii qeerransa caalaa saffisu; yeeyyii galgalaa caalaa sodaachisu. Namoonni isaanii kanneen farda yaabbatan ariitiidhaan gulufu; abbootiin farda isaaniis fagoodhaa dhufu. Isaan akkuma risaa waa nyaachuuf ariifatuu barrisu;
9 彼らはみな暴虐のために来る。彼らを恐れる恐れが彼らの前を行く。彼らはとりこを砂のように集める。
isaan hundinuu jeequmsaaf dhufu. Tuunni isaanii akkuma bubbee gammoojjii gara fuula duraatti qajeela; namoota hidhamanis akkuma cirrachaa walitti qaba.
10 彼らは王たちを侮り、つかさたちをあざける。彼らはすべての城をあざ笑い、土を積み上げてこれを奪う。
Isaan mootota tuffatanii bulchitootatti qoosu. Daʼannoo hundatti ni kolfu; biyyoos tuulanii isa qabatu.
11 こうして、彼らは風のようになぎ倒して行き過ぎる。彼らは罪深い者で、おのれの力を神となす。
Ergasii namoonni yakka hojjetan kanneen humna isaanii waaqa isaanii godhatan, akka bubbee lafa haxaaʼanii karaa isaanii itti fufu.”
12 わが神、主、わが聖者よ。あなたは永遠からいますかたではありませんか。わたしたちは死んではならない。主よ、あなたは彼らをさばきのために備えられた。岩よ、あなたは彼らを懲しめのために立てられた。
Yaa Waaqayyo, ati bara baraa jalqabdee jirta mitii? Yaa Waaqa ko, yaa Qulqullicha ko, ati gonkumaa hin duutu. Yaa Waaqayyo, ati akka isaan murtii kennaniif isaan muuddeerta; yaa Kattaa ko, ati akka isaan nama adabaniif isaan ramaddeerta.
13 あなたは目が清く、悪を見られない者、また不義を見られない者であるのに、何ゆえ不真実な者に目をとめていられるのですか。悪しき者が自分よりも正しい者を、のみ食らうのに、何ゆえ黙っていられるのですか。
Iji kee akka waan hamaa hin ilaalleef akka malee qulqulluu dha; ati daba argitee obsaan dhiisuu hin dandeessu. Yoos ati maaliif obsaan namoota hamoo ilaalta? Ati maaliif yeroo namoonni hamoon warra isaan caalaa qajeeloo taʼan liqimsanitti calʼistaa?
14 あなたは人を海の魚のようにし、治める者のない這う虫のようにされる。
Ati namoota akka qurxummii galaana keessaa, akka uumamawwan galaanaa kanneen bulchaa hin qabnee gooteerta.
15 彼はつり針でこれをことごとくつり上げ、網でこれを捕え、引き網でこれを集め、こうして彼は喜び楽しむ。
Diinni hokkoodhaan isaan hunda ol baasa; kiyyoo isaatiinis isaan harkisa; kiyyoo isaa keessatti walitti isaan qabata; kanaafuu inni ni gammada; ni ililchas.
16 それゆえ、彼はその網に犠牲をささげ、その引き網に香をたく。これによって彼はぜいたくに暮し、その食物も豊かになるからである。
Inni sababii kiyyoo isaatiin bashannanee nyaata isaa filatamaatti gammaduuf kiyyoo isaatiif aarsaa dhiʼeessa; kiyyoo isaatiif illee ixaana aarsa.
17 それで、彼はいつまでもその網の獲物を取り入れて、無情にも諸国民を殺すのであろうか。
Inni kiyyoo isaa keessaa garagalchuudhaan, gara laafina malee ittuma fufee saboota balleessuu qabaa?

< ハバクク書 1 >