< エゼキエル書 36 >

1 人の子よ、イスラエルの山々に預言して言え。イスラエルの山々よ、主の言葉を聞け。
“Yaa ilma namaa, akkana jedhii tulluuwwan Israaʼeliitiif raaji; ‘Yaa tulluuwwan Israaʼel, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
2 主なる神はこう言われる、敵はあなたがたについて言う、『ああ、昔の高き所が、われわれのものとなった』と。
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Diinni waaʼee keessan, “Ishoo! Iddoowwan ol kaʼoon durii dhuunfaa keenya taʼaniiru” jedhe.’
3 それゆえ、あなたは預言して言え。主なる神はこう言われる、彼らはあなたがたを荒し、四方からあなたがたを打ち滅ぼしたので、あなたがたは他の国民の所有となり、また民の悪いうわさとなった。
Kanaafuu raajiitii akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii isaan qixa hundaan marsanii isin waraananiif, isin saboota kaaniif dhuunfaa taatan; namootaafis waan mammaaksaatii fi waan qoosaa taatan;
4 それゆえ、イスラエルの山々よ、主なる神の言葉を聞け。主なる神は、山と、丘と、くぼ地と、谷と、滅びた荒れ跡と、人の捨てた町々、すなわちその周囲にある諸国民の残った者にかすめられ、あざけられるようになったものに、こう言われる。
kanaafuu yaa tulluuwwan Israaʼel, dubbii Waaqayyo Gooftaa dhagaʼaa: Waaqayyo Gooftaan tulluuwwanii fi gaarraniin, lageenii fi sululawwaniin, onawwan diigamanii fi magaalaawwan duwwaa hafan kanneen saboota naannoo keessan jiraniin saamamanii waan qoosaa taʼaniin akkana jedha:
5 主なる神はこう言われる、わたしはねたみの炎をもって、他の国民とエドム全国とに対して言う、彼らは心ゆくまで喜び、心に誇ってわが地を自分の所有とし、これを奪い、かすめた者である。
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani aarii koo kan bobaʼu sanaan saboota hafanii fi Edoom hunda irratti dubbadheera; isaan gammachuu fi tuffii garaadhaa qabaniin lafa dheeda ishee saamuuf jedhanii biyya koo handhuuraa ofii isaanii godhatan.’
6 それゆえ、あなたはイスラエルの地の事を預言し、山と、丘と、くぼ地と、谷とに言え。主なる神はこう言われる、見よ、あなたがたは諸国民のはずかしめを受けたので、わたしはねたみと怒りとをもって語る。
Kanaafuu waaʼee biyya Israaʼeliif raajii dubbadhuutii tulluuwwanii fi gaarraniin, lageenii fi sululawwaniin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii isin sabootaan tuffatamtaniif, ani hinaaffaa dheekkamsa kootiitiin nan dubbadha.
7 それゆえ、主なる神はこう言われる、わたしは誓って言う、あなたがたの周囲の諸国民は必ずはずかしめを受ける。
Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani akka saboonni naannoo keessan jiraatani tuffatamaniif harka koo ol qabadhee nan kakadha.
8 しかしイスラエルの山々よ、あなたがたは枝を出し、わが民イスラエルのために実を結ぶ。この事の成るのは近い。
“‘Yaa tulluuwwan Israaʼel, isin garuu saba koo Israaʼeliif dameewwanii fi ijawwan naqattu; isaan dhiʼeenyatti biyyatti ni deebiʼuutii.
9 見よ、わたしはあなたがたに臨み、あなたがたを顧みる。あなたがたは耕され、種をまかれる。
Ani isiniif nan yaada; gara laafinaanis isinan ilaala; isin ni qotamtu; sanyiinis isinitti facaafama;
10 わたしはあなたがたの上に人をふやす。これはことごとくイスラエルの家の者となり、町々には人が住み、荒れ跡は建て直される。
ani lakkoobsa uummataa kan guutummaa mana Israaʼel nan baayʼisa. Magaalaawwan namaan ni guutamu; wanni diigames deebiʼee ni ijaarama.
11 わたしはあなたがたの上に人と獣とをふやす。彼らはふえて、子を生む。わたしはあなたがたの上に、昔のように人を住ませ、初めの時よりも、まさる恵みをあなたがたに施す。その時あなたがたは、わたしが主であることを悟る。
Ani lakkoobsa namootaatii fi horii irratti nan dabala; isaanis wal horanii baayʼatu. Ani akkuma bara durii sana namoota isin irra qubachiisee kan durii caalaa isinan sooromsa. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
12 わたしはわが民イスラエルの人々をあなたがたの上に歩ませる。彼らはあなたがたを所有し、あなたがたはその嗣業となり、あなたがたは重ねて彼らに子のない嘆きをさせない。
Ani akka namoonni jechuunis sabni koo Israaʼel isin irra deemu nan godha. Isaan isin dhuunfatu; isinis dhaala isaanii ni taatu; lammatas warra ijoollee hin qabne isaan hin gootan.
13 主なる神はこう言われる、彼らはあなたがたに向かって、『あなたは人を食い、あなたの民に子のない嘆きをさせる』と言う。
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Namoonni, “Ati nama nyaatta; saba kees ijoollee malee hambifta” siin jedhu;
14 あなたはもはや人を食わない。あなたの民に重ねて子のない嘆きをさせることはないと、主なる神は言われる。
ati garuu siʼachi nama hin nyaattu yookaan saba kee ijoollee malee hin hambiftu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
15 わたしは重ねて諸国民のはずかしめをあなたに聞かせない。あなたは重ねて、もろもろの民のはずかしめを受けることはなく、あなたの民を重ねてつまずかせることはないと、主なる神は言われる」。
Ani siʼachi akka ati doorsisa sabootaa dhageessu hin godhu; siʼachi ati tuffii namootaatiin hin dhiphattu yookaan akka sabni kee gufatu hin gootu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
16 主の言葉がわたしに臨んだ、
Ammas dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
17 「人の子よ、昔、イスラエルの家が、自分の国に住んだとき、彼らはおのれのおこないとわざとをもって、これを汚した。そのおこないは、わたしの前には、汚れにある女の汚れのようであった。
“Yaa ilma namaa, namoonni Israaʼel yeroo biyya isaanii keessa jiraachaa turanitti amala isaaniitii fi hojii isaaniitiin biyyattii xureessan. Amalli isaanii fuula koo duratti akkuma laguu dubartii kan jiʼa jiʼaan itti dhufu sanaa ture.
18 彼らが国に血を流し、またその偶像をもって、国を汚したため、わたしはわが怒りを彼らの上に注ぎ、
Sababii isaan biyyaattii keessatti dhiiga dhangalaasanii fi sababii waaqota isaanii tolfamoodhaan biyyattii xureessaniif, ani dheekkamsa koo isaanitti nan roobse.
19 彼らを諸国民の中に散らしたので、彼らは国々の中に散った。わたしは彼らのおこないと、わざとにしたがって、彼らをさばいた。
Ani saboota keessa isaan nan faffacaase; isaanis biyyoota keessa bittinnaaʼan; ani akkuma amala isaaniitii fi hojii isaaniitti isaanitti nan mure.
20 彼らがその行くところの国々へ行ったとき、わが聖なる名を汚した。これは人々が彼らについて『これは主の民であるが、その国から出た者である』と言ったからである。
Iddoo dhaqan hundatti saboota keessatti maqaa koo qulqulluu sana xureessan; waaʼee isaanii, ‘Jarri kun saba Waaqayyoo ti; isaan garuu biyya isaatii baʼaniiru’ jedhameeraatii.
21 しかしわたしはイスラエルの家が、その行くところの諸国民の中で汚したわが聖なる名を惜しんだ。
Ani maqaa koo qulqulluu manni Israaʼel iddoo dhaqan hundatti saboota gidduutti xureessan sanaaf yaadeera.
22 それゆえ、あなたはイスラエルの家に言え。主なる神はこう言われる、イスラエルの家よ、わたしがすることはあなたがたのためではない。それはあなたがたが行った諸国民の中で汚した、わが聖なる名のためである。
“Kanaafuu mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa mana Israaʼel, ani waaʼee maqaa koo qulqulluu isin iddoo dhaqxanitti saboota gidduutti xureessitan sanaatiif malee isiniif jedhee wantoota kanneen hin godhu.
23 わたしは諸国民の中で汚されたもの、すなわち、あなたがたが彼らの中で汚した、わが大いなる名の聖なることを示す。わたしがあなたがたによって、彼らの目の前に、わたしの聖なることを示す時、諸国民はわたしが主であることを悟ると、主なる神は言われる。
Ani qulqullina maqaa koo guddichaa kan saboota gidduutti xuraaʼe kan isin saboota gidduutti xureessitan sana nan argisiisa. Yommuu ani karaa keessaniin fuula isaanii duratti qulqulluu taʼuu koo argisiisutti akka ani Waaqayyo taʼe saboonni ni beeku, jedha Waaqayyo Gooftaan.
24 わたしはあなたがたを諸国民の中から導き出し、万国から集めて、あなたがたの国に行かせる。
“‘Ani saboota keessaa isinan baafadhaatii; ani biyyoota keessaa walitti isin qabee biyya keessanitti deebisee isinan fida.
25 わたしは清い水をあなたがたに注いで、すべての汚れから清め、またあなたがたを、すべての偶像から清める。
Ani bishaan qulqulluu isinitti nan facaasa; isinis ni qulqullooftu; ani xuraaʼummaa keessan hunda irraa fi waaqota keessan tolfamoo hunda irraa isinan qulqulleessa.
26 わたしは新しい心をあなたがたに与え、新しい霊をあなたがたの内に授け、あなたがたの肉から、石の心を除いて、肉の心を与える。
Ani onnee haaraa isiniif nan kenna; hafuura haaraas isin keessa nan kaaʼa; onnee dhagaa isin keessaa baasee onnee foonii isiniif nan kenna.
27 わたしはまたわが霊をあなたがたのうちに置いて、わが定めに歩ませ、わがおきてを守ってこれを行わせる。
Akka isin dambii koo duukaa buutanii fi seera koo sirriitti eegdaniif ani Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa.
28 あなたがたは、わたしがあなたがたの先祖に与えた地に住んで、わが民となり、わたしはあなたがたの神となる。
Isin biyya ani abbootii keessaniif kenne keessa ni jiraattu; isin saba koo ni taatu; anis Waaqa keessan nan taʼa.
29 わたしはあなたがたをそのすべての汚れから救い、穀物を呼びよせてこれを増し、ききんをあなたがたに臨ませない。
Ani xuraaʼummaa keessan hunda irraa isinan qulqulleessa. Ani midhaan nan waama; nan baayʼisas; beelas isinitti hin fidu.
30 またわたしは木の実と、田畑の作物とを多くする。あなたがたは重ねて諸国民の間に、ききんのはずかしめを受けることがない。
Akka isin siʼachi sababii beelaatiin fuula sabootaa duratti hin salphanneef, ija mukkeeniitii fi midhaan lafa qotiisaa nan baayʼisa.
31 その時あなたがたは自身の悪しきおこないと、良からぬわざとを覚えて、その罪と、その憎むべきこととのために、みずから恨む。
Ergasiis karaa hammina keessaniitii fi hojii jalʼina keessanii ni yaadattu; sababii cubbuu keessaniitii fi hojii keessan jibbisiisaa sanaatiifis of balfitu.
32 わたしがなすことはあなたがたのためではないと、主なる神は言われる。あなたがたはこれを知れ。イスラエルの家よ、あなたがたは自分のおこないを恥じて悔やむべきである。
Akka ani waan kana isiniif jedhee hin hojjetin akka beektan nan barbaada, jedha Waaqayyo Gooftaan. Yaa mana Israaʼel, waaʼee amala keessaniitiif qaanaʼaa; saalfadhaas!
33 主なる神はこう言われる、わたしは、あなたがたのすべての罪を清める日に、町々に人を住ませ、その荒れ跡を建て直す。
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani gaafan cubbuu keessan hunda irraa isin qulqulleessutti, akka magaalaawwan keessan deebiʼanii lafa jireenyaa taʼa nan godha; kanneen diigamanis deebiʼanii ijaaramu.
34 荒れた地は、行き来の人々の目に荒れ地と見えたのに引きかえて耕される。
Lafti onee ture qooda fuula namoota karaa sanaan darban hunda duratti onee hafu ni qotama.
35 そこで人々は言う、『この荒れた地は、エデンの園のようになった。荒れ、滅び、くずれた町々は、堅固になり、人の住む所となった』と。
Isaan, “Lafti ona ture kun akka lafa biqiltuu Eeden taʼeera; magaalaawwan diigamanii, onanii barbadaaʼanis amma dallaan itti ijaaramee namaan guutamaniiru” jedhu.
36 あなたがたの周囲に残った諸国民は主なるわたしがくずれた所を建て直し、荒れた所にものを植えたということを悟るようになる。主なるわたしがこれを言い、これをなすのである。
Ergasii namoonni hafan kanneen naannoo kee jiraatan akka ani Waaqayyo waan barbadaaʼe deebisee ijaaree waan ones deebisee dhaabe ni beeku. Ani Waaqayyo dubbadheera; nan raawwadhas.’
37 主なる神はこう言われる、イスラエルの家は、わたしが次のことを彼らのためにするように、わたしに求めるべきである。すなわち人を群れのようにふやすこと、
“Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ammas kadhannaa mana Israaʼel dhagaʼee waan kana isaaniif nan godha: Namoota isaanii akkuma hoolotaa nan baayʼisa;
38 すなわち犠牲のための群れのように、エルサレムの祝い日の群れのようにすることである。こうして荒れた町々は人の群れで満ちる。その時人々は、わたしが主であることを悟るようになる」。
akkuma bushaayee yeroo ayyaanaa Yerusaalem keessatti aarsaaf dhiʼeeffamaniitti nan baayʼisa. Kanaafuu magaalaawwan diigamanii turan waldaa namootaatiin ni guutamu. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”

< エゼキエル書 36 >