< 出エジプト記 20 >

1 神はこのすべての言葉を語って言われた。
Waaqni akkana jedhee dubbii kana hunda dubbate:
2 「わたしはあなたの神、主であって、あなたをエジプトの地、奴隷の家から導き出した者である。
“Ani Waaqayyo Waaqa kee kan Gibxii, biyya garbummaatii si baasee dha.
3 あなたはわたしのほかに、なにものをも神としてはならない。
“Ati ana malee waaqota biraa tokko illee hin qabaatin.
4 あなたは自分のために、刻んだ像を造ってはならない。上は天にあるもの、下は地にあるもの、また地の下の水のなかにあるものの、どんな形をも造ってはならない。
Ati bifa waan ol samii gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru kamiitiin iyyuu Waaqa tolfamaa ofii keetiif hin tolfatin.
5 それにひれ伏してはならない。それに仕えてはならない。あなたの神、主であるわたしは、ねたむ神であるから、わたしを憎むものは、父の罪を子に報いて、三四代に及ぼし、
Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani Waaqayyo Waaqni kee Waaqa hinaafu kan sababii cubbuu abbootiitiif jedhee ijoollee warra na jibbanii hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee
6 わたしを愛し、わたしの戒めを守るものには、恵みを施して、千代に至るであろう。
warra na jaallatanii ajajawwan koo eegan immoo hamma dhaloota kumaatti jaallatuu dha.
7 あなたは、あなたの神、主の名を、みだりに唱えてはならない。主は、み名をみだりに唱えるものを、罰しないでは置かないであろう。
Maqaa Waaqayyo Waaqa keetii akkasumaan hin dhaʼin; Waaqayyo warra akkuma argan maqaa isaa dhaʼan utuu hin adabin hin dhiisuutii.
8 安息日を覚えて、これを聖とせよ。
Guyyaa Sanbataa qulqulleessuudhaan yaadadhu.
9 六日のあいだ働いてあなたのすべてのわざをせよ。
Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu;
10 七日目はあなたの神、主の安息であるから、なんのわざをもしてはならない。あなたもあなたのむすこ、娘、しもべ、はしため、家畜、またあなたの門のうちにいる他国の人もそうである。
guyyaan torbaffaan garuu sanbata Waaqayyo Waaqa keetii ti. Gaafas hojii tokko illee hin hojjetin; ati yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan hojjetaan kee yookaan xomboreen kee yookaan horiin kee yookaan alagaan magaalaa kee keessa jiraatu tokko iyyuu homaa hin hojjetin.
11 主は六日のうちに、天と地と海と、その中のすべてのものを造って、七日目に休まれたからである。それで主は安息日を祝福して聖とされた。
Waaqayyo guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumee guyyaa torbaffaatti boqoteetii. Kanaafuu Waaqayyo Sanbata eebbisee qulqulleesse.
12 あなたの父と母を敬え。これは、あなたの神、主が賜わる地で、あなたが長く生きるためである。
Akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
13 あなたは殺してはならない。
Hin ajjeesin.
14 あなたは姦淫してはならない。
Hin ejjin.
15 あなたは盗んではならない。
Hin hatin.
16 あなたは隣人について、偽証してはならない。
Ollaa keetti sobaan dhugaa hin baʼin.
17 あなたは隣人の家をむさぼってはならない。隣人の妻、しもべ、はしため、牛、ろば、またすべて隣人のものをむさぼってはならない」。
Mana namaa hin hawwin. Niitii namaa yookaan hojjetaa isaa yookaan xomboree isaa yookaan qotiyyoo isaa yookaan harree isaa yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin.”
18 民は皆、かみなりと、いなずまと、ラッパの音と、山の煙っているのとを見た。民は恐れおののき、遠く離れて立った。
Jarri hundinuus yommuu bakakkaa fi balaqqeessa, sagalee malakataatii fi tulluu aaru hubatanitti sodaadhaan hollatan. Isaan fagoo dhaabatanii
19 彼らはモーセに言った、「あなたがわたしたちに語ってください。わたしたちは聞き従います。神がわたしたちに語られぬようにしてください。それでなければ、わたしたちは死ぬでしょう」。
Museedhaan, “Ati mataan kee nutti dubbadhu; nu ni dhaggeeffannaa. Garuu Waaqni nutti hin dubbatin. Yoo kanaa achii nu ni dhumnaa” jedhan.
20 モーセは民に言った、「恐れてはならない。神はあなたがたを試みるため、またその恐れをあなたがたの目の前において、あなたがたが罪を犯さないようにするために臨まれたのである」。
Museen immoo saba sanaan, “Hin sodaatinaa. Akka Waaqa sodaachuun isin wajjin jiraatee cubbuu hojjechuu irraa isin eeguuf jedhee Waaqni isin qoruuf dhufeera” jedhe.
21 そこで、民は遠く離れて立ったが、モーセは神のおられる濃い雲に近づいて行った。
Yeroo Museen dukkana limixii iddoo Waaqni turetti dhiʼaatetti, namoonni fagoo dhaabatan.
22 主はモーセに言われた、「あなたはイスラエルの人々にこう言いなさい、『あなたがたは、わたしが天からあなたがたと語るのを見た。
Ergasii Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Saba Israaʼelitti waan kana himi: ‘Akka ani samii irraa isinitti dubbadhe isin mataan keessan argitaniirtu;
23 あなたがたはわたしと並べて、何をも造ってはならない。銀の神々も、金の神々も、あなたがたのために、造ってはならない。
ana biratti waaqota kam iyyuu hin tolfatinaa. Waaqota meetii yookaan waaqota warqee hin tolfatinaa.
24 あなたはわたしのために土の祭壇を築き、その上にあなたの燔祭、酬恩祭、羊、牛をささげなければならない。わたしの名を覚えさせるすべての所で、わたしはあなたに臨んで、あなたを祝福するであろう。
“‘Biyyoo lafaa irraa iddoo aarsaa naa tolchiitii isa irratti qalma gubamu, aarsaa nagaa, hoolota kee, reʼoota keetii fi loon kee aarsaa dhiʼeessi. Ani iddoo akka maqaan koo itti yaadatamu godhu hundatti gara kee dhufee sin eebbisa.
25 あなたがもしわたしに石の祭壇を造るならば、切り石で築いてはならない。あなたがもし、のみをそれに当てるならば、それをけがすからである。
Yoo dhagaa irraa iddoo aarsaa naa ijaarte immoo dhagaa soofame irraa hin ijaarin; yoo meeshaadhaan isa tuqxe ni xureessitaatii.
26 あなたは階段によって、わたしの祭壇に登ってはならない。あなたの隠し所が、その上にあらわれることのないようにするためである』。
Akka qullaan kee isa irratti hin mulʼanneef gulantaadhaan iddoo aarsaa kootti ol hin baʼin.’

< 出エジプト記 20 >