< サムエル記Ⅱ 22 >

1 ダビデは主がもろもろの敵の手とサウルの手から、自分を救い出された日に、この歌の言葉を主に向かって述べ、
Daawit yommuu Waaqayyo harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii Faarfannaa kana Waaqayyoof faarfate.
2 彼は言った、「主はわが岩、わが城、わたしを救う者、
Innis akkana jedhe: “Waaqayyo kattaa koo ti; daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti;
3 わが神、わが岩。わたしは彼に寄り頼む。わが盾、わが救の角、わが高きやぐら、わが避け所、わが救主。あなたはわたしを暴虐から救われる。
Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti. Inni daʼannoo koo cimaa, kooluu kootii fi fayyisaa koo ti; ati namoota humnaan namatti kaʼan jalaas na baasta.
4 わたしは、ほめまつるべき主に呼ばわって、わたしの敵から救われる。
“Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha; diinota koo jalaas nan baraarama.
5 死の波はわたしをとりまき、滅びの大水はわたしを襲った。
Dambaliin duʼaa na marseera; lolaan badiisaas na liqimseera.
6 陰府の綱はわたしをとりかこみ、死のわなはわたしに、たち向かった。 (Sheol h7585)
Funyoon siiʼool natti marame; kiyyoon duʼaas natti dhufe. (Sheol h7585)
7 苦難のうちにわたしは主を呼び、またわが神に呼ばわった。主がその宮からわたしの声を聞かれて、わたしの叫びはその耳にとどいた。
“Ani dhiphina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe; Waaqa kootti nan iyyadhe. Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe; iyyi koos gurra isaa seene.
8 その時地は震いうごき、天の基はゆるぎふるえた。彼が怒られたからである。
Lafti ni hollatte; ni sochootes; hundeewwan samiiwwanii ni raafaman; sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan.
9 煙はその鼻からたち上り、火はその口から出て焼きつくし、白熱の炭は彼から燃え出た。
Aarri funyaan isaatii ol baʼe; ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe; cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe.
10 彼は天を低くして下られ、暗やみが彼の足の下にあった。
Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe; duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan.
11 彼はケルブに乗って飛び、風の翼に乗ってあらわれた。
Inni kiirubeelin yaabbatee barrise; qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe.
12 彼はその周囲に幕屋として、やみと濃き雲と水の集まりとを置かれた。
Inni dukkana, duumessa samii kan bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate.
13 そのみ前の輝きから炭火が燃え出た。
Ifa fuula isaa keessaas bakakkaan balaqqisee baʼe.
14 主は天から雷をとどろかせ、いと高き者は声を出された。
Waaqayyo samiidhaa ni qaqawweessaʼe; sagaleen Waaqa Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame.
15 彼はまた矢を放って彼らを散らし、いなずまを放って彼らを撃ち破られた。
Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse; bakakkaas gad dhiisee isaan fixe.
16 主のとがめと、その鼻のいぶきとによって、海の底はあらわれ、世界の基が、あらわになった。
Dheekkamsa, Waaqayyootiin humna hafuura funyaan isaatii baʼuutiinis sululawwan galaanaa ifatti baafaman; hundeewwan lafaas qullaa hafan.
17 彼は高き所から手を伸べてわたしを捕え、大水の中からわたしを引き上げ、
“Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe; bishaanota gad fagoo keessaas na baase.
18 わたしの強い敵と、わたしを憎む者とからわたしを救われた。彼らはわたしにとって、あまりにも強かったからだ。
Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo warra akka malee natti ciman jalaas na baase.
19 彼らはわたしの災の日にわたしに、たち向かった。しかし主はわたしの支柱となられた。
Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan; Waaqayyo garuu gargaarsa koo ture.
20 彼はまたわたしを広い所へ引きだされ、わたしを喜ばれて、救ってくださった。
Inni iddoo balʼaatti na baase; waan natti gammadeefis na oolche.
21 主はわたしの義にしたがってわたしに報い、わたしの手の清きにしたがってわたしに報いかえされた。
“Waaqayyo akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera; akkuma qulqullina harka koottis na badhaase.
22 それは、わたしが主の道を守り、悪を行わず、わが神から離れたことがないからである。
Ani karaa Waaqayyoo eegeeraatii; Waaqa koo irraa garagalee hammina hin hojjenne.
23 そのすべてのおきてはわたしの前にあって、わたしはその、み定めを離れたことがない。
Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira; anis ajaja isaa irraa hin jalʼanne.
24 わたしは主の前に欠けた所なく、自らを守って罪を犯さなかった。
Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture; cubbuu irraas of eeggadheera.
25 それゆえ、主はわたしの義にしたがい、その目のまえにわたしの清きにしたがって、わたしに報いられた。
Waaqayyo akkuma qajeelumma kootti, akkuma ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera.
26 忠実な者には、あなたは忠実な者となり、欠けた所のない人には、あなたは欠けた所のない者となり、
“Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta; nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata;
27 清い者には、あなたは清い者となり、まがった者には、かたいぢな者となられる。
nama qulqulluutti qulqulluu taata; nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata.
28 あなたはへりくだる民を救われる、しかしあなたの目は高ぶる者を見てこれをひくくせられる。
Ati warra gad of qaban ni oolchita; warra of tuulan immoo gad deebisuuf iji kee isaan ilaala.
29 まことに、主よ、あなたはわたしのともし火、わが神はわたしのやみを照される。
Yaa Waaqayyo, ati ibsaa koo ti; Waaqayyo dukkana koo ifatti ni geeddara.
30 まことに、あなたによってわたしは敵軍をふみ滅ぼし、わが神によって石がきをとび越えることができる。
Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema; Waaqa kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa.
31 この神こそ、その道は非のうちどころなく、主の約束は真実である。彼はすべて彼に寄り頼む者の盾である。
“Waaqa kana, karaan isaa mudaa hin qabu; dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu. Warra isatti kooluu galan hundaaf inni gaachana taʼa.
32 主のほかに、だれが神か、われらの神のほか、だれが岩であるか。
Waaqayyo malee Waaqni eenyu? Waaqa keenya malees Kattaan eenyu?
33 この神こそわたしの堅固な避け所であり、わたしの道を安全にされた。
Kan humna na hidhachiisu, kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Waaqa.
34 わたしの足をめじかの足のようにして、わたしを高い所に安全に立たせ、
Inni miilla koo akka miilla borofaa godha; iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa.
35 わたしの手を戦いに慣らされたので、わたしの腕は青銅の弓を引くことができる。
Inni harka koo waraanaaf leenjisa; irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa.
36 あなたはその救の盾をわたしに与え、あなたの助けは、わたしを大いなる者とされた。
Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota; gargaarsi kees nama guddaa na godhe.
37 あなたはわたしが歩く広い場所を与えられたので、わたしの足はすべらなかった。
Akka koomeen koo hin mucucaanneef, miilla kootiif daandii balʼifteerta.
38 わたしは敵を追って、これを滅ぼし、これを絶やすまでは帰らなかった。
“Ani diinota koo ariʼee nan balleesse; hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine.
39 わたしは彼らを絶やし、彼らを砕いたので彼らは立つことができず、わたしの足もとに倒れた。
Ani guutumaan guutuutti isaan nan barbadeesse; isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandaʼan; isaanis miilla koo jalatti ni kufan.
40 あなたは戦いのために、わたしに力を帯びさせわたしを攻める者をわたしの下にかがませられた。
Ati lolaaf humna na hidhachiifte; amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte.
41 あなたによって、敵はそのうしろをわたしに向けたので、わたしを憎む者をわたしは滅ぼした。
Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta; anis amajaajota koo barbadeesseera.
42 彼らは見まわしたが、救う者はいなかった。彼らは主に叫んだが、彼らには答えられなかった。
Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre; gara Waaqayyoottis ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef.
43 わたしは彼らを地のちりのように細かに打ちくだき、ちまたのどろのように、踏みにじった。
Anis akkuma awwaara lafaatti isaan nan daake; bulleessees akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan dhidhiite.
44 あなたはわたしを国々の民との争いから救い出し、わたしをもろもろの国民のかしらとされた。わたしの知らなかった民がわたしに仕えた。
“Ati lola namootaa jalaa na baafteerta; mataa sabootaa gootee na jiraachifteerta. Sabni ani hin beekne na tajaajila;
45 異国の人たちはきてわたしにこび、わたしの事を聞くとすぐわたしに従った。
namoonni ormaa na sossobatan; isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman.
46 異国の人たちは、うちしおれてその城からふるえながら出てきた。
Isaan hundi abdii kutatan; hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan.
47 主は生きておられる。わが岩はほむべきかな。わが神、わが救の岩はあがむべきかな。
“Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu! Waaqni koo, Kattaan, Fayyisaan koo ol ol haa jedhu!
48 この神はわたしのために、あだを報い、もろもろの民をわたしの下に置かれた。
Inni Waaqa haaloo naa baasu, kan sabootas na jala galchu,
49 またわたしを敵から救い出し、あだの上にわたしをあげ、暴虐の人々からわたしを救い出された。
kan diinota koo jalaas bilisa na baasuu dha. Ati amajaajota kootii ol na goota; gooltota jalaas na baafte.
50 それゆえ、主よ、わたしはもろもろの国民の中で、あなたをたたえ、あなたの、み名をほめ歌うであろう。
Kanaafuu yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti sin leellisa; faarfannaa galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.
51 主はその王に大いなる勝利を与え、油を注がれた者に、ダビデとその子孫とに、とこしえに、いつくしみを施される」。
“Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna; dibamaa isaa Daawitii fi sanyii isaatiif, araara bara baraa ni argisiisa.”

< サムエル記Ⅱ 22 >