< ゼカリヤ書 10 >

1 汝ら春の雨の時に雨をヱホバに乞へヱホバは電光を造り大雨を人々に賜ひ田野において草蔬を各々に賜ふべし
Yeroo bokkaa isa booddeetti akka inni bokkaa isiniif kennuuf Waaqayyoon kadhadhaa; bakakkaa kan ergu Waaqayyoo dha. Inni bokkaa lolaʼu nama hundaaf, biqiltuu dirree immoo tokkoo tokkoo namaatiif ni kenna.
2 夫テラピムは空虚き事を言ひ卜筮師はその見る所眞實ならずして虚僞の夢を語る其慰むる所は徒然なり是をもて民は羊のごとくに迷ひ牧者なきに因て惱む
Waaqonni tolfamoon gowwoomsaa dubbatu; raajonni mulʼata sobaa argu; isaan abjuu sobaa namatti himu; waan faayidaa hin qabneen nama jajjabeessu. Kanaafuu sabni kun akkuma hoolaa tiksee hin qabnee hacuucamee asii fi achi joora.
3 我牧者にむかひて怒を發す我牡山羊を罰せん萬軍のヱホバその群なるユダの家を顧み之をしてその美しき軍馬のごとくならしめたまふ
“Aariin koo tiksootatti bobaʼeera; ani reʼoota nan adaba; Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu bushaayee isaa, mana Yihuudaa ni toʼata; lola keessattis akka farda jabaa isaan taasisa.
4 隅石彼より出で釘かれより出で軍弓かれより出で宰たる者みな齊く彼より出ん
Yihuudaa keessaa dhagaan golee, isa keessaa qofoon dunkaanaa, isa keessaa iddaan lolaa, isa keessaa bulchaan hundi ni dhufa.
5 彼等戰ふ時は勇士のごとくにして街衢の泥の中に敵を蹂躙らんヱホバかれらとともに在せば彼ら戰はん馬に騎れる者等すなはち媿を抱くべし
Isaan akkuma namoota jajjaboo waraana keessatti tokkummaadhaan daandii dhoqqee irra deemu. Sababii Waaqayyo isaan wajjin jiruuf isaan lolanii abbootii fardeenii qaanessu.
6 我ユダの家を強くしヨセフの家を救はん我かれらを恤むが故に彼らをして歸り住しめん彼らは我に棄られし事なきが如くなるべし我は彼らの神ヱホバなり我かれらに聽べし
“Ani mana Yihuudaa nan jajjabeessa; mana Yoosefis nan oolcha. Ani waanan garaa isaaniif laafuuf deebisee isaan nan dhaaba. Isaan akkuma waan ani duraanuu isaan hin gatinii taʼu; ani Waaqayyo Waaqa isaanii ti; deebiis isaaniif nan kenna.
7 エフライム人は勇士に等しくして酒を飮たるごとく心に歡ばん其子等は見て喜びヱホバに因て心に樂しまん
Efreemonni akkuma namoota jajjaboo taʼu; garaan isaaniis akkuma nama daadhii wayiniitiin gammaduu ni gammada. Ijoolleen isaanii waan kana arganii ni gammadu; garaan isaanii Waaqayyootti ni gammada.
8 我かれらに向ひて嘯きて之を集めん其は我これを贖ひたればなり彼等は昔殖増たる如くに殖増ん
Ani siiqsee walitti isaan nan qaba. Ani dhugumaan isaan nan fura; isaan akkuma duraa sana ni baayʼatu.
9 我かれらを國々の民の中に捲ん彼等は遠き國において我をおぼへん彼らは其子等とともに生ながらへて歸り來るべし
Yoo ani saboota gidduutti isaan bittinneesse iyyuu isaan biyya fagootti na yaadatu. Isaanii fi ijoolleen isaanii lubbuudhaan ni jiraatu; ni deebiʼus.
10 我かれらをエジプトの國より携へかへりアッスリヤより彼等を集めギレアデの地およびレバノンに彼らを携へゆかんその居處も無きほどなるべし
Ani biyya Gibxiitii deebisee isaan nan fida; Asoor keessaas walittin isaan qaba. Ani gara Giliʼaadii fi Libaanoonitti isaan nan fida; iddoon isaan gaʼus hin argamu.
11 彼艱難の海を通り海の浪を撃破りたまふナイルの淵は盡く涸るアッスリヤの傲慢は卑くせられエジプトの杖は移り去ん
Inni galaana rakkinaa keessa darba; dhaʼaa galaanaas ni rukuta; tuujubawwan Abbayyaa hundinuu ni gogu. Of tuulummaan Asoor gad deebiʼa; bokkuun mootummaa Gibxis ni bada.
12 我彼らをしてヱホバに由て強くならしめん彼等はヱホバの名をもて歩まんヱホバこれを言たまふ
Ani Waaqayyoon isaan nan jabeessa; isaanis maqaa isaatiin deddeebiʼu” jedha Waaqayyo.

< ゼカリヤ書 10 >