< 雅歌 4 >

1 ああなんぢ美はしきかな わが佳耦よ ああなんぢうるはしきかな なんぢの目は面帕のうしろにありて鴿のごとし なんぢの髮はギレアデ山の腰に臥たる山羊の群に似たり
Yaa bareedduu ko, ati akkam miidhagda! Dinqii ati akkam bareedda! Iji kee haguuggii kee duubaan gugee fakkaata. Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼootaa kan gaara Giliʼaad irraa gad buʼuu ti.
2 なんぢの齒は毛を剪たる牝羊の浴塲より出たるがごとし おのおの雙子をうみてひとつも子なきものはなし
Ilkaan kee akkuma karra hoolotaa kan rifeensi irraa haadamee dhiqamee ol dhufaa jiruu ti. Tokkoon tokkoon isaanii lakkuu qabu; isaan keessa maseenni tokko iyyuu hin jiru.
3 なんぢの唇は紅色の線維のごとく その口は美はし なんぢの頬は面帕のうしろにありて石榴の半片に似たり
Hidhiin kee akkuma kirrii bildiimaa ti; haasaan kee namatti tola. Maddiin kee lamaan haguuggii kee keessatti roomaanii tokkicha iddoo lamatti qoodame fakkaata.
4 なんぢの頸項は武器庫にとて建たるダビデの戍樓のごとし その上には一千の盾を懸け列ぬ みな勇士の大楯なり
Mormi kee gamoo Daawit kan miʼa lolaa itti kuusuuf ijaarame sana fakkaata; isa irratti gaachana kumatu rarraafama; hundinuu gaachana loltootaa ti.
5 なんぢの兩乳房は牝獐の雙子なる二箇の小鹿が百合花の中に草はみをるに似たり
Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee kanneen lakkuu dhalatanii daraaraa keessa dheedanii ti.
6 日の涼しくなるまで 影の消るまでわれ沒藥の山また乳香の岡に行べし
Hamma bariʼee gaaddisni baduutti, ani gara tulluu qumbiitii fi gara gaara ixaanaa nan dhaqa.
7 わが佳耦よ なんぢはことごとくうるはしくしてすこしのきずもなし
Yaa jaalallee ko, ati guutumaan guutuutti bareedduu dha; ati mudaa tokko illee hin qabdu.
8 新婦よ レバノンより我にともなへ レバノンより我とともに來れ アマナの巓セニルまたヘルモンの巓より望み 獅子の穴また豹の山より望め
Yaa misirrittii ko, Libaanoonii na wajjin kottu; Libaanoonii na wajjin kottu. Fiixee Amaanaa irraa, fiixee Seniir, fiixee Hermoon irraa gad buʼi; holqa leencaa keessaa, tulluu oolmaa qeerransaa irraas gad buʼi.
9 わが妹わが新婦よ なんぢはわが心を奪へり なんぢは只一目をもてまた頸玉の一をもてわが心をうばへり
Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, ati qalbii koo hatteerta; ati milʼuu ija keetii tokkoon, faaya morma keetii tokkoon qalbii koo hatteerta.
10 わが妹わが新婦よ なんぢの愛は樂しきかな なんぢの愛は酒よりも遙にすぐれ なんぢの香膏の馨は一切の香物よりもすぐれたり
Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, jaalalli kee akkam nama gammachiisa! Jaalalli kee daadhii wayinii caalaa, urgaan shittoo keetiis urgooftuu kam iyyuu caalaa akkam namatti tola!
11 新婦よ なんぢの唇は蜜を滴らす なんぢの舌の底には蜜と乳とあり なんぢの衣裳の香氣はレバノンの香氣のごとし
Yaa misirrittii ko, hidhiin kee akkuma dhaaba dammaa nadhii coccobsa; aannanii fi dammi arraba kee jala jira. Urgaan uffata keetii akkuma urgaa Libaanoon.
12 わが妹わがはなよめよ なんぢは閉たる園 閉たる水源 封じたる泉水のごとし
Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, ati akkuma iddoo biqiltuu cufamee ti; ati burqaa dallaan itti ijaaramee fi madda chaappaan cufamee dha.
13 なんぢの園の中に生いづる者は石榴及びもろもろの佳果またコペル及びナルダの草
Biqiltuun kee iddoo roomaanii kan ija filatamaa heennaa fi naardoos qabuu dha;
14 ナルダ 番紅花 菖蒲 桂枝さまざまの乳香の木および沒藥 蘆薈一切の貴とき香物なり
akkasumas naardoosii fi marga urgaaʼu, qundhii fi qarafaa, muka ixaanaa gosa garaa garaa, qumbii, argeessaa fi urgooftuu akka malee gaarii hunda qaba.
15 なんぢは園の泉水 活る水の井 レバノンよりいづる流水なり
Ati burqaa biqiltuu keessaa ti; bishaan boollaa yaaʼu kan Libaanoon irraa gad dhangalaʼuu dha.
16 北風よ起れ 南風よ來れ 我園を吹てその香氣を揚よ ねがはくはわが愛する者のおのが園にいりきたりてその佳き果を食はんことを
Yaa bubbee kaabaa dammaqi; bubbeen kibbaas kottu! Akka urgaan isaa naannoo hunda waliin gaʼuuf biqiltuu koo irratti bubbisi. Michuun koo dhufee, biqiltuu seenee ija filatamaa haa nyaatu.

< 雅歌 4 >