< ルツ記 4 >

1 爰にボアズ門の所にのぼり往て其處に坐しけるに前にボアズの言たる贖業者過りければ之に言ふ 某よ來りて此に坐せよと 即ち來りて坐す
Boʼeez gara karra magaalaatti baʼee achi taaʼe. Innis yommuu namichi dhaaluuf isa caalaa fira dhiʼoo taʼe sun dhufetti, “Yaa michuu ko, as kottuutii na bira taaʼi” jedheen. Kanaafuu inni dhaqee taaʼe.
2 ボアズまた邑の長老十人を招き汝等此に坐せよといひければ則ち坐す
Boʼeezis maanguddoota magaalaa keessaa kudhan waamee, “As taaʼaa” jedheen; isaanis ni tataaʼan.
3 時に彼その贖業人にいひけるはモアブの地より還りしナオミ我等の兄弟エリメレクの地を賣る
Kana irratti namicha dhaaluuf aantummaa qabu sanaan akkana jedhe; “Naaʼomiin isheen Moʼaabii deebite sun lafa obboleessa keenya Eliimelek gurguruuf jirti.
4 我汝につげしらせて此に坐する人々の前わが民の長老の前にて之を買へと言んと想へり 汝もし之を贖はんと思はば贖ふべし 然どもし之を贖はずば吾に告てしらしめよ 汝の外に贖ふ者なければなり 我はなんぢの次なりと彼我これを贖はんといひければ
Kanaafuu akka ati fuula warra as tataaʼaniitii fi fuula maanguddoota saba kootii duratti lafa kana bittuuf ani waan kana sitti himuu yaade. Yoo ofii keetiif dhaaluu barbaadde dhaali. Yoo dhaaluu baatte garuu akka ani beekuuf natti himi. Waan kana gochuuf si malee namni mirga qabu tokko iyyuu hin jiruutii; namni sitti aanee aantummaa qabu ana.” Namichis, “Ani nan dhaala” jedhe.
5 ボアズいふ 汝ナオミの手よりその地を買ふ日には死る者の妻なりし モアブの女ルツをも買て死る者の名をその產業に存すべきなり
Boʼeezis, “Egaa gaafa Naaʼomiinii fi Ruuti Moʼaabittii irraa lafa bittutti ati maqaa namicha duʼe sanaa qabeenya isaatiin waamsisuudhaaf niitii isaa illee fudhachuu qabda” jedheen.
6 贖業人いひけるは我はみづから贖ふあたはず 恐くはわが產業を壞はん 汝みづから我にかはりてあがなへ 我あがなふことあたはざればなりと
Kana irratti firri dhiʼoo sun, “Yoos ani qabeenya mataa kootti rakkina fiduu dandaʼaatii dhaaluu hin dandaʼu. Ati mataan kee mirga dhaaluu kootii fudhadhuutii dhaali. Ani waan kana gochuu hin dandaʼu” jedheen.
7 昔イスラエルにて物を贖ひ或は交易んとする事につきて萬事を定めたる慣例は斯のごとし 即ち此人鞋を脱て彼人にわたせり 是イスラエルの中の證なりき
Bara durii biyya Israaʼeliitti dhaalaa fi qabeenya walitti dabarsuun gareen tokko kophee isaa of irraa baasee garee kaaniif kennuudhaan mirkaneeffama ture. Israaʼel keessatti bituu fi gurguruun haaluma kanaan mirkaneeffama ture.
8 是によりてその贖業人ボアズにむかひ汝みづから買ふべしといひて其鞋を脱たり
Kanaafuu namichi dhaaluuf fira dhiʼoo ture sun Boʼeeziin, “Ati mataan kee bitadhu” jedhee kophee of irraa baase.
9 ボアズ長老および諸の民にいひけるは汝等今日見證をなす 我エリメレクの凡の所有およびキリオンとマロンの凡の所有をナオミの手より買たり
Boʼeezis maanguddootaa fi saba hundaan akkana jedhe; “Akka ani qabeenya Eliimelek, qabeenya Kiliiyooniitii fi qabeenya Mahiloon hunda Naaʼomiin irraa bite isin harʼa dhugaa baatota.
10 我またマロンの妻なりしモアブの女ルツを買て妻となし彼死る者の名をその產業に存すべし 是かの死る者の名を其兄弟の中とその處の門に絶ざらしめんためなり 汝等今日證をなす
Akkasumas akka maqaan isaa maatii isaa keessaa yookaan biyya isaa keessaa hin badneef ani qabeenya isaatiin maqaa isaa waamsisuudhaaf Ruuti Moʼaabittii niitii Mahiloon kana niitii godhadhee fuudhuu kootiif isin harʼa dhugaa baatota!”
11 門にをる人々および長老等いひけるはわれら證をなす 願くはヱホバ汝の家にいるところの婦人をして彼イスラエルの家を造りなしたるラケルとレアの二人のごとくならしめたまはんことを 願くは汝エフラタにて能を得ベテレヘムにて名をあげよ
Maanguddoonnii fi namoonni karra sana dura turan hundinuu akkana jedhan; “Nu dhugaa baatota. Waaqayyo dubartii mana kee dhufaa jirtu kana akka Raahelii fi Liyaa warra tokkummaadhaan mana Israaʼel ijaaran sanaa haa godhu. Ati Efraataa keessatti nama jabaa, Beetlihem keessatti immoo beekamaa taʼi.
12 ねがはくはヱホバが此若き婦よりして汝にたまはんところの子に由て汝の家かのタマルがユダに生たるペレズの家のごとくなるにいたれ
Karaa sanyii Waaqayyo dubartii dargaggeettii kana irraa siif kennuutiin maatiin kee akkuma maatii Faares isa Taamaar Yihuudaadhaaf deesse sanaa haa taʼu.”
13 斯てボアズ、ルツを娶りて妻となし彼の所にいりければヱホバ彼を孕ましめたまひて彼男子を生り
Kanaafuu Boʼeez Ruutin fudhatee niitii godhate. Ishee wajjinis ciise; Waaqayyos akka isheen ulfooftee ilma deessu ishee gargaare.
14 婦女等ナオミにいひけるはヱホバは讚べきかな 汝を遺ずして今日汝に贖業人あらしめたまふ その名イスラエルに揚れ
Dubartoonnis Naaʼomiiniin akkana jedhan; “Waaqayyo inni nama si dhaalu si hin dhabsiisin sun haa eebbifamu. Guutummaa Israaʼel keessattis inni maqaa haa qabaatu!
15 彼は汝の心をなぐさむる者 汝の老を養ふ者とならん 汝を愛する汝の媳即ち七人の子よりも汝に善もの之をうみたり
Innis jireenya kee ni haaromsa; bara dulluma keetiittis si soora. Niitiin ilma keetii isheen si jaallattu kan ilmaan torba siif caaltu sun isa deesseertiitii.”
16 ナオミその子をとりて之を懷に置き之が養育者となる
Naaʼomiinis mucicha fuutee hammatte; guddiftuu isaa illee taate.
17 その隣人なる婦女等これに名をつけて云ふ ナオミに男子うまれたりと その名をオベデと稱り 彼はダビデの父なるヱサイの父なり
Dubartoonni ollaas, “Naaʼomiin mucaa argatte” jedhan. Maqaa isaas Oobeedi jedhan. Inni akaakayyuu Daawit, abbaa Isseey.
18 偖ペレヅの系圖は左のごとし ペレヅ、ヘヅロンを生み
Egaa hiddi dhaloota Faares kanaa dha: Faares abbaa Hezroon;
19 ヘヅロン、ラムを生み ラム、アミナダブを生み
Hezroon immoo abbaa Raam; Raam abbaa Amiinaadaab;
20 アミナダブ、ナシヨンを生み ナシヨン、サルモンを生み
Amiinaadaab immoo abbaa Nahishoon; Nahishoon abbaa Salmoon;
21 サルモン、ボアズを生み ボアズ、オベデを生み
Salmoon immoo abbaa Boʼeez; Boʼeez immoo abbaa Oobeedi;
22 オベデ、ヱサイを生み ヱサイ、ダビデを生り
Oobeedi immoo abbaa Isseey; Isseey immoo abbaa Daawit.

< ルツ記 4 >