< 箴言 知恵の泉 23 >

1 なんぢ侯たる者とともに坐して食ふときは 愼みて汝の前にある者の誰なるかを思へ
Ati yeroo waa nyaachuuf bulchaa tokko wajjin teessutti, waan fuula kee dura jiru hubadhuu ilaali;
2 汝もし食を嗜む者ならば汝の喉に刀をあてよ
ati yoo nyaataaf fedhii guddaa qabaatte, qoonqoo kee irra billaa kaaʼi.
3 その珍饈を貧り食ふこと勿れ これ迷惑の食物なればなり
Waan nyaanni sun nama gowwoomsuuf, miʼaa isaatti hin gaggabin.
4 富を得んと思煩らふこと勿れ 自己の明哲を恃むこと勿れ
Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin; of qabuufis ogummaa qabaadhu.
5 なんぢ虚しきに歸すべき者に目をとむるか 富はかならず自ら翅を生じて鷲のごとく天に飛さらん
Sooromni yommuu ati ija irra buufattutti ni bada; inni dhugumaan Baallee baafatee akkuma risaa gara samiitti ol barrisaatii.
6 惡目をする者の糧をくらふことなく その珍饈をむさぼりねがふことなかれ
Buddeena doqnaa hin nyaatin; cidha isaas hin kajeelin;
7 そはその心に思ふごとくその人となりも亦しかればなり 彼なんぢに食へ飮めといふこといへどもその心は汝に眞實ならず
inni yeroo hunda waaʼee gatii yaadaatii. Inni, “Nyaadhuu dhugi” siin jedha; garaan isaa garuu si wajjin hin jiru.
8 汝つひにその食へる物を吐出すにいたり 且その出しし懇懃の言もむなしくならん
Ati waanuma xinnoo nyaatte sana ni diddigda; dubbii kee gaarii sana illee ni dhabda.
9 愚なる者の耳に語ること勿れ 彼なんぢが言の示す明哲を藐めん
Sababii inni ogummaa dubbii keetii tuffatuuf ati nama gowwaatti hin dubbatin.
10 古き地界を移すことなかれ 孤子の畑を侵すことなかれ
Dhagaa daangaa durii hin dhiibin yookaan lafa qotiisaa ijoollee abbaa hin qabneetti hin darbin.
11 そはかれが贖者は強し 必ず汝に對らひて之が訴をのべん
Furiin isaanii jabaadhaatii; inni gara isaanii goree sitti falma.
12 汝の心を敎に用ゐ 汝の耳を知識の言に傾けよ
Qalbii kee gara gorsaatti, gurra kee immoo gara dubbii beekumsaatti deebifadhu.
13 子を懲すことを爲ざるなかれ 鞭をもて彼を打とも死ることあらじ
Ijoollee kee adabachuu hin dhiisin; yoo ati arcummeedhaan adabde isaan hin duʼan.
14 もし鞭をもて彼をうたばその霊魂を陰府より救ふことをえん (Sheol h7585)
Arcummeedhaan isaan adabiitii lubbuu isaanii duʼa oolchi. (Sheol h7585)
15 わが子よもし汝のこころ智からば我が心もまた歓び
Yaa ilma ko, yoo garaan kee ogeessa taʼe, garaan koo ni gammada;
16 もし汝の口唇ただしき事をいはば我が腎腸も喜ぶべし
yoo arrabni kee waan qajeelaa dubbate, keessi koo baayʼee gammada.
17 なんぢ心に罪人をうらやむ勿れ ただ終日ヱホバを畏れよ
Garaan kee cubbamootatti hin hinaafin; garuu yeroo hunda Waaqayyoon sodaadhu.
18 そは必ず應報ありて汝の望は廢らざればなり
Ati dhugumaan gara fuulduraatti abdii qabda; abdiin kees hin citu.
19 わが子よ 汝ききて智慧をえ かつ汝の心を道にかたぶけよ
Yaa ilma ko, dhaggeeffadhu; ogeessa taʼi; qalbii kee daandii qajeelaa irra buufadhu.
20 酒にふけり肉をたしむものと交ること勿れ
Warra daadhii wayinii baayʼee dhuganitti yookaan warra foonitti gaggabanitti hin makamin;
21 それ酒にふける者と肉を嗜む者とは貧しくなり 睡眠を貧る者は敞れたる衣をきるにいたらん
machooftuu fi albaadheyyiin ni hiyyoomu; hirriba baayʼisuunis moofaa nama uffachiisa.
22 汝を生る父にきけ 汝の老たる母を軽んずる勿れ
Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi; haadha kees yeroo isheen jaartu hin tuffatin.
23 眞理を買へ これを售るなかれ 智慧と誡命と知識とまた然あれ
Dhugaa bitadhu malee hin gurgurin; ogummaa, qajeelfamaa fi hubannaas bitadhu.
24 義き者の父は大によろこび 智慧ある子を生る者はこれがために樂しまん
Abbaan nama qajeelaa gammachuu guddaa qaba; namni ilma ogeessa qabu isatti gammada.
25 汝の父母を樂しませ 汝を生る者を喜ばせよ
Abbaan keetii fi haati kee haa gammadan; isheen si deesse sun haa ililchitu!
26 わが子よ汝の心を我にあたへ 汝の目にわが途を樂しめ
Yaa ilma ko, garaa kee naa kenni; iji kees karaa koo haa ilaalu;
27 それ妓婦は深き坑のごとく 淫婦は狭き井のごとし
sagaagaltuun boolla gad fagoodhaatii, niitiin ganda labeenis boolla bishaanii dhiphaa dha.
28 彼は盗賊のごとく人を窺ひ かつ世の人の中に悖れる者を増なり
Isheen akkuma saamtuutti riphxee nama eeggatti; namoota gidduuttis warra hin amanamne baayʼifti.
29 禍害ある者は誰ぞ 憂愁ある者は誰ぞ 爭端をなす者は誰ぞ 煩慮ある者は誰ぞ 故なくして傷をうくる者は誰ぞ 赤目ある者は誰ぞ
Eenyutu, “Anaaf wayyoo!” jedha? Eenyutu gadda qaba? Eenyutu lola qaba? Eenyutu komii qaba? Eenyutu sababii malee madaaʼa? Kan iji isaa diimatu eenyu?
30 是すなはち酒に夜をふかすもの 往て混和せたる酒を味ふる者なり
Warra daadhii wayinii dhuguu irra akka malee turan, warra daadhii wayinii walmakaa afaaniin qabuu dhaqanii dha.
31 酒はあかく盃の中に泡だち滑かにくだる 汝これを見るなかれ
Yeroo inni diimatutti, yeroo inni billillee keessa ol xixinniqutti, yeroo inni suuta jedhee gad buʼutti daadhii wayinii ija itti qabdee hin ilaalin.
32 是は終に蛇のごとく噬み蝮の如く刺すべし
Dhuma irratti akkuma bofaa nama idda; akkuma buutiis nama ciniina.
33 また汝の目は怪しきものを見 なんぢの心は諕言をいはん
Iji kee waan haaraa arga; qalbiin kees jalʼina yaada.
34 汝は海のなかに偃すもののごとく帆桅の上に偃すもののごとし
Ati akkuma nama walakkaa galaana guddaa ciisuu ti; akkuma nama fiixee utubaa doonii irra ciisuu taata.
35 汝いはん人われを撃ども我いたまず 我を拷けども我おぼえず 我さめなばまた酒を求めんと
Ati akkana jetta; “Isaan na dhaʼan; ani garuu hin miidhamne! Isaan na tuman; garuu natti hin dhagaʼamne! Ani dhugaatii biraa barbaaddachuuf yooman dammaqa?”

< 箴言 知恵の泉 23 >