< 民数記 27 >

1 茲にヨセフの子マナセの族の中なるヘペルの子ゼロペハデの女子等きたれりヘペルはギレアデの子ギレアデはマキルの子マキルはマナセの子なりその女子等の名はマアラ、ノア、ホグラ、ミルカ、テルザといふ
Balbala Minaasee ilma Yoosef keessaas intallan Zelofehaad ilma Heefer, ilma Giliʼaad, ilma Maakiirii fi ilma Minaaseetu dhiʼaate. Maqaan intallan sanaas Mahilaa, Nohii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa dha.
2 彼ら集會の幕屋の門にてモーセと祭司エレアザルと牧伯等と全會衆の前に立ち言けるは
Isaanis balbala dunkaana wal gaʼii dura, fuula Musee fi Eleʼaazaar lubichaa dura, fuula hooggantootaatii fi waldaa hundaa dura dhaabatanii akkana jedhan;
3 我等の父は曠野に死り彼はかのコラに與して集りてヱホバに逆ひし者等の中に加はらず自己の罪に死り然るに男子なし
“Abbaan keenya Gammoojjii keessatti duʼe. Inni hooggantoota Qooraahi kanneen Waaqayyotti fincilan sana keessa hin turre. Garuu inni cubbudhuma ofii isaatiin duʼe. Ilmaanis hin qabu ture.
4 我らの父の名なんぞその男子あらざるがためにその族の中より削らるることある可んや我らの父の兄弟の中において我らにも產業を與へよと
Maaliif maqaan abbaa keenyaa sababii inni ilma hin qabneef balbala isaa keessaa bada? Firoota abbaa keenyaa gidduutti dhaala nuu kenni.”
5 モーセすなはちその事をヱホバの前に陳けるに
Museen dubbii isaanii sana fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeesse;
6 ヱホバ、モーセに告て言たまはく
Waaqayyos akkana jedheen;
7 ゼロペハデの女子等の言ところは道理なり汝かならず彼らの父の兄弟の中において彼らに產業を與へて獲さすべし即ちその父の產業をこれに歸せしむべし
“Wanni intallan Zelofehaad jedhan kun sirrii dha. Atis firoota abbaa isaanii gidduutti dhaala kenniif; dhaala abbaa isaaniis isaaniif dabarsi.
8 汝イスラエルの子孫に告て言べし人もし男子なくして死ばその產業をこれが女子に歸せしむべし
“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Yoo namni utuu ilma hin dhalchin duʼe, dhaala isaa intala isaatiif dabarsaa.
9 もしまた女子もあらざる時はその產業をその兄弟に與ふべし
Yoo inni intalas qabaachuu baate dhaala isaa obboloota isaatiif kennaa.
10 もし兄弟あらざる時はその產業をその父の兄弟に與ふべし
Yoo inni obboloota qabaachuu baate dhaala isaa obboloota abbaa isaatiif kennaa.
11 もしまたその父に兄弟あらざる時はその親戚の最も近き者にその產業を與へて獲さすべしヱホバのモーセに命ぜしごとくイスラエルの子孫は永く之をもて律法の例とすべし
Yoo abbaan isaa obboloota qabaachuu baate immoo dhaala isaa balbala isaa keessaa fira aanteef kennaa; firri sun haa dhaalu. Kunis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti saba Israaʼeliif sirna seera qabeessa haa taʼu.’”
12 茲にヱホバ、モーセに言たまはく汝このアバリム山にのぼり我イスラエルの子孫に與へし地を觀よ
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Tulluu Abaariim kanatti ol baʼiitii biyya ani saba Israaʼeliif kenne ilaali.
13 汝これを觀なばアロンの旣に加はりしごとく汝もその民に加はるべし
Erga biyya sana argitee booddee atis akkuma obboleessa kee Aroon gara saba keetiitti walitti qabamta;
14 是チンの曠野において會衆の爭論をなせる砌に汝らわが命に悸りかの水の側にて我の聖き事をかれらの目のまへに顯すことを爲ざりしが故なり是すなはちチンの曠野のカデシにあるメリバの水なり
yeroo waldaan Gammoojjii Siin keessatti natti finciletti isin lachanuus ajaja kootti finciltanii turtaniitii. Isin bishaanota sana biratti fuula isaanii duratti qulqullina koo hin mulʼifne.” Bishaanonni kunneenis bishaanota Mariibaa Qaadesh kan Gammoojjii Siin keessa jiranii dha.
15 モーセ、ヱホバに申して言けるは
Museenis Waaqayyoon akkana jedhe;
16 ヱホバ一切の血肉ある者の生命の神よ願くはこの會衆の上に一人を立て
“Waaqayyo Waaqni hafuurota nama hundaa waldaa kana irratti nama tokko haa muudu;
17 之をして彼等の前に出かれらの前に入り彼らを導き出し彼らを導き入る者とならしめヱホバの會衆をして牧者なき羊のごとくならざらしめたまへ
namichi kunis akka sabni Waaqayyoo akkuma hoolota tiksee hin qabnee hin taaneef kan isaan dura gad baʼuu fi ol galu, kan gad isaan baasuu fi ol isaan galchuu dha.”
18 ヱホバ、モーセに言たまはくヌンの子ヨシユアといふ霊のやどれる人を取り汝の手をその上に按き
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Iyyaasuu ilma Nuuni, namicha hafuurri keessa jiru sana fuudhii harka kee isa irra kaaʼi.
19 これを祭司エレアザルと全會衆の前に立せて彼らの前にて之に命ずる事をなすべし
Akka inni fuula Eleʼaazaar lubichaatii fi fuula waldaa Israaʼel hundaa dura dhaabatu godhi; fuuluma isaanii durattis isa muudi.
20 汝これに自己の尊榮を分ち與ヘイスラエルの子孫の全會衆をしてこれに順がはしむべし
Akka sabni Israaʼel hundi isaaf ajajamuuf aangoo kee irraa kenniif.
21 彼は祭司エレアザルの前に立べしエレアザルはウリムをもて彼のためにヱホバの前に問ことを爲べしヨシユアとイスラエルの子孫すなはちその全會衆はエレアザルの言にしたがひて出でエレアザルの言にしたがひて入べし
Innis fuula Eleʼaazaar lubichaa kan fuula Waaqayyoo duratti Uriimiidhaan gaafatee murtii isaaf kennuu dura dhaabachuu qaba. Innii fi waldaan Israaʼelootaa hundi ajaja isaatiin baʼu; ajajuma isaatiinis galu.”
22 是においてモーセはヱホバの己に命じたまへるごとく爲しヨシユアを取て之を祭司エレアザルと全會衆の前に立せ
Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe. Innis Iyyaasuu geessee akka inni fuula Eleʼaazaar lubichaatii fi fuula waldaa Israaʼel hundaa dura dhaabatu godhe.
23 その手をこれが上に按き之に命ずることを爲しヱホバのモーセをもて命じたまへる如くなせり
Ergasiis akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajaje sana harka ofii isaa isa irra kaaʼee isa muude.

< 民数記 27 >