< ナホム書 1 >

1 ニネベに關る重き預言 エルコシ人ナホムの異象の書
Raajii waaʼee Nanawwee dubbatame. Kitaaba mulʼata Naahoom Elqooshicha.
2 ヱホバは妬みかつ仇を報ゆる神 ヱホバは仇を報ゆる者また忿怒の主 ヱホバは己に逆らふ者に仇を報い己に敵する者にむかひて憤恨を含む者なり
Waaqayyo Waaqa hinaafuu fi Waaqa haaloo baʼuu dha; Waaqayyo haaloo ni baʼa; dheekkamsaanis guutameera. Waaqayyo diinota isaa haaloo ni baʼa; dheekkamsa isaas amajaajota isaatiif ni kuusa.
3 ヱホバは怒ることの遲く能力の大なる者 また罰すべき者をば必ず赦すことを爲ざる者 ヱホバの道は旋風に在り 大風に在り 雲はその足の塵なり
Waaqayyo dheekkamuuf hin jarjaru; humni isaa immoo guddaa dha; Waaqayyo nama balleessaa qabu utuu hin adabin hin dhiisu. Bubbee hamaa fi dhaʼaa galaanaa keessaas karaa qaba; duumessi immoo awwaara miilla isaa ti.
4 彼海を指斥て之を乾かし河々をしてことごとく涸しむ バシヤンおよびカルメルの草木は枯れレバノンの花は凋む
Inni galaanatti dheekkamee gogsa; akka lagni hundinuu gogu godha. Baashaanii fi Qarmeloos ni coollagu; daraaraa Libaanoonis ni harcaʼa.
5 彼の前には山々ゆるぎ嶺々溶く 彼の前には地墳上り世界およびその中に住む者皆ふきあげらる
Fuula isaa duratti tulluuwwan ni kirkiru; gaarranis baqanii badu. Iddoo inni jirutti lafti ni hollatti; addunyaa fi wanni addunyaa irra jiraatu hundi ni hollatu.
6 誰かその憤恨に當ることを得ん 誰かその燃る忿怒に堪ることを得ん 其震怒のそそぐこと火のごとし 巖も之がために裂く
Eenyutu dheekkamsa isaa dura dhaabachuu dandaʼa? Eenyutu dheekkamsa isaa sodaachisaa sana obsuu dandaʼa? Dheekkamsi isaa akkuma ibiddaa dhangalaʼa; fuula isaa duratti kattaawwan ni burkutaaʼu.
7 ヱホバは善なる者にして患難の時の要害なり 彼は己に倚賴む者を善知たまふ
Waaqayyo gaarii dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha. Inni warra isa amanatan ni beeka;
8 彼みなぎる洪水をもてその處を全く滅し己に敵する者を幽暗處に逐やりたまはん
Garuu inni lolaa jabaadhaan Nanawwee ni balleessa; amajaajota isaas ariʼee dukkanatti galcha.
9 汝らヱホバに對ひて何を謀るや 彼全く滅したまふべし 患難かさねて起らじ
Wanni isin Waaqayyootti yaaddan maali? inni guutumaan guutuutti ni balleessa; rakkoonis lammata hin dhufu.
10 彼等むすびからまれる荊棘のごとくなるとも酒に浸りをるとも乾ける藁のごとくに焚つくさるべし
Isaan qoraattii keessatti xaxamanii daadhii wayinii isaaniitiin machaaʼu; akkuma cidii gogeetti gubatanii dhumu.
11 ヱホバに對ひて惡事を謀る者一人汝の中より出て邪曲なる事を勸む
Yaa Nanawwee, namni Waaqayyotti hammina malatee waan hamaa karoorfatu si keessaa argameera.
12 ヱホバかく言たまふ 彼等全くしてその數夥多しかるとも必ず芟たふされて皆絶ん 我前にはなんぢを苦めたれども重て汝を苦めじ
Waaqayyo akkana jedha: “Isaan jabinaa fi baayʼina yoo qabaatan iyyuu isaan ni barbadeeffamu; ni badus. Yaa Yihuudaa, ani yoon duraan si miidhee jiraadhe iyyuu, siʼachi si hin miidhu.
13 いま我かれが汝に負せし軛を碎き汝の縛を切はなすべし
Ani amma waanjoo isaanii gurmuu keessan irraa nan cabsa; hudhaa kees sirraa nan kuta.”
14 ヱホバ汝の事につきて命令を下す 汝の名を負ふ者再び播るること有じ 汝の神々の室より我雕像および鑄像を除き絶べし 我汝の墓を備へん 汝輕ければなり
Yaa Nanawwee, Waaqayyo akkana jedhee waaʼee kee ajaja kennee jira: “Ati sanyii maqaan kee ittiin waamamu hin qabaattu. Ani fakkiiwwan soofamanii fi waaqota tolfamoo baqfamanii tolfaman kanneen galmawwan waaqota keetii keessa jiran nan barbadeessa. Waan ati akka malee balfamaa taateef ani awwaala siif nan qopheessa.”
15 嘉音信を傳ふる者の脚山の上に見ゆ 彼平安を宣ぶ ユダよ汝の節筵を行ひ汝の誓願を果せ 邪曲なる者重て汝の中を通らざるべし 彼は全く絶る
Kunoo, miilli nama oduu gaarii fidu, kan nagaa labsu tokkoo tulluuwwan irra jira! Yaa Yihuudaa, ayyaanota kee ayyaaneffadhu; wareega kees baafadhu. Siʼachi hamaan si hin weeraru; inni guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.

< ナホム書 1 >