< レビ記 4 >

1 ヱホバまたモーセに告て言たまはく
Waaqayyo akkana jedhee Museetti dubbate;
2 イスラエルの子孫に告ていふべし人もし誤りてヱホバの誡命に違ひて罪を犯しその爲べからざる事の一を行ふことあり
“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Yoo namni utuu hin beekin waan Waaqayyo dhowwe cabsuudhaan cubbuu hojjete.
3 また若膏そそがれし祭司罪を犯して民を罪に陷いるるごとき事あらばその犯せし罪のために全き犢の若き者を罪祭としてヱホバに献べし
“‘Lubichi dibame yoo cubbuu hojjetee akkasiin sabatti cubbuu fide, inni cubbuu hojjete sanaaf dibicha hirʼina hin qabne tokko aarsaa cubbuu godhee Waaqayyoof haa dhiʼeessu.
4 即ちその牡犢を集會の幕屋の門に牽きたりてヱホバの前にいたりその牡犢の首に手を按きその牡犢をヱホバの前に宰るべし
Innis dibicha sana balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu. Mataa dibicha sanaa irras harka isaa kaaʼee fuula Waaqayyoo duratti haa qalu.
5 かくて膏そそがれし祭司その牡犢の血をとりてこれを集會の幕屋にたづさへ入り
Lubni dibame sun dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee dunkaana wal gaʼiitti qabatee haa seenu.
6 而して祭司指をその血にひたしてヱホバの前聖所の障蔽の幕の前にその血を七次そそぐべし
Lubni sunis quba isaa dhiiga keessa cuphee dhiiga sana irraa golgaa iddoo qulqulluu duratti yeroo torba fuula Waaqayyoo duratti haa facaasu.
7 祭司またその血をとりてヱホバの前にて集會の幕屋にある馨香の壇の角にこれを塗べしその牡犢の血は凡てこれを集會の幕屋の門にある燔祭の壇の底下に灌べし
Ergasiis lubni sun dhiiga sana irraa gaanfawwan iddoo aarsaa ixaana urgaaʼu kan dunkaana wal gaʼii keessa fuula Waaqayyoo dura jiru sana irratti haa naqu. Dhiiga dibicha sanaa kan hafe hunda immoo balbala dunkaana wal gaʼii irratti miilla iddoo aarsaa gubamuu jalatti haa dhangalaasu.
8 またその牡犢の脂をことごとく取て罪祭に用ふべし即ち臓腑を裹むところの油と臓腑の上の一切の脂
Innis dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame sana irraa cooma hunda haa baasu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
9 および兩箇の腎と其上の脂の腰の兩傍にある者ならびに肝の上の網膜の腎の上に達る者を取べし
kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan inni kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi;
10 之を取には酬恩祭の犠牲の牛より取が如くすべし而して祭司これを燔祭の壇の上に焚べし
waan kanas akkuma loon aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamu irraa moorri baafamu sanatti haa baasu. Lubnis iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuu irratti haa gubu.
11 その牡犢の皮とその一切の肉およびその首と脛と臓腑と糞等
Garuu gogaa dibicha sanaatii fi foon isaa hunda, mataa fi miilla isaa, miʼa garaatii fi cumaa isaa,
12 凡てその牡犢はこれを營の外に携へいだして灰を棄る場なる清淨處にいたり火をもてこれを薪柴の上に焚べし即ち是は灰棄處に焚べきなり
jechuunis waan dibicha sanaa kan hafe hunda qubata keessaa gad baasee gara iddoo seeraan qulqulluu taʼe kan daaraan itti gatamuutti haa geessu; daaraa tuulame irrattis ibidda qoraaniitiin haa gubu.
13 またイスラエルの全會衆過失をなしたるにその事會衆の目にあらはれすして彼等つひにヱホバの誡命の爲べからざる者を爲し罪を獲ることあらんに
“‘Yoo waldaan Israaʼel hundi utuu hin beekin cubbamee waan ajaja Waaqayyoo keessatti dhowwame hojjete waldaan sun waaʼee waan sanaa beekuu baatu illee yakka qabeessa taʼa.
14 もし其犯せし罪あらはれなば會衆の者若き犢を罪祭に献べし即ちこれを集會の幕屋の前に牽いたり
Yommuu cubbuun isaan hojjetan beekamutti waldaan sun dibicha tokko aarsaa cubbuu godhee dunkaana wal gaʼii duratti fidee haa dhiʼeessu.
15 會衆の長老等ヱホバの前にてその牡犢の首に手を按きその一人牡犢をヱホバの前に宰るべし
Maanguddoonni waldaa fuula Waaqayyoo duratti mataa dibicha sanaa irra harka isaanii haa kaaʼan; dibichi sunis fuula Waaqayyoo duratti haa qalamu.
16 而して膏そそがれし祭司その牡犢の血を集會の幕屋に携へいり
Lubni dibame sun dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee gara dunkaana wal gaʼiitti haa fidu.
17 祭司指をその血にひたしてヱホバの前障蔽の幕の前にこれを七次そそぐべし
Innis quba isaa dhiiga keessa cuuphee golgaa duratti yeroo torba fuula Waaqayyoo duratti haa facaasu.
18 祭司またその血をとりヱホバの前にて集會の幕屋にある壇の角にこれを塗べし其血は凡てこれを集會の幕屋の門にある燔祭の壇の底下に灌べし
Lubni sunis dhiiga sana irraa gaanfawwan iddoo aarsaa kan dunkaana wal gaʼii keessa fuula Waaqayyoo dura jiru sana irratti haa naqu. Dhiiga dibicha sanaa kan hafe hunda immoo balbala dunkaana wal gaʼii irratti miilla iddoo aarsaa gubamuu jalatti haa dhangalaasu.
19 また其脂をことごとく取て壇の上に焚べし
Inni cooma hunda irraa baasee iddoo aarsaa irratti haa gubu;
20 すなはち罪祭の牡犢になしたるごとくにこの牡犢にもなし祭司これをもて彼等のために贖罪をなすべし然せば彼等赦されん
dibicha kanas akkuma dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame sana godhe haa godhu; lubnis haaluma kanaan araara isaaniif buusa; isaanis dhiifama argatu.
21 かくして彼その牡犢を營の外にたづさへ出し初次の牡犢を焚しごとくにこれを焚べし是すなはち會衆の罪祭なり
Innis ergasii dibicha sana qubata keessaa gad baasee akkuma dibicha jalqabaa gube sana haa gubu; kunis aarsaa cubbuu waldaa ti.
22 また牧伯たる者罪を犯しその神ヱホバの誡命の爲べからざる者を誤り爲て罪を獲ことあらんに
“‘Bulchaan tokko yoo utuu hin beekin cubbuu hojjetee waan ajaja Waaqayyo Waaqa isaa keessatti dhowwame hojjete inni yakka qabeessa taʼa.
23 若その罪を犯せしことを覺らば牡山羊の全き者を禮物に持きたり
Inni yommuu cubbuu hojjete sana beeketti korma reʼee kan hirʼina hin qabne tokko aarsaa ofii isaatiif haa fidu.
24 その山羊の首に手を按き燔祭の牲を宰る場にてヱホバの前にこれを宰るべし是すなはち罪祭なり
Mataa reʼee sanaa irra harka isaa kaaʼee iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti fuula Waaqayyoo duratti haa qalu; kunis aarsaa cubbuu ti.
25 祭司は指をもてその罪祭の牲の血をとり燔祭の壇の角にこれを抹り燔祭の壇の底下にその血を灌ぎ
Lubni sunis ergasii dhiiga aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu irratti dhiʼeeffamutti haa naqu; dhiiga hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu.
26 酬恩祭の犠牲の脂のごとくにその脂を壇の上に焚べし斯祭司かれの罪のために贖事をなすべし然せば彼は赦されん
Innis akkuma cooma aarsaa nagaatiif dhiʼeeffame gube sana moora hunda iddoo aarsaa irratti haa gubu; lubichi haala kanaan namichaaf araara cubbuu buusa; innis dhiifama argata.
27 また國の民の中に誤りて罪を犯しヱホバの誡命の爲べからざる者の一を爲て罪を獲る者あらんに
“‘Saba keessaa namni tokko yoo utuu hin beekin waan ajaja Waaqayyoo keessatti dhowwame keessaa tokko illee cabsuudhaan cubbuu hojjete inni yakka qabeessa taʼa.
28 若その罪を犯せしことを覺らば牝山羊の全き者を牽きたりその犯せし罪のためにこれを禮物になすべし
Inni yommuu akka cubbuu hojjete beeketti cubbuu hojjete sanaaf reʼee dhaltuu hirʼina hin qabne tokko aarsaa ofii isaatiif haa fidu.
29 即ちその罪祭の牲の首に手を按き燔祭の牲の場にてその罪祭の牲を宰るべし
Mataa reʼee aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamte sanaa irras harka isaa kaaʼee iddoo aarsaa gubamuutti haa qalu.
30 而して祭司は指をもてその血を取り燔祭の壇の角にこれを抹りその血をことごとくその壇の底下に灌べし
Lubni sunis ergasii dhiiga sana irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu irratti dhiʼeeffamutti haa naqu; dhiiga hafe hunda immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu.
31 祭司また酬恩祭の牲より脂をとるごとくにその脂をことごとく取りこれを壇の上に焚てヱホバに馨しき香をたてまつるべし斯祭司かれのために贖罪をなすべし然せば彼は赦されん
Akkuma moorri itti aarsaa nagaa irraa baafamutti inni moora hunda haa baasu; lubni immoo aarsaa urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu. Akkasiinis lubni araara buusaaf; innis dhiifama argata.
32 彼もし羔羊を罪祭の禮物に持きたらんとせば牝の全き者を携へきたり
“‘Inni yoo hoolaa tokko aarsaa cubbuu ofii isaatiif fide, dhaltuu hirʼina hin qabne haa fidu.
33 その罪祭の牲の首に手を按き燔祭の牲を宰る場にてこれを宰りて罪祭となすべし
Mataa hoolaa sanaa irras harka isaa kaaʼee iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti aarsaa cubbuutiif haa qalu.
34 かくて祭司指をもてその罪祭の牲の血を取り燔祭の壇の角にこれを抹りその血をことごとくその壇の底下に灌ぎ
Lubni sunis ergasii dhiiga aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuutti haa naqu; dhiiga hafe hunda immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu.
35 羔羊の脂を酬恩祭の犠牲より取るごとくにその脂をことごとく取べし而して祭司はヱホバに献ぐる火祭のごとくにこれを壇の上に焚べし斯祭司彼の犯せる罪のために贖をなすべし然せば彼は赦されん
Akkuma moorri itti hoolaa aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamu irraa baafamutti inni moora hunda haa baasu; lubni immoo aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu gubbaatti iddoo aarsaa irratti haa gubu. Lubnis akkasiin cubbuu namichi hojjeteef araara buusaaf; innis dhiifama argata.

< レビ記 4 >