< 士師記 5 >

1 その日デボラとアビノアムの子バラク謳ひていはく
Gaafas Debooraa fi Baaraaqi ilmi Abiinooʼam akkana jedhanii faarfatan:
2 イスラエルの首長みちびきをなし民また好んで出でたればヱホバを頌美よ
“Yommuu ilmaan moototaa Israaʼelin hoogganan, yommuu sabni Israaʼelis jaallatee of kennutti Waaqayyoon galateeffadhaa!
3 もろもろの王よ聽けもろもろの伯よ耳をかたぶけよ我はそのヱホバに謳はん我はイスラエルの神ヱホバを讚へん
“Yaa mootota, waan kana dhagaʼaa! Bulchitoonnis dhaggeeffadhaa! Waaqayyoon nan faarfadha; amma illee nan faarfadha; Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif nan weeddisa.
4 ああヱホバよ汝セイルより出でエドムの野より進みたまひしとき地震ひ天また滴りて雲水を滴らせたり
“Yaa Waaqayyo, yeroo ati biyya Seeʼiirii baate, yeroo ati biyya Edoomii kaate, lafti ni sochoote; samiiwwanis bokkaa, duumessoonnis bishaan gad roobsan.
5 もろもろの山はヱホバのまへに撼動ぎ彼のシナイもイスラエルの神ヱホバのまへに撼動げり
Tulluuwwan fuula Waaqayyo Waaqa Siinaa duratti, fuula Waaqayyo Waaqa Israaʼel duratti ni raafaman.
6 アナテの子シヤムガルのときまたヤエルの時には大路は通行る者なく途行く人は徑を歩み
“Bara Ilma Anaat, jabana Shamgaar, bara Yaaʼeel keessa daandiiwwan ni onan; karaa deemtonnis daandii jajalʼaa irra deeman.
7 イスラエルの村莊には住者なく住む者あらずなりけるがつひに我デボラ起れり我起りてイスラエルに母となる
Hamma ani Debooraan, haadha taʼee Israaʼeliif kaʼutti, gandoonni Israaʼel duwwaa hafu.
8 人々新しき神を選みければ戰鬪門におよべりイスラエルの四萬人のうちに盾或は鎗の見しことあらんや
Yommuu isaan waaqota haaraa filatanitti, waraanni hamma karra magaalaatti dhufe; gaachanni yookaan eeboon tokko, Israaʼeloota kuma afurtama gidduutti hin argamne.
9 吾が心は民のうちに好んでいでたるイスラエルの有司等に傾けり汝らヱホバを頌美よ
Garaan koo bulchitoota Israaʼel kanneen fedhiidhaan saba gidduutti argaman wajjin jira. Waaqayyoon leellisaa!
10 しろき驢馬に乗るもの毛氈に坐するものおよび路歩む人よ汝ら謳ふべし
“Isin warri harroota adaadii yaabbatan, warri kooraa baladii qabu irra teessan, warri karaa irra deemtan hubadhaa;
11 矢叫の聲に遠かり水汲むところにおいてヱホバの義しき所爲をとなへそのイスラエルを治理めたまふ義しき所爲を唱へよその時ヱホバの民は門に下れり
sagalee faarfattootaa dhagaʼaa. Isaan hojii qajeelummaa Waaqayyoo, hojii qajeelummaa loltoonni isaa Israaʼel keessatti godhan odeessu. “Ergasii saboonni Waaqayyoo, gara karra magaalattiitti gad buʼan.
12 興よ起よデボラ興よ起よ歌を謳ふべし起てよバラク汝の俘虜を擄きたれアビノアムの子よ
‘Yaa Debooraa! Dammaqi; dammaqi; dammaqi; dammaqi; faarfannaas faarfadhu! Yaa Baaraaqi! Dammaqi; yaa ilma Abiinooʼam boojiʼamtoota kee boojiʼii fudhadhu.’
13 其時民の首長等の殘餘者くだり來るヱホバ勇士の中にいまして我にくだりたまふ
“Namoonni hafanis, gara warra gurguddaatti gad buʼan; sabni Waaqayyoos, akka loltuu jabaatti gara koo dhufe.
14 エフライムより出る者ありその根アマレクにありベニヤミン汝のあとにつきて汝の民の中にありマキルよりは牧伯下りゼブルンよりは采配を執るものいたる
Warri hiddi isaanii Amaaleq keessa jiru tokko tokkos Efreem dhufan; Beniyaamis namoota si duukaa buʼan wajjin ture. Ajajjoonni loltoota Maakiir, warri bokkuu ajajjuu qabatanis Zebuuloonii gad buʼan.
15 イッサカルの伯たちはデボラとともに居るイッサカルはバラクとおなじく足の進みて平地に至るルベンの河邊にて大に心にはかる事あり
Hangafoonni Yisaakor Debooraa wajjin turan; Yisaakoris Baaraaqi wajjin ture; innis Baaraaqi wajjin gara sululaatti gad buʼe. Gosa Ruubeen gidduu, qorannoo yaadaa guddaatu ture.
16 何故に汝は圈のうちに止まりて羊の群に笛吹くを聽くやルベンの河邊にて大に心に考ふることあり
Ati maaliif marʼachuu isaanii dhagaʼuuf jettee gola bushaayee keessa turte? Gosa Ruubeen gidduu, qorannoo yaadaa guddaa isaatu ture.
17 ギレアデはヨルダンの彼方に臥し居る何故にダンは舟のかたはらに止まりしやアセルは濱邊に坐してその港に臥し居る
Giliʼaad Yordaanos gama taaʼe; Daan maaliif dooniiwwan keessatti hafe? Aasheer qarqara galaanaatti hafe; buufata isaa keessas ture.
18 ゼブルンは生命を捐て死を冒せる民なり野の高きところに居るナフタリまた是の如し
Sabni Zebuuloon duʼaaf of saaxile; Niftaalemis gaarran biyya isaa irratti akkasuma godhe.
19 もろもろの王來りて戰へる時にカナンのもろもろの王メギドンの水の邊においてタアナクに戰へり彼ら一片の貨幣をも獲ざりき
“Mootonni dhufanii lolan; mootonni Kanaʼaanis Taʼanaakitti bishaanota Megidoo biratti lolan; boojuu meetii tokko illee hin fudhanne.
20 天よりこれを攻るものありもろもろの星其の道を離れてシセラを攻む
Samii keessaa urjiiwwan ni lolan; adeemsa isaanii irrattis Siisaaraadhaan lolan.
21 キシオンの河之を押し流しぬ是彼の古への河キシオンの河なりわが靈魂よ汝ますます勇みて進め
Lagni durii, lagni Qiishoon, lagni Qiishoon sun haxaaʼee isaan fudhate. Yaa lubbuu ko, jabaadhuu fuul duratti deemi!
22 その時馬の蹄は強きももの馳に馳るに由りて地を踏鳴せり
Kotteen fardeenii guddisee didiche; ni gulufan; jabeessaniis gulufan.
23 ヱホバの使いひけるはメロズを詛ふべし汝ら重ね重ねその民を詛ふべきなり彼等來りてヱホバを助けずヱホバを助けて猛者を攻めざればなり
Ergamaan Waaqayyoos, ‘Meerozin abaaraa. Saba ishees jabeessaatii abaaraa; akka Waaqayyo warra jajjabootti kaʼu gargaaruudhaaf, isaan Waaqayyoon gargaaruudhaaf hin dhufneetii’ jedhe.
24 ケニ人ヘベルの妻ヤエルは婦女のうちの最も頌むべき者なり彼は天幕に居る婦女のうち最も頌むべきものなり
“Yaaʼeel niitiin Hebeer Qeenichaa sun dubartoota hunda keessaa haa eebbifamtu; isheen dubartoota dunkaana keessa jiraatan hunda keessaa haa eebbifamtu.
25 シセラ水を乞ふにヤエル乳を與ふ即ち貴き盤に乳の油を盛てささぐ
Inni bishaan kadhate; isheen immoo aannan kenniteef; qabee ulfinaatti itittuu dhiʼeessiteef.
26 ヤエル釘子に手をかけ右の手に重き椎をとりてシセラを打ちその頭を碎きその鬢のあたりをうちて貫ぬく
Harka ishee gara qofoo dunkaanaatti hiixatte; harka ishee mirgaatiin burruusa fudhatte; isheenis Siisaaraa dhooftee mataa isaa buruqsite; waraantees illee isaa keessa fullaafte.
27 シセラ、ヤエルの足の間に屈みて仆れ偃しその足のあはひに屈みて仆れその屈みたる所にて仆れ亡ぬ
Innis miilla ishee jalatti gombifame; kufee diriires. Miilla ishee jalatti gombifame; ni kufe; iddoo gombifamettis kufee duʼe.
28 シセラの母窓より望み格子のうちより叫びて言ふ彼が車のきたること何て遲きや彼が馬の歩何てはかどらざるやと
“Haati Siisaaraa foddaa keessaan gad ilaalte; qaawwa keessaanis iyyitee, ‘Gaariin isaa maaliif dhufuuf lafa irra harkifate? Didichuun gaariiwwan isaa maaliif ture?’ jette.
29 その賢き侍女こたへをなす(母また獨語して斯いへり)
Dubartoota ishee keessaa isheen ogeettiin deebii kenniteef; taʼus isheen ofuma isheetiin deebiftee,
30 かれら獲ものしてこれを分たざらんや人ごとに一人二人の女子を獲んシセラの獲るものは彩る衣ならんその獲る者は彩る衣にして文繍を施せる者ならん即ち彩りて兩面に文繍をほどこせる衣をえてその頸にまとはんと
‘Isaan boojuu argatanii addaan qoodachuutti jiru mitii? Tokkoon tokkoon namaa dubartii tokko tokko yookaan lama lama argata mitii? Siisaaraadhaaf uffanni boojuu kan halluudhaan faayeffame, uffanni halluudhaan miidhagfamee hodhame, morma kootiif immoo uffata akka malee miidhagfamee hodhame qoodu mitii? Kun hundi boojuu dha.’
31 ヱホバよ汝の敵みな是のごとくに亡びよかしまたヱホバを愛するものは日の眞盛に昇るが如くなれよかし とかくて後國は四十年のあひだ太平なりき
“Kanaafuu yaa Waaqayyo, diinonni kee hundi haa barbadaaʼani! Warri si jaallatan garuu akka biiftuu, ishee humna guutuun baatu sanaa haa taʼan.” Ergasii biyyattiin waggaa afurtama nagaa argatte.

< 士師記 5 >