< 士師記 12 >

1 エフライムの人々つどひて北にゆきヱフタにいひけるは汝何故に往きてアンモンの子孫と戰ひながらわれらをまねきて汝とともに行せざりしや我ら火をもて汝の家を汝とともに焚くべしと
Namoonni Efreem walitti qabamanii Daafoon ceʼuudhaan Yiftaan, “Ati yeroo Amoonota loluuf baatetti maaliif akka nu si faana deemnuuf nu hin waamne? Nu mana kee sirratti gubna” jedhaniin.
2 ヱフタ之にいひけるは我とわが民の曾てアンモンの子孫と大に爭ひしときに我汝らをよびしに汝らかれらの手より我を救ふことをせざりき
Yiftaanis akkana jedhee deebiseef; “Anii fi namoonni koo Amoonota loluuf waraana guddaa keessa gallee turre; yommuu ani isin waametti isin harka isaaniitii na hin baafne.
3 我汝らが我を救はざるを見たればわが命をかけてアンモンの子孫の所に攻ゆきしにヱホバかれらを我が手に付したまへり然ば汝らなんぞ今日我が許に上り來りて我とたたかはんとするやと
Ani yeroo akka isin na hin baafne argetti lubbuu kootti muree Amoonota waraanuuf nan ceʼe; Waaqayyos isaan irratti moʼannaa naa kenne. Yoos isin harʼa maaliif na loluuf dhuftan ree?”
4 ヱフタここにおいてギレアデの人をことごとくつどへてエフライムとたたかひしがギレアデの人々エフライムを撃破れり是はエフライム汝らギレアデ人はエフライムの逃亡者にしてエフライムとマナセの中にをるなりと言しに由る
Yiftaanis ergasii namoota Giliʼaad walitti waammatee Efreemitti lola kaase. Sababii namoonni Efreem warra Giliʼaadiin, “Isin Giliʼaadonni warra Efreemii fi Minaasee gantanii dha” jedhaniif Giliʼaadonni isaan dhaʼan.
5 而してギレアデ人エフライムにおもむくところのヨルダンの津をとりきりしがエフライム人の逃れ來る者ありて我を渡らせよといへばギレアデの人之に汝はエフライム人なるかと問ひ彼もし然らずと言ときは
Giliʼaadonni malkaawwan Yordaanos kanneen gara Efraataatti geessan qabatan; yeroo baqataan Efraataa tokko, “Ani gamattin ceʼa” jedhutti, namoonni Giliʼaad, “Ati nama Efreem mitii?” jedhanii isa gaafatu. Yoo inni, “Waawuu” jedhee deebise,
6 また之に請ふシボレテといへといふに彼その音を正しくいひ得ずしてセボレテと言ばすなはち之を引捕へてヨルダンの津に屠せりその時にエフライム人のたふれし者四萬二千人なりき
isaan, “Gaarii dha; ati, ‘Shiiboleeti’ jedhi” jedhaniin. Yoo inni, “Siiboleeti” jedhe, sababii inni qajeelatti “Shiiboleeti” jechuu hin dandeenyeef qabanii malkaawwan Yordaanos irratti isa ajjeesu. Yeroo sanatti namoota Efreem kuma afurtamii lamatu ajjeefame.
7 ヱフタ六年のあひだイスラエルを審きたりギレアデ人ヱフタつひに死てギレアデのある邑に葬むらる
Yiftaan waggaa jaʼa Israaʼelin bulche. Ergasii Yiftaan namni Giliʼaad sun duʼee magaalaa Giliʼaad keessaa tokkotti awwaalame.
8 彼の後にベテレヘムのイブザン、イスラエルを審きたり
Isaan duubas Ibzaan namichi Beetlihem sun Israaʼelin bulche.
9 彼に三十人の男子ありまた三十人の女子ありしがこれをば外に嫁がしめてその子息等のために三十人の女を外より娶れり彼七年のあひだイスラエルを審きたり
Innis ilmaan soddomaa fi intallan soddoma qaba ture; intallan isaas warra gosa isaa hin taʼinitti heerumsiise; ilmaan isaatiifis akka isaan niitota taʼaniif gosa biraa keessaa durboota soddoma fide. Ibxaan waggaa torba Israaʼel bulche.
10 イブザンつひに死てベテレヘムに葬むらる
Ibzaanis duʼee Beetlihem keessatti awwaalame.
11 彼の後にゼブルン人エロン、イスラエルを審きたりゼブルン人エロン十年のあひだイスラエルを審きたり
Isa booddee Eeloon namichi gosa Zebuuloon sun waggaa kudhan Israaʼelin bulche.
12 ゼブルン人エロンつひに死てゼブルンの地のアヤロンに葬むらる
Eeloonis duʼee biyya Zebuuloon keessatti Ayaaloonitti awwaalame.
13 彼の後にピラトン人ヒレルの子アブドン、イスラエルを審きたり
Isatti aanee immoo Abdoon ilmi Hileel namichi Phiraatoon sun Israaʼelin bulche.
14 彼に四十人の男子および三十人の孫ありて七十の驢馬に乗る彼八年のあひだイスラエルを審けり
Innis ilmaan afurtamaa fi ilmaan ilmaanii soddoma kanneen harroota torbaatama yaabbatan qaba ture. Inni waggaa saddeeti Israaʼelin bulche.
15 ピラトン人ヒレルの子アブドンつひに死てエフライムの地のピラトンに葬むらる是はアマレク人の山にあり
Ergasiis Abdoon ilmi Hileel duʼee biyya gaaraa Amaaleqootaatti Efreem keessatti Phiraatoonitti awwaalame.

< 士師記 12 >