< ヨシュア記 6 >

1 (イスラエルの人々の故によりてヱリコは堅く閉して出入する者なし)
Yeroo sanatti Yerikoon sababii Israaʼelootaatiif jabeeffamtee cufamtee turte. Namni tokko iyyuu gad hin baʼu; namni tokko iyyuus ol hin seenu ture.
2 ヱホバ、ヨシユアに言ひたまひけるは觀よわれヱリコおよびその王と大勇士とを汝の手に付さん
Waaqayyos Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Kunoo ani mootii isheetii fi loltoota ishee wajjin Yerikoo dabarsee harka keetti kenneera.
3 汝ら軍人みな邑を繞りて邑の周圍を一次まはるべし汝六日が間かく爲よ
Hidhattoota hunda wajjin yeroo tokko magaalattii irra naannaʼaa; kanas bultii jaʼa hojjedhaa.
4 祭司等七人おのおのヨベルの喇叭をたづさへて櫃に先だつべし而して第七日には汝ら七次邑をめぐり祭司等喇叭を吹ならすべし
Luboonni torbas malakata torba kanneen gaanfa hoolaa irraa hojjetaman qabatanii taabota dura haa deeman. Isinis guyyaa torbaffaatti yeroo torba magaalattii irra nanaannaʼaa; luboonnis malakata haa afuufan.
5 然して祭司等ヨベルの角を音ながくふきならして喇叭の聲なんぢらに聞ゆる時は民みな大に呼はり喊ぶべし然せばその邑の石垣崩れおちん民みな直に進て攻のぼるべしと
Yommuu isaan sagalee malakataa dheeraa isaa dhageessisanitti namni hundinuu sagalee guddaadhaan haa iyyu; dallaan magaalaa sanaa yommusuma jiga; namoonnis ol baʼu; namni hundinuus qajeelee itti seena.”
6 ヌンの子ヨシユアやがて祭司等を召て之に言ふ汝ら契約の櫃を舁き祭司等七人ヨベルの喇叭七をたづさへてヱホバの櫃に先だつべしと
Kanaafuu Iyyaasuun ilmi Nuuni luboota ofitti waamee, “Taabota kakuu Waaqayyoo fuudhaatii luboonni torba malakata baatanii isa dura haa deeman” jedheen.
7 而して民に言ふ汝ら進みゆきて邑を繞れ甲冑のものどもヱホバの櫃に先だちて進むべしと
Namootaanis, “Fuula duratti deemaatii magaalaa sana irra naannaʼaa; loltoonni hidhatanis taabota Waaqayyoo dura haa deeman” jedhe.
8 ヨシユアかく民に語りしかば七人の祭司等おのおのヨベルの喇叭をたづさへヱホバに先だちすきみて喇叭を吹きヱホバの契約の櫃これにしたがふ
Erga Iyyaasuun namootatti dubbatee booddee, luboonni torban fuula Waaqayyoo duratti malakata torba baatan sun malakata isaanii afuufaa dura darban; taabonni kakuu Waaqayyoos isaan duukaa buʼe.
9 即ち甲冑のものどもは喇叭を吹くところの祭司等にさきだちて行き後軍は櫃の後に行く祭司たちは喇叭を吹きつつすすめり
Loltoonni miʼa lolaa hidhatanis luboota malakata afuufaa turan dura deeman; loltoonni dugda duubaa immoo taaboticha duukaa buʼan. Yeroo kana hundas malakanni afuufamaa ture.
10 ヨシユア民に命じて言ふ汝ら呼はる勿れ汝らの聲を聞えしむるなかれまた汝らの口より言を出すなかれわが汝らに呼はれと命ずる日におよびて呼はるべしと
Iyyaasuun garuu namootaan, “Iyya lolaa hin iyyinaa; sagalee keessan ol hin fudhatinaa; hamma guyyaa ani iyyaa isiniin jedhuutti dubbii tokko illee hin dubbatinaa. Gaafas iyyaa!” jedhe.
11 而してヱホバの櫃をもち邑を繞りて一周し陣營に來りて營中に宿れり
Kanaafuu inni akka taabonni Waaqayyoo baatamee magaalaa sana irra yeroo tokko naannaʼu godhe. Ergasiis namoonni gara qubataatti deebiʼanii achi bulan.
12 又あくる朝ヨシユアはやく興いで祭司等ヱホバの櫃を舁き
Iyyaasuun guyyaa itti aanu ganama barii kaʼe; luboonnis taabota Waaqayyoo ol fuudhan.
13 七人の祭司等おのおのヨベルの喇叭をたづさへヱホバの櫃に先だちて行き喇叭を吹きつつすすみ甲冑の者等これに先だちて行き後軍はヱホバの櫃の後に行く祭司等喇叭をふきつつ進めり
Luboonni torban malakata torba baatanis taabota Waaqayyoo dura deemaa malakatas afuufaa fuula duratti qajeelan. Loltoonni miʼa lolaa hidhatan isaan dura buʼan; loltoonni dugda duubaa immoo taabota Waaqayyoo duukaa buʼan; malakannis ittuma fufee afuufamaa ture.
14 その次の日にも一次邑を繞りて陣營に歸り六日が間然なせり
Kanaafuu guyyaa lammaffaatti yeroo tokko magaalattii irra naannaʼanii gara qubataatti deebiʼan. Kanas bultii jaʼa hojjetan.
15 第七日には夜明に早く興いで前のごとくして七次邑を繞れり唯この日のみ七次邑を繞りたり
Guyyaa torbaffaatti ganama barii kaʼanii haaluma duraa sanaan yeroo torba magaalattii irra naannaʼan; isaan gaafuma sana qofa yeroo torba magaalattii irra naannaʼan.
16 七次目にいたりて祭司等喇叭を吹くときにヨシユア民に言ふ汝ら呼はれヱホバこの邑を汝らに賜へり
Marsaa torbaffaatti yommuu luboonni malakata afuufanitti Iyyaasuun akkana jedhee namoota ajaje; “Iyyaa! Waaqayyo magaalattii isinii kenneeraatii!
17 この邑およびその中の一切の物をば詛はれしものとしてヱホバに献ぐべし唯妓婦ラハブおよび凡て彼とともに家に在るものは生し存べしわれらが遣しし使者を匿したればなり
Magaalattii fi wanni ishee keessa jiru hundinuu Waaqayyoof addaan haa baafaman. Sababii isheen basaastota nu erganne sana dhoksiteef, Rahaab sagaagaltittiin qofti warra mana ishee keessa jiran hunda wajjin haa baraaramtu.
18 唯汝ら詛はれし物を愼め恐らくは汝ら其を詛はれしものとして献ぐるに方りその詛はれし物を自ら取りてイスラエルの陣營をも詛はるるものとならしめ之をして惱ましむるに至らん
Isin garuu akka isaan keessaa tokko illee fudhattanii akkasiin badiisa ofitti hin fidneef waan laguu taʼe irraa fagaadhaa. Yoo kanaa achii isin qubata Israaʼeliitti iyyuu badiisa fiddanii rakkina irraan geessu.
19 但し銀金銅器鐵器などは凡てヱホバに聖別て奉まつるべきものなればヱホバの府庫にこれを携へいるべしと
Meetii fi warqeen hundi, miʼi naasiitii fi sibiilaa hundi sababii Waaqayyoof qulqulleeffamaniif mankuusa isaatti galuu qabu.”
20 是において民よばはり祭司喇叭を吹ならしけるが民喇叭の聲をきくと斉しくみな大聲を擧て呼はりしかば石垣崩れおちぬ斯りしかば民おのおの直に邑に上りいりて邑を攻取り
Yommuu malakanni afuufametti namoonni ni iyyan; yommuu sagaleen malakata sanaa dhagaʼamee namoonnis sagalee guddaadhaan iyyanitti dallaan magaalaa sanaa ni kufe. Kanaafuu namni hundi fuul duratti girrisee seenuudhaan magaalaa sana qabate.
21 邑にある者は男女少きもの老たるものの區別なく盡くこれを刃にかけて滅ぼし且つ牛羊驢馬にまで及ぼせり
Isaanis waan magaalaa sana Waaqayyoof addaan baasaniif waan isa keessa jiru hunda jechuunis dhiiraa dubartii, xinnaa guddaa, loon, hoolotaa fi harroota goraadeedhaan fixan.
22 時にヨシユアこの地を窺ひたりし二箇の人にむかひ汝らかの妓婦の家に入りかの婦人およびかれに屬る一切のものを携へいだしかれに誓ひし如くせよと言ければ
Iyyaasuunis namoota lamaan biyya sana basaasanii turaniin, “Mana sagaagaltuu sanaa ol seenaatii akkuma isin isheef kakattanitti ishee fi warra kan ishee taʼan hunda gad baasaa fidaa” jedhe.
23 間者たりし少き人等すなはち入てラハブおよびその父母兄弟ならびに彼につけるすべてのものを携へ出しまたその親戚をも携へ出しイスラエルの陣營の外にかれらを置り
Kanaafuu dargaggoonni basaasuu dhaqanii turan sun ol seenanii Rahaab, abbaa isheetii fi haadha ishee, obboloota isheetii fi waan kan ishee taʼe hundumaa gad baasan. Maatii ishee hundas alatti baasanii qubata Israaʼeliitiin ala isaan tursan.
24 斯て火をもて邑とその中の一切のものを焚ぬ但し銀金銅器鐵器などはヱホバの室の府庫に納めたり
Ergasii guutummaa magaalaa sanaatii fi waan ishee keessa jiru hunda guban; garuu meetii fi warqee, miʼa naasiitii fi sibiilaa mankuusa mana Waaqayyootti galchan.
25 妓婦ラハブおよびその父の家の一族と彼に屬る一切の者とはヨシユアこれを生し存ければラハブは今日までイスラエルの中に住をる是はヨシユアがヱリコを窺はせんとて遣はしし使者を匿したるに因てなり
Iyyaasuun garuu sababii isheen namoota inni akka basaasaniif gara Yerikootti ergee ture sana dhoksiteef Rahaab sagaagaltuu sana maatii isheetii fi waan kan ishee taʼe hunda wajjin ni baraare; isheenis hamma ammaatti Israaʼeloota gidduu jiraatti.
26 ヨシユアその時人衆に誓ひて命じ言けるは凡そ起てこのヱリコの邑を建る者はヱホバの前に詛はるべし其石礎をすゑなば長子を失ひその門を建なば季子を失はんと
Iyyaasuunis yeroo sanatti akkana jedhee kakate; “Namni magaalaa Yerikoo kana deebisee ijaaru fuula Waaqayyoo duratti abaaramaa haa taʼu: “Inni hundee ishee buusnaan, ilmi isaa hangafti haa duʼu; karra ishee ijaaruu jalqabnaan, ilmi isaa quxisuun haa duʼu.”
27 ヱホバ、ヨシユアとともに在してヨシユアの名あまねく此地に聞ゆ
Kanaafuu Waaqayyo Iyyaasuu wajjin ture; maqaan isaas guutummaa biyyatii keessatti beekame.

< ヨシュア記 6 >