< ヨシュア記 19 >

1 次にシメオンのため即ちシメオン子孫の支派のためにその宗族にしたがひて籤を掣りその產業ばユダの子孫の產業の中にあり
Ixaan lammaffaan gosa Simiʼooniif balbala balbalaan baʼe. Dhaalli isaaniis dhaala gosa Yihuudaa keessatti argama.
2 その有る產業はベエルシバ即ちシバ、モラダ
Kunis: Bersheebaa yookaan Shebaa, Molaadaa,
3 ハザルシユアル、バラ、エゼム
Hazar Shuuʼaal, Baalaa, Ezem,
4 エルトラデ、ベトル、ホルマ
Eltolaad, Betuul, Hormaa,
5 チクラグ、ベテマルカボテ、ハザルスサ
Siiqlaag, Beet Markaabot, Hazar Suusaa,
6 ベテレバオテ、シヤルヘンの十三邑並びに之につける村々
Beet Lebaaʼotii fi Shaaruheen; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha sadii turan;
7 およびアイン、リンモン、エテル、アシヤンの四邑ならびに之につける村々
Ayin, Rimoon, Eteerii fi Ashaan, magaalaawwanii fi gandoota isaanii afran,
8 および此邑々の周圍にありてバアラテベエルすなはち南のラマまでに至るところの一切の村々等なりシメオンの子孫の支派がその宗族にしたがひて獲たる產業は是のごとし
akkasumas gandoota naannoo magaalaawwan kanneenii jiran kanneen hamma Baaʼilaat Biʼeeritti jechuunis hamma Raamaat ishee Negeeb keessaa sanaatti balʼata. Dhaalli gosti Simiʼoon balbala balbalaan argate kanaa dha.
9 シメオンの子孫の產業はユダの子孫の分の中より出づ是ユダの子孫の分自分のためには多かりしに因てシメオンの子孫のおのれの產業を彼らの產業の中に獲たるなり
Sababii qoodni gosa Yihuudaa hamma isaan barbaadanii ol taʼeef dhaalli gosa Simiʼoon kun qooda gosa Yihuudaa irraa fudhatame. Kanaafuu gosti Simiʼoon Yihuudaa keessatti dhaala argate.
10 第三にゼブルンの子孫のために其宗族にしたがひて籤を掣り其產業の境界はサリデに及び
Ixaan sadaffaan gosa Zebuulooniif balbala balbalaan baʼe; kunis: Daariin dhaala isaanii hamma Saariiditti deema.
11 また西に上りてマララに至りダバセテに達しヨグネアムの前なる河に達し
Achiis karaa lixaatiin gara Mareʼaalaatti gad buʼee Dabesheetitti riiqatee hamma laga Yoqeniʼaam dura jiru sanaatti deema.
12 サリデよりして東の方日のいづる方にまがりてキスロテタボルの境界にいたりタベラに出でヤピアに上り
Ergasiis Saariid irraa gara Kisloti Taaboor biyya baʼa biiftuutti argamtu sanaatti gara baʼaatti goree Daaberaatitti qajeelee hamma Yaafiiyaatti deema.
13 彼處より東の方ガテヘペルにわたりてイツタカジンにいたりネアまで廣がるところのリンモンに至りて盡き
Achiis karaa baʼaatiin itti fufee Gat Heeferii fi Eetqaaxin dhaqa; Rimooniin gad baʼee gara Neʼaahitti gora.
14 また北にまはりてハンナトンにいたりイフタエルの谷にいたりて盡く
Daariin sunis karaa kaabaatiin gara Hanaatoonitti goree Sulula Yiftaa Eelitti dhuma.
15 カツタテ、ナハラル、シムロン、イダラ、ベテレヘムなどの十二邑ならびに之につける村々あり
Kanneen irrattis Qaataat, Naahaalal, Shimroon, Yidalaa fi Beetlihem dabalamaniiru. Isaaniis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha lama turan.
16 ゼブルンの子孫がその宗族にしたがひて獲たる產業およびその邑と村とは是のごとし
Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Zebuuloon balbala balbalaan argatee dha.
17 第四にイツサカルすなはちイツサカルの子孫のためにその宗族にしたがひて籤を掣り
Ixaan afuraffaan gosa Yisaakoriif balbala balbalaan baʼe.
18 その境界の包括る處はヱズレル、ケスロテ、シユネム
Biyyi isaaniis: Yizriʼeel, Kesuloot, Suunam,
19 ハパライム、シオン、アナハラテ
Hafaarayim, Shiiʼoon, Anaaharat,
20 ラビテ、キシン、エベツ
Rabiit, Kishoon, Ebezi,
21 レメテ、エンガンニム、エンハダ、ベテパツゼズなどなり
Remeet, Een Ganiim, Een Hadaa fi Beet Phaxeex.
22 その境界タボル、シヤハヂマおよびベテシメシに達しその境界ヨルダンにいたりて盡く其邑あはせて十六また之につける村々あり
Daariin isaanii Taaboor, Shahazumaa fi Beet Shemesh tuqee Yordaanos gaʼee dhaabata. Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha jaʼa turan.
23 イツサカルの子孫の支派が其宗族にしたがひて獲たる產業および其邑々村々は是の如し
Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Yisaakor balbala balbalaan argatee dha.
24 第五にアセルの子孫の支派のために其宗族にしたがひて籤を掣り
Ixaan shanaffaan gosa Aasheeriif balbala balbalaan baʼe.
25 其境界の内はヘルカテ、ハリ、ベテン、アクサフ
Biyyi isaaniis: Helqaat, Halii, Beten, Akshaaf,
26 アランメレク、アマデ、ミシヤルなり其境界西の方カルメルに達しまたシホルリブナテに達し
Alaamelek, Amaadii fi Mishiʼaal. Daangaan sunis karaa lixaatiin Qarmeloosii fi Shiihoor Libnaat tuqa.
27 日の出る方に折てベテダゴンにいたりゼブルンに達し北の方イフタヱルの谷のベテエメク及びネイエルに達し左してカブルに出で
Ergasii karaa baʼa biiftuutiin gara Beet Daagonitti goree Zebuuloonii fi Sulula Yiftaa Eelitti qabatee Kaabuulin gara bitaatti dhiisee karaa kaabaatiin Beet Emeeqii fi Neʼiiʼeelitti qajeela.
28 エプロン、レホブ、ハンモン、カナにわたりて大シドンにまでいたり
Achiis kaʼee gara Eebroon, Rehoob, gara Hamoonii fi Qaanaatti ol baʼee hamma Siidoonaa Guddichaatti deema.
29 ラマに旋りツロの城に及びまたホサに旋りアクジブの邊にて海にいたりて盡く
Daangaan sunis ergasii gara Raamaatti goree magaalaa Xiiroos kan dallaa jabaa qabu sanaa dhaqee gara Hoosaatti goree karaa Akziibiitiin galaana gaʼee dhaabata;
30 またウンマ、アベクおよびレホブありその邑あはせて二十二また之につける村々あり
kunis biyya Umaa, biyya Afeeqiitii fi Rehoob dabalata. Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan digdamii lama turan.
31 アセルの子孫の支派がその宗族にしたがひて獲たる產業およびその邑々村々は是のごとし
Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Aasheer balbala balbalaan argatee dha.
32 第六にナフタリの子孫のためにナフタリの子孫の宗族にしたがひて籤を掣り
Ixaan jaʼaffaan gosa Niftaalemiif balbala balbalaan baʼe; kunis:
33 その境界はヘレフより即ちザアナイムの樫の樹より起りアダミネケブおよびヤブニエルを經てラクムにいたりヨルダンにいたりて盡く
Daariin isaanii Heelefii fi muka guddaa Zaʼaanaaniim keessa jiru sanaa kaʼee Adaamii Neqebii fi Yabniʼeel irraan gara Laquumiitti qajeelee Yordaanos gaʼee dhaabata.
34 而して其境界西に旋りてアズノテタボルにいたり彼處よりホツコクに出で南はゼブルンに達し西はアセルに達し日の出る方はヨルダンの邊にてユダに達す
Daariin sun Aznoot Taabooritti qajeelee gara lixaatti goruudhaan Huuqooqi gaʼee dhaabata. Innis karaa kibbaatiin Zebuuloon, karaa lixatiin Aasheer, karaa baʼaatiin immoo Yordaanos tuqa.
35 その堅固たる邑々はヂデム、ゼル、ハンマテ、ラツカテ、キンネレテ
Magaalaawwan dallaa jabaa qaban kanneenii dha: Zidiimi, Zeeri, Hamaati, Raqaati; Kinereeti,
36 アダマ、ラマ、ハゾル
Adaamaa, Raamaa, Haazoor,
37 ケデシ、エデレイ、エンハゾル
Qaadesh, Edreyii, Een Haxoor,
38 イロン、ミグダルエル、ホレム、ベテアナテ、ベテシメシなど合せて十九邑亦これにつける村々あり
Yiroon, Migdaal Eel, Horeem, Beet Anaatii fi Beet Shemesh. Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha sagal turan.
39 ナフタリの子孫の支派がその宗族にしたがひて獲たる產業およびその邑々村々は是のごとし
Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Niftaalem balbala balbalaan argatee dha.
40 第七にダンの子孫の支派のためにその宗族にしたがひて籤を掣り
Ixaan torbaffaan gosa Daaniif balbala balbalaan baʼe.
41 その產業の境界の内はゾラ、エシタオル、イルシメシ
Biyyi isaan Dhaalanis: Zoraa, Eshitaaʼol, Iir Shemesh,
42 シヤラビム、アヤロン、イテラ
Shaʼalabiin, Ayaaloon, Yitlaa,
43 エロン、テムナ、エクロン
Eeloon, Tiimnaahi, Eqroon,
44 エルテケ、ギベトン、バアラテ
Elteqee, Gibetoon, Baaʼilaati,
45 ヱホデ、ベネベラク、ガテリンモン
Yihuud, Benee Beraaq, Gat Rimoon,
46 メヤルコン、ラツコン、ヨツパと相對ふ地などなり
Meyaarqoonii fi Raqoon Yoopheetti garagalee argamu sanaa dha.
47 但しダンの子孫の境界は初よりは廣くなれり其はダンの子孫上りゆきてライシを攻取り刃をもちてこれを撃ほろぼし之を獲て其處に住たればなり而してその先祖ダンの名にしたがびてライシをダンと名けたり
Ijoolleen Daan garuu sababii lafti dhaalan sun isaanitti dhiphatteef ol baʼanii Lesheemin waraananii qabatan; erga goraadeedhaan dhaʼanii booddee ishee dhuunfatan. Isaanis Lesheem keessa qubatanii Daan jedhanii maqaa abbaa isaaniitiin ishee moggaasan.
48 ダンの子孫の支派がその宗族にしたがひて獲たる產業およびその邑々村々は是のごとし
Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Daan balbala balbalaan argatee dha.
49 かく境界を畫りて產業の地を與ふることを終ぬ而してイスラエルの子孫おのれの中にてヌンの子ヨシユアに產業を與へたり
Israaʼeloonnis erga biyyattii ixaadhaan qoodamte sana hiranii fixanii booddee gidduu isaaniitti Iyyaasuu ilma Nuunitiif dhaala kennan;
50 すなはちヱホバの命にしたがひて彼にその求むる邑を與ふエフライムの山地なるテムナテセラ是なり彼その邑を建なほして其處に住む
dhaala kanas akkuma Waaqayyo ajajetti kennan. Isaanis magaalaa inni gaafatee kennaniif; magaalaan sunis Timnaat Seeraa kan biyya gaaraa Efreemitti argamtuu dha. Innis magaalaa sana ijaaree keessa jiraate.
51 祭司エレアザル、ヌンの子ヨシユアおよびイスラエルの子孫の支派の族長等がシロにおいて集會の幕屋の門にてヱホバの前に籤をもて分與へし產業は是のごとし斯地を分つことを終たり
Kunneen biyyoota Eleʼaazaar lubichi, Iyyaasuun ilmi Nuunitii fi hangafoonni gosoota Israaʼel Shiilootti fuula Waaqayyoo duratti balbala dunkaana wal gaʼii irratti ixaadhaan kennanii dha. Isaanis akkasiin biyyattii qooduu xumuran.

< ヨシュア記 19 >