< ヨナ書 1 >

1 ヱホバの言アミタイの子ヨナに臨めりいはく
Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Yoonaas ilma Amitaayi dhufe:
2 起てかの大なる邑ニネベに往きこれを呼はり責めよ そは其惡わが前に上り來ればなりと
“Sababii hamminni ishee fuula koo dura dhufeef, gara Nanawwee magaalaa guddittii dhaqiitii isheedhaan mormuudhaan itti lallabi.”
3 然るにヨナはヱホバの面をさけてタルシシへ逃れんと起てヨツパに下り行けるが機しもタルシシへ往く舟に遇ければその價値を給へヱホバの面をさけて偕にタルシシへ行んとてその舟に乗れり
Yoonaas garuu Waaqayyo duraa baqatee Tarshiishitti qajeele. Innis Yoopheetti gad buʼee doonii gara Tarshiish deemu tokko argate. Erga gatii geejjibaa baasee booddee Waaqayyo duraa miliquuf jedhee doonii yaabbatee Tarshiishitti imale.
4 時にヱホバ大風を海の上に起したまひて烈しき颺風海にありければ舟は幾んど破れんとせり
Waaqayyo bubbee jabaa tokko galaanatti erge; dambaliin akka malee jabaan tokko kaanaan dooniin sun gargar caccabuu gaʼe.
5 かかりしかば船夫恐れて各おのれの神を呼び又舟を輕くせんとてその中なる載荷を海に投すてたり 然るにヨナは舟の奧に下りゐて臥て酣睡せり
Warri doonii sana oofan hundinuu akka malee sodaatanii tokkoon tokkoon isaanii waaqa isaaniitti iyyatan. Isaanis baʼaa xinneessuuf jedhanii doonii irraa feʼiisa galaanatti gad dadarbatan. Yoonaas garuu garaa doonii seenee ciisee achitti hirribni guddaan isa qabe.
6 船長來りて彼に云けるは汝なんぞかく酣睡するや起て汝の神を呼べあるひは彼われらを眷顧て淪亡ざらしめんと
Ajajaan doonii sanaa gara isaa dhufee, “Ati akkam akkas rafuu dandeessa? Kaʼii waaqa kee waammadhu! Tarii inni nuu dhagaʼee nus duʼa oolla taʼaatii” jedheen.
7 かくて人衆互に云けるは此災の我儕にのぞめるは誰の故なるかを知んがため去來鬮を掣んと やがて鬮をひきしに鬮ヨナに當りければ
Warri doonii oofanis, “Kottaa nama balaa kana nutti fide beekuuf ixaa buufannaatii” waliin jedhan. Isaan ixaa buufannaan ixaan sun Yoonaas irra buʼe.
8 みな彼に云けるはこの災禍なにゆゑに我らにのぞめるか請ふ告げよ 汝の業は何なるや 何處より來れるや 汝の國は何處ぞや 何處の民なるや
Kanaafuu isaan, “Mee nutti himi; namni balaa nutti dhufe kana hundaaf itti gaafatamu eenyu? Hojiin kee maali? Ati eessaa dhufte? Biyyi kee eessa? Ati saba kam keessaa dhalatte?” jedhanii isa gaafatan.
9 ヨナ彼等にいひけるは我はヘブル人にして海と陸とを造りたまひし天の神ヱホバを畏るる者なり
Innis, “Ani Ibricha Waaqayyo, Waaqa isa samii, galaanaa fi lafa uume sana waaqeffatuu dha” jedhee deebise.
10 是に於て船夫甚だしく懼れて彼に云けるは汝なんぞ其事をなせしやと その人々は彼がヱホバの面をさけて逃れしなるを知れり 其はさきにヨナ彼等に告たればなり
Wanni kun isaan sodaachisnaan, “Ati maal goote?” jedhanii isa gaafatan. Isaanis sababii inni duraanuu isaanitti himeef akka inni Waaqayyo duraa miliquuf baqachuutti jiru beekan.
11 遂に船夫彼にいひけるは我儕のために海を靜かにせんには汝に如何がなすべきや 其は海いよいよ甚だしく狂蕩たればなり
Galaanni sunis ittuma caalchisee raafamaa dhufe. Kanaafuu isaan, “Nu amma galaana kana tasgabbeessuuf maal si gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan.
12 ヨナ彼等に曰けるはわれを取りて海に投いれよ さらば海は汝等の爲に靜かにならん そはこの大なる颺風の汝等にのぞめるはわが故なるを知ればなり
Innis, “Ol na fuudhaatii galaanatti na darbadhaa; ergasii galaanichi gab jedha. Ani akka dhaʼaan galaanaa hamaan kun sababii balleessaa kootiitiif dhufe nan beeka” jedhee deebise.
13 されど船夫は陸に漕もどさんとつとめたりしが終にあたはざりき 其は海かれらにむかひていよいよ烈しく蕩たればなり
Namoonni sun garuu qooda kanaa doonii sana gara qarqaraatti baasuuf waan dandaʼan hunda yaalan. Isaan garuu galaanni sun ittuma caalchisee raafamaa waan dhufeef baasuu hin dandeenye.
14 ここにおいて彼等ヱホバに呼はりて曰けるはヱホバよこひねがはくは此人の命の爲に我儕を滅亡したまふ勿れ 又罪なきの血をわれらに歸し給ふなかれ そはヱホバよ汝聖意にかなふところを爲し給へるなればなりと
Kana irratti isaan, “Yaa Waaqayyo, ati sababii lubbuu namicha kanaatiif jettee nu hin fixin. Yaa Waaqayyo ati waan akkuma feete hojjetteef yakka lubbuu nama balleessaa hin qabnee ajjeesuu nutti hin herregin” jedhanii gara Waaqayyootti iyyatan.
15 すなわちヨナを取りて海に投入たり しかして海のあるることやみぬ
Akkasiin Yoonaasin fuudhanii doonii irraa gad darbatan; galaanni raafamaa ture sunis gab jedhe.
16 かかりしかばその人々おほいにヱホバを畏れヱホバに犧牲を獻げ誓願を立たり
Kana irratti namoonni sun akka malee Waaqayyoon sodaatanii aarsaa Waaqayyoof dhiʼeessan; wareegas wareeganiif.
17 さてヱホバすでに大なる魚を備へおきてヨナを呑しめたまへり ヨナは三日三夜魚の腹の中にありき
Waaqayyo garuu akka inni Yoonaasin liqimsuuf qurxummii guddaa tokko qopheesse; Yoonaasis guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii sanaa keessa ture.

< ヨナ書 1 >