< ヨブ 記 22 >

1 是においてテマン人エリパズこたへて曰く
Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise:
2 人神を益する事をえんや 智人も唯みづから益する而已なるぞかし
“Namni Waaqa fayyaduu dandaʼaa? Namni ogeessi iyyuu maal isa fayyada?
3 なんぢ義かるとも全能者に何の歡喜かあらん なんぢ行爲を全たふするとも彼に何の利益かあらん
Yoo ati nama qajeelaa taate wanni kun Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuf gammachuu maalii kenna? Yoo karaan kee hirʼina qabaachuu baates inni buʼaa maalii argata?
4 彼汝の畏懼の故によりて汝を責め汝を鞫きたまはんや
“Wanni Waaqni sitti dheekkamee murtiitti si dhiʼeessuuf waan ati isa sodaattuufii?
5 なんぢの惡大なるにあらずや 汝の罪はきはまり無し
Hamminni kee guddaa dha mitii? Cubbuun kees dhuma hin qabu mitii?
6 即はち汝は故なくその兄弟の物を抑へて質となし 裸なる者の衣服を剥て取り
Ati sababii malee obboloota kee irraa qabdii fudhatteerta; namoota irraa uffata baaftee qullaa isaan hambifteerta.
7 渇く者に水を與へて飮しめず 饑る者に食物を施こさず
Warra dadhaban bishaan hin obaafne; kanneen beelaʼanis nyaata dhowwatteerta;
8 力ある者土地を得 貴き者その中に住む
namni humna qabu biyya qabaata; kan ulfina qabus keessa jiraata.
9 なんぢは寡婦に手を空しうして去しむ 孤子の腕は折る
Ati dubartoota dhirsoonni irraa duʼan harka duwwaa gad dhiifte; irree ijoollee abbaa hin qabnees ni cabsite.
10 是をもて網羅なんぢを環り 畏懼にはかに汝を擾す
Kanaafuu kiyyoon si marseera; sodaan tasaas si qabateera.
11 なんぢ黑暗を見ずや 洪水のなんぢを覆ふを見ずや
Akka ati hin argineef ifni kee dukkanaaʼeera; lolaan bishaaniis sirra garagala.
12 神は天の高に在すならずや 星辰の巓ああ如何に高きぞや
“Waaqni samii keessa ol fagoo jiraata mitii? Inni urjiiwwan ol fagoo jiran illee hammam akka ol fagaatan of jalatti gad ilaala!
13 是によりて汝は言ふ 神なにをか知しめさん 豈よく黑雲の中より審判するを得たまはんや
Ati garuu akkana jetta; ‘Waaqni maal beeka? Inni dukkana akkasii keessatti murtii kennaa?
14 濃雲かれを蔽へば彼は見たまふ所なし 唯天の蒼穹を歩みたまふ
Yommuu inni bantii samii irra deemu, akka inni nu hin argineef duumessi gobbuun isa haguuga.’
15 なんぢ古昔の世の道を行なはんとするや 是あしき人の踐たりし者ならずや
Ati daandii durii kan namoonni hamoon irra deeman duukaa buutaa?
16 彼等は時いまだ至らざるに打絶れ その根基は大水に押流されたり
Isaan utuu yeroon isaanii hin gaʼin fudhataman; hundeen isaanis lolaadhaan haxaaʼame.
17 彼ら神に言けらく我儕を離れたまへ 全能者われらのために何を爲ことを得んと
Isaanis Waaqaan, ‘Nu dhiisi! Waaqni Waan Hunda Dandaʼu maal nu gochuu dandaʼa?’ jedhan.
18 しかるに彼は却つて佳物を彼らの家に盈したまへり 但し惡人の計畫は我に與する所にあらず
Garuu kan mana isaanii waan gaariin guute isuma; kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha.
19 義しき者は之を見て喜び 無辜者は彼らを笑ふ
Qajeelonnis badiisa isaanii arganii ni gammadu; warri balleessaa hin qabnes akkana jedhanii isaanitti qoosu;
20 曰く我らの仇は誠に滅ぼされ 其盈餘れる物は火にて焚つくさる
‘Dhugumaan amajaajonni keenya balleeffamaniiru; qabeenya isaaniis ibiddi barbadeesseera.’
21 請ふ汝神と和らぎて平安を得よ 然らば福祿なんぢに來らん
“Waaqaan walii gali; isa wajjinis nagaan jiraadhu; haala kanaanis wanni gaariin siif dhufa.
22 請ふかれの口より敎晦を受け その言語をなんぢの心に藏めよ
Afaan isaatii qajeelfama fudhadhu; dubbii isaa illee garaatti qabadhu.
23 なんぢもし全能者に歸向り且なんぢの家より惡を除き去ば 汝の身再び興されん
Yoo gara Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutti deebite, ati ni haaromfamta; yoo dunkaana kee keessaa hammina balleessitee
24 なんぢの寳を土の上に置き オフルの黄金を谿河の石の中に置け
warqee kee biyyoo keessa buufte, yoo warqee Oofiirii immoo dhagaa keessatti gatte,
25 然れば全能者なんぢの寳となり汝のために白銀となりたまふべし
yoos Waaqni Waan Hunda Dandaʼu warqee, meetii filatamaas siif taʼa.
26 而してなんぢは又全能者を喜び且神にむかひて面をあげん
Ati yeroo sanatti Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadda; fuula kees gara Waaqaatti ol qabatta.
27 なんぢ彼に祈らば彼なんぢに聽たまはん 而して汝その誓願をつくのひ果さん
Ati isa kadhatta; inni si dhagaʼa; ati immoo wareega kee ni baafatta.
28 なんぢ事を爲んと定めなばその事なんぢに成ん 汝の道には光照ん
Wanni ati murteessite ni taʼa; ifnis karaa kee irratti ni ifa.
29 其卑く降る時は汝いふ昇る哉と 彼は謙遜者を拯ひたまふべし
Yeroo namoonni gad qabamanitti ati immoo, ‘Ol isaan qabi!’ jetta; innis warra gad qabaman ni baraara.
30 かれは罪なきに非ざる者をも拯ひたまはん 汝の手の潔淨によりて斯る者も拯はるべし
Inni nama balleessaa qabu illee ni oolcha; ati qulqullummaa harka keetiitiin furamta.”

< ヨブ 記 22 >