< イザヤ書 58 >

1 大によばはりて聲ををしむなかれ 汝のこゑをラッパのごとくあげ わが民にその愆をつげヤコブの家にその罪をつげしめせ
“Guddisii iyyi; hin qusatin. Akkuma malakataa sagalee kee ol fudhadhu. Saba kootti fincila isaanii, mana Yaaqoobitti immoo cubbuu isaanii labsi.
2 かれらは日々われを尋求めわが途をしらんことをこのむ 義をおこなひ神の法をすてざる國のごとく義しき法をわれにもとめ神と相近づくことをこのめり
Isaan guyyuma guyyaan na barbaaduutii; isaan akkuma saba waan qajeelaa hojjetee ajajawwan Waaqa isaa hin dhiisin tokkootti waan karaa koo beekuu barbaadan fakkaatu. Isaan murtii qajeelaa na kadhatu; akka Waaqni isaanitti dhiʼaatus waan hawwan fakkaatu.
3 かれらはいふ われら斷食するになんぢ見たまはず われら心をくるしむるになんぢ知たまはざるは何ぞやと 視よなんぢらの斷食の日にはおのがこのむ作をなし その工人をことごとく惱めつかふ
Isaanis, ‘Yoo ati waan kana hin argine, nu maaliif soomne? Yoo ati waan kana hin qalbeeffanne nu maaliif gad of qabne?’ jedhu. “Taʼus isin guyyaa sooma keessanii waan feetan gootan; hojjettoota keessan hundas ni hacuuccan.
4 視よなんぢら斷食するときは相あらそひ相きそひ惡の拳をもて人をうつ なんぢらの今のだんじきはその聲をうへに聞えしめんとにあらざるなり
Soomni keessan wal loluu fi wal qoccoluudhaan, aboottee hamminaatiin wal tumuudhaan raawwata. Soomni isin harʼa soomaa jirtan kun, akka sagaleen keessan gubbaatti dhagaʼamu hin godhu.
5 斯のごとき斷食はわが悦ぶところのものならんや かくのごときは人その靈魂をなやますの日ならんや その首を葦のごとくにふし麁服と灰とをその下にしくをもて斷食の日またヱホバに納らるる日ととなふべけんや
Soomni ani filadhe sooma akkanaatii? Namni tokko guyyuma tokko qofaaf gad of qabaa? Wanni kun akkuma dhallaadduu mataa gad qabachuu fi wayyaa gaddaatii fi daaraa irra ciisuu qofaafii? Wanni isin sooma jettaniin guyyaan fuula Waaqayyoo duratti fudhatama qabu kanaa?
6 わが悦ぶところの斷食はあくの繩をほどき 軛のつなをとき虐げらるるものを放ちさらしめ すべての軛ををるなどの事にあらずや
“Soomni ani itti gammadu, kan foncaa jalʼinaa furu, kan funyoo waanjoo hiiku, kan cunqurfamtoota bilisa baasuu fi waanjoo hunda caccabsu mitii?
7 また饑たる者になんぢのパンを分ちあたへ さすらへる貧民をなんぢの家にいれ裸かなるものを見てこれに衣せ おのが骨肉に身をかくさざるなどの事にあらずや
Akka ati warra beelaʼaniif nyaata kee qoodduu fi akka hiyyeeyyii mana hin qabne mana keetti simattu, akka ati yeroo nama daare argitutti daara isa baaftuu fi akka nama foonii fi dhiiga kee taʼetti dugda hin galle mitii?
8 しかる時はなんぢのひかり暁の如くにあらはれいで 汝すみやかに愈さるることを得 なんぢの義はなんぢの前にゆき ヱホバの榮光はなんぢの軍後となるべし
Yoos ifni kee akka biiftuu ganamaa ni baʼa; fayyinni kees dafee ni dhufa; qajeelummaan kee fuula kee dura deema; ulfinni Waaqayyoo immoo duubaan si eega.
9 また汝よぶときはヱホバ答へたまはん なんぢ叫ぶときは我ここに在りといひ給はん/もし汝のなかより軛をのぞき指點をのぞき惡きことをかたるを除き
Yeroo sana ati ni waammatta; Waaqayyos deebii siif kenna; ati gargaarsa barbaacha iyyatta; innis, ‘Ani asan jira’ siin jedha. “Ati yoo waanjoo cunqursaa, haasaʼa hamminaatii fi quba namatti qabuu of irraa fageessite,
10 なんぢの靈魂の欲するものをも饑たる者にほどこし 苦しむものの心を滿足しめば なんぢの光くらきにてりいで なんぢの闇は晝のごとくならん
ati yoo warra beelaʼaniif nyaata kennite, warra rakkatanis rakkinaa baafte, ifni kee dukkana keessa ni ibsa; halkan kees akka guyyaa saafaa taʼa.
11 ヱホバは常になんぢをみちびき 乾けるところにても汝のこころを滿足しめ なんぢの骨をかたうし給はん なんぢは潤ひたる園のごとく水のたえざる泉のごとくなるべし
Waaqayyo yeroo hunda si geggeessa; inni lafa aduudhaan gubate keessatti iyyuu fedhii kee siif guuta; lafee kees ni jabeessa. Ati akka lafa biqiltuu bishaan quufee, akka burqaa hin gognees ni taata.
12 汝よりいづる者はひさしく荒廢れたる所をおこし なんぢは累代やぶれたる基をたてん 人なんぢをよびて破隙をおぎなふ者といひ 市街をつくろひてすむべき所となす者といふべし
Uummanni kee diigamaa durii deebisee ni ijaara; atis hundee dhaloota baayʼee ol kaasta; atis, Suphaa Dallaawwan Jijjiganii, Haaromsaa Daandiiwwan Jireenyaa jedhamtee waamamta.
13 もし安息日になんぢの歩行をとどめ 我聖日になんぢの好むわざをおこなはず 安息日をとなへて樂日となし ヱホバの聖日をとなへて尊むべき日となし 之をたふとみて己が道をおこなはず おのが好むわざをなさず おのが言をかたらずば
“Ati yoo miilla kee Sanbata cabsuu irraa eeggattee guyyaa koo qulqulluu waan jaallattu gochuu dhiifte, ati yoo Sanbataan, ‘Gammachuu’ guyyaa qulqullaaʼaa Waaqayyootiin immoo, ‘Kabajamaa’ jette, yoo daandii ofii keetii deemtuu fi yoo waan feete gochuu yookaan haasaa faayidaa hin qabne haasaʼuu baattee Sanbata ulfeessite,
14 その時なんぢヱホバを樂しむべし ヱホバなんぢを地のたかき處にのらしめ なんぢが先祖ヤコブの產業をもて汝をやしなひ給はん こはヱホバ口より語りたまへるなり
yeroo sana Waaqayyotti ni gammadda; anis akka ati lafa ol dheeraa irra guluftu, dhaala abbaa kee Yaaqoob nyaattee akka quuftus sin taasisa.” Afaan Waaqayyoo dubbateeraatii.

< イザヤ書 58 >