< イザヤ書 35 >

1 荒野とうるほひなき地とはたのしみ 沙漠はよろこびて番紅の花のごとくに咲かがやかん
Gammoojjii fi lafti gogaan ni gammadu; lafti onaan ni ililcha; ni daraaras. Akka arfaasee,
2 盛に咲かがやきてよろこび且よろこび且うたひ レバノンの榮をえカルメルおよびシヤロンの美しきを得ん かれらはヱホバのさかえを見われらの神のうるはしきを見るべし
baayʼinaan daraara; akka malee gammadees ililcha. Ulfinni Libaanoon, surraan Qarmeloosii fi Shaaroon ni kennamaaf; isaan ulfina Waaqayyoo, surraa Waaqa keenyaas ni argu.
3 なんぢら萎たる手をつよくし弱りたる膝をすこやかにせよ
Harka dadhabe jajjabeessaa; jilba laafes cimsaa;
4 心さわがしきものに對ていへ なんぢら雄々しかれ懼るるなかれ なんぢらの神をみよ 刑罰きたり神の報きたらん 神きたりてなんぢらを救ひたまふべし
warra garaan isaanii sodaatuun akkana jedhaa: “Jabaadhaa; hin sodaatinaa; Waaqni keessan ni dhufa; inni haaloo baasuuf dhufa; gatii malu qabatee isin oolchuuf ni dhufa.”
5 そのとき瞽者の目はひらけ聾者の耳はあくことを得べし
Ergasii iji nama jaamaa ni banama; gurri nama duudaas ni dhagaʼa.
6 そのとき跛者は鹿の如くにとびはしり唖者の舌はうたうたはん そは荒野に水わきいで沙漠に川ながるべければなり
Gaafas namni naafti akkuma gadamsaa utaala; arrabni hidhamaanis gammachuudhaan faarfata. Bishaan gammoojjii keessaa, burqaanis gammoojjii keessaa cabsee baʼa.
7 やけたる沙は池となり うるほひなき地はみづの源となり 野犬のふしたるすみかは蘆葦のしげりあふ所となるべし
Lafti nama gubu haroo, lafti gogaan immoo burqaa bishaanii taʼa. Boolla duraan waangoonni keessa ciisan irratti marga, shambaqqoo fi dhallaadduutu biqila.
8 かしこに大路あり そのみちは聖道ととなへられん 穢れたるものはこれを過ることあたはず ただ主の民のために備へらる これを歩むものはおろかなりとも迷ふことなし
Karaan guddaan tokko achi ni jiraata; innis, Karaa Qulqullinaa jedhamee waamama; inni warra Karaa sana irra deemaniif taʼa. “Xuraaʼonni” isa irra hin deeman; gowwoonni achiinuu hin baʼan.
9 かしこに獅をらず あらき獸もその路にのぼることなし 然ばそこにて之にあふ事なかるべし ただ贖はれたる者のみそこを歩まん
Leenci achitti hin argamu; yookaan bineensi hamaan achi irra hin baʼu; isaan achitti hin argaman. Garuu warra furaman qofatu achi irra deema;
10 ヱホバに贖ひすくはれし者うたうたひつつ歸てシオンにきたり その首にとこしへの歡喜をいただき樂とよろこびとをえん 而して悲哀となげきとは逃さるべし
warri Waaqayyo isaan fure ni deebiʼu. Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.

< イザヤ書 35 >