< イザヤ書 30 >

1 ヱホバのたまはく 悖るる子輩はわざはひなるかな かれら謀略をすれども我によりてせず 盟をむすべどもわが靈にしたがはず ますます罪につみをくはへん
Waaqayyo akkana jedha: “Ijoollee fincilan, kanneen karoora karoora koo hin taʼin duukaa buʼan, kanneen fedhii kootiin alatti walii galtee uuman, kanneen cubbuu irratti cubbuu dabalaniif wayyoo;
2 かれらわが口にとはずしてエジプトに下りゆきパロの力をかりておのれを强くしエジプトの蔭によらん
kanneen utuu anaan hin mariʼatin Gibxitti gad buʼan, kanneen gaaddisa Gibxi daʼoof, eegumsa Faraʼoon immoo gargaarsaaf abdataniif wayyoo.
3 パロのちからは反てなんぢらの恥となり エジプトの蔭によるは反てなんぢらの辱かしめとなるべし
Eegumsi Faraʼoon garuu qaanii isinitti taʼa; gaaddisni Gibxis salphina isinitti fida.
4 かれの君たちはゾアンにあり かれの使者たちはハネスにきたれり
Isaan yoo Zooʼaan keessatti qondaaltota qabaatan iyyuu, yoo ergamoonni isaaniis Haanees gaʼan iyyuu,
5 かれらは皆おのれを益することあたはざる民によりて恥をいだく かの民はたすけとならず益とならず かへりて恥となり謗となれり
tokkoon tokkoon isaanii sababii uummata isaan hin fayyadne kanneen qaanii fi salphina malee gargaarsa yookaan buʼaa hin kennine sanaatiif ni qaaneffamu.”
6 南のかたの牲畜にかかる重負のよげん 曰く/かれらその財貨を若き驢馬のかたにおはせ その寳物を駱駝の背におはせて 牝獅 牡獅 まむし及びとびかける蛇のいづる苦しみと艱難との國をすぎて 己をえきすること能はざる民にゆかん
Raajii waaʼee bineensota Negeeb dubbatame: Ergamoonni qabeenya isaanii harreetti, meeshaa isaanii gaalatti feʼatanii biyya leenci kormii fi leenci dhalaan, bofti summii qabuu fi bofti darbatamu jiraatan, lafa rakkinaa fi dhiphinaan guute keessa baʼanii gara biyya homaa hin fayyadnee
7 そのエジプトの助はいたづらにして虛し このゆゑに我はこれを休みをるラハブとよべり
gara Gibxi kan gargaarsi ishee gonkumaa buʼaa hin qabne sanaa dhaqu. Kanaafuu ani, “Raʼaab, kan homaa hin fayyadne” jedhee ishee nan waama.
8 いま往てこれをその前にて牌にしるし書にのせ 後の世に傳へてとこしへに證とすべし
Amma dhaqiitii gabatee irratti barreessiif; kitaaba maramaa irratti katabiif; kunis akka baroota dhufuuf jiran keessa dhuga baʼumsa bara baraa taʼuuf.
9 これは悖れる民いつはりをいふ子輩ヱホバの律法をきくことをせざる子輩なり
Jarri kunneen uummata fincilaa, ijoollee sobduu dha; ijoollee seera Waaqayyoo dhagaʼuuf fedhii hin qabnee dha.
10 かれら見るものに對ひていふ見るなかれと 默示をうる者にむかひていふ直きことを示すなかれ 滑かなることをかたれ虛僞をしめせ
Isaan mulʼata argitootaan, “Siʼachi mulʼata tokko illee hin arginaa!” jedhu; raajotaanis akkana jedhu; “Isin siʼachi mulʼata qajeelaa taʼe nutti hin himinaa! Waan nama gammachiisu nutti himaa; gowwoomsaa nuuf raajaa.
11 なんぢら大道をさり逕をはなれ われらが前にイスラエルの聖者をあらしむるなかれと
Karaa kana gad dhiisaa; daandii kana irraa jalʼadhaa; Qulqullicha Israaʼel fuula keenya duraa dhabamsiisaa!” jedhu.
12 此によりてイスラエルの聖者かくいひ給ふ なんぢらこの言をあなどり暴虐と邪曲とをたのみて之にたよれり
Kanaafuu Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Sababii isin ergaa kana diddanii nama hacuucuu abdattanii gowwoomsaatti irkattaniif,
13 斯るがゆゑにこの不義なんぢらには凸出ておちんとするたかき垣のさけたるところのごとく その破壞にはかに暫しが間にきたらんと
cubbuun kun, akkuma dallaa ol dheeraa dhagaan ijaarame kan baqaqee bosose kan utuu hin beekamin tasa jiguu isinitti taʼa.
14 主これを破りあだかも陶工の瓶をくだきやぶるがごとくして惜みたまはず その碎のなかに爐より火をとり池より水をくむほどの一片だに見出すことなからん
Dallaan sun akkuma miʼa supheetti, hamma wanni ittiin cilee bobaʼu iddoo ibiddaatii fuudhan iyyuu hin hafnetti yookaan hamma wanni ittiin boolla bishaanii keessaa bishaan budduuqsan hin hafnetti akka malee caccabee burkutaaʼa.”
15 主ヱホバ、イスラエルの聖者かくいひたまへり なんぢら立かへりて靜かにせば救をえ 平穩にして依賴まば力をうべしと 然どなんぢらこの事をこのまざりき
Waaqayyo Gooftaan, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Deebiʼuu fi boqochuudhaan ni fayyitu; tasgabbaaʼuu fi abdachuudhaan ni jabaattu; isin garuu kana hin goone.
16 なんぢら反ていへり 否われら馬にのりて逃走らんと この故になんぢら逃走らん 又いへりわれら疾きものに乗んと この故になんぢらを追もの疾かるべし
Isinis, ‘Lakki, nu fardeeniin ni baqanna’ jettu. Kanaafuu isin ni baqattu! Isin, ‘Nu fardeen ariifatanii fiiganiin ni gulufna’ jettu. Kanaafuu warri isin gugsan ni saffisu!
17 ひとり叱咤すれば千人にげはしり 五人しつたすればなんぢら逃走りて その遺るものは僅かに山嶺にある杆のごとく 岡のうへにある旗のごとくならん
Doorsisa nama tokkootiin, kumatu baqata; doorsisa nama shaniitiin immoo, isin hamma akkuma muka alaabaa fiixee tulluu irra jiruu, akkuma faajjii gaara irra jiruu taatanii haftanitti hundi keessan ni baqattu.”
18 ヱホバこれにより俟てのち恩惠を汝等にほどこし これにより上りてのちなんぢらを憐れみたまはん ヱホバは公平の神にましませり 凡てこれを俟望むものは福ひなり
Taʼus Waaqayyo isiniif arjoomuu barbaada; isiniif naʼuufis ni kaʼa: Waaqayyo Waaqa murtii qajeelaa ti. Warri isa eeggatan hundi eebbifamoo dha.
19 シオンにをりヱルサレムにをる民よ なんぢは再びなくことあらじ そのよばはる聲に應じて必ずなんぢに惠をほどこしたまはん 主ききたまふとき直にこたへたまふべし
Yaa saba Xiyoon, warri Yerusaalem keessa jiraattan, isin siʼachi hin boossan. Yeroo isin gargaarsa barbaachaaf gara isaatti iyyattanitti inni dhugumaan isiniif arjooma! Akkuma dhagaʼeenis deebii isiniif kenna.
20 主はなんぢらになやみの糧とくるしみの水とをあたへ給はん なんぢを敎るもの再びかくれじ 汝の目はその敎るものを恒にみるべし
Gooftaan buddeena rakkinaatii fi bishaan dhiphinaa siif kennu illee barsiisaan kee siʼachi hin dhokatu; ati ijuma keetiin isa argita.
21 なんぢ右にゆくも左にゆくもその耳に これは道なりこれを歩むべしと後邊にてかたるをきかん
Ati yeroo gara mirgaatti yookaan gara bitaatti gortutti, dugda kee duubaan sagalee, “Karaan kana; isa irra deemi” jedhu tokko gurri kee ni dhagaʼa.
22 又なんぢら白銀をおほひし刻める像 こがねをはりし鑄たる像をけがれとし 穢物のごとく打棄ていはん 去れと
Ati ergasii waaqota kee tolfamoo kanneen meetiin irra dibamee fi fakkiiwwan kee kanneen warqeen itti uffifame sana ni xureessita; akkuma huccuu xuraaʼummaas of irraa isaan darbattee, “Asii badaa!” jettaan.
23 なんぢが地にまく種に主は雨をあたへ また地になりいづる糧をたまふ その土產こえて豐かならん その日なんぢの家畜はひろき牧場に草をはむべし
Inni sanyii ati lafatti facaafattuuf bokkaa siif kenna; midhaan lafti baaftus kan misee fi kan akka malee baayʼate taʼa. Bara sana keessa loon kee lafa dheedaa balʼaa irratti bobbaʼu.
24 地をたがへす牛と驢馬とは團扇にてあふぎ箕にてとほし鹽をくはへたる飼料をくらはん
Qotiyyoo fi harreen qotiisaa okaa filatamaa qorbii fi afarsaadhaan qulqulleeffame nyaatu.
25 大なる殺戮の日やぐらのたふるる時もろもろのたかき山もろもろのそびえたる嶺に河とみづの流とあるべし
Guyyaa badiisa guddaatti, yeroo qooxiiwwan eegumsaa jijjiganitti yaaʼawwan bishaanii tulluuwwanii fi gaarran ol dhedheeroo hunda irra yaaʼu.
26 かくてヱホバその民のきずをつつみ そのうたれたる創痍をいやしたまふ日には月のひかりは日の光のごとく日のひかりは七倍をくはへて七の日のひかりの如くならん
Gaafa Waaqayyo cabaa saba isaa hidhee warra madeesse illee fayyisutti jiʼi akkuma aduu ifa; ifni aduus akkuma ifa guyyaa torbaa dachaa torba ni ifa.
27 視よヱホバの名はとほき所よりきたり そのはげしき怒はもえあがる焰のごとく その唇はいきどほりにてみち その舌はやきつくす火のごとく
Kunoo Maqaan Waaqayyoo aarii bobaʼuu fi duumessa gobbuu aaraatiin fagoodhaa dhufaa jira; afaan isaa dheekkamsaan, arrabni isaas ibidda gubee balleessuun guutameera.
28 その氣息はみなぎりて項にまでいたる流のごとし 且ほろびの篩にてもろもろの國をふるひ又まどはす韁をもろもろの民の口におきたまはん
Hafuurri inni baafatu akkuma laga guutee hamma morma gaʼutti ol kaʼuu ti. Inni gingilchaa badiisaatiin saboota gingilcha; inni luugama karaa irraa isaan balleessu haʼoo sabootaa keessa kaaʼa.
29 なんぢらは歌うたはん節會をまもる夜のごとし なんぢらは心によろこばん笛をならしヱホバの山にきたりイスラエルの磐につくときの如し
Isin akkuma halkan ayyaana qulqulluu ayyaaneffattanitti, faarfannaa ni faarfattu; garaan keessan akkuma yeroo namoonni ulullee afuufaa gara tulluu Waaqayyootti, gara Kattaa Israaʼelitti ol baʼan sanaa ni gammada.
30 ヱホバはその稜威のこゑをきかしめ 烈しき怒をはなちて燒つくす火のほのほと暴風と大雨と雹とをもて その臂のくだることを示したまはん
Waaqayyo akka namoonni sagalee isaa surra qabeessa sana dhagaʼan ni godha; inni akka isaan irree isaa kan aarii guddaa fi ibidda gubee balleessuun, bokkaa hamaadhaan, bakakkaa fi cabbiidhaan dhufaa jiru argan ni godha.
31 ヱホバのこゑによりてアツスリヤ人はくじけん 主はこれを笞にてうち給ふべし
Sagaleen Waaqayyoo Asoorin ni caccabsa; bokkuu isaatiinis isaan barbadeessa.
32 ヱホバの豫じめさだめたまへる杖をアツスリヤのうへにくはへたまふごとに 鼓をならし琴をひかん 主はうごきふるふ戰闘をもてかれらとたたかひ給ふべし
Adabbiin ulee kan Waaqayyo isaan irra buusu hundi sagalee dibbeetii fi sagalee kiraaraa of keessaa qaba; innis rukuttaa irree isaatiin waraana keessatti isaan lola.
33 トペテは往古よりまうけられ また王のために備へられたり これを深くしこれを廣くしここに火とおほくの薪とをつみおきたり ヱホバの氣息これを硫黄のながれのごとくに燃さん
Toofet dur qopheeffame; inni mootichaaf qopheeffame. Boolli ibiddaa isaa gad fageeffamee balʼifamee hojjetame; innis ibiddaa fi qoraaniin guutameera; hafuurri afaan Waaqayyootii baʼus akkuma dinyii dhangalaʼuu akka inni bobaʼu godha.

< イザヤ書 30 >