< イザヤ書 24 >

1 視よヱホバこの地をむなしからしめ荒廢れしめこれを覆へしてその民をちらしたまふ
Kunoo, Waaqayyo lafa ni onsa; ishees ni barbadeessa; inni ishee gaggaragalchee warra ishee irra jiraatan bittinneessa;
2 かくて民も祭司もひとしく 僕も主もひとしく 下婢も主婦もひとしく 買ものも賣ものもひとしく 貸ものも借ものもひとしく 利をはたるものも利をいだす者もひとしくこの事にあふべし
Kan saba irra gaʼu luba irra, kan garbicha irra gaʼu gooftaa irra, kan garbittii irra gaʼu giiftii irra, kan bitataa irra gaʼu gurgurataa irra, kan isa ergifatu irra gaʼu, isa ergisu irra, kan liqeeffataa irra gaʼu, isa liqeessu ni gaʼaatii.
3 地はことごとく空しくことごとく掠められん こはヱホバの言たまへるなり
Lafti guutumaan guutuutti ni onti; guutumaan guutuuttis ni saamamti. Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.
4 地はうれへおとろへ世は萎おとろへ地のたふときものも萎はてたり
Lafti ni gogdi; bifti ishees ni geeddarama; addunyaan ni bututti; bifti ishees ni geeddarama; gurguddoonni saba lafaas ni bututu.
5 民おきてにそむき法ををかし とこしへの契約をやぶりたるがゆゑに 地はその下にけがされたり
Lafti saba isheetiin xuroofteerti; isaan seeraaf ajajamuu didan; sirnaan buluu didanii kakuu bara baraa sana cabsaniiru.
6 このゆゑに呪詛は地をのみつくしそこに住るものは罪をうけまた地の民はやかれて僅かばかり遺れり
Kanaafuu abaarsi lafa balleessa; sabni ishees balleessaa isaatiif adabama. Kanaafuu jiraattonni lafaa ni gubatu; nama muraasatu hafa.
7 あたらしき酒はうれへ葡萄はなえ 心たのしめるものはみな歎息せざるはなし
Daadhiin wayinii haaraan ni goga; mukni wayiniis ni coollaga; warri gammadan hundinuu ni aadu.
8 鼓のおとは寂まり歡ぶものの聲はやみ琴の音もまたしづまれり
Dibbeen sagaleen isaa namatti tolu ni calʼisa; wacni fandalaltootaa qabbanaaʼeera; baganaan nama gammachiisus calʼiseera.
9 彼等はふたたび歌うたひ酒のまず濃酒はこれをのむものに苦くなるべし
Isaan siʼachi sirbaa daadhii wayinii hin dhugan; dhugaatiin jabaan warra isa dhuganitti ni hadhaaʼa.
10 騒ぎみだれたる邑はすでにやぶられ毎家はことごとく閉て人のいるなし
Magaalaan diigamte sun ontee hafti; akka namni tokko iyyuu ol hin seenneef manni hundi ni cufama.
11 街頭には酒の故によりて叫ぶこゑあり すべての歡喜はくらくなり地のたのしみは去ゆけり
Isaan daadhii wayinii dhabanii daandii irratti booʼu; gammachuun hundi gaddatti geeddarama; ililchuun hundis lafa irraa dhabama.
12 邑はあれすたれたる所のみのこり その門もこぼたれて破れぬ
Magaalaan sun diigamtee hafti; karri ishees ni caccaba.
13 地のうちにてもろもろの民のなかにて遺るものは橄欖の樹のうたれしのちの果の如く葡萄の収穫はてしのちの實のごとし
Akkuma yeroo mukni ejersaa dhaʼamuu fi akkuma yeroo wayiniin galfamutti qarmiin hafu taʼu sana, lafa irratti saboota gidduuttis akkasuma ni taʼa.
14 これらのもの聲をあげてよばはん ヱホバの稜威のゆゑをもて海より歡びよばはん
Isaan sagalee ol fudhatanii gammachuun iyyu; gama lixa biiftuutti ulfina Waaqayyoo labsu.
15 この故になんぢら東にてヱホバをあがめ 海のしまじまにてイスラエルの神ヱホバの名をあがむべし
Kanaafuu isin baʼa biiftuu irraa Waaqayyoof ulfina kennaa; qarqara galaanaattis maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel leellisaa.
16 われら地の極より歌をきけり いはく榮光はただしきものに歸すと/われ云らく我やせおとろへたり我やせおとろへたり 我はわざはひなるかな 欺騙者はあざむき欺騙者はいつはりをもて欺むけり
Nu moggaa lafaa irraa faarfannaa, “Isa qajeelaa sanaaf ulfinni haa taʼu” jedhu dhageenya. Ani garuu akkanan jedhe; “Ani bade, ani bade! Anaaf wayyoo! Gantoonni ni ganu! Gantoonni gantummaa isaaniitiin ganu!”
17 地にすむものよ恐怖と陷阱と罟とはなんぢに臨めり
Yaa uummata lafa irraa, sodaan, qilee fi kiyyoon si eeggatu.
18 おそれの聲をのがるる者はおとしあなに陷り おとしあなの中よりいづるものは罟にかかるべし そは高處の窓ひらけ地の基ふるひうごけばなり
Namni sagalee goolii baqatu kam iyyuu qilee keessa buʼa; namni qilee keessaa ol baʼu kam iyyuu kiyyoodhaan qabama. Foddaan samiiwwanii banameeraatii hundeewwan lafaa ni raafamu.
19 地は碎けにくだけ地はやぶれにやぶれ地は搖にゆれ
Lafti baqaqxeerti; lafti gargar baateerti; lafti akka malee raafamteerti;
20 地はゑへる者のごとく蹌きによろめき假廬のごとくふりうごく その罪はそのうへにおもく遂にたふれて再びおくることなし
Lafti akkuma nama machaaʼee gatantarti; isheen akkuma daasii bubbeedhaan raafamti; yakki fincila ishee akka malee itti ulfaateera; isheen ni jigdi; deebitees hin kaatu.
21 その日ヱホバはたかき處にて高きところの軍兵を征め 地にて地のもろもろの王を征めたまはん
Waaqayyo gaafas humnoota samii, samii irratti, mootota lafaa immoo lafa irratti ni adaba.
22 かれらは囚人が阱にあつめらるるごとく集められて 獄中にとざされ多くの日をへてのち刑せらるべし
Isaan akkuma hidhamtootaa boolla keessaatti walitti qabamu; manni hidhaa itti cufamee guyyaa hedduu booddee adabamu.
23 かくて萬軍のヱホバ、シオンの山およびヱルサレムにて統治め かつその長老たちのまへに榮光あるべければ 月は面あからみ日ははぢて色かはるべし
Jiʼi ni burjaajofti; aduunis ni qaanofti; Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Tulluun Xiyoon irrattii fi Yerusaalem keessatti fuula maanguddootaa duratti ulfinaan ni moʼaatii.

< イザヤ書 24 >