< イザヤ書 2 >

1 アモツの子イザヤが示されたるユダとヱルサレムとにかかる言
Wanni Isaayyaas ilmi Amoos waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge kanaa dha:
2 すゑの日にヱホバの家の山はもろもろの山のいただきに堅立ち もろもろの嶺よりもたかく擧り すべての國は流のごとく之につかん
Bara dhumaa keessa, tulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata; inni tulluuwwan caalaa ol ol jedha; saboonni hundinuu gara isaatti yaaʼu.
3 おほくの民ゆきて相語いはん 率われらヱホバの山にのぼりヤコブの神の家にゆかん 神われらにその道ををしへ給はん われらその路をあゆむべしと そは律法はシオンよりいでヱホバの言はヱルサレムより出べければなり
Namoonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; “Kottaa gara tulluu Waaqayyoo, gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa. Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf karaa isaa nu barsiisa.” Seerri Xiyoon keessaa, dubbiin Waaqayyoo immoo Yerusaalem keessaa ni baʼa.
4 ヱホバはもろもろの國のあひだを鞫き おほくの民をせめたまはん 斯てかれらはその劒をうちかへて鋤となし その鎗をうちかへて鎌となし 國は國にむかひて劍をあげず 戰鬪のことを再びまなばざるべし
Inni saboota gidduutti murtii kenna; namoota hedduudhaafis ni murteessa. Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa tolfatu; eeboo isaaniis tumanii haamtuu tolfatu. Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu; yookaan lolaaf nama hin leenjifatan.
5 ヤコブの家よきたれ 我儕ヱホバの光にあゆまん
Yaa mana Yaaqoob, kottaa ifa Waaqayyoo keessa deddeebinaa.
6 主よなんぢはその民ヤコブの家をすてたまへり 此はかれらのなかに東のかたの風俗みち 皆ペリシテ人のごとく陰陽師となり 異邦人のともがらと手をうちて盟をたてしが故なり
Kanaafuu saba kee, mana Yaaqoob dhiifteerta. Isaan bartee Baʼa Biiftuutiin guutamaniiru; akkuma Filisxeemotaa falfala hojjetu; duudhaa namoota ormaattis ni cichu.
7 かれらの國には黄金白銀みちて財寶の數かぎりなし かれらの國には馬みちて戰車のかず限りなし
Biyyi isaanii meetii fi warqeen guutamteerti; qabeenyi isaanii dhuma hin qabu. Biyyi isaanii fardeeniin guutamteerti; gaariiwwan isaaniis dhuma hin qaban.
8 かれらの國には偶像みち 皆おのが手の工その指のつくれる者ををがめり
Biyyi isaanii waaqota tolfamoodhaan guutamteerti; isaan hojiidhuma harka isaanii, waanuma qubni isaanii tolcheef sagadu.
9 賤しきものは屈められ尊きものは卑せらる かれらを容したまふなかれ
Kanaafuu namni gad qabama; ilmaan namaa gad deebifamu; ati isaaniif hin dhiisin.
10 なんぢ岩間にいり また土にかくれて ヱホバの畏るべき容貌とその稜威の光輝とをさくべし
Argamuu Waaqayyoo isa sodaachisaa fi surraa ulfina isaa duraa, kattaa keessa lixu; lafa keessas dhokadhu!
11 この日には目をあげて高ぶるもの卑せられ 驕る人かがめられ 唯ヱホバのみ高くあげられ給はん
Iji nama of tuuluu gad qabama; of jajuun namootaas gad deebifama; gaafas Waaqayyo qofatu ol ol jedha.
12 そは萬軍のヱホバの一の日あり すべて高ぶる者おごる者みづからを崇るものの上にのぞみて之をひくくし
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu warra of jajuu fi warra of tuulu hundaaf, warra ol ol jedhan hundaaf guyyaa tokko qaba; isaanis gad deebifamu.
13 またレバノンのたかく聳たるすべての香柏バシヤンのすべての橿樹
Inni birbirsa Libaanoon dheeraa fi guddaa hundaaf, qilxuu Baashaan hundaaf,
14 もろもろの高山もろもろの聳えたる嶺
tulluuwwan ol dhedheeroo hundaaf, gaarran ol dhedheeroo hundaaf,
15 すべてのたかき櫓すべての堅固なる石垣
gamoo gurguddaa hundaaf, dallaa dhagaadhaan jabeeffamee ijaarame hundaaf,
16 およびタルシシのすべての舟すべての慕ふべき美はしきものに臨むべし
doonii daldalaa hundaa fi waan gatii guddaa qabu hundaaf guyyaa murteeffate tokko qaba.
17 この日には高ぶる者はかがめられ 驕る人はひくくせられ 唯ヱホバのみ高くあげられ給はん
Of tuulummaan namaa gad qabama; of jajuun namootaas gad deebifama; gaafas Waaqayyo qofatu ol ol jedha;
18 かくて偶像はことごとく亡びうすべし
waaqonni tolfamoon guutumaan guutuutti ni barbadeeffamu.
19 ヱホバたちて地を震動したまふとき人々そのおそるべき容貌とその稜威の光輝とをさけて巖の洞と地の穴とにいらん
Namoonni yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti, sodaachisa Waaqayyootii fi surraa isaa ulfina qabeessa sana duraa gara holqa kattaa keessaattii fi boolla lafa keessaatti ni baqatu.
20 その日人々おのが拜せんとて造れる白銀のぐうざうと黄金のぐうざうとを鼹鼠のあな蝙蝠の穴になげすて
Gaafas namoonni waaqota isaanii tolfamoo kanneen waaqeffachuuf jedhanii meetii fi warqee irraa tolfatan sana tuqaa fi simbira halkaniitiif darbatu.
21 岩々の隙けはしき山峽にいり ヱホバの起て地をふるひうごかしたまふその畏るべき容貌と稜威のかがやきとを避ん
Isaan yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti sodaachisa Waaqayyootii fi surraa ulfina isaa duraa gara holqa guddaa kattaawwan keessaatii fi baqaqaa kattaatti ni baqatu.
22 なんぢら鼻より息のいでいりする人に倚ることをやめよ斯るものは何ぞかぞふるに足らん
Nama duʼa hin oolle, kan hafuurri isaa funyaan irra jiru abdachuu dhiisaa. Inni maalitti lakkaaʼama?

< イザヤ書 2 >