< イザヤ書 17 >

1 ダマスコにかかはる重負の預言 いはく/視よダマスコは邑のすがたをうしなひて荒墟となるべし
Raajii Damaasqoodhaan mormu: “Kunoo, Damaasqoon tuullaa diigamte taati malee siʼachi magaalaa hin taatu.
2 アロエルの諸邑はすてられん獸畜のむれそこにすみてその伏やすめるをおびやかす者もなからん
Magaalaawwan Aroʼeer ni onu; bushaayeen achi ciciisu; wanni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
3 エフライムの城はすたりダマスコの政治はやみ スリアの遺れる者はイスラエルの子輩のさかえのごとく消うせん 是は萬軍のヱホバの聖言なり
Magaalaan jabeeffamtee ijaaramte Efreem keessaa, humni mootummaas Damaasqoo keessaa ni bada; hambaan Sooriyaa akka ulfina Israaʼelootaa taʼa” jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
4 その日ヤコブの榮はおとろへその肥たる肉はやせて
“Bara sana keessa ulfinni Yaaqoob gad deebiʼa; furdinni dhagna isaas ni huqqata.
5 あだかも收穫人の麥をかりあつめ腕をもて穂をかりたる後のごとくレパイムの谷に穂をひろひたるあとの如くならん
Akkuma namni midhaan haamu tokko, midhaan dhaabbatu walitti qabee irree isaatiin haamu sana kunis akkuma yeroo namni tokko Sulula Refaayim keessaa qarmii funaanuu ni taʼa.
6 されど橄欖樹をうつとき二つ三の核を杪にのこし あるひは四つ五をみのりおほき樹の外面のえだに遺せるが如く採のこさるるものあるべし 是イスラエルの神ヱホバの聖言なり
Taʼus akkuma yeroo mukni ejersaa dhaʼamuutti, qarmii guuruun amma iyyuu jira; fiixee ol aanu irratti gumaa lama yookaan sadiitu hafa; damee gad aanu irratti gumaa afur yookaan shantu hafa” jedha Waaqayyo, Waaqni Israaʼel.
7 その日人おのれを造れるものを仰ぎのぞみイスラエルの聖者に目をとめん
Gaafas namoonni gara Uumaa isaanii ilaalu; ija isaaniis gara Qulqullicha Israaʼel deebifatu.
8 斯ておのれの手の工なる祭壇をあふぎ望まず おのれの指のつくりたるアシラの像と日の像とに目をとめじ
Isaan gara iddoo aarsaa, gara hojii harka isaanii hin ilaalan; isaan galma waaqeffannaa Aasheeraa, iddoo aarsaa ixaanaa kan quba isaaniitiin tolchanis wayittuu hin lakkaaʼan.
9 その日かれが堅固なるまちまちは 昔イスラエルの子輩をさけてすてさりたる森のなか嶺のうへに今のこれる荒跡のごとく荒地となるべし
Gaafas magaalaawwan jajjaboon isaan sababii Israaʼelootaatiif keessaa baʼan sun akkuma lafa bosona keessaa kan namni dhiisee deemee taʼu. Hundi ni onu.
10 そは汝おのがすくひの神をわすれ 己がちからとなるべき磐を心にとめざりしによる このゆゑになんぢ美くしき植物をうゑ異やうの枝をさし
Ati Fayyisaa kee, Waaqa irraanfatteerta; ati kattaa, daʼoo kee hin yaadanne. Kanaafuu yoo biqiltuu akka malee gaarii dhaabbattee muka wayinii kan alaa dhufe biqilfatte iyyuu,
11 かつ植たる日に籬をまはし朝に芽をいださしむれども 患難の日といたましき憂の日ときたりて收穫の果はとびさらん
yoo guyyuma dhaabde sana akka inni biqilu goote iyyuu ganama yeroo dhaabdetti akka inni daraaru goota; garuu guyyaa dhukkubaa fi dhibee hin fayyineetti wayinichi homaa hin fayyadu.
12 唉おほくの民はなりどよめけり海のなりどよめく如くかれらも鳴動めけり もろもろの國はなりひびけり大水のなりひびくが如くかれらも鳴響けり
Saboota baayʼee kanneen aaraniif wayyoo! Isaan akkuma galaana aaruutti aaru! Saboota wacaniif wayyoo! Isaan akkuma bishaan guddaan huursutti huursu.
13 もろもろの國はおほくの水のなりひびくがごとく鳴響かん されど神かれらを攻たまふべし かれら遠くのがれて風にふきさらるる山のうへの粃糠のごとく また旋風にふきさらるる塵のごとくならん
Saboonni akkuma huursaa bishaan cabsee deemuu yoo huurse iyyuu yommuu inni isaanitti dheekkamu isaan baqatanii badu; akkuma habaqiin tulluu irraa fuula bubbee dura ariʼamu, akkuma awwaarri fuula bubbee hamaa duraa bittinnaaʼu isaan ni bittinnaaʼu.
14 視よゆふぐれに恐怖あり いまだ黎明にいたらずして彼等は亡たり これ我儕をかすむる者のうくべき報われらを奪ふもののひくべき鬮なり
Galgala sodaan akkuma tasaa isaan qabatti! Isaan utuu lafti hin bariʼin ni dhabamu! Kun qooda warra nu boojiʼee, hiree warra nu saamee ti.

< イザヤ書 17 >