< イザヤ書 12 >

1 その日なんぢ言ん ヱホバよ我なんぢに感謝すべし 汝さきに我をいかり給ひしかどその怒はやみて我をなぐさめたまへり
Ati gaafas akkana jetta: “Yaa Waaqayyo, ati natti aartee turte; aariin kees narraa deebiʼeera; na jajjabeessiteertaatii sin galateeffadha.
2 視よ神はわが救なり われ依賴ておそるるところなし 主ヱホバはわが力わが歌なり ヱホバは亦わが救となりたまへりと
Dhugumaan Waaqni fayyina koo ti; ani isa nan abdadha; hin sodaadhus. Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa, jabinaa fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera.”
3 此故になんぢら欣喜をもて救の井より水をくむべし
Isin burqaa fayyinaa keessaa gammachuudhaan bishaan waraabbattu.
4 その日なんぢらいはん ヱホバに感謝せよ その名をよべ その行爲をもろもろの民の中につたへよ その名のあがむべきことを語りつげよと
Isin bara sana keessa akkana jettu: “Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa; waan inni hojjete sabootatti beeksisaa; akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa.
5 ヱホバを頌うたへ そのみわざは高くすぐれたればなり これを全地につたへよ
Inni waan ulfina qabu hojjeteeraatii Waaqayyoon faarfadhaa; wanni kun addunyaa hunda keessatti haa beekamu.
6 シオンに住るものよ聲をあげてよばはれ イスラエルの聖者はなんぢの中にて大なればなり
Yaa saba Xiyoon, Qulqullichi Israaʼel isin gidduutti guddaadhaatii sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan faarfadhaa.”

< イザヤ書 12 >