< ホセア書 9 >

1 イスラエルよ異邦人のごとく喜びすさむ勿れなんぢ淫行をなして汝の神を離る汝すべての麥の打塲にて賜はる淫行の賞賜を愛せり
Yaa Israaʼel hin ililchin; akka saboota kaanii hin gammadin. Ati Waaqa keetiif amanamaa hin turreetii; ati oobdii hunda irratti gatii sagaagaltummaadhaaf baafamu jaallatteerta.
2 打場と酒榨とはかれらを養はじ亦あたらしき酒もむなしくならん
Oobdiiwwanii fi iddoon cuunfaa wayinii saba hin sooran; daadhiin wayinii haaraan isaaniif hin tolu.
3 かれらはヱホバの地にとどまらずエフライムはエジプトに歸りアッスリヤにて汚穢たる物を食はん
Isaan biyya Waaqayyoo keessatti hin hafan; Efreem gara Gibxitti deebiʼee Asoor keessatti nyaata xuraaʼe nyaata.
4 彼等はヱホバにむかひて酒を灌ぐべき者にあらずその祭物はヱホバの悦びたまふ所にあらずかれらの犠牲は喪に居もののパンのごとし凡てこれを食ふものは汚るべし彼等のパンは只おのが食ふためにのみ用ゐべくしてヱホバの家に入るべきにあらず
Isaan dhibaayyuu daadhii wayinii Waaqayyoof hin dhibaafatan; yookaan aarsaan isaanii isa hin gammachiisu. Aarsaan akkasii akkuma buddeena warra gaddaa isaanitti taʼa; namni buddeena kana nyaatu hundinuu ni xuraaʼa. Nyaanni kun kanuma mataa isaanii taʼa; mana qulqullummaa Waaqayyoos ol hin seenu.
5 なんぢら集會の日とヱホバの節會の日に何をなさんとするや
Isin guyyaa ayyaana keessan murteeffameetti, guyyoota ayyaana Waaqayyoo sanatti maal hojjetu?
6 視よかれら滅亡の故によりて去ゆきぬエジプトかれらをあつめメンピスかれらを葬らん蒺藜かれらが銀の寳物を獲いばら彼らの天幕に蔓らん
Yoo isaan badiisa jalaa baʼan iyyuu Gibxi walitti isaan qabdi; Memfiis immoo isaan awwaala. Qabeenyi meetii isaanii sokorruudhaan liqimfama; dunkaana isaanii immoo qoraattiitu haguuga.
7 刑罰の日きたり應報の日きたれりイスラエルこれを知ん預言者は愚なるもの霊に感じたるものは狂へるものなりこれ汝の惡おほく汝の怨恨おほいなるに因る
Guyyoonni adabbii dhufaa jiru; guyyoonni itti gatii baasan dhiʼaataniiru. Israaʼel waan kana haa beeku. Sababii cubbuun kee akka malee baayʼatee hamminni kees akka malee guddaa taʼeef, raajiin akka raatuutti ilaalame; namni Hafuura Waaqaatiin qajeelfamu immoo akka maraatuutti hedame.
8 エフライムは我が神にならべて他の神をも佇望めり預言者の一切の途は鳥を捕ふる者の網のごとく且その神の室の中にて怨恨を懐けり
Raajichi Waaqa koo wajjin eegduu Efreem taʼe; taʼus daandii isaa hunda irratti kiyyoon isa eeggata; mana Waaqa isaa keessattis jibbi isa eeggata.
9 かれらはギベアの日のごとく甚だしく惡き事を行へりヱホバはその惡をこころに記てその罪を罰したまはん
Isaan akkuma bara Gibeʼaa keessatti taʼe sana xuraaʼummaa keessa dhidhiman. Waaqni hammina isaanii yaadatee sababii cubbuu isaaniitiif isaan adaba.
10 在昔われイスラエルを見ること荒野の葡萄のごとく汝らの先祖等を看ること無花果樹の始にむすべる最先の果の如くなししに彼等はバアルペオルにゆきて身を恥辱にゆだねその愛する物とともに憎むべき者とはなれり
“Yeroo ani Israaʼelin argetti, inni akkuma ija wayinii gammoojjii keessatti argamee ture; yeroo ani abbootii keessan argetti, isaan akkuma waan ija jalqabaa harbuu irratti argamee turan. Isaan garuu yommuu gara Baʼaal Pheʼoor dhufanitti, waaqa tolfamaa qaanessaa sanaaf of qulqulleessanii akkuma waan jaallatan sanaa jibbisiisoo taʼan.
11 エフライムの榮光は鳥のごとく飛さらん即ち產ことも孕むことも妊娠こともなかるべし
Ulfinni Efreem akkuma simbirroo barrisee bada; dhalchuun, garaatti baachuun, ulfaaʼuun hin jiru.
12 假令かれら子等を育つるとも我その子を喪ひて遺る人なきにいたらしめん我が離るる時かれらの禍大なる哉
Yoo isaan ijoollee guddifatan iyyuu ani jalaa fixee ilmaan malee isaan nan hambisa. Gaafa ani isaan irraa garagalu isaaniif wayyoo!
13 われエフライムを美地に植てツロのごとくなししかどもエフライムはその子等を携へいだして人を殺すに付さんとす
Ani Efreemin isaa akkuma Xiiroos lafa namatti tolu irra dhaabatee jiru nan arge. Sabni Efreem garuu ijoollee isaa gad baasee warra gogorraʼutti kenna.”
14 ヱホバよ彼らに與へたまへ汝なにを與へんとしたまふや孕まざる胎と乳なき乳房とを與へたまへ
Yaa Waaqayyo isaaniif kenni; ati maal isaaniif kennita? Gadameessa ulfa hin baannee fi harma goggogaa kenniif.
15 かれらが凡の惡はギルガルにあり此故に我かしこにて之を惡めりその行爲あしければ我が家より逐いだし重て愛することをせじその牧伯等はみな悖れる者なり
“Sababii hammina isaanii kan Gilgaal keessatti hojjetame sana hundaatiif, ani achitti isaan nan jibbe. Sababii hojii isaanii kan cubbuudhaan guutamee sanaatiif ani mana koo keessaa isaan ariʼa. Ani siʼachi isaan hin jaalladhu; bulchitoonni isaanii hundinuu finciltoota.
16 エフライムは撃れその根はかれて果を結ぶまじ若し產ことあらば我その胎なる愛しむ實を殺さん
Efreem rukutameera; hiddi isaanii goggogeera; isaan ija tokko illee hin godhatan. Yoo isaan ijoollee godhatan iyyuu ani sanyii isaanii jaallatamoo isaan jalaa nan qala.”
17 かれら聽從はざるによりて我が神これを棄たまふべしかれらは列國民のうちに流離人とならん
Sababii isaan isaaf hin ajajaminiif, Waaqni koo isaan dida; isaan warra asii fi achi saboota gidduu jooru taʼu.

< ホセア書 9 >