< ホセア書 7 >

1 われイスラエルを醫さんときエフライムの愆とサマリヤのあしきわざと露るかれらは詐詭をおこなひ内には偸盗いるあり外には山賊のむれ掠めさるあり
yeroo ani Israaʼelin fayyisutti cubbuun Efreem saaxilamee yakki Samaariyaas ifatti baafama. Isaan nama gowwoomsu; hattuun cabsitee mana seenti; saamtonni daandii irratti nama saamu;
2 かれら心にわがその一切の惡をしたためたることを思はず今その行爲はかれらを圍みふさぎて皆わが目前にあり
isaan garuu akka ani jalʼina isaanii hunda yaadadhu hin hubatan. Cubbuun isaanii isaan marseera; yeroo hundas fuula koo dura jira.
3 かれらはその惡をもて王を悦ばせその詐詭をもてもろもろの牧伯を悦ばせり
“Isaan hammina isaaniitiin mootii, soba isaaniitiin immoo ilmaan mootii gammachiisu.
4 かれらはみな姦淫をおこなふ者にしてパンを作るものに燒るる爐のごとし揑粉をこねてその發酵ときまでしばらく火をおこすことをせざるのみなり
Isaan hundinuu ejjitoota, akkuma badaa ibiddaa kan tolchituun tokko yeroo bukoo sukkuumanii jalqabee hamma inni bukaaʼutti itti tuttuquu hin barbaannee ti.
5 われらの王の日にもろもろの牧伯は酒の熱によりて疾し王は嘲るものとともに手を伸ぶ
Guyyaa ayyaana mootii keenyaatti ilmaan moototaa daadhii wayiniitiin finiinan; innis qoostota wajjin harka isaa diriirsa.
6 かれら伏伺するほどに心を爐のごとくして備をなすそのパンを燒くものは終夜ねむりにつき朝におよべばまた焔のごとく燃ゆ
Akkuma badaa ibiddaatti garaa isaanii qopheessaniiru; isaan dabaan gara isaatti dhiʼaatu. Aariin isaanii halkan guutuu irraa hin galu; ganama immoo akkuma arraba ibiddaa balaliʼa.
7 かれらはみな爐のごとくに熱してその審士をやくそのもろもろの王はみな仆るかれらの中には我をよぶもの一人だになし
Hundi isaanii akkuma badaa ibiddaa hoʼu; bulchitoota isaaniis ni fixu. Mootonni isaanii hundinuu ni dhumu; tokkoon isaanii iyyuu na hin waammatan.
8 エフライムは異邦人にいりまじるエフライムはかへさざる餹餅となれり
“Efreem sabootaan walitti makama; Efreem maxinoo gara hin galfaminii dha.
9 かれは他邦人らにその力をのまるれども之をしらず白髮その身に雑り生れどもこれをさとらず
Namoonni ormaa humna isaa nyaatan; inni garuu hin hubatu. Arriin isatti baʼe; inni garuu hin beeku.
10 イスラエルの驕傲はその面にむかひて證をなすかれらは此もろもろの事あれどもその神ヱホバに歸ることをせず又もとむることをせざるなり
Of tuulummaan Israaʼel dhugaa isatti baʼa; inni garuu utuu wanni kun hundi akkana taʼee jiruu, gara Waaqayyo Waaqa isaatti hin deebiʼu yookaan isa hin barbaaddatu.
11 エフライムは智慧なくして愚なる鴿のごとし彼等はエジプトにむかひて呼求めまたアツスリヤに往く
“Efreem akkuma gugee gowwaa sammuu hin qabnee ti; isaan Gibxin waammatu; isaan gara Asooritti deebiʼu.
12 我かれらの往ときわが網をその上にはりて天空の鳥のごとくに引堕し前にその公會に告しごとくかれらを懲しめん
Yommuu isaan deeman ani kiyyoo koo isaan irra nan buusa; ani akkuma simbirroo samii gad isaan nan harkisa. Ani yommuun akka isaan walii wajjin yaaʼan dhagaʼutti, isaan nan qaba.
13 禍なるかなかれらは我をはなれて迷ひいでたり敗壞かれらにきたらんかれらは我にむかひて罪ををかしたり我かれらを贖はんとおもへどもかれら我にさからひて謊言をいへり
Waan narraa goraniif isaaniif wayyoo! Waan natti fincilaniif badiisni isaaniif mala! Ani isaan furuu nan barbaada; isaan garuu waaʼee koo soba dubbatu.
14 かれら誠心をもて我をよばず唯牀にありて哀號べりかれらは穀物とあたらしき酒のゆゑをもて相集りかつわれに逆らふ
Isaan garaa isaanii guutuudhaan gara kootti hin iyyatan; garuu siree isaanii irra tataaʼanii booʼu. Isaan midhaanii fi daadhii wayiniitiif walitti qabamu; garuu natti fincilu.
15 我かれらを敎へその腕をつよくせしかども彼らはわれにもとりて惡きことを謀る
Ani leenjiseen irree isaanii jajjabeesse; isaan garuu waan hamaa natti yaadu.
16 かれらは歸るされども至高者にかへらず彼らはたのみがたき弓のごとし彼らのもろもろの牧伯はその舌のあらき言によりて劍にたふれん彼らは之がためにエジプトの國にて嘲笑をうくべし
Isaan gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti hin deebiʼan; isaan akkuma xiyya jalʼatee ti. Hooggantoonni isaanii sababii soba dubbataniif goraadeedhaan dhumu. Sababii kanaaf isaan biyya Gibxitti ni tuffatamu.

< ホセア書 7 >