< ホセア書 3 >

1 ヱホバわれに言給ひけるは汝ふたたび往てヱホバに愛せらるれども轉りてほかのもろもろの神にむかひ葡萄の菓子を愛するイスラエルの子孫のごとく そのつれそふものに愛せらるれども姦淫をおこなふ婦人をあいせよ
Waaqayyo akkana naan jedhe; “Namni biraa ishee jaallatee isheen sagaagaltuu taatu iyyuu, ati dhaqiitii ammas niitii keetti jaalala kee argisiisi. Akkuma Waaqayyoo utuma isaan waaqota biraatti deebiʼanii bixxillee wayinii jaallatanuu Israaʼeloota jaallate sana atis ishee jaalladhu.”
2 われ銀十五枚おほむぎ一ホメル半をもてわが爲にその婦人をえたり
Kanaafuu ani meetii saqilii kudha shaniin, garbuu hoomeerii tokkoo fi walakkaatiin ishee nan bitadhe.
3 我これにいひけるは汝おほくの日わがためにとどまりて淫行をなすことなく他の人にゆくことなかれ 我もまた汝にむかひて然せん
Ani ergasii akkana nan jedheen; “Ati bara hedduu na wajjin jiraachuu qabda; ati sagaagaltuu taʼuu yookaan nama kam iyyuu wajjin tokko taʼuu hin qabdu; ani si wajjin nan jiraadha.”
4 イスラエルの子輩は多くの日王なく君なく犠牲なく表柱なくエボデなくテラビムなくして居らん
Israaʼeloonni mootii yookaan ilma mootii malee, aarsaa yookaan utubaa waaqeffannaa malee dirata yookaan waaqota tolfamoo malee bara baayʼee ni jiraatuutii.
5 その後イスラエルの子輩はかへりてその神ヱホバとその王ダビデをたづねもとめ末日にをののきてヱホバとその恩惠とにむかひてゆかん
Ergasii immoo Israaʼeloonni deebiʼanii Waaqayyo Waaqa isaaniitii fi Daawit mootii isaanii barbaadu. Isaan bara dhumaa keessa hollachaa gara Waaqayyootii fi gara eebba isaa ni dhufu.

< ホセア書 3 >