< 創世記 39 >

1 ヨセフ挈へられてエジプトにくだりしがエジプト人ポテパル、パロの臣侍衞の長なる者彼を其處にたづさへくだれるイシマエル人の手よりこれを買ふ
Yeroo kanatti Yoosef Gibxitti geeffamee ture. Phoxiifaaraan namichi Gibxi qondaalli Faraʼoon kan ajajaa waardiyyaa ture sun Ishmaaʼeeloota achi isa geessan irraa isa bitate.
2 ヱホバ、ヨセフとともに在す彼享通者となりてその主人なるエジプト人の家にをる
Yoosefis waan Waaqayyo isa wajjin tureef nama milkaaʼaa taʼe; innis mana gooftaa isaa namicha biyya Gibxi sanaa jiraate.
3 その主人ヱホバの彼とともにいますを見またヱホバがかれの手の凡てなすところを享通しめたまふを見たり
Gooftaan isaas akka Waaqayyo isa wajjin jiruu fi akka Waaqayyo waan inni hojjetu hunda keessatti isa milkoomse arge;
4 是によりてヨセフ彼の心にかなひて其近侍となる彼ヨセフにその家を宰どらしめその所有を盡くその手に委たり
Yoosefis fuula gooftaa isaa duratti fudhatama argatee hojjetaa isaa amanamaa taʼe. Phoxiifaaraanis mana isaa irratti isa muude; waan qabu hundumas akka inni eeguuf imaanaa itti kenne.
5 彼ヨセフにその家とその有る凡の物をつかさどらせし時よりしてヱホバ、ヨセフのために其エジプト人の家を祝みたまふ即ちヱホバの祝福かれが家と田に有る凡の物におよぶ
Gaafa inni mana isaatii fi waan inni qabu hunda irratti isa muudee jalqabee Waaqayyo sababii Yoosefiif jedhee mana namicha Gibxi sanaa eebbise. Eebbi Waaqayyoos waan Phoxiifaaraan manaa fi alaa qabu hunda irra ture.
6 彼その有る物をことごとくヨセフの手にゆだねその食ふパンの外は何もかへりみざりき夫ヨセフは容貌麗しくして顏美しかりき
Kanaafuu Phoxiifaaraan waan qabu hunda harka Yoosef jala galche; innis waan nyaatu qofa malee qabeenya isaa tokko illee hin beeku ture. Yoosef dhaaba toleessaa fi miidhagaa ture;
7 これらの事の後その主人の妻ヨセフに目をつけて我と寢よといふ
niitiin gooftaa isaas waan kana booddee ija ishee Yoosef irra buufattee, “Kottuu na bira gaʼi!” jetteen.
8 ヨセフ拒みて主人の妻にいひけるは視よわが主人の家の中の物をかへりみずその有るものことごとくわが手に委ぬ
Inni garuu didee akkana isheen jedhe; “Kunoo, gooftaan koo waan mana keessa jiru tokko illee hin beeku; inni waan qabu hunda natti kenneera.
9 この家には我より大なるものなし又主人何をも我に禁ぜず只汝を除くのみ汝はその妻なればなり然ば我いかで此おほいなる惡をなして神に罪ををかすをえんや
Mana kana keessatti namni na caalu tokko iyyuu hin jiru. Sababii ati niitii isaa taateef siʼi malee wanni gooftaan koo natti hin kennin tokko iyyuu hin jiru. Yoos ani akkamittan waan hamaa akkasii raawwachuudhaan Waaqatti cubbuu hojjedha ree?”
10 彼日々にヨセフに言よりたれどもヨセフきかずして之といねず亦與にをらざりき
Isheen guyyuma guyyaan Yoosefitti dubbattu iyyuu, inni ishee bira gaʼuu yookaan ishee biratti argamuu illee ni dide.
11 當時ヨセフその職をなさんとて家にいりしが家の人一箇もその内にをらざりき
Gaaf tokko Yoosef hojii isaa hojjechuuf mana seene; tajaajiltoota warra mana sanaa keessaas namni tokko iyyuu achi hin turre.
12 時に彼婦その衣を執て我といねよといひければヨセフ衣を彼の手に棄おきて外に遁いでたり
Isheenis wayyaa isaa qabattee, “Kottuutii na bira gaʼi!” jetteen. Inni garuu wayyaa isaa isheetti gad lakkisee fiigee manaa baʼe.
13 彼ヨセフがその衣を己の手に棄おきて遁いでしを見て
Isheenis yommuu akka inni wayyaa isaa isheetti gad lakkisee fiigee manaa baʼe argitetti,
14 その家の人々を呼てこれにいふ視よヘブル人を我等の所につれ來て我等にたはむれしむ彼我といねんとて我の所にいり來しかば我大聲によばはれり
hojjettoota mana ishee waamtee akkana jetteen; “Kunoo, inni Ibricha kana akka nutti taphatuuf fide! Inni na bira gaʼuuf natti ol seennaan ani sagalee guddaan iyye.
15 彼わが聲をあげて呼はるを聞しかばその衣をわが許にすておきて外に遁いでたりと
Innis gargaarsa barbaachaaf iyyuu koo dhageenyaan wayyaa isaa na biratti dhiisee fiigee manaa baʼe.”
16 其衣を傍に置て主人の家に歸るを待つ
Isheen hamma gooftaan isaa galutti wayyaa isaa of bira keesse.
17 かくて彼是言のごとく主人につげていふ汝が我らに携へきたりしヘブルの僕われにたはむれんとて我許にいりきたりしが
Akkana jettees oduu kana isatti himte: “Garbichi Ibrichi ati nuu fidde sun natti taphachuuf natti ol seene.
18 我聲をあげてよばはりしかばその衣を我許にすておきて遁いでたり
Garuu akkuma ani gargaarsa barbaachaaf iyyeen inni wayyaa isaa na biratti dhiisee fiigee manaa baʼe.”
19 主人その妻が己につげて汝の僕斯のごとく我になせりといふ言を聞て怒を發せり
Gooftaan isaa yommuu oduu niitiin isaa, “Wanni garbichi kee na godhe kana” jettee itti himte sana dhagaʼetti aaree gubate.
20 是に於てヨセフの主人彼を執へて獄にいる其獄は王の囚徒を繋ぐ所なりヨセフ彼處にて獄にをりしが
Gooftaan isaas Yoosefin fuudhee mana hidhaa iddoo hidhamtoonni mootichaa itti eegaman keessa buuse. Taʼus yeroo Yoosef mana hidhaa keessa turetti,
21 ヱホバ、ヨセフとともに在して之に仁慈を加へ典獄の恩顧をこれにえさせたまひければ
Waaqayyo isa wajjin ture; fuula ajajaa mana hidhaa sanaa durattis gaarummaa isaa itti argisiise; akka fudhatamas argatu godhe.
22 典獄獄にある囚人をことごとくヨセフの手に付せたり其處になす所の事は皆ヨセフこれをなすなり
Ajajaan mana hidhaa sunis namoota mana hidhaa jiran hunda irratti Yoosefin muude; waan achitti hojjetamu hunda irrattis itti gaafatamaa isa godhe.
23 典獄そのまかせたる所の事は何をもかへりみざりき其はヱホバ、ヨセフとともにいませばなりヱホバかれのなすところをさかえしめたまふ
Sababii Waaqayyo isa wajjin turee fi waan inni hojjetu kam iyyuu isaa milkeesseef ajajaan mana hidhaa sun waan itti gaafatama Yoosef jala jiru hundaaf yaaddoo tokko illee hin qabu ture.

< 創世記 39 >