< 創世記 37 >

1 ヤコブはカナンの地に住り即ちその父が寄寓し地なり
Yaaqoob biyya abbaan isaa ture, Kanaʼaan keessa jiraate.
2 ヤコブの傳は左のごとしヨセフ十七歳にしてその兄弟と偕に羊を牧ふヨセフは童子にしてその父の妻ビルハの子およびジルパの子と侶たりしが彼等の惡き事を父につぐ
Seenaan maatii Yaaqoob kana. Yoosef yeroo dargaggeessa waggaa kudha torba turetti obboloota isaa, ilmaan niitota abbaa isaa jechuunis ilmaan Bilihaatii fi Zilfaa wajjin bushaayee tiksa ture; innis waaʼee obboloota isaa oduu hamaa abbaa isaatiif fide.
3 ヨセフは老年子なるが故にイスラエルその諸の兄弟よりも深くこれを愛しこれがために綵る衣を製れり
Israaʼel waan bara dullumaa keessa isa dhalcheef ilmaan isaa hunda caalaa Yoosefin jaallata ture; innis qoloo faayeffame hojjeteef.
4 その兄弟等父がその諸の兄弟よりも深く彼を愛するを見て彼を惡み穩和に彼にものいふことを得せざりき
Obboloonni isaas yommuu akka abbaan isaanii isaan hunda caalaa isa jaallate hubatanitti Yoosefin jibban; afaan nagaas itti dubbachuu hin dandeenye.
5 茲にヨセフ夢をみてその兄弟に告ければ彼等愈これを惡めり
Yoosef abjuu abjootee obboloota isaatti hime; isaanis ittuma caalchisanii isa jibban.
6 ヨセフ彼等にいひけるは請ふわが夢たる此夢を聽け
Innis akkana isaaniin jedhe; “Mee abjuu ani arge kana dhagaʼaa:
7 我等田の中に禾束をむすび居たるにわが禾束おき且立り而して汝等の禾束環りたちてわが禾束を拜せり
Nu lafa qotiisaa keessatti bissii midhaanii hidhaa ture; kunoo, bissiin koo ol jedhee dhaabate; bissiiwwan keessan immoo bissii kootti naannaʼanii gad jedhanii sagadaniif.”
8 その兄弟等之にいひけるは汝眞にわれらの君となるや眞に我等ををさむるにいたるやとその夢とその言のために益これを惡めり
Obboloonni isaas, “Ati nu irratti mootii taʼuu barbaaddaa? Dhugumaan situ nu bulchaa?” jedhaniin. Isaanis sababii abjuu isaatii fi sababii waan inni dubbateetiif ittuma caalchisanii isa jibban.
9 ヨセフ又一の夢をみて之をその兄弟に述ていひけるは我また夢をみたるに日と月と十一の星われを拜せりと
Ergasiis abjuu biraa abjootee obboloota isaatti hime. Akkanas jedheen; “Kunoo, ani abjuu biraa abjoodheera; aduu fi jiʼi, urjiiwwan kudha tokkos gad jedhanii naa sagadu.”
10 則ちこれをその父と兄弟に述ければ父かれを戒めて彼にいふ汝が夢しこの夢は何ぞや我と汝の母となんぢの兄弟と實にゆきて地に鞠て汝を拜するにいたらんやと
Yommuu inni waan kana abbaa isaatii fi obboloota isaatti himetti abbaan isaa, “Abjuun ati abjootte kun maali? Ani, haati keetii fi obboloonni kee dhugumaan dhufnee fuula kee duratti gad jennee siif sagadnaa?” jedhee isatti dheekkame.
11 斯しかばその兄弟かれを嫉めり然どその父はこの言をおぼえたり
Obboloonni isaa isatti hinaafan; abbaan isaa garuu waan kana garaatti qabate.
12 茲にその兄弟等シケムにゆきて父の羊を牧ゐたりしかば
Gaaf tokko obboloonni isaa bushaayee abbaa isaanii Sheekem bira dheechisuu dhaqan;
13 イスラエル、ヨセフにいひけるは汝の兄弟はシケムにて羊を牧をるにあらずや來れ汝を彼等につかはさんヨセフ父にいふ我ここにあり
Israaʼelis Yoosefiin, “Akkuma ati beektu obboloonni kee Sheekem bira bushaayee dheechisaa jiru. Mee kottu ani gara isaaniitti si ergaa” jedhe. Yoosefis, “Kunoo asan jira” jedheen.
14 父かれにいひけるは請ふ往て汝の兄弟と群の恙なきや否を見てかへりて我につげよと彼をヘブロンの谷より遣はしければ遂にシケムに至る。
Israaʼel immoo, “Mee dhaqiitii akka obboloonni kee, bushaayeenis nagaa taʼanii fi akka hin taʼin ilaaliitii deebiʼii natti himi” jedheen. Innis akkasiin Sulula Kebrooniitii Sheekemitti isa erge. Yoosefis Sheekem gaʼe;
15 或人かれに遇ふに彼野にさまよひをりしかば其人かれに問て汝何をたづぬるやといひければ
namichi tokko isa arge; kunoo inni dirree irra jooraa ture; namichi sunis, “Ati maal barbaadda?” jedhee isa gaafate.
16 彼いふ我はわが兄弟等をたづぬ請ふかれらが羊をかひをる所をわれに告よ
Yoosefis deebisee, “Ani obboloota koon barbaada. Ati iddoo isaan bushaayee isaanii dheechisan mee natti himi” jedheen.
17 その人いひけるは彼等は此をされり我かれらがドタンにゆかんといふを聞たりと是に於てヨセフその兄弟の後をおひゆきドタンにて之に遇ふ
Namichis deebisee, “Isaan asii deemaniiru; ani ‘Gara Dootaan haa dhaqnu’ jechuu isaanii dhagaʼeera” jedhe. Yoosefis obboloota isaa duukaa buʼee Dotaayin biratti isaan argate.
18 ヨセフの彼等に近かざる前に彼ら之を遙に見てこれを殺さんと謀り
Isaan garuu fagootti isa arganii isa ajjeesuuf utuu inni isaan bira hin gaʼin mariʼatan.
19 互にいひけるは視よ作夢者きたる
Isaanis akkana waliin jedhan; “Kunoo abbaan abjuu sun dhufaa jira!
20 去來彼をころして阱に投いれ或惡き獸これを食たりと言ん而して彼の夢の如何になるかを觀るべし
Kottaa ajjeefnee boollawwan as jiran keessaa tokkotti isa gannee bineensa hamaatu isa nyaate jenna. Ergasii immoo abjuun isaa maal akka taʼu ilaalla.”
21 ルベン聞てヨセフを彼等の手より拯ひださんとして言けるは我等これを殺すべからず
Ruubeen waan kana dhageenyaan isaan harkaa isa baase. Innis akkana jedhe; “Lakkii isa hin ajjeefnu;
22 ルベンまた彼らにいひけるは血をながすなかれ之を曠野の此阱に投いれて手をこれにつくるなかれと是は之を彼等の手よりすくひだして父に歸んとてなりき
dhiiga hin dhangalaasinaa. Gammoojjii keessatti boolla kana keessa isa buusaa malee harka keessaniin isa hin tuqinaa.” Ruubeen isaan harkaa isa baasee gara abbaa isaatti isa deebisuuf akkana jedhe.
23 茲にヨセフ兄弟の許に到りければ彼等ヨセフの衣即ちその着たる綵る衣を褫ぎ
Yeroo Yoosef obboloota isaa bira gaʼetti isaan qoloo inni uffate, qoloo miidhagaa sana isa irraa baasanii,
24 彼を執て阱に投いれたり阱は空にしてその中に水あらざりき
isa fuudhanii boollatti gad darbatan. Boolli sunis duwwaa ture; bishaanis hin qabu ture.
25 斯して彼等坐てパンを食ひ目をあげて見しに一群のイシマエル人駱駝に香物と乳香と沒藥をおはせてエジプトにくだりゆかんとてギレアデより來る
Obboloonni isaa buddeena nyaachuuf tataaʼan; ol jedhaniis kunoo, daldaltoota warra Ishmaaʼeel kanneen Giliʼaadii dhufaa jiran argan. Isaanis urgooftuu, haphee dibataatii fi qumbii gaalawwan isaaniitti feʼatanii Gibxitti geessaa turan.
26 ユダその兄弟にいひけるは我儕弟をころしてその血を匿すも何の益かあらん
Yihuudaanis obboloota isaatiin akkana jedhe; “Obboleessa keenya ajjeefnee dhiiga isaa dhoksuun buʼaa maalii nuu qaba?
27 去來彼をイシマエル人に賣ん彼は我等の兄弟われらの肉なればわれらの手をかれにつくべからずと兄弟等これを善とす
Kottaa Ishmaaʼeelootatti isa gurgurra malee harka keenyaan isa hin tuqnuu; inni obboleessa keenyaa fi foon keenya.” Obboloonni isaas yaada kana fudhatan.
28 時にミデアンの商旅經過ければヨセフを阱よりひきあげ銀二十枚にてヨセフをイシマエル人に賣り彼等すなはちヨセフをエジプトにたづさへゆきぬ
Yommuu daldaltoonni Midiyaan achiin darbuuf dhufanittis obboloonni Yoosef boolla keessaa harkisanii ol isa baasanii meetii saqilii digdamaatti Ishmaaʼeelootatti isa gurguratan; jarris Gibxitti isa geessan.
29 茲にルベンかへりて阱にいたり見しにヨセフ阱にをらざりしかばその衣を裂き
Ruubeen gara boolla sanaatti deebiʼe; Yoosef boolla sana keessa hin turre; innis uffata ofii isaa tarsaase.
30 兄弟の許にかへりて言ふ童子はをらず嗚呼我何處にゆくべきや
Innis gara obboloota isaa dhaqee, “Gurbichi achi hin jiru! Egaa ani eessan dhaqa?” jedheen.
31 斯て彼等ヨセフの衣をとり牡山羊の羔をころしてその衣を血に濡し
Isaanis qoloo Yoosef fuudhanii reʼee tokko qalanii qoloo sana dhiiga keessa cuuphan.
32 その綵る衣を父におくり遣していひけるは我等これを得たりなんぢの子の衣なるや否を知れと
Qoloo miidhagaa sanas abbaa isaaniitti geessanii, “Nu qoloo kana arganneerra; mee qoloo ilma keetii taʼuu fi taʼuu baachuu isaa ilaali” jedhan.
33 父これを知りていふわが子の衣なり惡き獸彼をくらへりヨセフはかならずさかれしならんと
Innis qoloo sana beekee, “Kun qoloo ilma kootii ti! Bineensa hamaatu isa nyaate. Dhugumaan Yoosef ciccirameera” jedhe.
34 ヤコブその衣を裂き麻布を腰にまとひ久くその子のためになげけり
Kana irratti Yaaqoob uffata ofii isaa tarsaase; wayyaa gaddaa mudhiitti hidhatee guyyaa baayʼee ilma isaatiif gadde.
35 その子女みな起てかれを慰むれどもその慰謝をうけずして我は哀きつつ陰府にくだりて我子のもとにゆかんといふ斯その父かれのために哭ぬ (Sheol h7585)
Ilmaan isaatii fi intallan isaa hundinuu isa jajjabeessuuf kaʼan; inni garuu jajjabaachuu didee, “Lakkii ani gaddaa gara ilma koo siiʼoolitti gad buʼa” jedhe. Akkasiin abbaan isaa ni booʼeef. (Sheol h7585)
36 偖ミデアン人はエジプトにてパロの侍衞の長ポテパルにヨセフを賣り
Gidduu sana warri Midiyaan sun Gibxi keessatti Phoxiifaaraa namicha qondaaltota Faraʼoon keessaa tokko ture kan ajajaa waardiyyaa taʼe tokkotti Yoosefin gurguratan.

< 創世記 37 >