< 創世記 12 >

1 爰にヱホバ、アブラムに言たまひけるは汝の國を出で汝の親族に別れ汝の父の家を離れて我が汝に示さん其地に至れ
Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe; “Biyya kee, saba keetii fi mana abbaa keetii dhiisiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi.
2 我汝を大なる國民と成し汝を祝み汝の名を大ならしめん汝は祉福の基となるべし
“Ani saba guddaa sin taasisa; sin eebbisas; maqaa kee illee guddaa nan taasisa; atis eebba taataa.
3 我は汝を祝する者を祝し汝を詛ふ者を詛はん天下の諸の宗族汝によりて福禔を獲と
Ani warra si eebbisan nan eebbisa; warra si abaaran nan abaara; sabni lafa irraa hundinuu karaa keetiin eebbifama.”
4 アブラム乃ちヱホバの自己に言たまひし言に從て出たりロト彼と共に行りアブラムはハランを出たる時七十五歳なりき
Kanaafuu Abraam akkuma Waaqayyo isatti himetti kaʼee deeme; Looxis isa wajjin deeme. Abraam yeroo Kaaraanii baʼetti nama waggaa torbaatamii shan ture.
5 アブラム其妻サライと其弟の子ロトおよび其集めたる總の所有とハランにて獲たる人衆を携へてカナンの地に往んとて出で遂にカナンの地に至れり
Innis niitii isaa Saaraa, ilma obboleessa isaa Loox, qabeenya walitti kuufatan hundumaa fi namoota Kaaraanitti argatan hundumaa qabatee Kanaʼaan dhaquuf kaʼe; isaanis achi gaʼan.
6 アブラム其地を經過てシケムの處に及びモレの橡樹に至れり其時にカナン人其地に住り
Abraamis hamma qilxuu Mooree kan Sheekem keessatti argamuutti biyyattii keessa deeme. Yeroo sana warri Kanaʼaan biyya sana keessa turan.
7 茲にヱホバ、アブラムに顯現れて我汝の苗裔に此地に與へんといひたまへり彼處にて彼己に顯現れたまひしヱホバに壇を築けり
Waaqayyo Abraamitti mulʼatee, “Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna” jedheen. Kanaafuu inni achitti Waaqayyo isatti mulʼate sanaaf iddoo aarsaa ijaare.
8 彼其處よりベテルの東の山に移りて其天幕を張り西にベテル東にアイありき彼處にて彼ヱホバに壇を築きヱホバの名を龥り
Achii kaʼee gara gaarran Beetʼeel irraa gara baʼa biiftuutti argamanii deemee Beetʼeelin gara lixa biiftuutti, Aayin immoo gara baʼa biiftuutti hambisee dunkaana isaa dhaabbate. Achitti Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaaree maqaa Waaqayyoo waammate.
9 アブラム尚進て南に遷れり
Abraam ergasii kaʼee gara Negeebitti karaa isaa itti fufe.
10 茲に饑饉其地にありければアブラム、エジプトに寄寓らんとて彼處に下れり其は饑饉其地に甚しかりければなり
Bara sana beelli biyya sanatti buʼee ture; beelli sun waan hammaateef Abraam achi jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe.
11 彼近く來りてエジプトに入んとする時其妻サライに言けるは視よ我汝を觀て美麗き婦人なるを知る
Innis yeroo Gibxi seenuu gaʼetti niitii isaa Saaraan akkana jedhe; “Ani akka ati dubartii bareedduu taate nan beeka.
12 是故にエジプト人汝を見る時是は彼の妻なりと言て我を殺さん然ど汝をば生存かん
Warri Gibxi yommuu si argan, ‘Kun niitii isaa ti’ jedhanii na ajjeesu; siʼi immoo ni hambisu.
13 請ふ汝わが妹なりと言へ然ば我汝の故によりて安にしてわが命汝のために生存ん
Akka isaan siif jedhanii haala tolaan na ilaalanii fi akka lubbuun koos sababii keetiin duʼa ooltuuf maaloo, ‘Ani obboleettii isaa ti’ jedhi.”
14 アブラム、エジプトに至りし時エジプト人此婦を見て甚だ美麗となせり
Yeroo Abraam Gibxi seenettis warri Gibxi akka Sooraan dubartii baayʼee bareedduu taate argan.
15 またパロの大臣等彼を視て彼をパロの前に譽めければ婦遂にパロの家に召入れられたり
Qondaaltonni Faraʼooniis yommuu ishee arganitti ishee jajanii Faraʼoonitti himan; isheenis masaraa mootummaa Faraʼooniitti geeffamte.
16 是に於てパロ彼のために厚くアブラムを待ひてアブラム遂に羊牛僕婢牝牡の驢馬および駱駝を多く獲るに至れり
Faraʼoon sababii isheetiif jedhee Abraamin haala tolaadhaan ilaale; Abraamis hoolotaa fi loon, harroota korommii fi dhaltuu, tajaajiltoota dhiiraa dubartii, gaalas argate.
17 時にヱホバ、アブラムの妻サライの故によりて大なる災を以てパロと其家を惱したまへり
Waaqayyo garuu sababii niitii Abraam, sababii Saaraatiif jedhee Faraʼoonii fi warra mana isaa jiraatan dhukkuba hamaan dhaʼe.
18 パロ、アブラムを召て言けるは汝が我になしたる此事は何ぞや汝何故に彼が汝の妻なるを我に告ざりしや
Kanaafuu Faraʼoon Abraamin ofitti waamee akkana jedheen; “Ati maal natti hojjette? Akka isheen niitii kee taate maaliif natti hin himin?
19 汝何故に彼はわが妹なりといひしや我幾彼をわが妻にめとらんとせり然ば汝の妻は此にあり挈去るべしと
Ati maaliif, ‘Isheen obboleettii koo ti’ jettee, akka ani niitummaaf ishee fudhadhu na goote? Ammas niitiin kee kunoo ti; ishee fudhadhuu deemi!”
20 パロ即ち彼の事を人々に命じければ彼と其妻および其有る諸の物を送りさらしめたり
Faraʼoonis waaʼee Abraam irratti namoota isaa ajaje; isaanis Abraamii fi niitii isaa, waan inni qabu hunda wajjin geggeessan.

< 創世記 12 >