< 創世記 10 >

1 ノアの子セム、ハム、ヤペテの傳は是なり洪水の後彼等に子等生れたり
Seenaan ilmaan Nohi jechuunis kan Seem, kan Haamii fi kan Yaafet kana; isaanis bishaan badiisaa booddee ilmaan dhalchan.
2 ヤペテの子はゴメル、マゴグ、マデア、ヤワン、トバル、メセク、テラスなり
Ilmaan Yaafet: Goomer, Maagoog, Meedee, Yaawaan, Tuubaal, Meshekii fi Tiiraas turan.
3 ゴメルの子はアシケナズ、リパテ、トガルマなり
Ilmaan Goomer: Ashkenas, Riifaatii fi Toogarmaa turan.
4 ヤワンの子はエリシヤ、タルシシ、キツテムおよびドダニムなり
Ilmaan Yaawaan: Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Roodaanota turan.
5 是等より諸國の洲島の民は派分れ出て各其方言と其宗族と其邦國とに循ひて其地に住り
Uummanni qarqara galaanaas tokkoon tokkoon isaanii akkuma afaan isaaniittii fi akkuma saba isaaniitti gara biyyoota isaaniitti bibittinnaaʼan.
6 ハムの子はクシ、ミツライム、フテおよびカナンなり
Ilmaan Haam: Kuushi, Misrayim, Fuuxii fi Kanaʼaan turan.
7 クシの子はセバ、ハビラ、サブタ、ラアマ、サブテカなりラアマの子はシバおよびデダンなり
Ilmaan Kuushi: Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Raʼimaa fi Sabtekaa turan. Ilmaan Raʼimaa: Shebaa fi Dedaan turan.
8 クシ、ニムロデを生り彼始めて世の權力ある者となれり
Kuushi abbaa Naamruud; Naamruudis lafa irratti loltuu jabaa taʼe.
9 彼はヱホバの前にありて權力ある獵夫なりき是故にヱホバの前にある夫權力ある獵夫ニムロデの如しといふ諺あり
Innis fuula Waaqayyoo duratti adamsaa jabaa ture; kanaafuu, “Fuula Waaqayyoo duratti adamsaa jabaa akka Naamruudi” jedhame.
10 彼の國の起初はシナルの地のバベル、エレク、アツカデ、及びカルネなりき
Jalqabni mootummaa isaa Shineʼaar keessatti Baabilon, Ereki, Akaadii fi Kaalnee ture.
11 其地より彼アッスリヤに出でニネベ、レホポテイリ、カラ
Innis biyya sanaa baʼee Asoor dhaqe; achittis Nanawwee, Rehoobootii fi Kaalahi ijaare;
12 およびニネベとカラの間なるレセンを建たり是は大なる城邑なり
akkasumas Resen ishee Nanawwee fi Kaalah gidduutti argamtu ni ijaare; Resen kunis magaalaa guddoo dha.
13 ミツライム、ルデ族アナミ族レハビ族ナフト族
Misrayim immoo abbaa Luudiimootaa, Anaamiimotaa, Lehaabiimotaa, Naftahiimootaa,
14 バテロス族カスル族およびカフトリ族を生りカスル族よりペリシテ族出たり
Fatrusiimotaa, Kaseluhiimotaa, jechuunis warra Filisxeemonni irraa dhalatanii fi Kaftooriimotaa ti.
15 カナン其冢子シドンおよびヘテ
Kanaʼaan abbaa Siidoon ilma isaa hangaftichaa, akkasumas kan Heetotaa,
16 エブス族アモリ族ギルガシ族
Yebuusotaa, Amoorotaa, Girgaashotaa,
17 ヒビ族アルキ族セニ族
Hiiwotaa, Arkaawotaa, Siinotaa,
18 アルワデ族ゼマリ族ハマテ族を生り後に至りてカナン人の宗族蔓延りぬ
Arwaadewotaa, Zemaarotaatii fi Hamaatotaa ture. Ergasii gosoonni Kanaʼaan ni bibittinnaaʼan;
19 カナン人の境はシドンよりゲラルを經てガザに至りソドム、ゴモラ、アデマ、ゼボイムに沿てレシヤにまで及べり
daariin Kanaʼaanis Siidoonii kaʼee karaa Geraaraatiin hamma Gaazaatti balʼate; karaa Sodoom, Gomoraa, Adimaatii fi Zebooʼiimiitiinis hamma Leshaatti balʼate.
20 是等はハムの子孫にして其宗族と其方言と其土地と其邦國に隨ひて居りぬ
Ilmaan Haam akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.
21 セムはヱベルの全の子孫の先祖にしてヤペテの兄なり彼にも子女生れたり
Seemiifis ilmaan ni dhalatan; obboleessi Seem hangafti Yaafet ture; Seemis abbaa ilmaan Eeber hundaa ture.
22 セムの子はエラム、アシユル、アルパクサデルデ、アラムなり
Ilmaan Seem Eelaam, Ashuur, Arfaakshad, Luudii fi Arraam turan.
23 アラムの子はウヅ、ホル、ゲテル、マシなり
Ilmaan Arraam Uuzi, Huuli, Geterii fi Meshek turan.
24 アルパクサデ、シラを生みシラ、エベルを生り
Arfaakshad Sheelaa dhalche; Sheelaan immoo Eeberin dhalche.
25 エベルに二人の子生れたり一人の名をペレグ(分れ)といふ其は彼の代に邦國分れたればなり其弟の名をヨクタンと曰ふ
Eeberiifis ilmaan lamatu dhalate; sababii bara isaa keessa lafti gargar qoodamteef maqaan isa tokkoo Felegi jedhamee moggaafame; maqaan obboleessa isaa immoo Yooqxaan jedhamee moggaafame.
26 ヨクタン、アルモダデ、シヤレフ、ハザルマウテ、ヱラ
Yooqxaan immoo Almoodaad, Sheleef, Hazarmaawet, Yaaraa,
27 ハドラム、ウザル、デクラ
Hadooraam, Uuzaal, Diqlaa,
28 オバル、アビマエル、シバ
Oobaal, Abiimaaʼeel, Shebaa,
29 オフル、ハビラおよびヨバブを生り是等は皆ヨクタンの子なり
Oofiir, Hawiilaa fi Yoobaabin dhalche. Warri kunneen hundinuu ilmaan Yooqxaanii ti.
30 彼等の居住所はメシヤよりして東方の山セバルにまで至れり
Lafti jireenya isaanii Meeshaa kaʼee karaa Sefaariitiin hamma gaarran baʼa biiftuutti balʼata.
31 是等はセムの子孫にして其宗族と其方言と其土地と其邦國とに隨ひて居りぬ
Ilmaan Seemi akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.
32 是等はノアの子の宗族にして其血統と其邦國に隨ひて居りぬ洪水の後是等より地の邦國の民は派分れ出たり
Warri kun gosoota ilmaan Nohi kanneen akkuma dhaloota isaaniitti saba isaanii keessa jiranii dha; bishaan badiisaatiin booddee saboonni warruma kana irraa lafa irra faffacaʼan.

< 創世記 10 >