< エゼキエル書 48 >

1 支派の名は是のごとしダンの一分は北の極よりヘテロンの路の傍にいたりハマテにいたり北におもむきてダマスコの界なるハザルエノンにいたりハマテの傍におよぶ是その東の方と西の方なり
“Gosoonni maqaan isaanii galmeeffame kanneenii dha: “Karaa daarii kaabaatiin gosti Daan qooda tokko qabaata; kunis daandii Hetiloon qabatee hamma qaxxaamura Hamaatitti deema; Hazar Eenaanii fi daariin Damaasqoo kan gara kaabaa inni Hamaatitti aanee jiru daarii isaa kan karaa baʼaatii jalqabee hamma karaa lixa biiftuutti jiruu taʼa.
2 アセルの一分はダンの界にそひて東の方より西の方にわたる
Gosti Aasheer qooda tokko qabaata; kunis biyya Daan kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
3 ナフタリの一分はアセルの界にそひて東の方より西の方にわたる
Gosti Niftaalem qooda tokko qabaata; kunis biyya Aasheer kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
4 マナセの一分はナフタリの界にそひて東の方より西の方にわたる
Gosti Minaasee qooda tokko qabaata; kunis biyya Niftaalem kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
5 エフライムの一分はマナセの界にそひて東の方より西の方にわたる
Gosti Efreem qooda tokko qabaata; kunis biyya Minaasee kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
6 ルペンの一分はエフライムの界にそひて東の方より西の方にわたる
Gosti Ruubeen qooda tokko qabaata; kunis biyya Efreem kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
7 ユダの一分はルベンの界にそひて東の方より西の方にわたる
Gosti Yihuudaa qooda tokko qabaata; kunis biyya Ruubeen kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
8 ユダの界にそひて東の方より西の方にわたる處をもて汝らが献ぐるところの献納地となすべし其廣二萬五千其東の方より西の方にわたる長は他の一の分のごとし聖所はその中にあるべし
“Biyyi baʼa biiftuutii gara lixa biiftuutti Yihuudaa daangessu qooda isin kennaa addaa gootanii dhiʼeessuu qabdanii dha. Balʼinni isaas dhundhuma 25,000, dheerinni isaa immoo baʼa biiftuutii gara lixa biiftuutti qooda gosaa keessaa isa tokko wajjin wal qixxee taʼa; iddoon qulqulluun sunis biyya sana gidduutti argama.
9 即ち汝らがヱホバに献ぐるところの献納地は長二萬五千廣一萬なるべし
“Qoodni addaa kan isin Waaqayyoof dhiʼeessuu qabdan dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼa.
10 この聖き献納地は祭司に屬し北は二萬五千西は廣一萬東は廣一萬南は長二萬五千ヱホバの聖所その中にあるべし
Kunis lubootaaf qooda qulqulluu taʼa. Innis karaa kaabaatiin dhundhuma 25,000 dheerata; karaa lixa biiftuutiin dhundhuma 10,000 balʼata; karaa baʼa biiftuun dhundhuma 10,000 balʼata; karaa kibbaatiin immoo dhundhuma 25,000 dheerata. Manni qulqullummaa Waaqayyoos gidduu isaatti argama.
11 ザドクの子孫たる者すなはち我が職守をまもりイスラエルの子孫が迷謬し時にレビ人の迷ひしごとく迷はざりし者の中聖別られて祭司となれる者に是は屬すべし
Kunis luboota qulqullaaʼoo jechuunis ilmaan Zaadoq kanneen amanamummaadhaan na tajaajilaa turan kanneen yeroo Israaʼeloonni karaa irraa badanitti akka Lewwonni karaa irraa badan sana karaa irraa hin badin sanaaf taʼa.
12 その献げたる地の中より一分の至聖き献納地かれらに屬してレビの境界に沿ふ
Innis qooda biyyattii isa qulqulluu irraa jechuunis qooda qulqulluu kan qooda hunda caalaa qulqulluu taʼe irraa kan biyya Lewwotaa daangessu sun isaaniif kennaa addaa taʼa.
13 レビ人の地は祭司の地にならびて其長二萬五千廣一萬なり即ちその都の長二萬五千その廣一萬なり
“Biyya lubootaa biraan Lewwonni lafa dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 qabaatu. Walumaa galatti dheerinni isaa dhundhuma 25,000 balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼa.
14 彼らこれを賣べからず換べからず又その地の初實は人にわたすべからず是ヱホバに屬する聖物なればなり
Isaanis lafa sana irraa waan tokko illee gurguruu yookaan geeddaruu hin qaban. Lafti kun biyyattii keessaa filatamaa dha; sababii Waaqayyoof qulqulluu taʼeefis harka nama biraatti darbuu hin qabu.
15 彼二萬五千の處に沿て殘れる廣五千の處は俗地にして邑を建て住家を設くべし又郊地となすべし邑その中にあるべし
“Lafti hafe kan balʼinni isaa dhundhuma 5,000, dheerinni isaa immoo dhundhuma 25,000 taʼe faayidaa magaalattiitiif oola; kunis ijaarsa manneeniitii fi lafa dheedaatiif taʼa. Magaalattiin immoo isa gidduu jiraatti;
16 その廣狹は左のごとし北の方四千五百南の方四千五百東の方四千五百西の方四千五百
magaalattiinis karaa kaabaatiin dhundhuma 4,500, karaa kibbaatiin dhundhuma 4,500, karaa baʼaatiin dhundhuma 4,500 karaa lixaatiinis dhundhuma 4,500 balʼatti.
17 邑の郊地は北二百五十南二百五十東二百五十西二百五十
Magaalattiin kaabaan dhundhuma 250, kibbaan dhundhuma 250, baʼaan dhundhuma 250, dhiʼaanis dhundhuma 250 lafa dheedaa ni qabaatti.
18 聖き献納地にならびて餘れる處の長は東へ一萬西へ一萬なり是は聖き献納地に並びその產物は邑の役人の食物となるべし
Wanni lafa sana irraa hafe kan kutaa qulqulluu daangessuu fi dheerina lafa sanaa qabatee jiru karaa baʼaatiin dhundhuma 10,000, karaa dhiʼaatiin illee dhundhuma 10,000 ni taʼa. Oomishni lafa sanaas hojjettoota magaalattiitiif nyaata ni taʼa.
19 邑の役人はイスラエルの諸の支派より出てその職をなすべし
Hojjettoonni magaalattii kanneen lafa qotatan gosoota Israaʼel hunda keessaa dhufu.
20 その献納地の惣體は堅二萬五千横二萬五千なりこの聖き献納地の四分の一にあたる處を取て邑の所有となすべし
Kutaan lafa sanaa hundi roga wal qixxee afur qabaata; tokkoon tokkoon roga sanaas dhundhuma 25,000 taʼa. Qabeenya magaalaa wajjinis akka kennaa addaa taʼuuf kutaa qulqulluu hambisaa.
21 聖き献納地と邑の所有との此旁彼旁に餘れる處は君に屬すべし是はすなはち献納地の二萬五千なる所に沿て東の界にいたり西はかの二萬五千なる所にそひて西の界に至りて支派の分と相並ぶ是君に屬すべし聖き献納地と室の聖所とはその中間にあるべし
“Wanni karaa kutaa qulqulluu lamaanii fi qabeenya magaalattii irraa hafe bulchaa sanaaf taʼa. Innis karaa baʼaa kutaa qulqulluu kan dhundhuma 25,000 dheeratu sana irraa jalqabee gara daangaa baʼaatti, karaa dhiʼaa immoo lafa dhundhuma 25,000 dheeratu sana irraa jalqabee gara daangaa dhiʼaatti balʼata. Lafti dheerina qoodawwan gosaa qabatee jiru sun lamaan bulchaa sanaaf taʼa; kutaan qulqulluun iddoo qulqulluu kan mana qulqullummaa wajjin jiru sun isaan gidduutti argama.
22 君に屬する所の中間にあるレビ人の所有と邑の所有の兩傍ユダの境とベニヤミンの境の間にある所は君の所有たり
Kanaafuu qabeenyi Lewwotaatii fi qabeenyi magaalattii lafa bulchaa sanaaf kenname sana walakkaatti argama. Lafti bulchaa sanaaf kenname sunis daangaa Yihuudaatii fi daangaa Beniyaam gidduutti argama.
23 その餘の支派はベニヤミンの一分東の方より西の方にわたる
“Qoodni gosoota hafanii kan armaan gad jiruu dha: “Gosti Beniyaam qooda tokko qabaata; kunis gara baʼaatii hamma gara dhiʼaatti balʼata.
24 シメオンの一分はベニヤミンの境にそひて東の方より西の方にわたる
Gosti Simiʼoon qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Beniyaam daangessa.
25 イッサカルの一分はシメオンの境にそひて東の方より西の方にわたる
Gosti Yisaakorii qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Simiʼoon daangessa.
26 ゼブルンの一分はイッサカルの境にそひて東の方より西の方にわたる
Gosti Zebuuloon qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Yisaakor daangessa.
27 ガドの一分はゼブルンの境にそひて東の方より西の方にわたる
Gosti Gaad qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Zebuuloon daangessa.
28 南の方はその界ガドの境界にそひてタマルよりメリボテカデシにおよび河に沿て大海にいたる
Daangaan Gaad kan karaa kibbaa sun Taamaarii jalqabee hamma bishaan Mariibaa Qaadeshiitti, ergasiis ededa Laga Gibxi irra hamma Galaana Guddichaatti gara Kaabaa deema.
29 是は汝らが籤をもてイスラエルの支派の中にわかちて產業となすべき地なりその分は斯のごとし主ヱホバこれを言たまふ
“Kunis biyya isin dhaala gootanii ixaadhaan gosoota Israaʼeliif qoqqooduu qabdanii dha; isaan kunneenis qoodawwan isaanii taʼan” jedha Waaqayyo Gooftaan.
30 邑の出口は斯のごとしすなはち北の方の廣四千五百あり
“Karrawwan magaalaa sana keessaa ittiin baʼan kanneenii dha: “Karaa kaabaatii jalqabee kan dhundhuma 4,500 dheeratu,
31 邑の門はイスラエルの支流の名にしたがひ北に三あり即ちルベンの門一ユダの門一レビの門一
karrawwan magaalaa sanaa maqaa gosoota Israaʼeliin moggaafamu. Karrawwan sadan karaa kaabaatiin jiran karra gosa Ruubeen, karra gosa Yihuudaa fi karra gosa Lewwii taʼu.
32 東の方も四千五百にして三の門あり即ちヨセフの門一ベニヤミンの門一ダンの門一
Karaa baʼaa karrawwan dhundhuma 4,500 dheeratan sadiitu jira; isaanis karra Yoosef, karra Beniyaamii fi karra Daan.
33 南の方も四千五百にして三の門ありすなはちシメオンの門一イツサカルの門一ゼブルンの門一
Karaa kibbaa karrawwan dhundhuma 4,500 dheeratan sadiitu jira; isaanis karra Simiʼoon, karra Yisaakorii fi karra Zebuuloon.
34 西の方も四千五百にしてその門三あり即ちガドの門一アセルの門一ナフタリの門一
Karaa dhiʼaa karrawwan dhundhuma 4,500 dheeratan sadiitu jira; isaanis karra Gaad, karra Aasheerii fi karra Niftaalem.
35 四周は一萬八千あり邑の名は此日よりヱホバ此に在すと云ふ
“Naannoon magaalaa sanaa guutumaan guutuutti dhundhuma 18,000 taʼa. “Maqaan magaalaa sanaas yeroo sanaa jalqabee, ‘Waaqayyo achi jira taʼa.’”

< エゼキエル書 48 >